Xoobbiyaafi Ijibtii: Hariiroo kaleessaafi har’aa

 Jidduu kana kitaaba tokkon dubbisaa ture. Kitaabni kun waa’ee walitti dhufeenya Xoobbiyaafi Ijiptiin waggoota dheeraaf qaban balballoomsa. Hariiroon biyyoota lamaanii kun kan tureedha.  Gaariis yaraas of keessaa qaba.  Kitaaba kana yeroo ammaa, yeroo ajandaa biyyoota lamaanii isaan bira taree dubbii ijoo biyyoota biroo ta’e kanatti argee, dubbisuun koo guddaa natti tole. Dubbisee dhiisuu hinbarbaanne. Maamiloota koo torbaniin Gaazexaa Bariisarratti  ana eeganiifis qooduun  murteesse. Ka’umsa kitaaba kanaarratti hundaa’uun yaadawwan biroos walitti coruuf yaaleera. Maalumaafuu hanga hima dhumaatti waliin haa fullaanu.

Walitti dhufeenyi Xoobbiyaafi Ijibtiin qaban kan yeroo dhihootii miti. Silaa hanga umurii laga Abbayyaati jedhuun ni danda’ama. Inni fagoo fuguuguudha. Kanaaf, asuma siksinee haa ilaallu. Hariiroo eddii biyyi biyya taatee, daangaan sararamtee seerriifi heerri itti ba’ee qabeenyaatti fayyadamuu jalqabdee as haa ilaallu.

Ijiibti  laga  Naayilitti fayyadamuu eddii jalqabdee barri asii miti. Gama kanaan Xoobbiyaa akka dursitu beekamaadha. Lagichi bishaan danuu laga  Abbayyaa Gurraacha kan Xoobbiyaa keessaa madduun utubama. Biyyee gurraacha gabbataa baatee itti godaana. Xoobbiyyaan yeroo dheeraaf laga kana maddisiisuu malee itti fayyadamtee hinbeektu. Biraa beeloft; biraa dheebotti.

Ijiibtiin garuu osoo bishaan  copha tokko laga kanaaf hingumeessin akka abbaatti of ilaalaa turte. Eeyyama ishii malee biyyoonni sulula yaa’ii laga Naayiil gara olii jiran akka itti hinfayyadamne seera adda addaa tolfattee addunyaarratti raggaasifattee itti fayyadamaa turte.  Biyyoota kanneen sossodaachisaallee turte; Xoobbiyaa dabalatee. Kanaaf, Biyyi Ingilizii, impaayerri Otomaan-Turkii  biyyoonni koloneeffattootaafi michuu Ijiptiifi Suudaan kan ta’an guddaa deeggaraniiru. Biyyoonni Awurooppaafi Ameerikaanillee irra caala Ijiptiif loogaa turan.

 Dhugaa dubbachuun gaariidha. Ijiibtiin karaa adda addaatiin Xoobbiyaarra humna qabdi turte. Seenaa ambaa duriitiin Xoobbiyyaarra beekamtuudha.  Kalaqa (technology) durii keessatti iddoo guddaa qabdi. Sadarkaa qaroominaatiin  biyyoota durdurii qarooman sana keessa jirti. Dinagdeedhaan, siyaasaan, hariiroo biyyoota dinagdeedhaan badhaadhanii wajjin qabdu jabaadha. Jarreen kun warra humna qabniidha. Warra qawwee qaban, warra diinagdeedhaan badhaadaniidha. Mootummoonni jarri kun deeggeran ammoo kufanii hinkufan. Kanaaf humna duraan jiru kana walitti kuufachuudhaan Xoobbiyaarratti dhiibbaa taasisaa turte. Karaa nagayaa caala humnaan Abisiiniyaa har’a xoobbiyaa jedhamte tana ofjalatti kuffisuuf yaalii guddaa taasisaa turte.  Sababa kanaanis yeroo adda addaatti Ijiptiiifi Abisiiniyaan walitti bu’iinsi hedduun raawwateera. Seenaarra waa xiqqoo caqasee gara dubbii ijootti haa deebi’u.

Ijibtiin bara mootii K. Ismaa’el biyyoota gaanfa Afriikaa Suudaaniifi Xoobbiyaa ofitti dabaluudhaan impaayeera Misiri guddoo ijaaruuf yaalii guddaa taasisteetti. Keessattuu biyya lagni Abbayyaa keessaa maddu to’annoo jala oolchuuf Aabbisiniyaa karaa bahaafi kaabatiin akkasumas weeraruuf yaalii hedduu gooteetti. Gama kanaan ALA bara 1875 lafa har’a biyya Eertiraa keessa jiru bakka Gundati jedhamutti walwwaraanni guyyaa lamaa gaggeeffamee Aabisiniiyaan akka irra aante seenaan ni ibsa.

Baruma mootii kanaa bara 1876 ammas  bakka Guraa jedhamutti  waraanni guyyoota muraasaa Abisiniiyaafi loltoota Ijibtii gidduutti gaggeeffamee injifannoon kan Abisiiniyaa akka ta’e himama. Kana malees karaa bahaa qarqara galaan Diimaafi Sulula  Eden qabachuudhaan biyya Abisiiniyaa to’achuuf tattaaffii guddaa gooteetti. Yeroo kanatti meeshaalee waraanaa warra Auwurooppaa qofa osoo hintaane loltoota isaanii bituufi qacaruudhaan, gaggeessitoota waraanaa waammachuudhaan naannawaa kana ofjalatti bulchuuf yaalii guddaa gootee turte. Garuu tokkonillee milkaa’uu hindandeenye. Karaa nagayaatiin yaaliin mootota ofitti qabuufi ofirraa dhiibuun taasistes bu’aa malee hafe.   

Walittidhufeenyiifi waldiddaan Xoobbiyaafi Ijibtii jidduu jiru kan dhaloota har’aa qofaa miti.  Kan olka’ee dubbatameefi qaamolee hedduu hirmaachise, garuu, waggoota 10nii asi; eddii ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Laga Abbayyaarratti jalqabamee asi. Kan sodaatan du’aa kan hinoolles du’a jedhu warri keenya. Ijibti kan sodaachaa turte waan tokkoodha. Xoobbiyaan gaaf tokko humna godhattee bishaan bara dheeraaf sodaafi yaaddoo malee itti fayyadamaa turte akka irraa qooddattu ni beekti. Kunimmoo akkuma du’aa sana umurii lakkaa’ee dhufe.  Mootummaan Xoobbiyaa bara 2004 ijaarsa hidha haaromsa guddichaa jalqabe.

 Kun ummata Xoobiyaatiif gammachuu guddaa ture. Maaliifi? Hidhichi hiika adda addaa waan qabuufi. Jalqabarratti Xoobbiyaan humna horachuushii mul’ise; humna qabeenyaa uumamaashiitti fayyadamuu. Lameessoorratti bifa biyyattii jijjiire. Biyyi gadadoodhaan bara dheeraaf beekamtu mul’ata guddaan gadi ba’uusaati.  Hidha guddicha sadarkaa Afriikaarratti qofa osoo hintaane sadarkaa addunyaatti maqaa guddaa qabu ijaaruuf yaaduun waan ajaa’ibaa ture. Sadeessoorratti Xoobbiyaan yoo keessoonshii nagaa ta’e akka  biyya guddoo taatu addunyaatti dhaame. Kanaafi kanneen kana fakkaatan kan ummata Xoobbiyaa gammachiise. 

Gama biraan Mootummaa Ijiptii naasuu keessa galche. Ummanni Ijiptii waan kanatti gadde jechuun na rakkisa. Haa ta’u malee gammachuudhaan fudhate jechuunis rakkisaadha.   Pireezidaantii Ijibti yeroo sanaa kan ture Mahaammad Muursiin Xoobbiyaa sossodaachiisuuf yaalii godheera. “Filannoon hunduu Minjaalarra jira” jedhee dubbatees jira. Nagaafi humna jechuusaati. Warri keenya isa hindhageenye.  Fokkorrisaa bilaashuma ta’ee innuu aangorraa ar’atamee booda mana hidhaatti lubbuunsaa darbe.

Akka qondaaloti Ijibtii  sodaachisaa turaniin silaa ijaarsi hidha kanaa hinjalqabamu ture. Garuu kutannoofi murannoo jiruun bu’uurri kaa’ame. Amma raawwiin ijaarsasaa dhiibbeenta 80 olirra gaheera. Dhimmichi waan mootummaan Ijiptii yaadaa turee ol gaheera. Garuu ammallee Ijibti tattaaffii hindhiisne; wixxirfchuu hindhaabne.  Humnaanis ta’e gama dippiloomaasitiin faayidaa ummata Xoobbiyaa dura dhaabbachuuf yaalii adda addaa gochaa jirti.

Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u sochii pirezidaantiin biyyattii Abdellaa Fattaa Alsiisiifi dippiloomaatonni biyyattii taasisaa jiraniidha. Akkuma beekamu, Ijibtiiin amma ijaarsa hidha kanaa karaa kamiinuu dhaabuu ykn taaggolchuu akka hindandeenye hubatteetti. Kanaaf carraan qabdu akka hidhichi dafee hinxumuramne taasisuu, yeroon bishaan itti guutamu akka dheeratu gochuu, sababa ongeefi haala adda addaatiin bishaan  Xoobbiyaa keessaa yaa’u yoo hir’ate akka gadi lakkifamuufi kkf ilaalchisee Xoobbiyaa waliigaltee kiyyeessaa keessa seensisuudha.

Namoota tokko tokkoof yaadni Ijiptii kun salphaa itti fakkaata; warra gabaabsanii yaadaniif. Mootummaan Ijiipti kan yaadaa jiru boruufi ykn waggaa 10f miti. Faayidaa dhaloota tokkoo osoo hintaane kan dhaloota hedduu kabachiisuufi. Gaafa isaan kana yaadan ammoo nullee akka biyyaatti fageessinee dhaloota bara baraan dhufaniif yaaduun barbaachisaadha. Kanaaf haala kamiinuu harka miciiramnee waliigaltee biyyaafi dhaloota hinfayyadne keessa galuun gonkumaa hinbarbaachisu.

Oliigadi kaannaan mootummaa Ijibtii amma itti jiru kun sirriitti xiinxalamuu qaba. Suudaan biyya keenya waliin dhaabbachaa turte deebisanii gareesaanii taasifataniiru. Geengoon dipploomaatoonni Ijiptiii Afriikaa Bahaa keessatti nutti geengessaa jiranis dubbii akka salphaatti ilaalamuu hinqabneedha.  Ijbtirra caala nutti dhihaatti. Keeniyaan olla keenya malee kan Ijibtiii miti. Biyyoonni yaa’a laga Abbayyaa kan gara olii jiraniif kan fayyadu tarkaanfii Xoobbiyaan fedhatteedha malee kan Ijibtiiin miti. Kun hojii dipploomaasii cimmaan deeggaramuu qaba.

Kanaaf,  karaa lamaan of cimsuun barbaachisaadha, karaa keessootiifi falmii dippiloomaasiitiin. Karaa keessoo walqooduu, waldiiguu, walkuffisuurra walijaaruu, waldanda’uufi waliin hiriiruun dursuu qaba. Yoo nuti karaa saaqneef malee dhugaa akka biyyaattis akka ummataattis qabnu eenyuu nurraa fudhachuu hindanda’u. Nuti walqoodnee, nagaa waldhorknee olaantummaa Ijiptiiif carraa saaquu hinqabnu. Tokkummaa yaadaa kan faayidaa biyyaa dursutu barbaachisa. Araaratu bu’uu qaba.

Ittaansuudhaan falmii dippiloomaasii idila addunyaarratti cimanii dhihaachuudha. Biyyoonni olla keenyaa dhimma kana akka hubataniifi dhugaa uumamaan qabnu maddii akka dhaabbatan gochuun barbaachisaadha. Ollaan waliif kafana waan ta’eef. Ittaansuudhaan biyyoota Afriikaa ofmaddii hiriisrsuuf duulli dippiloomaasii jalqabame cimee itti fufuu qaba. Sadeessoorratti biyyoota addunyaa kanneen humna qaban, kan dhiibbaa dinagdeefi siyaasatiin nama sodaachisan kanas arrabsoon osoo hinta’in hubannoo uumuufi hubachiisuudhaan dhugaa ummata Xoobbiyaa akka deggeran cimanii hojjechuun barbaachisaadha.

Keessoo keenya yoo sirreeffanne kan Ijibti salphaada. Ana Ijbtirraa kan keessoo keenyatu na yaachisa. Ijibti jaarraa 21fa keessaa akka jaarraa 19fa sanatti ni yaaddi hinjedhu. Yoo yaaddes kan sanaan oliitu ishii quunnama, yoo tokkumaa qabaanne. Yoo tokkummaa dhabne mirga ummata kanaa dabrsinee kennuuf deemna. Kanaaf taa’anii itti yaaduun gaariidha.  

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You