Finfinnee: Magaalaa guyyaa guyyaan miidhagaa jirtu

Har’a xiyyeeffannaan koo magaalaa Finfinnee ilaallata. Finfinneen kan eenyuti jedhee isin hin gaafadhu. Isinuu waan beektaniif. Garuu Finfinneen maal qabdi? Maal dhabde jedhee of gaafadheera. Wantoota tokko tokkos ilaaluufis yaaleera. Wal haa hordofnu.

 Ka’umsi koo jecharraayi. Jecha ’magaalaa guddoo’ jedhu kana nuti ‘capital city’ n bakka buufannedha. Jechoonni lamaan waan walgitan natti hin fakkaatu.  Irra caala ‘magaalaa muummee’ kan jedhutu mijataadha jedheen yaada. Yaadni ‘capital city’ jedhu  guddina magaalaa qofa hin mul’isu.  Magaalittiin  teessoo mootummaa ykn qama mootummaa kan hooggansi siyaasaa irraa madduu ta’uu hima.

Finfinneen magaalota Addunyaarra jiran wajjin yoo walbiratti ilaalamtu xiqishuudha. Garuu sadarkaan (status) ishii magaalota guguddoo hedduu caala. Akkamitti? 

Finfinnee akka magaalaa muummee Xoobbiyaatti. Bakki Finfinnee jedhamuun magaalaa muummee Xoobbiyaa ta’e kun bara Minilik dura lafa Oromoon qotee xaafiifi qamadii irraa oomishu, lafa loon irratti horsiisee aannan irraa dhugu ture. Booda Minilik dhufee Waraana irra qubsiise.  Jaartiinsaa   bara 1878 ‘Addiis Ababaa’ jechuudhaan maqaa haarawa itti moggaaste. Afaan oromootiin ‘Ilillii haarawa’  jechuudha. Achumaan teessoo mootummaa  biyyattii taate.  Bara sanaa kaastee magaalattiin Oromoo ofirraa dhiibuu jalqabde. Faallaasaatiin ummata biraa ofirra qubachiiste. Maqaawwan gandoota ishiis irraa jalaan Afaan Oromoorraa gara Afaan biraatti jijjiiraman. Aadaan ummataas liqimfamee kan biraatiin bakka bu’e. Kun hanga ammaa Oromoof madaadha.

Magaalattiin Oromoorratti guddachaa dhufte. Magaalaa muummee biyyattiis taatee waggaa 135f tajaajilteetti. Kunimmoo addunyaarratti beekamtii guddaa kennisiisefiira.

Finfinnee akka magaalaa muummee Naannoo Oromiyaatti. Caasaan ijaarama  Xoobbiyaan hanga bara 1983tti ‘kutaa biyyaa’ jedhamuun beekama. Kutaan biyyaa kun bara Minilikiin booda ummata biyyattii gargar qoodanii bituuf kan tolfame fakkaata. Yeroo wayyaaneen dura Finfinneen teessoo qaama mootummaa lamaa turte. Inni duraa magaalaa mummee biyyattiiti.  Kan itti aanu magaalaa mummee kutaa biyyaa Showaa jedhamuu kan Oromoo, Amaaraa, Guraagee Kambaataa, Haadiyyaa… walitti hidhee dirqamaan Afaan Amaaraa dubbachiisu ture.  

Bara 1984 irraa eegalee biyyi tun caasaa biraatiin ijaaramte; caasaa naannoo jedhuun. Dura biyyaatiin naannolee 14tti qoodamte. Finfinneen naannoo 14 turte. Yeroo kana aangoonishii gara sadiitti ol guddate. Finfinnee- tessoo motummaa federaalawaa, tessoo bulchiinsa naannoo 4 (naannoo Oromiyaa) fi Teessoo bulchiinsa naannoo 14.  Bara 1988 nannoleen gara 9 gadi siqan.  Yeroo kana eegalee magaalattiin teessoo mootummaa federaalawaafi naannoo Oromiyaa taatee  hanga ammaatti jirti.  Teessoo naannoo Oromiyaa ta’uunshii  beekamtii dabaleefiira.  Naannoo Oromiyaa jechuun naannoo bal’aa omishtiifi albuunni guddaan keessatti argamu kan investaroonni adda addaa keessa shokoksaa oolan waan ta’eef. 

 Magaalaa muummee naannoo Oromiyaa ta’uunshii   Oromooniifi aadaan oromoo dura ofirraa dhiibaa turte akka itti deebi’an waan taasiseef simbooshii ganamaa  kan duraanii hanga tokko deebiseera. Afaan Oromoo bal’inaan keessatti dubbatamuu jalqabeera. Galmi aadaa Oromoo himu keessatti ijaaramuunsaa calaqqii Oromoo dabaleefiira. Horri Finfinnee deebi’ee keessatti kabajamuunsaa beekamtii Finfinnee hanga tokko ol kaaseera.  Haa ta’u malee ammallee Finfinneen abbaa magaalattii, Oromoo, hin fakkaanne. 

Finfinnee magaala muummee Afriikaanotaati. Finfinneen carra qabeettiidha. Magaalaa muummee Xoobbiyaa qofaa miti. Magaalaa Naannoo Oromiyaa qofaas miti. Magaalota biyyoota Afriikaa 54ti. Magaalaa addunyaatis jechuun ni danda’ama. Jalqabarraa eegaltee teessoo Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa ( amma Gamtaa Afriikaa) ti. Afrikaanonni keessatti walgahu. Dhimma ardii kanaarratti mar’iatu, murtii dabarsu. Biyyoonni Afrikaa hedduun murtii Finfinneetti ta’eefi deeggersa Finfinneetiin koloneeffattoota jalaa bilisa  bahaniiru.

Finfinneen teessoo Komishinii Dinagdee Afrikaa (‘ECA’) ta’uunshii magaalaa addunyummaa gonfachiiseera.

Finfinneen amma maqaashii geessii? Akkumma gubbanatti kaase Finfinneen maqaanshii guddaadha. Garuu amma maqaa ishii geessii jennee kan walgaafannu yoo ta’e wanti hedduun akka hafu irratti waliigalamuun ni danda’a.  Magaala tokko kan magaala taasisan keessaa wantooti ijoon ijaarsaaleedha.   Bu’uuraalee misoomaa akka daandii, teeleekomunikeeshinii, humna ibsaa, bishaan, tajaajila geejibaa akkasumas hooteela, iddoowwan bashannanaafi kkf gama kanaan ni eeramu. Finfinneen gama kanaan fooyya’ina qabaattullee waan hedduutu ishii hafa.

Haa ta’u malee jijjiramni  mulachaa jiran kan haalamanii miti. Ani magaalaa kana yoo xiqqaate waggota 35f keessa jiraadheera. Garee ‘Addis Ababee’ ofiin jedhan sanarraa sartafikeeta hin barbaadu, silaa anatu isaaniif sartafikkeeta kennaaf ture. Kanaaf namoota jijjirama Finfinnee ragaa bahan keessaa ani tokkon ofiin jedha. Jijjiramni waggoota lamaan darbanii ammo kan abdii namaaf kennuudha. Paarkiiwwan ijaaramaa jiran, iddoowwan bashannanaa tolfaman, daandiiwwan haalli ittiin miidhagaa jiran, gamoowwan magaala keessa dhaabbatan  kan dur Tvn biyya alaatti agarru sanaan walfakkaatu.         

Gama miidhagina magaalaatiin misoomni qarqara laggeewwan Finfinneefi proojeektiiwwan walqabatan haala kamiinuu kan dinqisiifamaniidha. Paarkiiwwan ijaaramaa jiran magaalattii miidhagina addaa uwwisaniiru. Paarkiiin Tokkummaa kan masaraa keessatti ijaarame waan bareedaadha. Suuraawwan ekeraa paarkii keessa taa’an sanarratti akka nama dhuunfaatti fedii dhabuun koo akkuma jirutti ta’ee,haalli itti ijaarame, wantooti aammate jiru hedduun nama kamiinuu fudhatama ni dhaba jedhee hin yaadu. Lafti kosiifi dhiiga namaatiin xuraa’e sun haala kanaan qulqullaa’e bakka qalbiin namaa itti shororkeeffamtu osoo hin taane itti boqattu ta’uunsaa beekamtii argachuu qaba. .

Addabaabaayiin ‘Wadaajinnat’ jedhamee moggaafame kan fuuldura masaraatti argamu  fuullee miidhagaa  nama hawwatu keessaa isa tokkodha. Addabaabaayii kana galgalaafi ganama maddiisanaan darba. Dhugaa dubbachuuf naannawa qalbiin namaa itti qabbanaa’u, tasgabbaa’uudha.  Osoo keessa hin seeniin halaalaayyuu yoo ilaalan namni waan arguun itti boqota- osoo deemuu, osoo yaaduu; osoo hojjatuu.

 Osoo akka kootitii addabaabaayichi Dhakaa Araaraa jedhamee osoo moggaafamee gaarii ture. Tokko maqaa lafa sanaati- seena qabeessa.  Hanga bara diigamuutti manni bashannanaa  gandaa kan maqaa Dhakaa Araaraa jedhuun moggaafamte daandii maddii turuushii nan beeka. Maqaan kun maqaa dhalootaa naannoo kanaa kan oromoon ittiin waamudha. Inni lammataa hiika inni qabuudha. Dhakaa Araaraa- bakka nagaa, walii galtee,  haqaa, jaalalaa, gammachuu…ti. Namni yoo araara qabaate michooma.

Paarkiin Inxooxxoo kan qarree Gullallee gubbaatti ijaaramellee miidhagina Finfinneetiif gomfoo gaariidha. Bakki kun bakka qilleensi faalla’aan hin jirre, bakka sagaleen nama jeequ hin jirre iddoo qabbanaa’aa sammuuti yoo jedhame soba hin ta’u.  Haalli daandiin Charchil itti miidhagaa jiru, haalli addabaabaayiin Ummataa bareedee ijaarame, halli daandiiwwan lafoo mijataa jiran, halli magalattii akka duriishii magariituu taasisuuf yaalamaa jiru hojii dansaa qaamni kamuu qalbii qajeelaan ilaaluu qabuudha. Qaamni yaada kana maddisiise, kan hojjat hunduu anaaf seenaa guddaa akka siidaatti tajaajilu lafa kaawwataniiru.  

Magaalaan Finfinnee guyyaa guyyaan jijjiramaa jiraattullee wantoonni hedduun ishii hafu. Wantooti sirraa’uu qabanillee ni jiru.

Fakkeenyaaf ijaarsa daandii konkolaataafi lafoo haa ilaallu. Mallattoowwan jiran gaariidha. Garuu har’a ijaaranii boru daandii bareeda maallaqni guddaan itti dhangala’e ennaa diigamu arguun bakka hedduutti mul’ata.  Keessattuu caasaaleen mootummaa akka teelekomunikeeshinii, Bishaaniifi dhangala’a, humna ibsaafi abbaan taayitaa daandii hojii hojjetan waliin mari’achaa ykn waldubbisaa waan deeman hin fakkaatu. Daandii haala gaariin ijaaramee tajaajila jalqabe  teeleen ykn humni ibsaa  ykn waajjirri bishaanii dhufee ni diiga. Bu’uurri misoomaa ijaarame ni buqqa’a. Koobil istooniin hirmaannaa ummataatiin hojjatame ni diigama. Kun rakkoo guddaa magaalaa keessatti mul’atuudha.  Waan qindoominaan hojjetamuu barbaadudha.

Kan biraa kan miidhagina magaalattii balleessaa jiru ijaarsa seeran alaati. Qarqara maagaalittii marsee kan jiru ijaarsa seeran alaati. Mootummaanillee Ijaarsa kana ittisuu waan dagate fakkaata.  Inxooxxoon gartokkeen paarkii ta’aa jiru gartokkeen lafti seeran ala akka shaqaxaa gurguramaa jira.  Bosonni Qarree inxooxxoo, Eekkaafi Buraayyuu mana sadarkaa hin eegganne kan seeran alaatiin bakka bu’aa jira. kunillee miidhagina magaalaarratti gaaddisa buuseera. Seeran alummaas babal’isaa jira. 

Suuqiiwwaan qorqoorroo ciccitaafi sharaan ijaaraman magaalatti roga hundatti bal’inaan ijaaramaa jiru. Bakki kaleessa qulqulluu ta’ee qalbii namaa hawwatu halkan tokkoon waan biraatti jijjiramee daldalli seeran alaa yoo itti gaggeeffamu taajjabaa jirra.

Suuqiiwwan dargaggoota hojii-dhabiyyiif jedhamanii ijaaramanillee kan pilaanii hin qabne, kan itti goranii waa irraa bitachuuf nama hin hawwanneefi kosii kan fakkaataniidha. Asirratti suuqii xixiqqoo babbareeduu kan magaala hin fokkisiisne dargaggoota kanaaf ijaaruun ni danda’ama. Garuu waan itti yaadame hin fakkaatu. Ykn yeroodhaaf kan jedhamee fakkaata.  

Haa xumuru.  Finfinneen waan hedduun fooyya’aa jirti. Guyyaa guyyaan midhagaa gonfachuu itti fufteetti .  Garuu wanti hedduun akka ishii hafu dagatamuu hin qabu.

Torban gaarii

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You