Jechi lammii jedhu waan hedduu of keessatti hammata. Mirgaafi dirqama qaba. Lammiin akka lammummaasaatti dirqamarraa eegamu kan bahu; mirgoota uumaman badhaafameefi seeraan aragate kan tikfatuudha. Mirga qofa gaafachuun dirqama bahuu dhiisuun waan danda’amuu miti; biyya kamittuu. Draqama bahanii mirga dhorkamuun ykn mulqamuunis hindeemsisu. Lamaanuu walsimuu qabu. Lammiin tokko waa lamaanuu; mirgaafi dirqama; haala yeroo wajjin walqabsiisee kan shaakaluudha. Kanaaf lammiin yeroo biyyi rakkoo keessa galtu waliif yaada; waliin yaada; akkaataa biyyi rakkoo keessaa baatu mala dhaha; furmaata fida.
Akkuma beekamu yeroo ammaa biyyi keenya rakkoo keessa jirti. Gama tokkoon kaaba biyyattii keessatti waraanni yeroo fudhate adeemsisamaa jira. Kunimmoo guddina biyyattii akka miidhu beekamaadha. Dinagdeefi jireenya hawaasummaa ummataa jeeqa. Gama biraatiin naannolee biyyattii kan biraa keessa haalli jiru kan qalbii namaa tasgabbeessuu miti. Fedhiifi gaaffii addaddaatu jira. Kun hunduu walitti dabalamee gaaffii biyyattiin garamitti imalaa jirti jedhu sammuu namaa keessatti uuma. Lammiin itti gaafatamni itti dhagahamu kana gaafachuu qaba. Mootummaan biyya bulchaa jiru kanarratti mari’achuu qaba. Gaafachuufi mara’achuu qofti gahaa miti. Gara fala barbaaduutti, gara dirqama lammummaa bahutti deemun biyyattii baraaruuf ni deggera.
Gochaawwan tokko tokko garuu faallaa kanaan deemaa jiru. Fala barbaadurra rakkinicha garmalee micciiruu, ibidda boba’aa jiru dhaamsurra adeemsi beenzila itti biifu ni mul’ata. Kun kan ittiin ibsamu keessaa tokko qaala’iinsa jireenyaati; haala gabaati; haala bittaafi gurgurtaa akka kuula ija dhabeeti walxaxee ummata makkaraarsaa jirudha. Yeroo kanatti qaala’iinsi jireenyaa akka uumamu gaheen namtolchee jabaachaa jira.
Gochaa qaala’iinsa jireenyaa namtolchee keessatti taatonni hedduudha. Gaheensaanii olaanaa ta’us daldaltoonni qofti cubbuu mara hinfudhatani. Omishaan gamasaatiin harka keessaa qaba. Warri omisha alaa galchan taatota biraati. Caasaan mootummaa akka Philaaxoosii “harkikoo dhiigarraa qulqulluudha” jechuu hindanda’u. Faddaalonni taatota ciccimoo kan biraati. Warri mootummaa diiguuf meeshaa kaasan karaa harka lafa jalaatiin diraamaa kana keessatti shoorri taphatan salphaa miti. Ummanni shamatee bulu qaama rakkoo kanaan keessaa bilisaa miti.
Silaa yeroo akkanaa kana qaamni hunduu gabaa tasgabbeesuurratti gaheerraa eegamu bahuu qaba ture. Itti gaafatamni hawaasummaafi dinagdee (social and economic responsibility) itti bahuun ni barbaachisa. Rakkoo namtolcheen ala haalli yaadama dinagdee (economic factors) qaala’iinsa jireenyaa kanaaf gama biraatiin gumaacha guddaa qabaatanillee, kan namuumee kana to’achuun yoo danda’ame kaanimmoo tarkaanfii imaammata addaddaa fudhachuun sirreessuuf yaaluun gahee mootummaafi ummataa ta’a.
Sababawwan armaan olitti eeramanirraa kan ka’e omishitti hedduun, kan biyyaa keessatti omishamuufi biyya alaarraa bitamee daangaa ce’ee galu dabalatee, gabaarratti gatiinsaanii garmalee olka’eera. Shaqaxoonni nyaataa kan qonnaan bulaan omishuufi kanneen warshaa keessaa bahan gatiinsaanii guyyaa guyyaan dabalaa deemaa jira. Gatii xaafii, qamadii, garbuu, baaqelaa, misiraafi kkf waggaa har’aa maal ture? Har’ahoo meeqaan gurguramaa jira jedhanii gaafachuun haala salphaadhaan qaala’iinsa jireenyaa kana hubachuun ni danda’ama. Gama biraatiin galiin namaa keessattuu kanneen qaama hawaasaa akka salphaatti qaala’iinsa jireenyaatiif saaxilamanii, kanneen akka hojjataa miindaan buluu, namoota galii xixiqqaa argatanii hagam dabalame jedhanii ilaaluun gaarii ta’a.
Haalli qonnaafi omisha biyya keenyaa bara darbee kan omisha idileefi qonna jal’isiin argame guddaa fooyya’aa akka ture gabaasiwwan addaddaa himaa turan. Gabaasa bira taree kan ijaan argaa turre qonnaan bulaan midhaan haala gaariin omishuusaati. Haalli qilleensaas kan omishtummaa miidhu hinturre. Qonna jal’isii wajjinis walqabatee bu’aan argame kan bara kamirrayyuu fooyya’aadha. Gama kanaan naannoo Oromiyaa keessatti qamadii jal’isiin omishame bu’aa gaarii argamsiiseera.
Kunneen hunduu gatii midhaanii gadi buusuu hindandeenye. Kana keessatti gatiin omishaa (production cost) kan humna namaafi galteewwan omishaa ittiin bitan dabaluun akkasumas gatiin qonnaan bulaan shaqaxoota warshaalee bitachuuf baasu akkuma jirutti ta’e, gatiin garmalee dabale kun maalirraa madda jedhanii xiinxaluuniifi tarkaanfii furmaataa fudhachuun barbaachisaadha.
Gatiin garmalee midhaan dheedhiirratti dabalaa jiru kun kallattiin kan kiisii qonnaan bulaan hojii kanatti dhamahetti galuu miti. Irra caala kan taatota qonnaan bulaarraa bitanii hanga shamattootaa biraa gahu jidduu jirantu qooddata. Taatoti kunneen osoo bu’aa (value add) itti hindabaliin toora ykn sarara daldalaa (delivery channels) dheeressuun saamaniidha. Kanaaf haalli omishaaniifi shamataan sarara gabaabaan walitti dhufan mijeessuun qaala’iina jireenyaa kanaa fooyyessuuf ni gargaara.
Akkuma walii galaatti wanti bara kana keessa gatiin hindaballe hinjiru. Shaqaxni warshaa keessatti omishamanii gabaaf dhihaatanille haala suukaneessaadhaan gatiinsaanii dabalaa jira. Fakkeenyaaf zayita nyaataa, shukkaara ilaaluun gahaadha. Warshaawwan biyya keessatti zayita ni omishan jedhamanii bal’inaan odeeffamaafi ture rakkoo kana furuu hindandeenye. Warshaaleen shukkaraa wayyaaneen ittin ummata mooksaafi ofii ittiin badhaadhaa turte hanqina shukkaaraatiif fala hintaane. Kana wajjin walqabatee ‘ashaaxiriin’ qamolee dhiheessii keessa jiranii; omisha dhoksuu, gabaarraa akka dhabamu taasisuu, oduu dharaa tamsaasuu, gatii shaqaxootaa hammeesseera.
Meeshaalee ijaarsaa wajjin walqabatee wanti jirus kan rukuttaa onnee namaa dhaabudha. Iyyeessi mana ijaarrachuu dhiisii mana suphachuunuu rakkoo itti ta’eera. Yeroo dheeraaf omishtn siimintoo gabaarraa dhabamee kootadhaan hiramaa akka ture quba qabna. Kanaaf dhiheessiin siimintoo pirojektoota mootummaaf sababa akka ta’e gama tokkoon odeeffamaa ture. tarii seektari konstraakishinii galtee kana barbaadu babal’achuu danda’a. Garuu maddi rakkoo kana qofa hinfakkaatu. Waa baay’een sakatta’amuu qaba.
Meeshaalee ijaarsaa keessaa sibiilli feerroo jedhamu gatiinsaa dacha lamaa oliin dabaleera. Akkuma biyyaatti daldala kana Wayyaaneefi jaladeemtonnishii monoppooliin qabatanii akka ture beekamaadha. Jarri kun har’as gabaa kana dhuunfataniituma jiru. Kan dhoksaa, kuusaafi hanqina uumaa jiran keessaa jarreen kunniin harka dhabu jedhanii yaaduun hindanda’amu. Kanaan ala haalli hanqina sharafa alaatis gumaacha guddaa ni qabaata.
Rakkoon gatii dabaluu waa lamarraa madda. Inni tokko haala saayinsii dinagdee wajjin walqabata. Inni lammataa shira gabaa keessatti guyyaa guyyaan taasisamaa jirurratti rarra’a.
Saayinsii dinagdee wajjin walqabatee gatiin meeshaa ykn omishaa madaallii fedhiifi dhiheessiirratti hundaa’a. Madaalliin (equilibrium) kun yoo jeeqame gatiinis waliin jeeqama. Gama kanaan haalli qaala’iinsa jireenyaa biyya kanaa yoo madaalamu omishaaleen gabaatti dhihaataa jiraniifi fedhiin shamattootaa walgitaa akka hinjirre mul’isa. Gatiin kan dabalu yoo fedhiin dabalee dhiheessiin waliin dabaluu dadhabe ykn yoo dhiheessiin gadi bu’ee fedhiin waliin gadi bu’uu baateedha.
Isa jalqabaatiin omisha jiru, kan fedhii waliin hindabaliin sana walsaamuutu uumama jechuudha. Yaadama lammataatiin omishni gabatti dhihaatu xiqqaachaa yoo deemu fedhiin bakka duraarratti yoo dhaabbate ykn dabaleedha. Lamaanuu hanqina omishaa waan fidaniif gatiin akka dabalu dhiibbaa taasisu. Kanaaf fallisaa dhiheessii fooyyesuurratti hojjechuun gaarii ta’a; to’annaan akkuma jirutti ta’ee.
Shirri gabaa keessatti taasifamus fedhiifi dhiheessiin akka wal hingitne kan taasisuudha. Omishni ykn shaqaxiin gabaa keessaa akka badu taasisuudhaan haqina dhiheessii uumuudha. Kana keessatti daldaltoonniifi qaamoleen addaddaa kanneen itti gaafatamni hawaasummaa itti hindhagahamne gahee guddaa qabu. Waan jiru gabaarraa guuranii dhoksuudhaan dhiheessii gadi buusuu qofa osoo hintaane akka hinjirre fakkeessuun bu’aa hinmalleef argachuuf shirri guduunfan kan ittigaafatama fichisiisuudha. Kanaaf shira gama kanaan taasisamu to’annoodhaan hanga tokko sirreessuun ni danda’ama. To’annoon ala haala dhiheessitoonni bal’inaan keessatti hirmaatan mijeessuun dorgommii uumuun fala ta’a.
Rakkoowwan saayinsii dinagdee wajjin walqabatan garuu to’annoon hiikuun hindanda’amu. Isaan imaammataafi tarsiimoo akkasumas, murtee mootummaa barbaadu. Haala gabaa kaaransii ciccimoo (hard currency) tasgabeessuu, imaammata maallaqaa sirreefachuu, haala kaaransiin alaa itti dhihaatu fooyyessuu, omishaafi omishtummaa guddisuufi tarkaanfilee dinagdee guguddoo (macro-economic policy)tiin wantoonni sirraa’an akka jiran saayinsii kanarraa hubachuun ni danda’ama.
Haa ta’u malee, yeroo biyyi rakkoo cimaa keessa jirtu kana wanti hedduun imaammataafi to’annaa qofaan waan sirraa’uu miti. Hirmaannaa ummataa, dhimma biyyaarratti waliin yaaduufi jireenyarratti waliif yaaduu barbaachisa. Hunduu qoodasaa bahuu qaba.
Torban Gaarii!
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013