“Addababayiiwwan kan ummata hundaati”

Ayyaanni Iid-Alfaxir kan bara hijiraa 1442n dheengadda kabajameera.  Akkuma addunyaa biraa hawaasni musliimaa biyya keenya keessa jiranis ayyaana kana sirna ho’aadhaan kabajataniiru. Hordoftoonni amantii biroos hawaasa musliimaatiin “baga ittiin isin gahe” jechuudhaan  dhaamsasaanii karaawwan adda addaatiin ibsaa turaniiru. Kun akka sabaattis ta’e akka biyyaatti waan gaariidha. Waan gaarii Allah jaalatu, Waqayyo eebbisuudha.

Qamoleen keessa keessa rakkoo uumuuf jedhan jiraatanillee hawaasni bal’aan dhugaa waliin jireenyaafi walkabajaa gochaan mul’iseera. Akka biyyaattis ta’e sabaatti amantii waliitiif kabaja kennanii waliin jiraachuun  aadaa kanaan dura tureedha.

Har’as borus kan jiraachuu qabuudha. Haala kanaan walkabajanii, waljaalatanii waliin jiraachuun tokkummaa sabaafi sablammii cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Hawaasa Oromoo dhiigaan tokko ta’ee amantiiwwan adda addaa hordofuufimmoo haala kanaan walhubatee deemuun tokkummaasaa walitti guduunfa.  

Hawaasa akkanatti waliin jiraatuufi waaliif yaadu sirna tolfate qaba. Sirna  harkisan hincinne, kan micciiran hincabneefi kan mukukkulaan finiinsan hinbaqne qaba. Garuu warri adda qooduu barbaadan ni jiru. Kanneen amantiin gargar qoodanii kaayyoo gadheef fayyadamuu fedhen hedduudha. Kanaaf taateen torbee darbe Finfinneetti uumame fakkeenya gaariidha.

Taateen Magaalaa Finfennee kana warri karoorfatanii jeequmsaaf itti gargaaramuuf yaadan akka turan hubachuun salpaadha. Hawaasni musliimaa Ifxaara Daandiirraa akka kabajatu karaa seeraa gaafateera.

Sagantaan kun daandii guddicha Finfinnee keessa  Meeksikoo ka’ee hanga Baambiis jidduu jirutti kan yaadame. ‘Masqal addababayi’ ni qaxxaamura jechuudha.  Mootummaan gaaficha karaa qajeelloon ilaaluusaa ibsa kennamanirraa hubachuun rakkisaa miti. Eeyyamas hindhorganne. 

Garuu guyyaa sagantaa’etti hinadeemsifamne. Wantoonni yeroon murtii argachuu qaban lafarra harkifachuunsaa hanqina guddaadha. Hawaasa musliimaa dallansiisuunsaa sirriidhuma. Dogoggora kanaaf kantiibaan magaalattii dhiifama gaafataniiru. Anaaf ifatti ummata dhiifama gaafachuunis jijjirama tokko. Hawaasnis waan fudhate natti fakkaata.

Hojimaata keessatti rakkoon uumamuu ni danda’a; rakkoon hojjimaatan ni sirrata. Garuu qamoleen waan xiqqoo sana qabatanii dhiiga namaa dhangalaasuuf ka’an akka turan beekamaadha.

Kun ammoo gama hordoftoota amantii Ortodoksii tokko tokkoon qofa osoo hin taane gama hordoftoota amantii Islaamaatiin akka tureedha. Gochaan akkanaa kun gonkumaa dogongora; eenyufillee bu’aa hin qabu.  Jidduutti lubbuu namaatu bada; dhiigatu dhangala’a; qabeenyatu miidhama.

Jalabultii sagantaa Ifxaara Daandiirra kanarraa eegalee  hordoftoonni Amnataa Ortodoksii tokko tokkoo olola hintaane oofaa turuunsaanii gonkumaa sirrii miti.  Qabiyyeen xalaayaa bataskaana Ortodoksiirraa bahes dhaamsa gaarii kan dabarsuu miti.

Akkasumas namoonni tokko tokko “Islaamni akkamitti Addababayii keenyatti sagada” jedhanii olola gadhee ummata walitti buusu afarsaa turan dhuguma amantichaaf akka hin yaadne beekamaadha. Hordoftoota amantii Islaamaa tokko tokkonis dhaamsi darbaa turan kan nagaa buusu osoo hintaane kan booressu ture.  

Hawaasni yaadawwan qarqaratti bahan lamaanuu  fashaleesseera. Kanaanis  hagam aadaa cimaafi  namuusa  gaarii akka qabu finxaaleyyiitti mul’iseera. Addababayich kan ummataa ta’uu amanee fudhateera.

Hordoftoota amantii Ortodoksii dabalatee amantii biroorraa ummata Ifxaaraaf daandiitti baheef deeggersiifi eegumsi oggaa godhamuuf mul’ateera. Addababayichi kan amantii tokkoo qofa osoo hintaane kan amantiilee hundaa ta’uu irra deebiin mirkaneesseera. Kanaan dura bara 2011 Waaqeffattoonni Ayyaana  Irreechaa Hora Finfinneerratti kabajateera.      

Moggaasaafi Abbummaa addababayichaatiin walqabatee yaada tokkon qaba. Addababayiin kun seenaa bara dheeraa qaba. Yoom akka hundaa’e ammaaf ragaa guutuu hinqabu. Garuu mootii Hayilasillaaseen akka hundeessan beekamaadha.

Bara nugusaa amantaan Ortodoksii mataashiitiin nugusa turte. Waan feete gochuufille humna jabaa qabdi. Heera nugusichaa keessatti mootummaafi amantiin kun walitti hidhata qabu. Kanaaf amantiin Ortodoksii amantii mootummaa turte.  Kanaaf addababayich “Addababayii Masqalaa” jedhamee moggafamee ayyaanni damaraa Masqalaa achitti kabajamaa ture; akkuma ayyaanni cuuphaa Jaanmeedaatti kabajamu.

 Biyya kanatti Darguun waan baayyee sirreessuuf yaaleera, yakki ummatarratti hojjate akkuma jirutti ta’ee jechuudha. Aangoo amantiin Ortodoksii masara keessatti qabdu bu’uurarraa diigeera. Amantii mootummaa kan jedhu qofa osoo hintaane amantiin kamuu osoo jiraachuu baatee fedhasaati.

Warri amantaa hordofu ‘Idealist’ jedhamnii faallaan farrajamanii turan. Haaluma kanaan maqaa “Addababayi Masqalaa” jedhu kan jijjiireera; Addabaabaayii Waraaqsaa (Revolution  Square)  jechuudhaan. 

Maqaan kun warraaqsa wajjin walqabachuun ala kan garee tokkoof loogu hinturre. Dogoggorri deebi’ee kan raawwate bara Wayyaaneeti. Maqaan ‘Addababayi Masqalaa’ akka deebi’uu gochuushiitiin. Kunis kaayyoo mataasaa akka qabu tilamaamuun gaariidha.

Amma wanti hunduu darbeera. Addababayicharratti Waaqeffataan ayyaana irreechaa irratti kabajateera. Musliimni Ifxaara isa Afrikaa keessatti guddicha ta’e irratti afaxxareera.  Pirooteestaantiinis boru sirna sagadaarratti gaggeeffachuuf wanti dhorku waan jiru natti hinfakkaatu. Kanaafuu osoo addababayiin kun “Addababayii Ummataa’ jedhamee moggaafamee kan sabaafi sablammiilee akkasumas  ummata biyya kana hunda walii galchu jedheen yaada.

Akkuma  kantiibaa ittaantuun Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanach Abeebee: Addababayoonni hunduu kan ummataati’” jedhanii dubbatan san maqaa addababayichaa haala dhaamsa kana qabuun sirreessuun atakaroofi waldhabdee akkasumas waldiddaan hawaasa jidduutti akka hinuumamne taasisa.   

Akkuma beekamu addababayiin kun haala miidhagaafi hawataadhaan  ijaarameera. Osuma jennuu miidhagina magaalaa Finfinnee hawataa gochuuf akkuma waliigalaattuu hojiin hojjatamaa jiru kan dinqisifamuudha.

Waggoota sadeen darban keessa bifti magaalaa kanaa garmalee gara miidhagaatti jijjiiramaa jira. Kun dhugaa eenyuyyuu hinhaalleedha. Dhimma kana yeroo biraan itti deebi’a. Ammaaf garuu addababayin kun haala miidhagina qabuun yoo hojjatamu maallaqni ittiin hojjatame eessaa dhufe? Eenyutu ijaare? jedhanii gaafachuun barbaachisaadha.   

Addababayii kana kan miidhagsee hojjate mootummaadha. Mootummaa jechuunimmoo ummata jechuudha. Ummata jechuun lammii biyya birmadummaa qabdu keessa jiraatuudha. Ummata sanyiifi amantiin,  qooqaafi bifaanin, aadaafi seenaan garaagarummaafi tokkummaa qabatuudha.

Maallaqni addababayii kanaan ijaarame maddisaa karuma kamiinuu ummata. Gibira ummanni kaffalu. Buusii ummanni buusu ykn liqiifi deeggarsa maqaa ummata kanaatiin dhufeedha.  Kanaaf akkamitti amantii tokko qofa bakka bu’uudhaan Addababayii “Masqalaa” jedhamee waamama ree?  Kanaafi kan maqaansaa jijjramuu qaba kanin jedhuuf. 

Akka hawaasaatti lammii hundi wanti irratti waliigaluu qabu ni jira. Amantiin kamuu kabaja qaba. Bakka manneen amantii ykn waajjira itti banatan ykn itti ijaarratan ykn itti waaqeffatan qabaachuun dirqama.

Akkasumas, bakka hordoftoonni amantii yoo du’an boqatan akka sirna amantichaatti itti awwaalaman argachuuf mirga qabu. Bakkeewwan kunniin tola ykn kiraadhaan ykn bittaadhaan akka qabatan taasifama. Fakkeenyaaf amantiin Ortodoksii bataskaanota heddu qabdi. Hawaasni Musliimaas Masjiidota ijaarrate qaba.  Bakkeewwan kunniin kan dhuunfaasaaniiti.

Addababayiin kanarraa adda. Kan lammiin biyyattii hundi qooda keessaa qabuudha. Kan hawaasni hundi kallattii ykn alkallattiin ijaarsaasaa keessatti qooda qabuudha. Tokkoo hayyamanii kan biraa dhorkuun madaala nama dhabsiisa.

Kanaaf hundaafuu yoo eeyyamame rakkoo hinqabu. Amantiian waan fokkataa barsiisuu hinjiru. Amantiin addababayii xureessu hinjiru. Yoo haala kanaan waliigaalteen dhabame addababbayiin kan ummataa waan ta’eef tajaajila amantiirraa bilisa gochuun barbaachisaadha.

Biyya kanatti waantonni lama haala salphaadhaan hokkara kaasuuf mijaawaadha. Inni tokko dhimma sabaafi sablammii ykn sanyiiti.  Inni lammataa dhimma amantiiti. Qaawwi qaamoleen siyaasaas ta’e finxaaleyyiin ittifayyadamuun hokkara uumuu barbaadan dhimmoota kanneeni.

Ibiddi haala kanaan ka’u akka miidiyaa hawaasaarratti odeeffamu salphaa miti. Gaafa nama gubuu jalqabu sanyiin adda hinbaasu; qooqaan hinqoodu, amantiin gargar hinbaasu. Hunduma guba. Kanarraa Waaqni nu haa baraaru jechuu qofti gahaa miti. Ummannis of baraaruu qaba. Iid Mubaarak!

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013

Recommended For You