Dachaasaa Roorrootiin
Rakkoon biyya kanaa manuma iyyeessaa ta’eera. Boroodhaan yoo cufan golaan saaqama. Fuulduraan yoo cuqqaalan duubaan banama. Yoo gara tokkoon ajjeeran karaa biraatiin dhim’isa. Osoo asiinis achiinis suphanuu booda jigdi. Suphaan biyya kanaas deemee deemee balaa biraa akka hindhalle sodaachisa.
Akka heera amma hojiirra jiruutti biyyi Xoobbiyaa jedhamtu tun bulchiinsa naanolee 10n utubamtee dhaabbatte. Bulchiisoti magaalaa guutummaatti Oromiyaatiin marfamanii jiaaraman qaamoleedhuma utubaawwan kanneeniiti.
Finfinneen magaalaa guddittiidha; magaalaa guddittii Oromiyaafi mootummaa Federaalaati. Dirree Dawaanis ammaaf magaalaa Federaalaati. Garuu uumamaan magaalaa Oromooti. Kana mirkaneeffachuuf qo’annoo gadifagoo hinbarbaachisu. Ummanni lafarra jiru ragaadha.
Naannolee biyyattiin qabdu martuu maalirra jiru? Nageenyisaanii akkami? Qabeenyisaanii (dinagdeen) malfakkaata? Jireenyi hawaasummaa? Haalli siyaasaa? Keessoofi allisaanii? Mee xiinxalaa?
Tigraayi rakkoo hammaataa keessa jira. Rakkooleen nageenyaa, dinagdeefi hawaasummaa naannichaa keessaa gabaafamaa oolu kanuma mirkaneessa. Jaarroliin duraanii dubbii guduunfitee jirti. Sababa kanaan akka yaadametti yeroo gabaabaa keessatti nageenyi dhufuu hindandeenye.
Rakkoo ijoon naannichaa rakkoo siyaasaati. Rakkoon siyaasaa kun hanga furmaata hinargannetti mootummaan jiddugaleessaa tasgabbii argachuuf ni rakkata. Rakkichi yoo alaalaa ejjatanii ilaalan akka laayyootti waan dafee furamaata argatu hinfakkaatu. Warri itti dhihoo jiranimmoo wa’uu jedhu. Garuu bo’oo biyya kanaati.
Bulchiinsota mootummaa naannolee keessaa inni guddaan Oromiyaadha. Bal’ina lafaa qofaanii miti guddinnisaa; baay’ina ummataatiinisi. Naannoo bal’aa ta’eefi ummata hedduu qabu kana keessas rakkoon akka jiru dhoksuun hindanda’amu.
Rakkoon naannoo kana keessa jiru akka ibidda gaayiiti. Gubbaarratti bay’isee hinmul’atu. Lafa jalaan garuu hamaadha. Waldhiibbaan siyaasa guddaan jaarmiyaalee Oromoo jidduu jira, keessattuu jaarmiyaa aangoo qabatee jiruufi warreen mormitoota ykn dorgomtoota jedhaman jidduutti. Jaarmiyaaleen kunniin walitti dhihaatanii (ilaalchaan gargar ta’anillee) rakkoo ummatichaa bara dheeraa ni hiiku jedhamee abdatamee ture. Dubbiin abdiitti hafte. Ofii tokko ta’uu dhabuu qofa miti, rakkoon. Ummata haala ajaa’ibaan tokkoomee ofijaaree gargar diigan. Nama gaddisiisa. Rakkoon naannichaas kamnumarraa madda.
Naannoo bal’aaniifi guddaan inni biraa naannoo Amaaraati. Naannoon kun baayi’na ummataatiin sadarkaa lammaffaarra jira; Oromiyaatti aanee. Haalli naannicha keessaa jiru Oromiyaarra yaachisaadha. Ajandaawwan jaarmiyaaleen siyaasaa ummata naannichaa maqaa dargaggoota waga’aa jiran ummatichatti kan diina baay’isuudha.
Ololli jibbaa diyaaspooraansaanii sabaafi sablamootarratti keessattuu ummata Oromoorratti gaggeessaa ummata Amaaraatiif bu’aa duudee tokkollee hindabalu. Miidiyaan naannichaa gibira mootummaatiin qallabaman naamusaan ala bahanii mootummaan naannichaallee “tolchitanii jabaadhaa” waan jedhuun fakkaata. Kanaafis tv Amaaraa ragaadha. Altokko tokko miidiyaa warra Ruwaandaa kan Intarhamowee jalqasiise fakkaata. Miidiyichi nama “adabdhu” jedhuun barbaada. Luugama itti kaa’unillee barbaachisaadha.
Biyya kamittuu ummanni rakkoo qabaatee hinbeeku. Kan rakkoo qabu hoggantoota. Naannoo kanatti kan waca baay’isaa jiran warra “beekna; baranne” ofiin jedhaniidha. Warra osoo maatiisaanii sirriitti hinbulchin biyya bulchuuf hiixataniidha.
Kun hoggantoota jaarmiyaalee fiixeetti bahanii qofa kan ilaallatuu miti. Jarri naannoo sana bulchaa jirtu akkuma jedhame wantoonni jalaa walmakan hedduudha. Waan qabanii gadi lakkisan hinbeekan. Sanas kanas xuqanii ummata naga qabeessatti diina bitu.
Gaaffiisaanii jaarmiyaalee maqaa ummata Amaaraatiin socho’anii xumura hinqabu. Gaaffii daa’ima addaggeeti. Waan tokko gaafatanii yoo inni guutame kan biraatti ce’u. ttaansudhaanis akkasuma.
Fakkeenya xiqqoon dubbistootaaf kaasa. Jawaar Mahaammadiifi Baqqalaa Garbaa har’a mana sirreessaa jiran, kan akka jaarmiyaalee siyaasaa Amaaraa, beektotaafi aktiivistootasaanii itti duule hinjiru. Jawaar nama. Baqqalaanis nama. Akkuma nama kamii yoo balleessaa qabaatan seeraan gaafatamu.
Kanaan ala duulli qindaa’aan akkasii yoo irratti gaggeeffamu kaayyoo biraa qaba. Dhimmichi dhimma nama dhuunfaa bira tara. Rakkoo nageenyaa har’a naannoo Tigiraay keessatti bal’ateef, summii jibbaa facaafameef gumaachi finxaaleyyii ummata Amaaraa maqaa dhahatanii hagam akka ta’e beekamaadha.
Jarreen kunniin ammuma jalaa siqan namatti siqu. Heera biyyattii rrattis duula guddaa bananiiru. Heerri kun diigamu malee; gubatee daaraa botoroo ta’u malee biyyattiin nagaa hinargattu jechaa jiru. Akkuma tarkaanfiileen duraanii nagaa hinfidne sana heerri kun diigamus dhiisus nageenya biyyattiirratti wanti fidu xiqqaadha.
Kan rakkoo biyyattii hiiku mariidha. Yeroo hunda finxaaleyyiiwwaniifi tokkeessitoonni xiyyeeffannaansaanii heera kana. Anaaf diigamuun heerichaa hanga kana jijjiirraa hinfidu. Eertiraan kan foxxoqxe heeraan miti. Sudaan Kibbaa kan biyya taate heera Sudaaniin miti.
Kan biyya tokko taasisu mariidha. Kan rakkoo hiiku mariidha. Mariirratti waliigalamee gara sanadaatti dhufu. Heericha kana walumaagalatti marii sabaafi sablammii abbaa seerichaatiin ala xuquun nagaa fiduurra rakkoofi balaa biraa dhaqqabsiisuu mala. Kanaaf hammuma jarri wacce jalaa siquurra akka dhaabbatan taasisuun gaariidha.
Jarreen kun jidduu kanammoo sirba biraa jalqabaniiru. Ministira muummee biyyattiifi pirezidaantii Naannoo Oromiyaarratti duula bananiiru. Karaawwan adda addaatiin namoota gurmeessanii dhaamsa, “hanga isaan aangoorraa bu’anitti biyyattiin nagaa hinargattu” jedu dabarsaa jiru.
Qalbii ititaan gaaffii akkasii dhiheessuun rakkoo hinqabu. Dimokraasiidhas. Garuu keessisaa summii qaba. Keessaafi alatti walfakkaata. Qindaa’ina qaba, kaayyoos ni qaba. Maniis hindhabu. Kanaaf dimmichi kan tuffatamee bira taramu miti.
Balaaleffannaan jara kanaa nama dhuunfaarra ce’amee ummatattis darbaa jira. Maanfeestoon Oromoorratti duuluu kan lafa jala deemaa ture ifa baheera. Duulli sarara diimaa isaan jedhan sana qaxxaamure ummatarratti banamaa jira. “Oromummaan haa badu!” jedhanii deeggertootasaanii dhaadannoo qabsiisanii hiriira baasaniiru.
Dhimmi Oromummaa ajandaa miidiyaasanii akka ta’u eddii taasisamee tureera. Miidiyaaleensaanii erga Oromummaa seexana taasisanii ummatatti himuu jalqabanii bubbileera. ‘ESAT’ oduudhaanis ta’e sagantaasaa keessatti Oromummaan soogidda taasifateera. Chaanaalii 360 irratti kan abaaramaa bulu Oromummaadha. Warri kaanis ifatti baasanii “Yiwudam” jechuu baatanis xiyyeeffannoonsaanii naannuma kana. Ajandaan marii beektotasaanii Oromummaa akka ta’e ni beekma. Aktiivistoonnisaanii muuziqaa biraa waan qaban hinfakkaatu, Oromummaa hadheessuun ala.
Kanneen hunda bira taree hiriira jidduu kana naannoo sanatti deemaa jiru keessatti dhaadannoon “Oromummaan haa badu” (Oromummaa Yiwudam!” jedhu ifatti baheera. Anaaf wanti jedhamuu barbaadame ifaadha. Dogoggoraanis kan gadi bahe miti. Waan qindaa’eefi maaniifeestoonni itti baheedha.
Wanti hubatamuu qabu garuu jira. Oromummaa jechuun Doktar Abiyyi jechuu miti. Jawaar Mahaammad jechuu miti. Oromummaa jechuun Shimallis Abdiisaa jechuu miti. Daawuud Ibsaas miti. Oromummaa jechuun Baqqalaa Garbaa jechuun ala. Piroofeesar Mararaa Guddinaarra guddaadha. Oromummaa jechuun ummata Oromoo jechuudha. Oromummaan Oromoo Waaqeffataadha, Islaama, Kiristaana… Oromummaan Badhaadhina, KFOdha, ABOdha jaarmiyaalee Oromoo biroosi.
Oromummaan Booranaafi Baareentuma, Maccaafi Tuulama, Sikoofi Mandoodha, Booranniifi Gujiidha, karrayyuufi Walloo, ituufi afran qal’oodha. Kana jechuun Oromummaan Ummata Oromoo jechuudha. Kan yaa badu jedhamu kun ilaalcha siyaasaa miti; ummata. Ummanni kun akkamitti bada ree? Kan xiyyeeffannaa argachuu qabus kana.
Oromoofi Oromummaan jechuma tokko. Oromummaan nama dhuunfaa oli. Oromummaan dhaabbata siyaasaarraa bal’aadha. Oromummaan sibiilarra jabaadha. Cabi jedhan kan cabuu miti. Badi jedhan kan baduu miti.
Haa ta’u malee dhaadannichi ummata Oromootiif dhaamsa guddaa dabarseera. Finxaaleyyiin kunniin yoo carraa argatan maal gochuuf akka yaadan asumaa achi hubachuun ni danda’ama. Ummanni Oromoo akkasaanii miiraan deemuu hinqabaatu. Addababaayiitti bahee ummata nagayaa abaaruu hinqabu. Akkuma mirgasaatiif falmu mirgoota saba biraas kabajee bilchinaan xiinxaluutu filatama.
Biyyi kun tokko taatee akka ittifuftu fedhii ummata biyya kaanaati. Gargar faca’anii biyyoota baay’ee ta’uun bu’aan fidu hinjiru; rakkoo dabalataa yoo ta’e malee. Rakkoo hiikuuf qaama alaarratti hirkachuunis furmaata fulla’iinsa qabu hinfidu. Ameerikaan rakkoo biyya kanaatiif furmaata hintaatu. Raashiyaafi Chaayinaanis. Dhaabbileen addunyaa kanneen akka ‘UN’, ‘EU’fi ‘AU’ deeggersa qabaatanillee faayidaansaanii haganaa miti.
Kanaaf rakkoo biyya kanaatiif fala kan ta’u lammii biyya kanaati. Dhaloota kana. Dhaloonni kun dogoggora seenaa hojjechuu hinqabu. Ebelun qabadheen ebelu balleessa yaadni jedhu ofiifis baduu fiduu mala. Ummanni badu hinjiraatu. Walitti bu’iinsa ummataa faayidaa siyaasaatiif oolchuun sirrii miti.
“… yaadumaan qawwee tumu, dhumi jedhan hindhumu” jedhe Keekiyyaan. Warra maraateef Waaqqayyo qalbii haa kennu.
Torban gaarii!
Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013