Dawweessaa da’umsa boodaa (‘Postpartum depression’)

Dawweessaan(mukaa’uun) dahumsa boodaa( DDB) dhufuu dandahu baay’ee sodaachisaafi eeggannaa cimaa kan barbaadudha. Dahumsa booda yeroo kamittuu jalqabuu nidanda’a. Irra caalaa dahumsa booda torbee lama hanga sadiitti kan jalqabu yoo ta’u, wal’aansa argachuu yoo baate hanga waggaafi isaa oliitti itti fufuu danda’a.

Oduu gammachiisaan jiru garuu dhukkubni kun mana yaalaatti adda bahee yaalamuudhaan salphaatti fayyuu kan danda’udha.

Harmeen daa’ima qabduufi yeroo dhiyootti harma hoosisuu addaan kutte kamuu carraan dhibee kanaan qabamuu ishee bal’aadha.

Dawweessaan dahumsa boodaa umurii, baay’ina dahumsaa, sadarkaa dinagdee-hawwaasummaa akkasumas sadarkaa barnootaa irratti hinhundaa’u.

irra caala mul’achuu kan inni danda’u

  • kanneen kanaan dura dhibee kanan qabamanii beekan
  • wayita ulfaa dhibee dawweessaa kan wal’aanaman
  • Maatii keessaa namni dhibee kanaan qabamee beeku yoo jiraate
  • Gaa’ila isaaniifi haariiroo hawaasummaa keessatti kan rakkoo qaban
  • Dhiyeenya balaan tasaa kan isaan mudateeru. fknf, gaa’ila kan diigan ykn abbaan mana kan jalaa du’e, hojiin jijjiramuufi rakkoo maallaqaa,
  • Yeroo dahumsa kan miidhaan irra gahe
  • Harma hoosisuun kan isaan rakkisu

Dhibee dawweessaa dahumsa boodaaf saaxilamu danda’u waan ta’eef utuu hinmiidhamiin dura of eeggannoo gaariin godhamuufi qaba.

Mallattoowwan dhukkuba Dawweessaa dahumsa boodaa

  • jeeqamuu, bakka tokko taa’uu dadhabuu, boo’uu
  • humna ol-dadhabuu
  • hirriba dhabuu
  • fedhiin nyaataafi ulfaatinni qaamaa gadi bu’uu
  • wantoota yaadachuu, murteessuufi xiinxaluu dadhabuu
  • garmalee yaadda’uu ykn dhiphachuu
  • wantoota kanaan dura jaalatan isaan jibbisiisuu
  • yaaddoo isaanii to’achuu yaaluu dadhabuu
  • Harmooliin dhibee kana qaban akka mucaan isaanii jalaa du’utti waan yaadaniif nama biraatti hinamanan. Yeroo mucaan halkan hirribaa kaatuttis deebi’anii hirribni isaan hinqabu. Yaaddoon waan itti baay’atuuf yoo mucaankoo du’e anis ofis ajjeessa malee hinjiraadhu jedhanii karoorsu.

Yoo haati tokko akeekachiisa akkasii kennitu of-balleessuu waan dandeessuuf hordoffii cimaa gochuufiin barbaachisaadha.

Akkamitti wal’aanuu dandeenyaa?

  1. Mucaakee jaalalaan ofitti hammadhu ykn faana haasahi.

 Daa’ima ofiif kunuunsa gaarii gochuun daa’ima guddisuu qofaaf osoo hintaanee haati daa’ima akka gammadduufi ofitti amanamummaa akka horattu ishee taasisa. Kanaaf yeroo mucaan kee kolfitu faana gammadi. Yeroo boossu immoo malaan sossobii( harma afaan kaa’i).

Gaaffii daa’ima kee deebisuuf yeroo hundumaa qophii ta’uu qabda.

  1. Namoota biraa irraa baradhu.

Jireenyi hawaasummaa dhala namaaf baay’ee barbaachisaadha. Hariiroo gaarii qabaachuun dhiphina hir’isuu keessatti ariitii dorgomaa hinqabnedha. Yeroo namoonni naannoo ijoollee isaanii kunuunsan ilaaluufi gargaarsa gaafachuun aadaa biyya keenya keessatti baramaa waan ta’eef baay’ee mijataadha. Addunyaa har’aa keessatti hadholii baay’een daa’ima isaani dhoksaatti guddisuu barbaadu. Kun immoo haadha dadhabsiisuu irra darbee amala hawaasummaa daa’imman isaani yeroo guddatanii irratti rakkoo fida.

Kanaaf namoota sitti dhiyaatan wajjin hariiroo gaarii uumi. Qofummaafi adda of-baasuun dhiphinaafi yaaddoof nama saaxila. Kanaaf nama jaallattuufi si gargaaruu qabaachuun dirqama fayyaati.

Namootni gaarii akka nuuf ta’aniifi nu gargaaran nibarbaadna. Waan ofiikee akka namni siif ta’u barbaaddu dursi namootaaf ta’i. Gaafa rakkatte qofa gargaarsa isaanii barbaadda osoo hintaane dursitee rakkina isaaniif kan gargaartu yoo ta’e hawaasummaa gaarii waan qabduuf ati dubartii ayyaanomtedha. Sababiin isaa dhibee dawweessaaf hinsaaxilamtu. Hammamiyyuu jireenyakeetti kan hingammadne yoo ta’e hariiroon hawaasummaa gaarii pirootinii ijaarsa qaamaafi manakeeti.

Miira keessa jirtu namaaf qoodi. Namootni gargaarsa gaarii akka siif godhaniif miirakee isaaniif ibsi.

Gaariis ta’e hamaa, fokkises bareedes fuulaa fuulatti mudannookee nama tokkotti haasahuun dhaggeefataankee murtee malee si dhaggeefachuu dhiisuu isaa osoo hintaane haasa’uukee qofaan ba’aan sirraa salphata.

Harmooli akkakee wajjiin muuxannookee qoodi,Kan isaaniis dhaggeeffadhu.

  1. Of kunuunsi

Hanguma eeggannaa qaamaafi sammuukeef

 gootu gammachuufi fayyaa qabaatta. Haalli jireenya salphaan fageenya dheera booda deebitee akka ofitti gammaddu si taasisa.

  • Daa’imakeefi ofiikeef dursa kenni
  • Sochii qaamaa taasisi.

Sochii qaama taasisuuf qilleensa haara fudhachuun mukaa’uu sirraa dhabamsiisa. Seelonni sammuukee akka of haaressaniifi qaamnikee akka jajjabaatu si godha. Sochii qaama yeroo jedhamu guyyaatti daqiiqa soddomaaf deemuun iyyuu ga’aadha.

Qorannoon garaagaraa akka ibsutti qilleensa qabbanaa’aa junuunfatanii ofitti fudhatanii baasuun akka ati yaada tasgabbaa’aafi humna qabaattu si godha. Karaa biraan wanta barbaaddu irratti akka xiyyeeffannu nu godha.

  • Hirriba ga’aa rafi. Harmeen tokko gidduu galeessaan guyyaatti hanga sa’aa saddeetii rafuu qabdi. Hirriba gahaa dhabuun akka miirrikee jeeqamu waan si godhuuf yeroo guyyaa raftu akka hin jeeqamnetti himadhuu rafi.
  • Ofiikeef yeroo qabaadhu. Yeroo aara galfattu jechuun qaamakee bishaan qabbanaa’an dhiqachuu, waan ho’aa akka shaayii, annanii, aajjaa(shoorbaa) dhuguu, shaamaa ibsachuufi sukkummii(massage) galuu hin dagatin.
  • Nyaata gahaa nyaadhu Harmooliin gaafa mukaa’an(gaddan) fedhii nyaataa hinqaban. Tokkoon tokkoon waan nuti soorannu miira keenya irratti dhiibbaa uuma.
  • Aduu qaqqaamadhu. Ifti aduu ganamaafi galgalaa miirakee ol-kaasuu keessatti gahee guddaa qaba. Kanaaf guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 10-15 qaqqaamadhu.
  • Maatiikee wajjiin yeroo gaarii qabaadhu

Cimdii hedduu biratti hariiroo isaan maatii isaani waliin qaban miiraafi walitt dhufeenya hawaasummaa isaanii cimsuu keessatti burqaa isa jalqabaati.

Barbaachisummaafi fedhii isaan daa’ima haaraa argachuu isaaniif agarsiisan caalaatti walitti isaan hidhuufi madda nagaa yaada humna qabeessa isaan tokkummeessuu danda’uuti.

Kanaaf maatiin daa’ima argataniif galateeffatootaafi gammadoota ta’uun isaanii haadha deessetti abdii guddaa horuu

 danda’a.

Halkaan hirriba dhabuufi itti gaafatamummaan sitti baay’achuu irraa kan ka’e baay’ee si dadhabsiisuufi yeroo boqonnaa si dhowwachuu danda’a. sababii daa’imaaf hariiroo maatiikeefi firootakee faana qabdu addaan kutuu dandeessa ta’a. kanaaf yerookeetti karoora baafadhuutii hariiroo hawaasummaafi maatiikee cimsachuuun sirra jira.

  • Miirakee iftoominaan ibsadhu.

Furtuun walitti dhufeenyaafi itti gaafatamummaa waliif qooduu daa’ima booda jalqaba. Wanta sirrachuu qabu akka maatiitti mari’achuu qabdu. Wanti kamiyyuu akka salphaatti irra darbamuu hinqabu. Miira akkamii keessa akka jirtu maatiikee dhoksuuf hin yaaliin.

Keessattuu cimdiin(abbaa manaafi haati manaa yeroo addaa waliin qabaachuu qabu. Haatii deesse dhiibbaa ofitti baay’isuudhaan walitti dhufeenya abbaa manaa ishee waliin qabdu laaffisuu hinqabdu. Kanaaf qulqulina dhuunfaa ishee eegachuudhaan hawwattuu(atrctive) ta’uu qabdi.

Daa’ima faana baatee qaama isheef eegannaa gochuu yoo dagatte walitti dhufeenyi jara lameenii balaa irra bu’uu danda’a.

Jarri lamaanu gammachuu isaanii waliif qooduu qabu.

Gargaarsi akka maatiitti utuu siif godhamaa jiruu, atis akka dhuunfaatti osoo eeggannaa ofiif gootuu, dhibee dawweessa dahumsa boodaan dhiphachaa jirta taanaan gorsa ogeessa fayyaa argachuu si barbaachisa.

Gorsa abbaa manaaf

Namni ati jaalattu tokko dhukkuba dawweessaan utuu rakkatuu yoo argite waanta ati jalqaba gochuufi qabdu gargaarsa. Daa’ima harkaa fuudhi, boqonnaa kenniif, gurrakee ergisii sirriitti dhaggeefadhu,Danda’aa ta’ii ishee hubadhu.

Ofiikeef eegannaa godhi. Sababiin isaa daa’ima guddisuun lamaan keessaniifiyyuu hojii salphaa miti. Haati manaakee kan dhibamtu( dawweessaan) yoo taate atis yaaddoo kara lamaan dhiphachaa waan jirtuuf of eeggannoon furmaata ta’uu si barbaachisa.

Akkamitti haadha manaakee gargaaruu dandeessaa?

  1. Yaadashee akka sirriitti ibsattuuf jajjabeessi.
  2. Hojii mana keessaa ishee gargaari.
  3. Akka isheen yeroo dhuunfaa ishee qabaattu taasisi.
  4. Walqunnamtii saalaaf yoo qophooftuu hintaanee danda’uu qabda. Dawweessaan fedhii saal qunnamtii ni hir’isa. Miirri ishee yeroo gadi bu’u fedhiin ishee faana waan baduuf, qaamaan itti dhiyaadhuu miira gaariitti akka deebitu godhi. Garuu yoo isheen wal qunnamtiidhaaf fedhii hin qabaanne hin rakkisiin. Karaa biraa ishee gammachiisuudhaan miira ishee deebsuufii ni dandeessa.
  5. Ishee waliin deemi.

Fayyaa hindhabinaa

 BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013

Recommended For You