Mariin irra deddeebiin carraa argachuu qaba

Ijaarsa biyya tokkoo keessatti hawaasniifi lammii hundi gahee qixa hin qaban. Kuun daandii tolchee irra nama qajeelcha. Kuun daandii tole sanarra deema. Daandiin kun tokko qofaa mitii. Gariin daandiinsaanii gargar ta’us  galmisaanii tokko ta’uu danda’a. Gariin daandiinis, galmaanis faallaa walii ta’uu malu.  Adeemsa kana keessa biyyi ijaaramti ykn diigamti; guddatti ykn hiyyoomti, qancarti  jechuudha.   

Siyaasas ta’ee hojimaata biraa keessatti kaayyoon tokko hordoftoota qofa osoo hin taane mormitootas ni qaba. Hordoftoota dabalachuuf ykn  kan harkaa qaban dhabuuf   murteessaan haala hooggansaati.  Kan faranjoonni ‘leadership’ jedhaniin; kan nuti galagalaa ganama haasofnu; garuu kan hiikasaa hin hubanne ykn dubbii malee hojiitti hin hiikne.  Hooggansi kaayyoo ifaa yoo hin qabaanne, isas hordoftootaasaa hubachiisee fudhatee yoo hin baane deeggartoonni deemsa keessa dhawata dhawataan  harca’aa deemu. Kanaaf; kaayyoo tokko fiixaan baasuuf hooggansi murteessaadha kan jedhamuufi.   

Dhimma kana gara biyya ijaaruutti haa fidnu. Biyya tokko ijaaruufi diiguu keessatti gaheen hoggansaa murteessadha. Addunyaa kanarratti hogganoonni biyya cimaa fudhatanii bahan hedduudha. Kan biyya dadhabsiisan ykn diiganillee ni jiru.

Dubbii fakkeenyaan ilaluun gaaridha. Awurooppaa keessatti Ottoo Vaan Biismaark naannolee (States) Jarman tokkoomsee biyya cimtuu ijaaruudhaan akka fakkeenyatti ka’a. Gaafa seenan tokkummaa biyya Jarman ka’u maqaan nama kanaa biraa hin dhabamu. Adoolf  Hitilarimmoo Jarman caalatti cimtuu taateen ijaaraatti biyyattii balaaf saaxile.  Jarman Otto Vaan Bismaarki tokko taasise Hitilar ammo Jarman bakka lamatti qoodamtee, Jarman Bahaafi Jarman Lixaa, akka uumamtu sababa ta’e. Sababa  Hiitilariin biyyi cimtuun Awurooppaa   kirkirsite sun dadhabdee  gooftaa  lama (Ameerikaafi Sooviyeet Tokkoomte)  jalatti  kufte.  Haalli siyaasaa addunyaa deeggarsa godheefi waggaa 50 booda bara 1990tti (ALG)  deebitee tokko taate.

Jaarraa 19fa  bara walwaraansa Ameerikaa (American Civil War 1861-1865) keessa Ameerikaan yeroosanaa kan naannoolee gara soddomaa ta’aniin ijaaramte balaa addaan foxxoquuf saaxilamtee turte. Pireezidaantiin Ameerikaa inni 16fa, Abrahaam Liinkan, dhugaa ummata cunqurfamaa qabatee, malaan fi humnaan walitti makee biyyattii gaaga’ama jiguurra geesseef dawwaa taeera. Pireezidaantiin kun tokkumaa kana fiduusaatiin gatii lubbuusaa itti kaffaleera ykn ajjeefameera. Namni kun lubbuu itti dhabullee Ameerikaan cimtee addunyaa hoogganuu dandeesseetti. Tarsiimoon namni kun hordofe tarsiimoo hooggansaa gaarii milkaa’ina biyyaa fide jechuun ni danda’ama.

 Biyya ijaaruufi diiguu wajjin walqabatee fakkeenyi hedduun ka’uu ni mala. Haalli Vilaadmiir Leeniiniifi Jooseef Istaaliin (Hoogganttota Sooviyeetii jalqabaafi lallabdoota sirna sooshaalistii kan duraa)akkaataa itti isaan  Sooviyeetii tokkoomte itti ijaaranii fi   halli biyyattiin deebitee biyyoota 15tti qoodamte fakkeenya biraati.  Yuugoozlaaviyaan biyya tokkorraa gara biyya ja’aa (6)tti bittinnooftee  mudannoo biraati. Somaaleen, ollaan keenya, haalli faffacaatee waggoota 30 oliffi itti jirtu fakkeeya biraati.

Xobbiyaafi Suudan  biyya lamatti  ni qoodamu jedhee kan tilmaame yoo jiraate raajii gaarii qofa ta’a. Kunniin hunduu hooggansaa, kaayyoo, ilaalcha, fedhii, mirga, kkf wajjin walqabatanii ka’aaniin kan uumamaniidha.  Dhaloonni jarraa 21fa  milkaa’inarra qofa osoo hin taane sakaallaa qormaataarraas barachuu qaba.

 Dhimma kana gara biyya keenyaatti madaqsanii ilaaluun gaaridha; sanaayyuu yeroo ammaa kana,  haala biyyi tun biyya itti taate lammiin hedduun quba qaba. Sirni Minilik gaggeesaa ture akkamitti biyya kana walitti fide?  Mootii Hayila Sillaaseen akkamitti itti fufsiise? Darguun maal godhe? Wayyaaneen maal dalagde? Badhaadhinni akkamitti harkaa qaba? Gaaffiiwwan qo’annoo guddaa barbaadaniidha.

 Yaada gabaabadhaan sirnoonni hunduu milkaa’aafi kufaa biyyattii asiin gahaniiru. Biyya cimtuu ijaaranmoo hn ijaarre yaada jedhurratti gamaggama adda addaa qabaachuu malla. Ani garuu biyya cimtuu mirgoonni sabaafi sablammii akkasumas nama dhuunfaa keessatti kabajame ijaaruu hin dandeenye yaada jedhun qaba. Rakkoon ammaa kanaafillee maddi guddaan sirnota taran sana.

Sababa kanaan dhaloonni ammaa kun daandii qaxxaamuraarra jira. Inni jalqabaa yaada garaagaraa qabu walitti araarsee, gaaffiilee gamaafi gamanaa ka’an walitti firoomsee miiraa walqixummaafi  bilisumaatiin biyyattii tokkomsee cimsee gara fuulduraatti fudhatee deemudha. Daandiin qxxaamuraa inni biraa biyyattii adda qooddachuudha. Sanaayuu akka Sooviyeetii Tokkoomtee karaa nagayaa osoo hin taane akka Yuugoozlaaviyaatti dhiiga wal jigsanii.  Filannoo isa lammataa kan hawwu ni jira jedhee hin yaadu. Kan hawwamus miti. Garuu hawwii qofti hambisuu hin danda’u. Kan hambisuu danda’u gochaadha; mariif waliigalteedha.

Jarmiyaaleen siyaasaa, beekaan biyyattii, hayyoonni seenaa qoratan, hoggantoonni amantii fi kkf, shiraan osoo hin ta’iin, garaa qulqulluun walitti dhufanii mari’ataniifi rakkoo bara dheeraa kanaaf furmaata waloo yoo kaa’an qofaadha. Kanaan ala haalli amma biyyattiin irra jirtu kun kan lammii yaachisuudha.   

Gaafa wayyaaneen aangorraa hari’atamtu jijiirama dhufeen lammiin hin gammadne yoo jiraate warra wayyanneefi qaamolee isaan jalatti fayyadamoo ta’an qofaadha. Sabaafi sablammiin biyya kanaa hundi addabaabaayitti bahee gammachuusaa ibse. Mootummaan haaromsaallee waan gaarii akka ummataaf fidu  abdii guddaatu ture. Tarkaanfiiwwan jalqabarratti mul’achaa turanillee kan abdii namaaf kennu ture. Ummannillee gara tokkotti dhufee waa’ee walqixxummaa, tokkumaa, waliin jiraachuu yaaduu jalqabuunsaa hin dagatamu.

Turtii keessa  garuu maraammartoo duraanii sanatti deebi’uun jalqabame. Amma sirumaa waan sodaachisaafi yaaddessaarra ga’ameera. Yeroo akkanaa kanammoo hooggansa cimaa gaaga’ama biyyattii kanaaf fala ta’u barbaachisa. Kanaaf hooggantoonni carraa argatanii biyya gaggeessaa jiran itti gaafatama qabu.

Biyyattiin akkuma qoollajii  hoolaa asiif achi fafamtee jirti. Rakkoon biyya keessaa bo’oo mataa tokkoodha, walitti bu’iinsa, riphee loltummaa, qaala’insa jireenyaa,,waldhabdee biyyootii ollaarra itti dhufaa jiru,dhibee daddarbaan  dhukkubbii mataa biraati. Dhibbaan hawaasa addunyaarraa irratti taasifamaa jiru kan biyyattii hiyyeettiin tun baachuu dandeessu miti. Rakkoowwan itti danachuudhaan mootummaan kam qabee kam akka gadilakkisu waan wallaale fakkaata. Lammii biyyattiittillee wanti itti bitaacha’e ni jira. Kuun achi harkisa; kuun as harkisa.  

Kanaaf yerroon malli maali jedhanii akka biyyaatti mari’atan amma natti fakkaata.  “Lafa qotuun bona hafee, osoo bokkeenyi hin roobinii, osoo coqorsi hin loo’in …”jedha beektonni sun. Booda gaabbii akka hin taane yerootti fayyadamuun gaariidha.  

Jalannus jibbinus, ammannus amanuu baannus biyya Xoobbiya jedhamtu tana keessatti sabboonumaan garmalee finiineera. Gara biraatiinimmoo falaasamni siyaasaa lama, Tokkeesitoonniifi Federaalistoonni  ( Unionist & federalist)   gamaa gaman dhaabbatanii garmalee walfalmaa jiru. Wantichi yaadan walfalmuu qofa osoo ta’ee gaariidha. Garuu hin fakkaatu.; quba qaataa qawweerra kaa’utu mul’ata.   Kana kan yaaddoo guddaa keessa nama galchu.

Saboonummaan garmalee lellifamaa deemaa jiru kun humnaan osoo hin ta’iin malaafi haala biyya ijaaruun yoo qabamuu baate balaa guddaa fida. Keessumattuu sabboonummaan Oromoofi Tigree kan hidda gadi fageeffataniidha. Waggoota dheeraaf kan lallabamedha. Kan dhaloota jalqaberraa dhaloota haarawatti darbaa dhufaniidha. Sabboonumaan haala kanaan guddachaa, deegartoota hedduu horachaafi beekamtii argachaa dhufa kana akka salphaatti dhaamsuun waan danda’amuu miti;  humnaan balleessunis hin yaalamu; yaalamees dadhabameera. Kanaaf karaa nagayaatiin saboonummaan kun biyya ijaaruuf haalli itti oolu  tarsiimoon bocamuu qaba.

Sabboonummaan biraa kan hin qulqulloofneefi ilaalcha walmakaa qabatee waggoottan muraasaa as ifatti bahaa jiru sabboonummaa Amaaraati.  Jaarmiyaaleen siyaasaa Xoobbiyummaa dhiisanii maqaa saba kanaan hundaa’anii dhimma saba kanaa dhaadhessan baayyachaa jiru. Dhaabbileen siiviilii mirga Ammaaraa qabatanii deeman heddummachaa jiru. Midiyaaleen dura Xoobiyummaa  aguuggatanii olaantummaa saba kanaa dhaadhessaa turan amma gara tokkoti citaniiru; wanti hunduu Amaara taeera.

Sabboonummaan Amaaraa jiraachuunsaa rakkoo miti; ummata kanaaf qaamni afaan ta’u jiraachullee qaba. Kan rakkoo ta’u haala itti hoogganamaa jiruudha. Miiraan socho’uu, olaantummaa durii lallabuu, walqixxummaa sabaafi sablammii dagachuu, jibba afarsuufi kkf.  Sababa kanaaf sabboonummaa Oromoofi Tigree caala kan biyyaaf sodaa ta’u kan warra haarawaa kanaadha.  

Walharkisaafi waldhiibbaan kaampii humnoota fedraalistii fi siran mootummaa tokkee  jidduu jiru kunillee yoo waldanda’uun jidduu hin jiraanne, yoo obsi dhufuu baate rakkoo biraa dhaluu danda’a.  

Akka waliigalaatti haalli biyya kana keessatti guyyaa guyyaan uumamaa jiru garmalee nama sodaachisa. Lubbuun namaa meeshaa shaqaxarra rakasteetti. Duuti guyyaa guyyaan dhagahamu gurra namaa duucha. Kanaaf maal wayya? Wlitti dhufanii yeroon mar’itan amma ta’uu qaba. Mariin carraa argachuu qaba. 

Torban gaarii!   

Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013

Recommended For You