Ayyaana masqalaa fi hawwatoota tuuriizimii

Qaammeen (Inquxaaxaashinooyyeen) dabrtee Masqalli dhufeera. Qaammeen ayyaanaafi tapha dubaraati. Kan sidaamaa (Amaaraa) tiifi kan Oromoo jedhamtee adda baati gara Showaa Lixaa Ada’aa Bargaafi Meettaa Roobitti. Ishiin Fulbaana tokkoo kan Sidaamaati jedhu. Kan Oromoo ji’a tokkon dursa.

Wa’ee Qaammee aadaan barreessaa jira; Kan amantiin wal hin qabanne. Qaammee ayyaana dubaraati; dubara duudaa. Qaammeen darbaa qabdi. Durbi naannawa tokkoo walitti dhufanii buqisaa (qunnii) buqqifatanii mana namaarra deemanii qaammee darbanii, maatii eebbisanii ofiifis eebba fudhatanii; maatii faarsanii walfaarsanii, bilisummaadhaan sirbanii, taphatanii gargar bahu. Akka aadaatti guyyaa dubaraaf bilisummaan kennamuudha. “…..Waggaa malee hindeebiituu qaammee yaa sissinooftuu” jedhanii bo’ichaan adda galu. kan keessaa eeruman ni eebbisu. Qaam’ee Oromoo aadaatu keessa jira, safutu keessatti calaqisa. Miidhaginattu keessaa anga’a. Aartiitu keessatti dubbifama.

Ayyaanni Masqalaa caalaatti dhiira wajjin walqabata. dubartiis hanga tokko ni hirmaachisa. Garuu irra caalaa ayyaana dhiirati. Ammas kan naaf hubattan masqala aadaan barreessaa jira; yeroof isa amantaa wajjin walqabatu dagadha Naannawan ani guddadhetti masqalli, Oromoo jedhamu ni ture. isa kanaan garaagarummaa yeroo ji’a tokkoo qabu. Kan Oromoo sun ji’a tokko dura darbe. Masqallatti daamotii (xomboora) gubuu, garmaama fardaa, sirna loonii, waliin nyaatanii dhuguu, gammachuu; sirbuu, dooyee ( Goobee) dhichisuu,fi kkf kan aadaa gosa adda addaatti hiikanii xiinxalaniin walhammata. Yeroo ammaa qaammeefi Masqalli Oromoo jedhamu sun waan dagatame fakkaata.

Akkuma shimbira masqalaafi abaaboo masqalaa yeroon walitti fide, ayyaana masqalaa biyya keenyaafi guyyaan turiizimii addunyaa walirra oola. Fulbaanni 17 waa lamaan yaadatama. Akka biyya Xoobiyaatti guyyaa ayyaana masqalaati. Amantaa Kiristaana Ortoodoksii wajjin walitti hidhama. Akka addunyaatti Guyyaa Turiizimii Addunyaati. Guyyaan kun barana dhaamsa Nagaa buusuu, beekumsa babal’isuu” “Building Peace, Fostering Knowledge) jedhuun kabajama.

Oromoon masqala akka amantaatti osoo hin taane akka jalqaba bara haarawaa, booruu (bacaqii) gannaa ofkalanii birraatti ba’aniitti fudhata. Guyyaa ganni itti xumuramuudha. Jalqabbii bara haarawaati.

Walirra ooluu guyyaa Turiizimii addunyaafi Ayyaana Masqalaati kan barreeffama kana mata duree kanaan jalqabeef. Garuu dhimmichi kanarra bal’ata. Dhimma hawwattoota turiizimii biyya keenyaa ni xuxxuqa. Akkamitti gara galii ummataafi biyya keenya fayyadutti ceesisuun danda’ama ? Akkammitti haawwattoota turiizimii misoomsina? Akkamitti madda galiitti jijjirra? Dhimmoota kkf irrattin yaada koo ibsadha.

Turiizimii jechun sochii ykn imala namootaa bakkaa tokkoo gara biraatti taasisamuufi bakka sana turuuti. Sochiin kun sababa bashannanaa, biizinasii, walgahiifi dhimmoota birootiif ta’uu mala. Raggaawwan tokko tokko yeroo turtii turistootaa ni murteessu. Turtii bakka haarawaa sun sa’atii 24 hanga guyaa 365 kan hin caalledha. Gabaabumatti turtii guyyaa tokkoo hanga waggaa tokkoo jechuudha. imalli namootaa kun kan keessoofi kan biyya alaa kan dabalatuudha.

Sochiin namaa kun madda galii biyya tokkooti. Biyyoonni hedduun industrii turiizimii kanarraa galii guddaa argatu. Dameewwan tajaajila kan kennan kan akka hoteelaa, geejibaa, mana boqonnaa (accommodation), ristoorantootaa, daldaltoota keessattuu meeshaafi uffata aadaa, dhaabbilee daawwachiistotaa, bakkeewwan bashannanaafi uumamaa industrii kanarraa galii hawwataa qocatu. Kun dinagdee biyyaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Fakeenyaaf bara 2018(ALG)tti Xoophiyaan doolaara Ameerikaa miiliyoona 7.4 akka argatte ibsa. Kun dinagdee biyyattii ykn “GDP’ keessaa %9.4 akka ta’eefi guddinni caalmaa qabu kan irratti mul’ateedha.

Bal’inaan irratti hin hojjatamin malee haawwattooti turiizimii biyya keenyaa imaltoota idila addunyaa hedduu harkisuufi galii caalmaa qabu kan argamsiisuu malaniidha. Kan naanno Oromiyaa yoo ilaalame ammo xiqqaa ta’uusaa ragaawwan mul’isan ni jiru. Akkuma biyyaatti maqaan turiizimii yoo dhahamu kan dafee ija dura nama dhufu kaaba biyyattiiti. Aksuum, Laalibalaa, Gondoriifi iddoowwan kaaba biyyattiiti.

Dhaabbileen turistoota olii gadi daawwachiisan, kan beeksisaniifi kan jalqabarratti dhaadhessan duubnisaanii kaaba biyyatiiti. Gama tokkoon iddoowwan kunniin seenaa mataasaanii qabu. Garuu irra caala galii turiistotarraa argamu kana mataa gara kaabaatti jallisuun ykn looguun ni ture. Turiistoota gara ofii qofatti harkisutu ture.

Keessattuu wayyaaneen imala turistootaafi abbootii qabeenya gara Maqaleetti jal’isuun kan beekamteedha. Dhaabbileen daawwachiistotaa biyya kana keessatti tajaajila geejibaa kennanillee namoota naannawa kanaan kan qabamaniidh. Buufatooti xiyyaaraa biyya keenyaas gara kaabatti kan heddummatan kana jiddu gala godhachuudhani.

Kaabni biyyattii haawwattoota turiizimii qabdi yoo jedhamu naannoleen gara jiddugalaafi kibbaa jiran homaa hin qaban jechuu miti. Hanqinni isaan qaban hanqina hawwata turiizimii adda baasanii kunuunsuu, misoomsuu, dhaadhessuufi gurgurachuu wallaaluti.

Fakkeenyumaaf, waan tokko tokko haa kaasu. Qabeenya uumamaa Oromiyaafi naannawa kibbaa keessa jiru ilaalaa. Paarkii Gaarreen Baalee keessa bineensoti biyya kana qofa keessatti argaman meeqatu jira? Allaattiwwanfi shinbirri idila addunyaarra hin jirre meeqatu achitti argama? Sanyiin biqiltuu daawwaa adda addaatif tajaajilan meeqatu jira? Gara biraattis ce’aa. Haroowwaniifi laggeen uumamaa lakkaawaa. Bineensota bosonaa itti ddabalaa. Sirna Gadaa, Siiqee, masaqala, irreecha, gugsii, qaammee… itti ida’aa.

Gara kaabaa hojiiwwan harka namaa bal’inaan akkuma jiran gara jiddugallaafi kibbaammoo wantoota uumamaafi jireenya hawaasaa wajjin walqabatan, aadaafi barmaatilee hedduu ilaalanii hin quufne, qoratanii hin xumurre hedduutu jira. Garuu turistootatti sirriin hin himamne. Hawwattooti turiizimii kunniin sirnaan gabaaf hin dhihaane. Hanga sanaayuu reefu reefu yaaliin taasisame.

Osoo sirnaan xiyyeeffannaan irratti hojjatamee ayyaanni masqalaa kan karaa aadaatiin jiru madda turiizimii isa guddaadha; naannoo Oromiyaatti. Turistiin garuu Finfinnee geessee ‘Waltajjii Masqalaatti’ sirna amantii qofa ilaaltee deebiti. Turistoota kanneen asumaan gara Oromiyaatti harkisuun ni danda’ama. Tuulama keessatti masqala wajjin walqabatee gugsii fardaatu jira.Gugsiin ykn garmaamni gaafa Masqalaatii kaasee sirna miidhagaa, seera qabeessaafi taphawwan adda addaa ofkeessaa qabuudha. Amma bade malee akkuma dirree kubbaa milaa lafti gugsiin irratti taphatamu qophaatti qoodama. Hin qotamu, midhaan hin facaafamu. Kaloo qofaaf oola. Yeroo masqalaa namni gamaa gamasii walitti bahee irratti garmaama. Fardi beekamaan, miini fardaa bareedaan, garmaamaa cimaan, “ ilmi ebeluu’ gaafas beekama.

Amma aadaan kun badaa jira. Lafti irratti garmaaman hin jiru. Bakka durii abbaan qabeenyaa hin eeyyamu. Fardis gaarii harkisuuf ooleera. Osoo dhimmi kun xiyyeeffannaa argatee irratti hojjatamee, iddoon akkuma istaadiyoomii kubbaa miilaa qophaa’eefi turiistota biyya alaatiif qofa osoo hin taane turiistota biyya keessaa hedduu harkisa.

Kanaaf Biiroon Aadaafi Turiizimii dirqama irratti hojjechuu qaba. Tuulama keessatti dirree gugsii bakka bakkatti misoomsuu qaba. Salaale, Jidda, Ada’aa Bargaa, Meettaa Roobii, Giincii, Gudar kanaaf kan filatamuu danda’aniidha.

Asumaan wanta ijoo tokko haa kaasu. Qo’attooti seenaas Oromoo fardaan loluusaa beeku. Oromoofi fardi gargar hin bahu. Ummanni aadaa fardaatiin beekamu kun osoo jiruu ummanni biraa aadaa fardaa ‘kiyya’ jedhee ‘UNESCO’tti galmeessuuf hojjataa akka jiru beekamaadha. Bakka nuti of dagannetti qaamni biraa fagoo deemaa jira. Dagannaan kun Seenaa keessattillee kan nama gaafachiisuudha. Dhugaan abbaa qabdi.

Gugsii fakkeenyaafin kaase. Ayyaanni masqalaa, qaammeen….irreechi,… ji’a tokko keessatti yeroo walitti dhihootti waan jiraniif mala itti dhahanii turiistota bakka deeman tursiisuun galii gaarii argamsiisa. Ummanni keenyas; biyyi keenyas irraa fayyadama. Kanaaf itti yaaduun gaarii ta’a.

Dinagdee Turiizimii naannoo keenyaa guddisuuf dhaabbileen daawwachiistotaa naannoo kanaa beekan biizinasii kana keessa galchuun barbaachisaadha. Dhaabbileen daawwachistotaa (tour operators) keessa kan aadaafi seenaa naannoo Oromiyaa beekan, kanneen gara sana turiistota geessannii daawwachiisuu danda’an; kanneen hawwattoota turistii naannicha jiran addunyaatti beeksisuuf fedhiifi humna qaban hagam akka jiran hin beeku.

Garuu dameen biizinasii daawwachiistotaa warra kaabaatiin akka qabame ragaaleen tokko tokko ni ibsu. Isaan qabachuun rakkoo hin qabu. Garuu namni keenyas biizinasii kanatti galuu qaba. faayidaa irraa qoodachuu sirriidhuma.

Qaameefi masqalaanan jalqabe. Isaanumaan haa xumuru. Qaam’ee dubra Oromoo akkuma Ashandaafi Ashandiyyeetti guddisanii aadaa ummata Oromoo ittiin beeksisuun madda galii turiizimii gochuun barbaachisaadha.

Masqalaan walqabsiisanii gugsiifi sirna kabaja masqalaa akkuma irreechaa gara waltajjii addunyaa guddaatti fiduun dhaloota dufuuf seenaa olkaa’uun waan sirriidha. Kanaaf yaadaafi ilaalcha gaarii qabaachuun gahaadha. Masqalli ifaadha ifa nuuf haa kennu.

Torban gaarii!

 Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014

Recommended For You