Warri keenya haala jiruufi jireenyasanii jecha ofiitiin ibsatu. Yoo gabaa bahanii wanti bitan gatiin garmalee dabale“jireenyi qaala’e” jedhu. “Jireenyi miyaa’ee” ykn “minyaa’e” kan jedhanis hiiknisaa garaagarummaa waan qabaatu miti; garaagarummaa cabaqaa ykn loqodaa malee. Jechi kun jecha saayinsii dinagdee ‘Price escalation’ jedhu waliin kan wal qabatuudha. Jecha ‘infleeshin’ jedhunillee firooma qabu. ‘Infileeshiniin’ gatii shaqaxa ykn tajaajila walfakkaataanii kan garee tokkotti ramadamu wajjin kan waalqabatuudha. Faallaa kanaan gatiin shaqaxa ykn tajaajilaa yoo gadi bu’e “gattin bushaa’e’ jedhama. Kan afaan Ingiliziitiin jedhamu ‘price De-escalation’ jedhamu sanaan waligita.
Gaaleen jechaa “jireenyi qaala’e” jedhu kun waan bal’aa haamata. Waan gatiin shaqaxaa ykn tajaajilaa tokkoo dabaleef qofa jireenyi qaala’e hinjedhamu. Ogeeyyoonni qaala’iinsa jire enyaa qoratan jireenyi qaala’uufi dhiisuu isaa ilaaluudhaaf gatii shaqaxa ykn tajaajila walfakaatanii walitti qabanii qorachuudhan kan murtiirra ga’an.
Kanas mul’istuu gatii shammattootaa (consumer price index; cpi) jedhun. Fakeenyaaf, gatii shaqaxoota nyaataa bakka tokkotti fidanii gatii jiddugaleessaa ilaaluudhaan kan bara taree yeroo walfakkataadhaan ykn kan ji’a darbee wajjin walitti fiduudhaan waldorgomsiisanii murtiirra ga’u. Kun karaa saayinsaawatiin hojjatamee sadarkaan qaala’iinsa jireenyaa (inflation rate ykn deflation) kan ittiin hojjatamuudha.
Gara hawasa keenyaatti yoon isin deebise hawaasichis safartuu mataasaa qaba. Gabaa keessa oola. Waan omishu gabaa baasee gurgura; waan hinqabnemmoo gabaa bahee bitata. Fakeenyaaf qonnaan bulaan midhaan, fuduraafi mudura ni omisha. Re’ee hoolaa, sangaafi kkf ni horsiisa; ofii itti fayyadama; kaan gabaadhaaf dhiheessa.
Haaluma wlfakkaatuun waan hinomishinemmoo kanneen omishoota waarshaalee gabaadhaa bitee itti fayyadama. Qonnaan bulaadhuma jidduutti waljijjirraan gabaa ni jira. Hundi waan isa barbachisu mara waan hinomishineef. Kanaaf, gatiin shaqaxaa miyaa’e yoo jedhu gatii meeshaalee walfakkaatanii (baskets of goods) himuusaati. Gatiin tajaajila dabale ykn gadi bu’e kan jedhamus safaruusaatiin madaaleeti.
Hawaasni magaalaa kan jiruufi jireenyisaa shammatee jiraachurratti hundaa’es miyaa’inaafi bushaa’ina jireenyaa haaluma walfakkatuun ilaala. Fakeenyaaf; “Barana ayyaana Faasikaarratti gatiin horii dabale” yoo jedhamu dhagahamaa ture. Horii jenchuun kam kam haammata? Walitti qabuudhaan ilaaluu sana of keessaa qaba.
Asirratti wantin kaasuu barbade akkuma saayinsiin dinagdee biyya tokkoo keessatti qaala’iinsi ykn bushaa’insi gatii jiramoo hinjiru jechuuf shaqaxoota qoqqoodee qoratuufi hiika kennuuf sana hawaasnis haala naannoosaarratti hundaa’ee akkaataa itti xiinxalu qabaachuusaati. Seensaafi yaadrimee qaala’iinsa jireenyaa wajjin walqabatanirratti hanga kana eddiin jedhee gara ijoo dubbii koottin deebi’a.
Mata dureen barreeffama kootii “ jireenya qaalofte” jedha. Faallaa jireenya bushoofteeti. Jireenyi dhuguma biyya kanatti qaala’e? qaala’e jechuudhaaf safartuunsaa maali? Falli jireenya qaala’ee hoo maal ta’uu qaba? Jireenyi akka hinqaalofne gochuu keessatti qaamni shaqaxa oomishu, tajaajila kennu, bitee gurguruufi itti fayyadamaaf bitaturraa maaltu eegama? Dhimmota kanarratti waan tokko tokko kaasuudhaan yaada irratti kenna.
Bara kana biyya keenyatti jireenyi qaala’emoo hinqaalofne? Gama kanaan ummanni shammatuuf gabaa ba’u jireenyi garmalee qaala’uusaa dubbata. Anillee akka hawasa keessaa nama tokkootti qaala’iinsi jireenyaa baadiyyaas magaalaa keessattis bal’inaan dubbatama. Akkan nama hawaasa keessa jiraatutti hundi keenya ni beekna. Fakeenyaaf; bu’uura hawaasa hundaa kan ta’e omishootaafi shaqaxoota nyaataa ilaaluun karaa barmaatileefi sirna madaalaa hawaasti uummateen jireeny qaala’era.
Gatiin Xaaffii, garbuu, qamadii, baaqelaa, atarafi kkf kiiloo tokkoo kan bara tare yeroo walfakkaataa wajjin yoo ilaalmu dabala xiqqaa osoo hin ta’in guddaa ta’uusaarratti waliigalama. Gama biraatiin gatiiwwan mi’eesituuwwanii zayitaa, dhadhaafi kanneen biroos duubatti deebi’anii ilaaluun ragaa guutuu argachuuf nama gargaara. Infileeshinii biyya keenyaa keessatti sadarkaa guddaa kan qabatu nyaataafi dhugaatii alkoolii hintaaneedha (food and nan-alcohol beverages).
Gatiin horii qalmaataallee haala walfakkaatuun dabaluunsaa dhugaadha. Gabaa ayyaanati jennee yoo qabata jala kaa’uu barbaanne malee torbeedhuma darbe gabaan ture kan namoota hedduu naasiseedha. Sangaan tokko hanga kuma 160 bite jedhamee oduunsaa yoo sooshaal midiyaarra naanna’u namni hedduun argeera. Innin adda haa jedhamu. Gatiin sangaa akka walii galaatti samii gahee ture. Namni maallaqa walitti baasee sangaa tokko bitachuu hanga dadhabuu gaheera. Kan sangaa hinbarbaadne re’eefi hoolaa akka hinyaadne gatiinsaanii gatii sangaan waggaa lamaafi sadi dura ture gahaniiru. Lakkii hoolaafi re’een natti haa hafuu lukkuun bitadha akka hinjenne gatiin hindaaqoo gatii hoolaafi re’ee waggoota muraasa duraa gaheera. Hanqaaquun mataashiitti lukkuu taateeti.
Miyaa’inni gatii kun kan ayyaana waggaa sabaeeffatee dhufe qofa jechuun hindanda’amu. Tarii ayyaanichi hanga tokko qooda akka qabaatu beekamaadha. Namni hedduun gabaa waan bahaniif dhiheesitii gahaan yoo hinjiraane rakkoon kun akka uumamu beekamaadha. Mi’aayinni jireenya garuu dabalaa kan dhufe durumaani. Xaafiin kuntaalli tokko Finfinneetti gatii gara kuma shaniitti siqu himuun kan jalqabe durumaani. Foon kiiloon tokko qarshii 500-hanga 800 kan seene durumaani. Kanneen birootis haaluma walfakkaatuun yeroo yeroon dabalaa kan dhufeedha.
Gatii garmalee dabalaa deemuun irra caala kan miidhamu isa shammatuudha. Kan jiruufi jireenyisaa shamatuurratti hundaa’e ammoo ummata magaalaati. Ummata magaalaa keessaa hojjetaa qacaramee ji’aan mindaa argatuudha. Mindaansaa kan ji’aan argatu jiruufi jireenyasaatiifi maatiisaa baattee deemuu hindandeessu. Qonnaan bulaan hanga tokko waan omishurratti gatii dabaluudhaan miidhaa qaala’iinsa jireenyaa dandamachuu danda’a. Garuu innis hinhubamu jechuu miti. Akkuma waliigalaatti qaala’iinni jireenyaa hawwasa biyya tokkoo ni miidha.
Kan hawaasa ilaaluuf yaadeen jira. Qamoleen karaa saayinsii qorannoo gaggeessan hoo mal jedhu laata? Ragaa tokko tokko haa ilaalu. Biyya keenyatti qaamni qorannoo kana gaggeessu keessaa tokko Eejansii Jiddugala Istaatiistiksii mootummaa Federaalaati. Qamoleen biyya keessaafi biyyaa alaa dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennanii hordofanillee in jiru. Askka ragaan ‘https:// www.statista.com/’ ibsutti, infileeshiniin Xoobbiyaa waggoota darban keessa dabalaa dhufeera. Fakeenyaaf bara 2018tti (ALG) sadarkaan infileeshinii %13.83 kan ture bara 2019tti %15.81 dhaqabeera.
Wggaa tokko keessatti dhibeentaa %1.98n dabale. Bara 2020tti ammo garmalee fagaatee %20.35 gaheera. Kan bara tareerra %4.54n dabale jechuudha. Bara 2021 keessa gadi bu’a jedhee tilmaameera. Akka dhaabbanni kun tilmaame osoo ta’ee gaariidha. Garuu haalli jiruufi tilaamichi walitti hindhufan. Fakeenyaafi ji’oota Amajjiitii kaase hanga Eblaatti jiran afur keessatti infileeshiniin walduraa duubaan dhibbeentaa 19.2, 20.60, 20.6, 19.2 akka ta’e mul’isa. Kun qaala’iinsi jireenya biyya kanaa cimaa ta’uu mul’isa. Biyyoonni hedduun infileeshinii biyyasaanii diijiitii tokko keessatti ykn dhibbeentaa 10nii gaditi qabu. Infileeshininiin biyyoota guddatanii %5 gadii. Haala kanaan kan keenya kun daangaa kan darbeedha.
Infileeshinniin olkaauufi gadi bu’uu kan mirteessu fedhii namaatii miti. Haala sochii dinagdee bittaa tokko keessa jiruudha. Innis kan haala fedhiifi dhiheesii shaqaxaa ykn tajaajilaa wajjin walqabatuudha. Akkuma saayinsiin dinagdee jedhu yoo dhiheessiin garmalee dabalu gatiin gadi bu’a. Yoo dhiheessiin garmalee xiqqaate gatiin samii xuqa. Kanaaf lamaanuu walmadaalaa deemuu qabu. (Demand supply equilibrium). Madaalliin gama lamaanuu yoo jallate rakkoo mataasaa qaba.
Infileeshiniif wanti heddun sababa ta’uu danda’u. Wantoonni guguddaan garuu lama. Isaanis infileeshinii gatii wajjin walqabatan ( cost push inflation)fi dabala fedhii (demand pull inflation) kan jedhamaniidha. Inni duraa dabala gatii omishaa kanneen akka daballii gatii meeshaa dheedhii, mindaafi kkf wajjin walqabataniidha. Inni lammataa fedhiin omisha Sanaa garmalee yoo dabaleedha. Ykn namni hedduun kan barbaadu yoo ta’eedha. Kan biyya keenyaa kun haala lamaanuu kan ofkeessatti haammateedha jechuun ni danda’ama.
Gama biraatiin guddinni dinagdee, maallaqani gabaa keessatti baayyachuun, tarkaanfiin dinagdeen mootummaan fudhatu, haalli bulchiinsa liqii biyyoolessaa, jijjirraa maallaqaa (exchange rate) baayyinni ummataa dabala infileeshiniifi qaala’iinsa jireenyaatiif gumaacha akka qaban qorannoowwan ni addeessuu. Infileeshinii to’achuuf fedhiifi dhiheessiin akka wal simu taasisuudha jechuun bira taramuu hindanda’amu. Yookiin omisha guddisuu qofatu fala jechuun bira taruun rakkoodha. Tarkaanfiwwan dinagdeefi immaammataa mootumaanillee fudhachuu qaban ni jiru. Kanaaf, gama kanaan xiyyeeffannaan kennamuu qaba.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA Ebla 30 /2013