Lafti utubaashiirra marsitee alkaniifi guyyaan uumama. Guyyaan lakkaawamee torbaniifi ji’atti jijjirama. Jiini walirratti dabalamee waggaa ta’a. Guyyoota waggaa keessaa guyyaan bara haarawaa, akka keenyatti Fulbaanni 1, carra qabeessa; sirna ho’aadhan kabajama.
Namni waggaa malee guyyaa haarawa, torban haarawa, ji’a haarawa hin yaadu; hin kabaju. Garuu, guyyaan boruu guyyaa har’aatiif haarawaadha. Torban tare torban itti aanuuf haarawaa. Jiinis akkanuma.
Haala kanaan, barri moofaan bara haarawaaf bakka gadi dhiiseera. Har’i Fulbaana 1…bara 1914. Baga bara haarawa nagayaan geessan. Barri haarofti kan milkii, caalattimmoo kan nagayaa hunda keenyaaf haa ta’u.
Wagaa haarawa ilaalchisee Gaazexaa Barriisaarratti walitti aansee yeroo sadaffaaf yaada koo barreessaan jira. Carraa gaariidha.
Yeroo hunda waanan kanaan dura barreesse duubatti deebi’ee nan dubbisa. Kan bara haarawaammoo irra deddeebi’een ilaala. Dhaamsa “baga ittiin isin gaheerra” darbee taateewwan bara tare raawwatamaniifi kan bara dhufuu ta’uu qaban jedhee yaadu akka namtokkootti kaasaan ture. Baranas haaluma kanaan tokko jedhee jalqabuun barbaada.
Gaariifii fokkataa bara 2013
Barri kamiyyuu fokkataa hin qabu. Kan milkeessus kan fokkisiisus murtiifi tarkaanfii dhala namaati.
Fulbaana 1/2013 jennee jalqabne Qaammee 5/2013 jennee kaleessa xumurreera; guyyoota 365 sa’aatii ja’a lakkoofnee keessaa baaneerra. Isa bara tare haarawa ture barana moofessineerra. Yeroon kanuma… haarawa moofaa taasisa; jabaa laaffisa; laafaa jabeessa; Xiqqaa guddisa; guddaa dulloomsa; moofaa seenaa taasisa, seenaa haarawa uuma. Kallattiin yeroo tokkichuma… fuulduratti imaluu qofaadha, kan moofa’e gataa, haaraa haammachaa.
Bara moofaa jenneen kana akkamiin dabarsine? Hundi keenyaa deebii mataa keenyaa qabna; akka dhuunfaatti, akka maatiitti, akka gareetti, akka biyyaatti.
Akka biyyaatti dhimmoota tokko tokkon kaasa. Wantoota gaariiirraa haa eegalu. Ilaalchi qajeelloon waan gaarirraa waan jalqabuuf.
Pirojektota jalqabaman xumuruu: Misoomaan walqabatee bara tare wantoonni hedduun hojjatamaniiru. Keessattuu pirojektonni waggoota hedduu gangalachaa dhufan xumuranii hawaasaaf tajaajila akka kennan gochuurratti hojiin dalagame gaariidha.
Naannoo Oromiyaa keessatti qofa piroojektoonni kuma hedduun lakkawaaman xumaramanii hojii akka jalqaban taasisameera. Sadarkaa federaalaattis wantuma walfakaatutu raawwatame. Pirojektonni xumurman kanneen ammallee hordoffii barbaadu. Gama kanaan itti yaadamuu qaba. Pirojektota biraas jalqabanii xumuruun aadaa ta’uu qaba. Filannoon darbus, jalqabichi ittifufuu qaba.
Filannoo 2013: Filannoon biyyoolessaa marsaan 6fan kan adeemsisame bara moofaa ittiin jennu sana keessa. Haala kamiinuu ta’u filannichi adeemsisameera. Bakkeewwan hinadeemsisaminitti adeemsisuuf beellamni qabameera. Adeemsa filannoorratti yaadoliin adda addaa- kan deeggaraniifi morman-turaniiru.
Kunimmoo waanuma jiruudha. Biyya keenya sirna dimokiraasiif haarawa taate keessatti dhiisii biyya Ameerikaa kan diimokiraasii addunyaaf dhalchiise jetuttiyyuu uumameera. Kana yoon jedhu hanqinoonni uumaman muuxannoofi seenaaf akka ta;an dagadhee miti.
Filannichi haala nagaya ta’een xumuramuunsaa milkii tokkoodha. Rakkoowwan tokko tokko jiraachuu malu; qabataman turaniinrus. Garuu filannoowwan kanaan dura wajjin yoo ilaalame gaariidha kan jedhamuudha. Wanti guddaan nageenya waan ta’eef; nageenyaan osoo hokkorri hinka’in xumurameera. Kunimmoo lubbuu namoota hedduu baraareera.
Kanneen biroos wanti gaggaariin hedduun jiraachuu akka malan kan haalamuu miti. Akkuma wantooti gaggaariin jiran kan osoo hin yaadiin dhufanii biyyattii chaaleenjii keessa galchanillee jijjiru. Wantoota ijoodha jedhe haa kaasu.
Waraana: Olaantummaa seeraa kabachiisuun gahee mootummaa keessaa isa tokkoodha. Mootummaan olaantummaa seeraa yoo kabachiisuu dadhabe komatama malee olaantummaa seeraa kabachiisuusaatiin ceephoon waan jiru natti hinfakkatu. Yoo jiraates dogoggora. Garuu haalli olaantummaa seeraa itti kabachiifamu, daandiin deemamu, bu’aafi kisaaraan dhufu maddaallii keessa galuu qaba.
Gama olaantummaa seeraa kabachiisuutiin mootummaan federaalaa waan hojjate qaba. Jaarmiyaa “TPLF” karaafi kallattiitti deebisuuf yaalii karaa nagayaa godheera. ‘TPLF’ ammoo uumamaan oftuulummaafi abbaa irrummaa qabdi. Kanaaf, herrega hintaane keessa galtee mootummaa gara waraanaatti harkisteetti. Ummata Tigraayi kisaaraa keessaa hin baane keessa galchiteeti. Biyyas rakkoo hintaane keessa cuubdeetti. Chaaleenjiin akka biyyaatti bara kana mudate waraana kana.
Waraanni maddaallii kamiinuu fokkataadha. Garuu wanti dhalli namaa osoo beekuu keessa galummoo waraana. Mirga ummataa ykn biyyaa ykn garee kabachiisuuf waraanni ni uumama. Dhugaa kana addunyaarrattis guyyaa guyyaan argaa jirra. Dhalli namaa sammuu qaba, ni yaada jedhamu bakki itti dadhabaa ta’ee akka bineessatti (Animals) yaadamu yoo jiraate asitti. Wanta mariidhaafi waliigalteen xumuruu danda’u waraanatti jijjiree dhala namaa irratti muxuxxeessuu, dinagdee irratti burkuteesuusaati.
Waraanni bara 2013 keessa biyya keenya quunname kaayyoonsaa waanuma fedhee haa ta’u kisaaraa malee bu’aa hinqabu. Qabeenyi gamaa gamanatti manca’aa jiru kan biyya iyyeettii kanaati; kan hunda keenyati. Maallaqa ummatarraa walitti qabameen bitame.
Lubuun gamaa gamantti akka salphaatti darbaa jirtus kanuma obboleeyyan keenyati. Gamas gamanas kan walitti dhukaasee walajjeesaa jiru lammii biyya Xoobbiaa jedhamtu kanaati. Bara haarawa kana waraanni kun xumuramee nageenyi akkabu’u hawwii hunda keenyati. Anaaf, qaamni martuu, geerarsa waraanaa dhaabee nagaa akka faarfatu, gorsuun, jajjabeessuun, Waaqayyo akka qalbii kennuuf kadhachuun barbaachisaadha.
Qe’ee buqqa’uu: Rakkoo guddaan biyyi keenya bara kana keessummsite guddaan isa kana. Sababa walwaraanaatiin akkasumas walitti bu’iinsa ummataatiin namoonni hedduun qe’eesaaniitii buqqaniiru. Kun naannolee biyyattii hedduu keessatti kan umamaeedha.
Garuu lan akka naannoo Tigraayi, Amaaraafi Affaar waan jiru natti hinfakkaatu. Namoonni lakkoobsisaanii guddaa ta’e ala kaampiifi da’oowwan adda addaatti baqatanii jiru. Jireenyi kun hagam ulafaataa akka ta’e asumaa achi ni beekama.
Kunis bara dhufuti furmaata akka argatu, namoonni qeyeesaanitti akka deebi’an hunda caala dura nagaa buusuun barbaachisaa akka ta’e hubatamee qaamonni hundi nagaaf dursa kennuu qabu.
Qaalla’iinsa Jireenyaa: Akkuma beekamu qaala’iinsi jireenyaa sababa adda addaatiin uumameera. Waraanni ji’oottan kurnan darban dhiibaa mataasaa qaba. Dhiibbaan sababa waraana kanaatiin addunyaan biyya keenyarratti gochaa jirtu sababa biraat. Haalli fediifi dhiheessii shaqaxaa walmadaaluu dhabuudhaan jireenyi miyaa’eera.
Daldaltoonni saamtonni, abbootiin qabeenyaa seermaleen badhaadhuu fedhan, caasaan motummaa itti gaafatamni itti hindhagahamne dabalatee qaala’iinsa jireenyaa kana keessatti gahee qabu. Rakkoon hawaasni bal’aan gama kanaan keessa gale bara dhufutti seenaa ta’ee akka darbu hawwuu qofa osoo hintaane irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Bara Haaraa -2014
Barri 2014 bara 2013 irraa rakkoo hedduu dhaaleera; rakkoon bu’uuraa wlwaraansa. Barri waan hedduu waan jijjiruuf abdii kutachuun hin barbaachisu. Barri haarawaan kun wantoota fokkataafi gadheewwan hedduu gara gaaritti akka jijjiru hawwii nama cufaati. Kan waldhabe akka araaramu, kan waljibbe akka waljaalatu, kan beela’e akka nyaatee bulu, kan daare akka uffatu, kan qe’ee buqqa’e akka qeesaatti deebi’u abdii abdii kooti, abdii ummataati
Waraanni bara moofaa keessa jalqabame bara haaraatti darbeera. Yoom dhaabata? Akkamitti dhaabata? Eenyutu akka dhaabatu taasisa? Gaaffiilee deebisuuf nama rakkisaniidha. Garuu qaamni jagnummaan gara murtii kanaatti galu jiraachuu qaba. Finxaaleyyiin waraana kana da’eeffatanii seenaa warrasaanii deebisuufi aangoo biyyattii qophaatti too’achuu fedhan hundi akka kallattiitti deebi’an gochuun gahee mootummaa ta’a. ummaannis mootummaa degeruu qaba.
Mariidhaan rakkoo keessoo ofii hiikuu dhaadannoofi hojii bara haarawaa ta’uu qaba. Addunyaan keessayuu biyyoonni dinagdeen badhaadhan waraana daldalu jechuun ni danda’ama. Karaa fedhellee ejjatan bu’aafi kisaaraasaanii ilaalaniiti. Kanaaf rakkoo keenyaaf furmaata fulla’aa hinfidan. Furmaati fulla’aan kan maddu qabu keessoo keenyayi. Marii ilmaan biyya tokkootiini. Ilaafi ilamee, duudhaafi safuu biyyattii jiddugala yoo godhateedha.
Akkuma waliigalaatti bara haarawa kana hunda caala “bara nagayaa” jedhanii mogaasuu barbaachisa. Qaamni hunduu nagaa buusuudhaaf hojjechuu qaba. Nagaan waan hundaaf bu’uura: waliin jireenyaaf, misoomaaf, biyya ijaaruuf, qaala’iinsa jireenyaa tasgabeessuuf,….. Waaqayyo nagaa haa buusu, baras bara nagayaa nuuf haa taasisu.
Bara gaarii!
Bariisaa Fulbaana 1 / 2014