Jalqabaafi xumura abbootii irree

 Dachaasaa Roorrootiin

Torbee darbe suuraa miidiyaa hawaasaarra deddeemaa ture tokko argeen guddaan ajaa’ibame. Suurri kun kan jaarsa TPLF tokkooti. Namtichi jaarmiyaa kana jalqabarraa ijaare jedhama. Jaarsicha midiyaarratti sirriittan beeka. Haasoftisaa kan oftuulummaan guutameedha. Beekaan lafa kanarraa isa qofa fakkaata. Tuffiin namaaf qabu kana kan jedhamu miti. Jireenya qanani’aa jiraachaa akka ture beekamaadha.  Hagam dhugaa akka ta’e hin beeku; garuu  wuusikiin inni habbuuqqatu garmalee qaalaaadha  jedhama.

Guyyaan akkuma nama kaastu namas ganti. Jaarsi quufaan sun bakka kaleessaa hin jiru.  Harkisaa lamaan cincaalaan wlitti hidhameera. Eegdonni raayyaa itisaa isa maddii jiru.  Fuulli jaarsichaa harrii uffateera. Biftisaa golgolaa’eera. Gootummaa osoo hintaane sodaatu irraa mul’ata. Jabina osoo hin taane dadhabinatu irraa ifa. Fuullisaa kan dur akka buqqee dhadhaa baqu sun cooligeera. Jaarsa laamsha’aa, umuriin itti ulfaate, jaarsa boolla qarqara jirudha.

Jaarsi kun mootummaa waraanuuf qilee Tigraayitti akka gale midiyaan odeesseera. Yaa qalbii namaa ¡ Ajaa’iba barri namatti agarsiisu. Jaarsi fincaan fageeffachuu dadhabe ‘qabsoof’ laga bu’e yoo jedhamu maaltu namatti dhagahama?  Silaa kan umurii kanarratti irraa eegamu araara buusuudha; biyya tasgabeessuudha. Garuu kan raawwatame faallaa kanaani.  Lammiitti albee qare, qawwee itti qiyaafachiise. Biyya ijaaruuf osoo hin taane biyya diiguuf fakkeenya ta’an.   

 Jaarsoliin akka nama kanaa  hedduun  jidduu kana raayyaa ittisa biyyaatiin boolla lixan keessaa funaanamaa jiru. Hoggantoonni TPLF kanneen nagaa jibbanii goolii filatan har’a bakka seenan dhabanii rakkachaa jiru. Warri oftuulummaan  jaalala dhiitanii   jibbaaf karaa saaqan bakka dhokataniifi of dhoksanii guramaa jiru. warri guuramaa jiran warra carraa qabuudha. Kanneen achumatti raayyaa ittisaan barbada’anillee hedduu ta’uusaanii midiyaan dubbataa jira.

Jarsaafi jaartii torbee darbe qabamanitti aanee kanneen biroos galii ta’aa jiru.  Torbee kana Itti aanaa pireezidaantii naannicha kan ture Doktar Abirhaam Takastaa Finfinneetti galii ta’eera. Akkasumas pireezidaantiin naannicha kan duraanii Ob. Abbaayi Walduu)  booletti xiyyaara irraa yoo bu’u midiyaan agarree jirra.   Kan xiyaararraa bu’a akka durii  kaarpeetii diiman afameefii miti. Poolisiin salaamata kenneefi miti.

Harkisaanii cancalaan walitti hidhameeti. Ajaaiba rabbii ! kana booda bakka raagdichi Pirofesar Mararaa Guddinaa jedhe sana galuusaaniiti. Mana hidhaa “ qulqullinaan qabaa bori isiniifis ta’uu mala” ittiin jedhe sana, Kan ijaarutu beekama malee kan itti galu si’aahuu maaltu beeka. Manneen hidhaa mootii Hayilasillaaseen ijaarsisan booda ministeerotaafi jaladeemtotasaatu itti hidhamee achuumaan itti awwaalame. Manneen Hidhaa dargiin ijaarsisaa bahe booda ministeerota, jeneraalotaafi abbootii aangootu itti gale.

Kuun ajjeefame, kuun itti hidhame. Akkasumas amma abbaan dabaree gaheera. Manneen hidhaa ADWUI fi TPLF itti nama kolaasaa, ajjeesaa, makkaraarsaa turan sun har’a ofii isaaniif yoo itti galan arguu caala kan nama ajaabibsiisu jiraa? Anga’oonni TPLF dabareen itti seenaa jiru. Jeneraalonni TPLF itti naqamaa jiru.  

Osoo carraan jiraatee Nadhii gammadaa kana argee maaljedha laata?  Osoo injinar Camadaan biyyoo urgufatee jarreen kana Qaallittiifi Aqaaqiitti argee maal jedha laata? Gurbaan “yakkamaan anamoo nama nahidhe? jedhee keenyan Maakalaawwii irratti barreesse sun osoo kana dhagahee akkamitti ajaa’ibsiifata laata? Usmaayyoofi Eebbisaan osoo kana ijaan arganii maaltu itti dhagahama laata? Maalumaafuu maraammartoon biyya kanaa kana fakkaata. Kan dhufu kan darberraa kan hin baranne!

Anaaf Dhaabbanni Addi Warraaqsa Dimokiraata’waa Ummata Xoobbiyaa ( ADWUI) jedhu maqaaf yoo jira jedhame malee guyyaa tokko qalbiin koo akka jirutti fudhatee hin beeku. Abbaan dhaabbata kanaa TPLF dha. Kan uume, kan qare, kan guddise kan ilaalcha itti hore TPLF dha. TPLF ammoo durumaanuu dhaabbata kaayyoo ifaa, kaayyoo dhoksaa, qabattee dhalattee fi guddatteedha. Jaarroleen har’a  dukkana keessa asiif achi  dhokatan kunniin abbootii kaayyoo ifaafi dhoksaa kana uumaniidha. Ittiin fulla’uu hin dandeenye malee waan isaan waggoota aangorra turan raawwatan sabaafi sablammiileen biyya kanaa kan dagatanii miti. 

Dogongorri jara kanaa tarsiimoosaanirraa madda.  Ilaalcha isaan sabaafi sablammilee keessattuu saboota baballaarraa qabanirraa ka’a.  fakkeenya tokko haa kaasu.  TPLF jalqabumarraa Saba Oromoofi Amaraa irraa sodaaf jibba qaba.  Baay’inniifi bal’inni lafa irra qubatanii isaan sodaachisa. Kanaaf Tarsiimoo Saba kana ofirraa ittiin fageessan kan sablammiilee bicuu ittiin ofitti qabatan tarsiimeffatanii hojiirra oolchaa turan. 

Naannoleen akka Beeniishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Ummata Kibbaa, Somaaleefi Affaar yoo ijaaraman callisanii kaayyoo alaa miti.  Marsanii Tigraayiin walitti dhufu. Qimaanti achiin naannoo akka ta’u haala mijeessaa turan. Kana jechuun saboota guguddoo lamaan kiyyoo keessa galchuudha. Isaan wal nyaachisaa, giingoo itti maranii Tarsiimoo Malasaa kan “ ummata guddaa xiqqeessuun, lafa bal’aa dhiphisuun ni danda’ama” jedhu sana hojiirra oolchuuf hanga dhumaatti tattaafachaa turan.

Tarsiimoo dogongoraa waan ta’eef yoomiyyuu kan milkaa’u miti.  Ummata Oromoo isa guddaa kana kan jaarraa hedduufi dhiibban irratti taasifamaa osoo jiruu baduu dide kana TPLF xiqqeessuu tarsiimoo adda addaa asiifi achi hiruutiin yeelteetti, gruu hin taaneefi. lafasaa dhiphisuuf yaalii gootullee milkaa’uu hin dandeenye. Kan nama ajaa’ibu dhaloota ummata sana keessaa bahe kan teessooshii diigee Maqaleetti ishii galche. Jabaan yoomiyyuu jabaadhuma.

Kaayyoon oftuulummaafi abbaa irrummaa  yoomiyyuu galma hin gahu. Galmas gahees hin beeku. Addunyaa kanarratti kan akka Adoolf  Hitilariifi jaarmiyaasaa Naazii Jarman goobee addunyaa sodaachise hin jiru. Xumurri nama kanaafi jaarmiyaasaa akkuma hoggantoota Wayyaaneefi TPLF qaanii ture. Kufaatii deebi’anii hin kaane kufe. Bineettoo Mosoloniin, inni abbaa jaarmiyaa  Faashistii Xaaliyaanii, akkuma bookkisetti hin hafne, Xumurrisaa  akkuma Hiitilar kufaatii gadheedhaan goolabame. Abbootiin irree lamaanuu garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti barbadaa’an. Jaarmayaaleensaaniis isaan wajjin awwalaman. Jaarmayaalee kenneen deeggeruunis addunyaarratti yakka ta’e.  Kan hooggantoota TPLFfi jaarmiyichaas kanaan adda jedhee hin yaadu.

Hunda caalaa kan nama ajaa’ibsiisu oftuultonniifi abbootiin irree dhaadannoof malee du’aaf qophii hin qaban.  Lubbuun nama biraa lubbuu itti hin fakkaattu. Du’aaf kakaasu, du’aaf gorsu, du’anii lubbuusaanii akka hambisan leenjisu. Kana biyya keenyatti Mangistuu Hayilamaariyaamirratti agarree jirra. Hr’ammoo  hooggantoota TPLF irratti mil’achaa jirra.

Koloneel Mangistuun maqaa tokkummaa biyyaattiin dhiiga nama kumaatamaa dhugeera. Nama kumma dhibba hedduun lakkaawamu waraanatti ergee ficcisiiseera. Hanga meshaan tokkoofi namni tokko hafutti “ni lolla” jedhee odeessaa bahe. “Biyya kootiif asumattan rasaasa dhugee foon koo  asitti awwaalama” jechaa ture. Garuu gaafa Wayyaaneen Finfinneetti dhihaattu kan maatiisaa fudhatee biyyaa baqate.  Gaafa duuti isa bira geessu wanti hunduu dogongora ta’e.  Har’as gaafa duuti  hooggantoota TPLF bira gahu  dhaadannoon duraanii, “ naqabaa na gadi lakkisaa”sun dogongora ta’e. Kun amala abbootii irreeti.

Namni akka du’e isaan jiraachisu malee akka ofii du’an yoomiyyuu hin fedhan. Kanammoo, akkuman kanaan dura barreesse, Koloneel Muhaammad Gadaafii, hoogganaa biyya Liibiyaarrattis agarreerra. Akkasumas Saadaam Huseen, Pireezidaantii Iraaq, irratti  ilaallee jirra. Kanaaf, amaloonni murnaoota hooggantoota TPLF irratti mul’ataa jiru kun gochaadhuma abbootiin irree addunyaarratti raawwataa turaniidha.

Maalumaafu jalqabni abbootii irree dhaadannoodha. Nama nagaa miiraa keessa galchanii irbaata rasaasaa taasisuudha. Xumurrisaanii harka laachuudha. Lubbuusaanii mararfachuudha. Dhiifama kadhachuudha. Kunimoo fudhatama kan qabuu miti.  Murtii seeraa argachuun dirqama.

Kans ta’e sana isaaan lafa indeebinetti darbaniiru,ummata Tigraayi, kanneen akka ummata biyya kanaa kamiyyuu jiruufi jireenyi itti ulfaateef yaadamuu qaba. Gargaaruu, deebisanii ijaaruu, jajjabeessuun  waliin jireenya gara fuulduraatiif bu’uura ta’a.  Jibba uumuufi daba hojjechuun eenyuufuu bu’aa akka hin qabne seenaarraa barachuun barbaachisaadha. Waanuma fedhee ta’u jibba jaalalaan injifatu,hammeenya gaarummaan injifatu,  nurraas kanumatu eegama.

Torbani gaarii!

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013

Recommended For You

6 Comments to “Jalqabaafi xumura abbootii irree”

  1. Pingback: Cartel vape pen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *