Dhimmi tokkummaa biyyattii itti ,fufsiisuu ajandaa filannoo oli

Haalota walmakoo keessatti cidha gaggeeffamuudhaaf guyyaan itti qabamee qophiin itti xumurame keessatti, hamaammootni cidhichaaf qophaa’aa osoo jiru tasa warrootni seeraa yaada adda addaa calaqqisiisuu eegalanii hamaamotatti bitaa galchani. Ciini immoo jarri wal fuudhan jiraataniif qofa bakka abbootni seeraa hin jirretti adeemsisuun jilba hin guutu. Ciini sirna seeraa jilba hin guutneen adeemsifame ykn raawwatame immoo gaa’ila eebbifamaa ta’uun itti ulfaata.

Sirna cidha tokkoo keessatti abbootii seeraa warra jedhaman immoo Jaalaafi Halangee lamaan akkasumas abbaa mucaa intala fuudhuuti. Kanaaf immoo sirnichi guutuu ta’uu kan danda’u warri asitti eeraman kunniin hundi bakka guutamanitti malee isaan keessaa namni tokkos hir’annaan guutuu ta’uu hin danda’u. Ciini filannoo Itoophiyaan yeroo ammaa gaggeessuuf carraaqaa jirtus sirna cidhaa abbootii seeraa keessaa qaamni tokko ykn sanaa ol keessaa hir’ate fakkatee natti mul’ateera.

Waggaa shan shaniin filannoon akka gaggeeffamu kan dirqisiisu heera biyyattii ta’uun ifa. Mootummaa seera qabeessa ta’eefi fudhatamummaa qabu hundeessuufis filannicha gaggeessuun dhimma murteessaa ta’uunis waanuma haqaati. Hunda kan caalu garuu nageenya biyyaafi ummattoota biyyattiiti. Seera filannoos ta’ee seerootni kamiyyuu kan bahaniifi hojirra itti oolaniif faayidaa ummataa bu’uura taasifatanii akka ta’e immoo namiiifuu ifaadha.

Waan ta’eefis haala amma jiruun filannoon gaggeeffamu kun nageenya ummataa irratti dhiibbaa maalii qaba? Filannoo baranaa kana immoo isaan darbanirraa maaltu adda taasisa? Rakkoolee yeroo ammaa biyyattii keessatti uumamaa jiraniif filannoon kun furmaata moo sodaa biraa uuma? Gaaffileen jedhan kunniin dursa deebii argachuu waan qaban natti fakkaata.

Dhiheenya kana sagantaan “marii hunda galeessaafi beekumsa qofaarratti hundaa’e filannoo biyyooleessaatiif” jedhu tokko Finfinnetti gaggeeffamee ture. Maricharratti namootni siyaasa biyyattii itti dhiheenyaan hordofan, paartileen morkattootaafi biyya bulchu akkasumas dhaabbilee siivikii garaa garaa namootni bakka bu’an argamanii abdiifi sodaa filannoon kun qabatee dhufuu malu irratti yaadota garaa garaa calaqqisiisaa turan.

Mootummaa fudhatama qabuufi seerummaa gonfate hundeessuudhaaf filannoon kun dirqama ta’uun gama tokkoon, filannichi rakkoo amma biyyattiin keessa galte furuu dhiisi rakkoolee dabalataa qabatee dhufuu danda’an immoo gama birootiin darbatamaa waltajjicha miira garaa garaa keessa galchee wal falmisiise. Fiixeewwan lachuu inni filannichi adeemsifamuun biyyattiif murteessadha jedhus ta’ee inni lakkii ammatti gaggeessuun faayidaasaa caalaa miidhaasaatu caala kan jedhus sababoota amansiisoo mataasaanii qabatanii mormu waan ta’eef kanatu sirridha ykn immoo sanatu sirriidha jechuun salphaa hin turre.

Hunduu bakka dhaabbate irraa ilaaleefi kallattii itti xiinxalerraa ka’ee waan itti fakkaatu lafa kaa’eera. Biyya tanaaf isa kanatu filatamaadha inni kun immoo rakkoo biroo fidee dhufuu danda’a isa jedhurraa ka’aniiti malee inni tokko biyya ijaaruuf, inni kaan immoo biyya diiguufi miti. Ilaalcha siyaasaa garaa garaa haaqabaatan malee lachuu lammiilee biyya tokkooti biyya tokko walitti qabu waan ta’eef. Ilaalchi warri biyya bulchu qofti akka waan biyya jaalataniifi biyyaaf isaan qofti dhimmamaniitti, paartileen morkattootaa immoo jaalala biyyaa hin qabneefi biyya diiganiitti ilaallamaa ture sun har’allee waan bade hin fakkaatu.

Dhugaan jiru garuu dhimma carraa argatanii biyya bulchuufi carraa dhabanii morkataa ta’anii itti fufuu qofa. Haalota yaaddeessoo yeroo ammaa mul’achaa dhufan kunniin bifa kanaan itti fufnaan sadarkaa tokkummaa biyyattii gaaffii keessa galchuu irra osoo hin geenye maddisaanii baramee irratti hojjatamuu qaba. Dhimmi tokkummaa biyyaa immoo ajandaa filannootii oli waan ta’eef

Paartileen morkattootaa deeggartoota hedduu qaban filannicha keessaa bahuun, filannoowwan tanaan dura biyyattii keessatti adeemsifaman hunda taajjabaa kan ture Gamtaan Awurooppaa filannoo isa baranaa hin taajjabu jechuun sirna cidha filannoo baranaa kanarratti qaawwa uumuu akka malu tilmaamuun garuu namuufuu waan ulfaatuu miti.

Walumaa galatti, filannoon gaggeeffamu kun dhiibbaa dabalataafi rakkoolee biroo qabatee kan dhufu osoo hin taane, fala waldhabdeefi rakkoolee yeroo ammaa biyyattii muudataa jiranii akka ta’uuf hunduu waan irraa eegamu bahachuu qaba. Dhimmi nageenyaafi tokkummaa biyyattii itti fufsiisuu immoo filannoo ol waan ta’eef biyyattii itti fufsiisuu irratti paartileen morkattootaas isa biyya bulchuun qixa hirmaachuu qabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA Ebla 30 /2013

Recommended For You