Mataduree kana nan ergifadhe. Bakkan ergifadhee beektu. Moggaasa albamii Artisti Haacaaluuti. Jildii.3fa ; kan torbee kana eebbifame. Beekaarraa fi tujaararraa waa ergifatu.
Haceen goota Oromooti. Abbaa xiiqiiti; xiiqii dhiira. Kanaaf wareegame. Inni hin duune. Sammuu dhalootaa keessatti godoo ijaarrateera. Kan jiru ni jaja. Kan dhufu ni ajaa’ibsiifata. Fakkeenya taasifata (role model). “Goota koo boolla kee daadhiin haa guutu.”
Ka’umsi koo dhimma Haacaaluu odeessuuf miti. Isa odeessinee dadhabneerra. Albamiisaa haarawaa kanas qaaccessuufis miti. Beektonni qaaccessaa (critique) hedduutu jiru. Isaanuma eeguu wayya. Garuu gaafa guyyaa gootaa, goota osoo maqaa hindhahiin kan bira taru lugna; sodaattuudha.
Moggaasni Albamii goota kanaa waan hedduu nama yaachisa. Kan darbe qofa osoo hin taane kan har’aa. Kan har’aa qofa miti kan boruus. Duubas fuulduras yaada walitti gooduudha.“Maal mallisaan. Haceen duubatti qaari’aatii hanga waggaa 150 ilaalaa jedha. Har’a qotaa sakatta’aa jedha. Karoora boruu tilmaamaa jedha. Isaan booda maal mallisaa? Kanaaf yaa ummata Oromoo maal malli kee? Yaa jaarmiyaalee Oromoo maal falli kee? Mala dhahuuniifi fala fiduun dirqama dhaloota kanaati.
Taateen guyyaa guyyaan mul’atu raagduudha. Kan nama yaachisu ba’aan biyya kanaa, rakkoon bara baraa ummata kanarratti akka hin kufnedha. Wiirtuun harkistuu (center of gravity) biyya kanaa Oromiyaadha. Gaariishii dhandhamachuu baannullee hadhaan rakkoo biyya kanaa hawaasa Oromoo hin hanqatu; jaalannus jibbinus. Kanaaf maal mallisaa?
Rakkoo baayyee qabna; akka dhuunfaattis akka hawaasaattis. Dallaa rakkoo keessa jirra. Ummata kana dallaa rakkoo itti ijaaraniiru; sanaayyuu dallawaa qoree kan akka salphaatti keessaa hin bahamne. Rakkoon ollaa Oromoo jiru Oromoof carraa miti. Laafinsi tokkummaa ummata kanaa rakkoo isa ijoodha. Tarsiimoofi taaktika diinaatiif bareedee kan tolfamedha.
Oromoon naannummaa hin qabu; akka ummataatti. Garuu baroota taran dallaan naannummaa itti ijaarameera. Naannummaan shira diinaati. Akeeka ummata guddaa kana ittiin qoodanii of jalatti bulchaniidha. Jecha muumicha ministraa durii Mallasaa Zeenaawwii tokko yeroo hundan yaadadha. “ yoo barbaachisaa ta’e guddaa xiqqeeessun, bal’aa dhiphisuun ni danda’ama” kan jedhu.
Tarsiimoo kana kan bara Wayyaanee Oromoorratti raawwachaa ture. Naannummaan adda qoodanii Oromoo xiqqeessuu, Oromiyaa dhiphisuu. Dallaan naannummaa kan tolchamaa tureef kanaaf. Oromoon mala wallaalee kiyyoo kanatti gale lakkoofsaan xiqqaa miti. Gochaan kana mul’isee jira. Yaadaan kan sammuu keessaa qabu heddu. Kanaaf maal mallisaa? Akkamitti gochi kun haqama? Akkamitti sammuun gandummaarraa bilisoomna?
Dallaan naannummaa tun waan hedduuf da’oo taate, da’oo dadhabdootaafi daldaltoota faayidaa. Kan waan tokko jaallatee keessa seene yoo tasa dadhabinasaatiin bahe “ ani waanan …ta’eef” jedhee manaaga. Namni gaafa waan tokkoon qeeqame utaalee gandatti galee “ani waanan…dhaladheef” jedha aangoodhuma ergisaa bara kanaa warri qabatan yoo tessoorraa kafaman dafanii bakki itti dheeffan naannoosaaniti.
Kanaaf maal mallisaa? jalaa qabuu dhiisuudha. Rakkoosaa kan hanga tuullaa olguddatee mul’atu sana itti himuudha. Qaanessuu!
Dallaan biraa oromootatti jiran dallaa amantaati. Akka carraa ta’ee Oromoon amantaa adda addaa hordofa. Hordofuunsaas rakkoo miti. Ortodoksii ta’uun Oromummaan hin mormu. Musiliima ta’uun Oromummaa nama hinjibbisiisu. Pirotestaantii ta’uufi Oromummaan wal-hinjeequ. Waaqeffannaa qofti Oromoo nama hintaasisu.
Kaatoolikiinis akkasuma. Jarri garuu dallaa kanaanis Oromoo qooduu barbaadu. Akkuma Gujii, Boorana, Tuulama, Macca, Ituu… jedhanii dallaa gandummaa ijaaran ortodoksii, islaama, pheenxee… jedhanii asiif achi qoqqooduuf yaaliin taasisamu kan akeeka bara dheeraa qabuudha.
Kaan dhiiga ofii ofirraa dhiibanii alagaa firoomfatanii Oromoo ittiin qooduuf yaalan ni jiru? Kana ittisuuf mala barbaachisa. Maal mallisaa?
Fedhiin aangoo rakkina isa biraati. Qabsoon siyaasaa kan taasisamu aangoo qabachuuf akka ta’e namni hingalleef hi jiru. Aangoo kan qabatu ummata. Namni dhuunfaa ummata bakka bu’ee teessoo kora.
Qabsoon kaayyoo dhuunfaatiif oolu shiftummaadha. Qabsoo ummataa keessatti warri kaayyoo dhuunfaa dursan ni jiru. Aangoof jecha dabarsanii walkenuutu mul’ata. Maallaqaaf jecha ummata ganuun ni jira. Maal mallisaa? Hundi hayyu duree ta’uu danda’aa? Marti Ministira Muummicha, Ministra, Bulchaa ta’uu qabaa? Fedhii ummataa daheeffatanii aangoo dhuunfaaf waldiiguu, walajjeesuufi ajjeechisiisuu Oromoo eessaan gaha?
Kanaaf maal mallisaa? jedhanii walgaafachuun waan sirriidha. Ammas maali mallisaa? Akkamitti giingoo yaadaa (vicious circle) keessaa bahama? Maali mallisaa? Har’a Maali mallisaa? Irra deddeebinee of haa gaafannu. Nama gaafachuun dura ofgaafatanii ifatti bahuutu gaariidha.
Baay’inni ummata Oromoo carraadha moo sodaadha? Namoonni tokko tokko ni gaafatu. Anis nan gaafadha. Baay’achuun rakkoos ciminas ni qaba. Ani akka sodaatti hin ilaalu. Rakkoon baay’ina kanatti fayyadamuu dadhabuudha. Gara carraatti jijjiiranii hanga barbaadamuun bu’aa qabeessa taasisuu dhabuudha. Hanga baay’ina lakkoofsa ummata Oromootiin qoonni ummanni kun biyya kana keessatti qabaachaa ture gadaanaadha. Ammas taanaan gahaa miti. Ummati baay’ina ummata biyyattii keessaa hanga %40 hanga %45 qabu bakka bu’ummaan caasaa mootummaa federaalawaa keessaa qabu lakkoofsa kanaan kan walgitu miti.
Qoodinsa leencalloo biyyattii keessaa kan itti gumeechu malee kan irraa argatu garaagarummaa guddaa qaba, waan hedduu gumeechee waan xiqqaa argata. Bu’uurri misoomaa naannichaa gadaanaadha. Dhaabbileen fayyaa, manneen barnootaa, diriirsa daandii, telekoominikeeshinii ….ilaallata. Kanaa maqsuuf malli dhahamuu qaba.
Ummatichi qabeenyaa uumamni badhaaste keessa jiraachaa rakkachaa jira. Bunni biyya kanarraa gabaa addunyaatiif dhihaatu Oromiyaatu biqilcha. Kan bunarraa badhaadhee garuu Oromoo miti. Oromoon omishuu malee faaydaan irraa argatu qicaadha.
Kaan yoo irraa budduukfatu Oromoo qicaatu gaha. Albudaaleen biyya kanaa eenyu sooromsanii eenyu rakkoo hawaas-dinagdeef akka saaxilan faalaminsi Laga Dambiitti uumamee Oromoota naannawa sanaa qaama hir’ise fakkeenya gaariidha. Fuduraafi muduraa, midhaan dheedhii omishee daldalaa qaama biraatiif dabarsuun ala faayidaan ummatichaa xiqqaadha. Kanaaf maal mallisaa? jedhamee gaafachuufi walgaafachuuf dirqama ta’a. Haceenis “maal mallisaa?” yoo jedhee boolla keessaa weellisu, weelisa qofaaf miti. Akka warri lubbuun jiran itti yaadaniifi.
T0kkummaan Oromoo kun sadarkaa maaliirra jira? ‘ kaan biyyeen nyaatee, tuun biyyaa baatee’ jedhan bara Wayyaaneen Oromoorratti duguuggaa sanyii raawwataa turte sana. Wayyaaneen ammas diina Oromooti. Dhiigni Oromoo irra jira. Gumaa hin baasne. Ummata Tigraayiin garuu anaaf addummaa qabu. Ummata sana nan beeka. Akkuma Ummata Oromoo, Amaaraa, Sidaamaa, Somaalee… ummta jireenyi itti dhundhulteedha. Tasan dubbii keessa make malee ajandaan koo dhimma “tokkumaa” ummata Oromooti.
Yoo Oromoon walitti dhufuuf jedhee hawaasni gammadu shirri itti malamee adda fageeffama. Ilaalcha siyaasatiin akka qoodamu ta’a. Amantaan akka ciccitu ta’a. Gandummaan akka ijaarmu deeggarama. Garuu akkamitti shira kana fashaleessuun danda’ama? Mala barbaada. Mala beektotaa, yaada ogeessotaa, marii ummataa fedha. .
Oromoon albamii Haacaaluu bal’inaan bitateera. Kun karaa adda addaatiin dhagaheera. Oromoon sirba kana dhagahee, sirbee ykn gaddee manatti galee taa’uu hin qabu. Mala dhahuu qaba. Gaaffii kanaaf deebii quubsaa barbaaduutu irraa eegama. Foormulaa haaarawaa baasuutu dirqii ta’e.
Herrega deebii dhabee “maal mallisaa?” jedhame kanaaf foormulaa adda addaatiin yaaluu qabna. Foormulaan gaaffii Haacaaluu deebisu bahuu qaba. Gaafas lubbuun Haacaaluu nagaa aragatti. Gaafa malli argame Oromoon walitti deebinee weelluu Haacaaluu kanaan bashannana. Hangasitti irbuutu dhaloota kanarra jira. Nama irbuu wareegamtootaa ofirraa baasu nu haa taasisu.
Torban gaarii!
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013