Yeroo amma kana addunyaa keenyarratti tamboo xuuxuun babal’achaa jira. Ga’eessota qofaa osoo hintaane daa’immanii fi dubartootni hedduun araada tamboo xuuxuun qabamanii jiru.
Tamboo ofiin qabsiifatanii xuuxuu qofa osoo hintaane namoota tamboo aarsan yeroo isaan xuuxan bira turuufi namoota tamboo mana keessatti aarsan yeroo aarsan waliin taa’uunis miidhaa fayyaa hedduu namarraan geessissa.
Namoonni tamboo aarsuu maaliif eegaluu?
Namoonni hedduun tamboo aarsuu kan jalqaban umurii dargaggummaan dura (waggoota kudhanii haga digdamaa) yoo ta’u kan erga umuriin dargaggummaa darbee kan eegalan illee ni jiru. Akka qorannoowwan hedduun argisiisanitti tamboo aarsuu jalqabuuf kanneen akka sababaatti tarreeffaman keessaa:
1. Tamboo xuuxuu akka furmaata muddamuu (dhiphina) sammuufi aarii (anger) taasisanii fudhachuudhaan, namoonni yoo waa dhiphataniifi aaran, akkasumas gaddan, tamboo aarsuu eegaluu: Fakkeenyaaf hojiin loltummaafi kkf carraan tamboo aarsuu isaanii olka’aadha.
2. Tamboo aarsuu akka mallattoo ga’eessummaa, ofdanda’uu, bilisummaa sammuufi ammayyummaatti ilaalaaluudhaan fayyadamuu jalqabuu
3. Sababa dhiibbaa hiriyyootaa (peer pressure)fi maatii. Namoonni hiriyyoota tamboo aarsan waliin jiraataniifi maatiin isaanii tamboo aarsan carraa tamboo aarsuu jalqabuu isaanii olka’aadha.
4. Namoonni beekamoo ta’aniifi namoota hedduun jaallataman akka taatota fiilmiifi kanneen biroo tamboo yoo aarsan, daa’immaniif dargaggonni fakkeenyummaan waan fudhatanii fayyadamuu eegaluu malu
Miidhaaleen fayyaa tamboo aarsuun qaqqabsiisu keessa muraasni maal fa’ii?
Tamboo xuuxuun/aarsuun hammi isaa walcaalaa ta’us qaama keenya hundaa irratti miidhaa garmalee hamaa ta’e geessisa jechuun nidanda’ama. Akka dhaabbatni “National institute For Drug Abuse” jedhutti namoota dhukkuba kaansariin du’an keessaa harki 30 % ta’an sababa tambootiin kan ka’edha. Sirna qaamota keenyaa keessatti dhibee fayyaa dhufan keessaa warri hangafniifi muraasni:
* Kaansarii sombaa: Gosa kaanserii dhala namaa qabatu hunda keessaa kan yerooo ammaa kanatti nama baay’ee ajjeessuudhaan sadarkaa 1ffaa irra jiru kansarii sombaati. Namoota kansarii sombaan qabaman keessaa harki 87% warren tamboo fayyadamanidha. Kana jechuun salphaadhumatti namoonni kudhan yoo kaansarii sombaan du’an, kanneen keessaa namni sagal sababa tamboo aarsaniif kan qabamanidha jechuudha.
* Dhibeewwan sombaa kan ujummoolee sombaa ukkaamsuun/cufuun nama miidhan (obstructive lung disease) kan jedhaman: Dhukkuboota kana keessaas harka 80 (80%) kan ta’an sababa tamboo kan dhufanidha. Tamboo aarsuun dhukkuba asmii warreen duraan qabanitti illee dhukkubicha kan daran hammeessuudha.
* Dhukkuba onnee: Tamboo aarsuun ujummoolee onnee kanneen dhaaba onneef dhiiga rabsan (coronary artery) dhiphisuudhaan dhiigni akkka sirritti dhaaba onnee keenyaaf hindhaqqabne taasisuudhaan dhukkuba salphaatti onnee dadhabsiisuu (Coronary artery disease) danda’u fida.
* Dhukkuba Istirookii (stroke): Akkuma onnee irratti tassisu sammuu keessatti illee hiddoota dhiigaa sammuu keessatti argaman hubuudhaan, dhibee kanaan carraa qabamuu olkaasa.
* Dubartoota irratti carraa ulfa gadameessaan alaa (ectopic pregnancy) dabaluufi carraa mucaa godhachuu hir’isuu ni fida, Akkasumas haati ulfaa yoo kan tamboo fayyadamtu ta’e, daa’ima dhalatu iratti rakkoo garaagaraa akka: yeroon osoo hin ga’iin dhalachuu, ulfaatinni baay’ee xiqqaachuufi rakkoolee biroo illee geessisa.
* Kaansarii qaamota biroo kanneen baay’inaan kudhanii ol ta’an akka: afuuffee fincaanii, kaansarii ulaa gadameessaa, kaansarii rajiijii, kaansarii garaachaa, kaansarii tiruufi kanneen biroo hedduun carraa qabamuu dhala namaa tamboo fayyadamuun olkaasa.
Kana qofa osoo hin taane namoonni tamboo xuuxan ykn namoota xuuxan bira yeroo dheeraaf turan rakkoo fayyaa armaan gadiif dabalaan ni saaxilamu.
* Fedhii nyaataa ni hir’isa
* Qufaa yeroo dheeraaf wal irraa hincinne
* Dandeettii waa dhandhamuuf suufuu namaa ni hir’isa
* Dandeettii dhibee ofirraa ittisuu keenyaa ni hir’isa
* Namoota dhibee sukkaaraa qabaniif akka dhibeen sukkaaraa qaama isaanii miidhu godha
* Qabeenya ni qisaasessa
* Ilkaan keenyarratti miidhaa fida
Namoonni tamboo aarsan ykn fayyadaman marti dhukkuboota armaan oliin qabamuuf carraa walfakkaataa hin qabani. Namoonni yeroo dheeraadhaaf tamboo fayyadamaniifi guyyatti tamboo hedduu fayyadaman, kanneen yeroo gabaabaafi tamboo muraasa guyyaatti fayyadaman caalaatti carraa dhukkuboota armaan olii kanaan qabamuu qabu.
Namni tamboo fayyadamu tokko har’aa kaasee yoo tamboo aarsuu dhaabe maal fayyadamaa?
Tamboo namoonni fayyadaman miidhaa isaa baranii yoo guutummaa guutuutti addaan dhaaban maal fayyadamu kan jedhuuf, carraan dhukkuboota sababa tamboo xuuxuun dhufanii baayyee gadi bu’aa deema. Haaluma kanaan:
* Tamboo fayyadamuu dhaabanii wagga 1 booda, carraan dhukkuba onneen qabamuu hedduu gadi bu’a
* Erga tamboo fayyadamuu dhaabanii booda waggaa sadii booda carraan dhukkuba sammuu keessati dhiiguun qabamuu kanneen tamboo hinfayyadamne waliin walqixa ta’a.
* Carraan kaansarii soombaan qabamuu ammoo erga tamboo fayyadamuu dhaabanii wagga kudhanii booda walakkadhaan qofaan gadi bu’a.
* Carraan kaanseroota biroo (kanserii sombaa osoo hin dabalatiin) waaggaa shaniif tamboo erga dhaabanii booda walakkaadhaan gadi bu’a.
Kanaafuu tamboo xuuxuu dhiisuu keenyaafi tambooo xuuxuu dhaabuu keenyaan ofii keenya, maatii keenya,hawaasa keenya rakkoofi miidhama guddaa irraa oolchina
Namni tokko tamboo xuuxuu dhaabuuf maalgochuu qaba?
* Xuuxuu dhiisuun akka danda’amu sammuu ofii amansiisuu
* Bakka itti duraan xuuxan fagaachuu, afaan ofii keessa waan akka rigaa kaa’achuu
* Namoota tamboo xuuxan waliin yeroo dabarsuu irraa ofqusachuu, namooti wajjin jiraattu ammoo si biratti tamboo akka hin xuuxne gargaarsa gaafachuu.
* Namoota araada tamboo irraa fagaachuuf (tamboo dhiisuuf) yaalaa jiran waliin yeroo dabarsuu fi waliin haasa’uu, waljajjabeessuu.
* Qaamaaf sammuu ofii hojiidhaan ko’oommachiisuu (busy gochuu), akkasumas sochii qaamaa taasisuu. Sochii qaamaa kanas torbanitti guyyaa 3 haga 4, daqiiqaa 30-40 taasisuufi kkf fayyadamuudhaan ofgargaaruu dandeenya.
Walumaa galatti kana irraa kan hubannu namni tokko battaluma tamboo xuuxuu dhaabe irraa eegalee lubbuun isaaf gumaacha guddaa godhe jechuudha.
Haa ta’u malee eeguma tamboo aarsuu dhiisanii illee waggoota hedduudhaaf carraan dhukkuboota tamboon namatti fiduu kanaan qabamuu ni jira. Kanaaf kan tamboo hin aarsine tasuma eegaluu dhiisuudha, kan aarsu ammoo hatattamaan dhaabuun furmaata
Fayyaa hindhabinaa
Bariissaa Adoolessa 24/2013