Dachaasaa Roorroo
Bilbila tokkotu naa bilbilame; torbeedhuma kana keessaa. Namuman itti dhihaadhurraa naa bilbilame. Akkuma duriiti jedheen nagaa gaafadhe qoosaa wayii irra buuse. Dhimma addaatiif na barbaade jedhees hin yaadne.
Eddii xiqqoo yaada waljijjirree booda “Waa simariisisuu barbaadeen sii bilble” naan jedha namni kun. Naasuun xiqqoo akka na qabuu ta’een “maali? Nagumaa miti?” gaaffii gaaffiirratti gaafadhe. “Dhimmuma dhuunfaa kootiifi”! deebbiin jedhu naa dhihaate. “Hayyee! Yoo kanan danda’u ta’e” jedheenii galgala manuma nama kanaatti akka walagarru waliigallee bilbila cufnee gargar baane.
Akkuma beellema keenyaatti galgala walagarre. Maatiin nama sanaas ni jira. Galgalas xiqqoo haasofnee gara dhimma mariif waamameetti galle. Namni kun waanan ani gonkumaa hin yaadne naa kaase. jaarmiyaan tokko dorgomaa filannoo akka ta’uuf akka gaafate natti hime. “Ati miseensa jaarmiyaa siyaasa kanaatii?” gaaffii jedhun dhiheessef; ajaa’ibaan ija keessa ilaalaa. deebii “Lakk!” jedhun argadhe. Anillee namni kun miseensa jaarmiyaa siyaasaa kamuu akka hintaane nan amana.
Garuu keessoon namaa hinbeekamuu jedheen duubatti deebi’ee yaade. Anatu akka miseensa jaarmiyaa siyaasaa hintaane yaadee laata jedheen “ dhuguma miseensa dhaabaa kanaa miti?” jedhee deebisee gaafadhe.
Jala muree akka miseensa jaarmiyaa kamiyyuu hintaane naa mirkaneesse. Anillee amane fudhadhe. Namni kun ilaalcha Xoobbiyumaa nama qabuudha. Amantaansaallee kanuma. Hiddi dhalootasaa saba guguddaa lamaanirraa kan late ta’ullee ijjannoon gara tokkotti duufa.
Dhimman waamameef maatii wajjin baasnee buusnee irratti mar’anne. Bu’aafi midhaasaa adda baasnee ilaalle. Anis yaada natti dhagahamu kenneefii gargar baane. Garuu siyaasni ilaalcha dhuunfaa waan ta’eef murtii abbaa sanaatiif dhiisne. Yaada murtiisaas akka kabajnuuf waliigalle.
Aadaan biyya kanatti hin baratamin keessaa tokko murtii namaa kabajuu dhabuudha. Akkan ani yaadetti yaadi jechuu, jaarmiyaan ani deeggeru deeggeri jechuu, ijjannoo siyaasaa nama dhuunfatiin nama jibbuu, loogessuu, walirraa fagaachuufi kkf. Kun sirrii miti. Kanaf nama kana akka ofii murteeffatu gorsine hariiroon keenya garuu sababa kanaan akka hinmiidhamne walamansiisne.
Akkuma beekamu biyya keenyatti filannoo si’a ja’affaaf beellamni qabameera. Yoo mootummaan jedheefi Waaqayyo eeyyame dhuma baatii Caamsaarratti filannoon mana maree bakka bu’oota ummataafi kan manneen marii naannoo ni adeemsisama jedhamee yaadama. Filannichi akka adeemsisamu abdii guddaatu jira. Fedhiinis ni jira. Nama jaarmiyaa bakka bu’ee dorgomu qopheeffachuuf yaaliin taasisamu qaama fedhiifi abdii kanaati.
Garuu hanga filannich adeemsisamutti qophii maaltu ta’a? Hojii akkamiitu raawwatama? Gaheen paartiilee siyaasaa maal ta’a? gaaffiiwwan kanneeniifi kanneen birootiif Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gabatee hojii baaseera. Hawaasni keenya hordofee mirgasaatti fayyadamuu qaba.
Siyaasni filannoodha: Sirna diimokiraasii keessatti jaarmiyaaleen siyaasaa kan hundeefamaniif sirni siyaasaa yaad-daneessaa akka ijaaramuuf, ummanni gaggeessaasaa bilisaan akka filatuufi. Jaarmiyaaleen siyaasaa aangoof dorgoman sagalee ummataatiin taayitaa akka qabataniif. Kanaaf siyaasa ammayyaafi dimokraatawaa keessatti filannoon siyaasa; siyaasni filannoo kan ta’uuf. Siyaasni filannoo hinqabne siyaasa dimokraatawaa miti.
Haala kanaan biyyoota sirna dimokraatawaa gaggeessan keessatti waggaa dheeraaf filannoon dhugaa, haqaqabeessaafi madaalawaa ta’e gaggeeffamaa tureera. Ammas gaggeeffamaa jira. Fakkeenyaaf sirna dimokraasii kan jedhamtu Ameerikaan ji’a Sadaasaa keessa filannoo adeemsistee, bu’aan filannoo beekamee yeroo ji’a lama hinguunne keessatti paartiin Dimokraasii morkataasaa kan ta’e Paartii Rippublikaanii mo’atee Joo Baayidaan falmataasaa kan ture Doonaaldi Traampirraa aangoo fudhatee hojii jalqabeera. Kun bu’aa filannoofi sirna yaad-daneessaati.
Osoo akka hawwii ta’ee biyyi keenyas paartii muraasa tolfattee, waldorgomsiistee fedhii ummataatiin aangoo qabachiisti. Garuu kun hawwiidha malee dhugaa ta’uu hindandeenye. Paartii mana kurnaan lakkaawaman dorgommiif dhiheessanii ummanni kan keessaa filannu wallaalla. Yaadamni siyaasaa hanga lakkoofsa paartii baay’atan garuu kan garaa garummaa bu’uuraa ta’e hinqabne gabaa filannoof dhihaatanii ummanni kan keessaa filatu wallaala.
Kanarratti haqniifi dhugaan dhabamanii sagalee wal hatuufi walmaksuun keessatti mul’ata. Kun gama tokkoon filannoo hundi siyaasa dhugaa akka hintaane mirkanessa. Filannoon biyya keenyaa rakkoo kana keessaa bahuu qaba.Filannoon itti deemaa jiru kunis haqa qabeessaa, dimokiraatawaa akka ta’u ummanni abdii guddaa qaba.
Filannoon yaada: Akka yaada kootti filannoon namaa miti- filannoon yaada. Yaada garee ykn yaada nama dhuunfaa. Akka paartiitti yoo ilaalame filannoon yaada paartii sanaati. Filattoonni kan filatan yaada paartii dorgommiif dhihaateedha. Namni filatamu ammoo nama yaada paartii sanaa tarkaanfachiisu ykn hojiirra oolchuudha.
Ameerikaanonni caalmaan Paartii Dimokiraatawaa yoo filatu yaada jaarmiyaan kun qabatee gabaatti bahe nama irraa bitu argateeti. Yaada paartii sanaa qabatee kan gabaa bahe gurgure Joo Baayidaniifi miseensota paartichaati. Yaada kanas kan hojiirra oolchu namuma kanaa. Warra isa wajjin yaada paartichaa dhaadhessaa turaniidha.
Filannoon yaada yoo jedhamu yaada siyasa (political ideology) jechuudha. Yaada siyaasaa jechuun falaasama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa dhaabbatichi hordofuudha. Tiyoorii imaammata jaarmiyich hordofuudha. Ilaalchi bitaafi mirga jedhu akka yaada siyaasaatti addunyaa fiixee lamatti qooda.
Siyaasa jiddu gala jedhanii warri jaarmiyaa ijaarratanis jiru. libaraal, consarvaatiive yaada siyaasaati. Kanarratti hundaa’uudha gareen walii gale jaarmiyaa ijaarratee dorgommiifi filannoof dhihaata.
Ummanni yaada siyaasaa kan xiinxaluun, bu’aafi miidhaasaa adda baasuudhaan kan isatti tolu filata. Kan ‘Na fayyada jedhee yaaduf deeggersa kenna. Sagaleen lakkaawamee kan caalmaa argate akka seera biyyattiin baafatetti moo’ata. Kuun ni moo’ama. Haalli jaarmiyaaleen yaadaan walitti dhihaatan walitti bahanii mootumma waligaltee (coalition government) dhaabbataas ni jira.
Paartiileen biyya keenyaa hedduun yaadama siyaasaa akkamii akka gaggeessanillee adda baafachuuf rakkisaadha. Kanneen sarara qajeelloo qaban akkuma jiran kanneen kaayyoo dhaabbataniif hin beeknes hedduudha. Kanneen yaada siyaasaa walfakkaatu qaban garuu kan maqaa qofaan gargar bahan danuudha.
Kun qulqullina jaarmiyaalee siyaasaa biyyattii gaaffii keessa galcha. Kanaaf, yeroo filannoo kana warri kaayyoo hinqabne osoo filannicha keessaa bahanii gaariidha. Warri yaadama siyaasaa walfakkaatu qabu osoo walitti makamanii human walitti horu.
Dorgomaa cimaa ta’annii dhihaachuuf fayyada. Ummatallee burjaajii keessaa baasa. Ummanni fedhii paartii hedduu hin qabu. Hawwii yaadaafi dhaaba cimaa qaba. Kan nama dhuunfaas ta’e garee akkasumas biyya fayyadu isa kana.
Ajandaa siyaasaa: Filannoon yoo dhufu wanti yaadamu jaarmiyaa kamtu dorgoma kan jedhu qofaa miti. Jarmiyaa kamtu ajandaa filannoo ummata fayyadu qabatee dhihaata kan jedhuu dhimma abdiidhaan eegamuudha.
Jaarmiyaalee filannoof dhihaatan falaasama siyaasaa isaanii wajjin walqabsiisanii ajandaa siyaasaa qabatanii murtii ummataatiif dhihaatu. Dinagdee biyyattii cimsuuf tarkaanfii fudhatan, barnoota babal’isuuf sirna hordofan, eegumsa fayyaa waliin gahuuf kaayyoo qaban, walqixxummaa ummataa kabachiisuuf waan hojjatan… qabatanii dorgomaasaanii wajjin falmu. Jaarmiyaan ajandaa siyaasaa filattoonni caalmaa qabanii jaalatan ni moo’ata.
Gama kanaanis jaarmiyaalee siyaasaa biyya keenyaa bira hanqina guddaatu jira. Kan carraa midiyaan dubbachuu argatee ajandaa paartiisaa hinbeekne ykn ibsuu hindandeenye baroota taran agarreerra.
Kan waa’ee siyaasaa hin beekne, kan ummata bulchuu dhiisii maatii ofiituu bulchuu hin dandeenye hedduun yoo “na filadhaaf’ dorgoman ilaallee itti kofalleerra. Kanneen mindaa gaarii argachuufi jireenyasaanii utubuuf qofa miseensa jaarmiyaa siyaasaa ta’anii filannoof dorgomaa turan lakkoofsa hinqaban.
Namoota akkanaa kanneeni gaafa aangoo argatan malaanmaltummaan, firummaan, hiriyummaan kan biyya rakkisan. Kanaaf jaarmiyaaleen siyaasaa qulqullina namoota filannoof dhiheessanillee qorachuufi adda baafatanii ummatatti dhihaachuu qabau.
Filannoon Maaliif Gaggeeffama? Gaaffii kanaaf akka hubannoo koottti akkasumas akkan dubbisetti yaada kenneen barreefama kana goloba. Filannoon biyya dimokiraatawaa taate keessatti kan gaggeeffamuuf kaayyoo hedduu milkeeffachuufi.
Filannoon kan adeemsisamu sirna dimokiraasitiif bu’uura kaa’uufi. Mootummaa ummataan filatame ijaaruufi. Diimokiraasin filannoon yoo mirkanaa’e walqixxummaan hundee godhata. Filannoo keessatti lammiin dhimma biyyasaanirratti kallattiifi alkallattiin murteessuuf carraa argata. Sirni dimokiraasii olaantummaa seeraa kabajuufi kabachiisuu keessatti gahee mataasaa qaba.
Bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf filannoon meeshaa gaariidha. Akkuma walii galaatti filannoon biyya lammii hundaaf ta’tu ijaaruu, bulchuufi misoomsuuf akkasumas nagaa buusuuf gahee guddaa qaba.
Kanaaf, filannoo bara dhufu kana irratti hirmaachuun mirgasaa shaakaluuf akkasumas qaama biyya hooggannu filachuuf filattoonniis qophii brbaachisu taasisuu qabu.
Gaazexaa Bariisaa Amajji 22/2013
3 Comments to “Filannoon siyaasa; siyaasnis filannoodha”