Waggaa tokko boodas ajandaa addunyaa ta’uu Koviid-19

Koviid-19 addunyaa tanarratti eddii beekamee waggaa tokko lakkoofsiseera. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibee weeraraa (outbreak) jedhee kan moggaaseefi  addunyaan of-eeggannoo guddaa akka taasistu ifa kan baase Amajjii-5/2020 (ALG) dha. Ammajjiirraa ka’ee guyyoonni 365 lakkaawamanii giingoon yeroo naannoftee waggaa tokko dabalattee bakka sanatti deebi’uuf guyyootni hafan10 qofa. Waggaa tokko qofa keessatti balaa guddaatu ga’e; dhala namaarratti. Kana ragaadhaan  deeggaranii ilaaluun  amanamummaaf misha. 

Akka ragaan marsariitii ‘World Meter’ ibsutti hanga jalqaba torbee kanaatti addunyaa tanarratti namoonni miliyoona 78 olitti shallagaman koviid-19n qabamaniiru. Kan lubbuunsaanii dabremmoo miliyoona 1.72 gahaniiru.

Kan dhibee kanaan qabamanii irraa dandamatan lakkoofsisaanii miliyoona 54.85 dha. Kan yeroo ammaa vaayirasichaan qabamanii jiran miliyoona 21.47tti shalagamu. Kun maal jechuudha?  Kanuma lubbuunsaanii dabarte haa ilaallu.

Fakkeenyaaf biyyi gaanfa Afrikaa  Jibuutiin baay’ina ummataa gara nama miliyoona tokkootti siqu qabdi. Osoo namoota du’an kanneen Jibuutiidhaan madaallee kanneen sababa dhibee hamaa kanaan du’anii ummata biyya Jibutiiti dacha lama jechuudha. Haaluma walfakkaatuun Iku’aataraal Giiniin baay’ina ummataa gara miliyoona 1.4 qabdi. Kanaanis osoo madaalamee dhibeen kun ummata biyya tokkoo fixe jechuudha.   

Akkuma waliigalaattuu balaan dhibeen kun biyyoota addunyaa keessattuu kanneen akka Ameerikaa, Biraaziliifi Hindiirraan gahe daran hammaataadha. Jidduu kanammoo weerara marsaa 2fatiin biyyoonni Awurooppaa garmalee miidhamaa jiru.

Biyya keenyattillee lakkoofsi dhukkubsattootaa dabalaa deemuusaatiin meeshaan hargansuuf gargaaru hanqinni akka jiru Ministeerri Fayyaa ibsaa jira.  Kanaaf, koviid-19 har’as waggaa tokko booda yaaddoo fayyaa ummata addunyaatti; kan biyya keenyaatisi.   

Gara ardii teenyaa, ardii Afrikaa, haa dhufnu.  Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa gaafa Kibxataa tare marsariitiisaarratti bahe mul’isutti biyyoonni Afrikaa 47 dhukubni kun biyyasaanii akka jiru gabaasaniiru. Afrikaan biyyoota 54 qabdi. Kanaaf biyyoonni saddeeti waanti irra jiran hin beekamu jechuudha. Gabaasni kun akka ibsetti   hanga guyyaa eerame kanatti namoonni miliyoona 1 fi kuma728 fi 307 ta’an  dhukkuba kanaan akka qabaman mirkanaa’eera.  

Namootni hanga ammaatti du’an  kuma 24 fi 464 qofaadha. Kunimmoo ummata ardii kanaa kan baay’innisaa biliyoona 1.2 tti shalagamu keessaa namoonni vaayirasii kanaan qabamaniifi du’an xiqqaa ta’uusaa agarsiisa.

Ameerikaa ummata naannoo miliyoona 330 qabdu keessaa kan qabame toora  miliyoona 18.5 ta’a. Kanneen du’aan boqotanimmoo  kuma 330 tti siqeera. Dhugaa addunyaarra jiru kana wajjin walqabsiisaanii yoo ilaalan, haalli Afrikaa kun ajaa’iba namatti ta’a.

Odeeffannoowwan jiran ummanni ardii kanaa dhukkuba  kanaan garmalee akka hin hubamin ni ibsu.  Garuu garaa garummaan akkanaa jiraataa laata? Kun gaaffii namoota baay’eeti. Haalli ragaan itti qabamu,  baayinni namoota  qorannoon taasisamuuf, humni qorannoo kana taasisuuf qaban walumatti qabaatti  haala jiruufi jireenya  ardii kanaa wajjin walqabatee  beekamurraa kan madde ragaan kun shakkii keessa kan nama galchuudha.  

 Dhibeen koovid-19 kun biyya keenya galuunsaa kan mirkanaa’e Bitootessa 4/ 2012dha.  Ji’a  10 lakkoofsisuuf deema. Yeroo kana keessatti  miidhaan dhaqqabsiise salphaa miti. Garuu haala addunyaa wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu irraa hafne jechuun ni danda’ama.  

Akka ragaan Ministeera Fayyaa Xoobbiyaa  dheengada, Wiixata tare, baasetti  namoonni hanga ammaatti biyya keenyaatti sakatta’iisni laaboraatorii  taasisameef miliyoona 1 kuma 747fi 905. Kanneen keessaa namoonni vaayirasii kanaan qabamuunsaanii mirkanaa’ee kuma 120fi 348 dha. Kanneen lubbuunsaanii darbemmoo kuma 1 fi 861 gahaniiru.

Namoonni kuma 103 fi 681 dhukkuba kanaan qabamanii irraa dandamataniiru. Hanga jalqaba torbee kanaatti namoonni dhukkubichaan qabamanii jiran  ( active cases) kuma 14 fi 804 dha. Ragaan kun hanga har’aatti hamma tokko dabaluu danda’a. 

Biyya keenyattis, akkuma biyyoota guddinarra jiranii kamiyyuu namoonni hinsakatta’amin ykn gabaasni hin qabamin  kanneen dhibee kanaan qabamanii du’an, dhukkubsatanii fayyan akkasumas  kanneen amma dhukkubsachaa jiran jiraachuu ni malu. Kanaaf, akka Afrikaatti biyyoota fooyya’inaan sakkatta’iinsa laaboraatorii taasisan keessa jiraattullee  tatamsa’inni dhukuba kanaa kan ragaan qabamee ol akka ta’u  ni amanama.

Kanaaf, ummanni keenya of dagachuu hinqabu. Yaadama dogoggora “dhibeen koovid jedhamu hin jiru” jedhu kan ganda ganda keessatti odeeffamuun namni gonkumaa ofis matiisaas dagachuu hinqabu. Akka amma qabatamaan mul’atutti namni of eeggannaan taasisu laaffisaa jira.

Namni bakka namni walitti baay’atutti faxoorraa/ maaskii ofirraa gatee akkuma bara nagayaatti yoo deemu mul’ata. Qaamaan walirraa fagaachuun waan hafe fakkaata. Walitti maxxanuu bira taramee waldhungachuutu jira. Harka walfuudhuutu mul’ata.

Afaan jala gahanii gateettiin walhaamachuutu bakkatti deebi’aa jira. Harka samuunaan siran eeganii dhiqachuun,  saanitaayizarii dibachuun dagatameera. Kunimoo asuma Magaalaa Finfinnee  kan duraan ofeegganoo gaariin itti taasisamaa turetti bal’inaan mul’achuu eddii jalqabee bubbuleera.  Kunimmoo of dagannaa guddaa ofis matii ofiittis akkasumas hawaasa dhibee kanaaf saaxiluu fakkaata.

Haalarratti hundaa’uudhaan dhugaan hinhaalamne tokko ni jira. Haalli tatamsa’ina dhibee kanaa biyya keenyaatti hanga tokko fooyya’ina ni qaba. Too’achuufis tattaaffiin taasisame gaariidha. Kana dhugaa bahuuf wanta ganda keenyatti ykn afooshaa keenya keessatti uumame ilaaluun gahaadha. Garuu hanga kana of dagachuun hinbarbaachisu. 

 Kanarratti hundaa’ee tajaajila geejjibaa irraa qoqqobbiin yeroo muddamaa sun ka’e jechuun koviid-19 hin jiru jechuu miti. Manneen barnootaa bara tare cufaman irraa jalaan banamuu jalqabuunsaanii ammas kooviid-19 bade jechuu miti. Manneen dhugaatiifi manneen shubbisaarraa dhorkaan ka’e jechuun koviid-19 irraa bilisa jechuu miti.

Kanaaf, ummanni keenya of-dagannaa keessaa bahuu qaba. Ofeeggannaa laaffisuun wareegama hin taane kanfaluu hin qabu.  Hanga dhukkubichi karaa kamiinuu fala argatutti ofeegannoo dhuunfaafi waloo jabeessuudhaan bara hamaa kana jala bahuun egereesaa milkiidhaan simachuu qaba.

Wantoota nama dagachiisaa jiran keessaa tokko  odeeffannoo dhukkuba kanaaf talalliin argame jedhudha. Gama kanaan waan jiru marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa sakatta’uuf yaalii godheera. 

Mataduree Koviid-19f talaalliin jiraa? (Is there a vaccine for COVID-19?)  jedhuun barreeffamni marsariitii kanarratti bahe tokko deebii “eeyyeni” jedhu kenneera. Akka barreefama kanaatti, hanga yoonaatti talalliiwwan adda addaa sadiif kanneen Faayizar, Modernaafi  AstraaZeneka (Pfizer, Moderna and AstraZeneca)  jedhamaniif qaamonni seera tumtoonni biyyoota tokko tokkoo beekamtii kennaniiru. Biyyoonni talalicha kennuu jalqabanis ni jiru.  Akkasumas talaalliiwwaniifi dawaawwan baay’een sadarkaa qorannoofi yaaliirra akka jiran ragaan kun ni addeessa.

Haa ta’u malee hanga yoonaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa beekamtii kan argate hin jiru. Talalliin Faayizer (Pfizer) jedhamu kan biyyoonni hedduun beekamtii kennaniifi itti fayyadamaa jiraniifi baay’inaan omishamaa jirurratti dhuma ji’a kanaa eegalee bu’aa qabeessummaasaarratti qorannoo akka gaggeesu dhaabbanni kun ifa godheera.

Kanneen hafanis dabaree dabareedhaan ilaalee yoo ulaagaa kan guutan ta’e kan mirkaneessu ta’uusaa ibseera. Kana jechuun, abdii gaariin jiraatullee, ammallee qorichi ykn talaalliin argame jechuudhaan ummanni akka of hin dagannee akeekkachiisuudha. Asumaan kan yaadamuu qabu talalliin kun yoom biyyoota hiyyeeyyii gaha kan jedhus waliin yaaduun gaariidha. 

Kun biyyoota guddinarratti argamaniif dhaamsa biraallee kan of keessaa qabuudha. Talaalliiwwan biyyoonni tokko tokko beekamtii kennaniif kan akka Faayizer kun bakka walsaamichi jirutti yoom isaan bira gaha laata? Dhuguma addunyaa kanarra raabsiin madaalawaan jiraataa? 

Osuma jiraatee biyyoonni kunniin fandiin kanaaf ooluu qabuu? Kanaaf  talalliin kun yoom biyyoota kana dhaqqabu laata? Gaaffileen jedhan bakka hedduutti  ka’aa jiru.  Gama biraatiin dhimmi talallii kana argachuu  dubbii beellama hin qabneedha jechuudha.   Kanaaf falli maali yoo jettan of-eeggannoofi of eeggannoo qofaadha.

Akkma walii galaatti dhimmi dhukkaba kooviid-19 kun addunyaa kanarratti akkasumas biyya keenyaatti rakkoo fayyaa isa guddaadha jedhanii fudhchuun sirrii ta’a.  fudhachuu qofa osoo hin taane ofirraa ittisanii hawaasarraa ittisuunis  barbaachisaadha. Kanaaf hunduu bakka jirutti qoodasaa haa bahu.

                                                   Torban gaarii!

Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013

Recommended For You

144 Comments to “Waggaa tokko boodas ajandaa addunyaa ta’uu Koviid-19”

  1. Pingback: fox888
  2. Pingback: my response
  3. Good dayI thoroughly enjoyed reading your blog post! After discovering your blog, I couldn’t help but explore your other posts. Your engaging content has me eagerly awaiting more. I’ve subscribed to your RSS feed and am eagerly anticipating your future updates!

  4. Pingback: car detailing
  5. I was truly impressed by your post, not only because of its incredible content but also because of the valuable insights it offered. I am excited to delve deeper into this topic as it aligns perfectly with my passion for learning. Your expertise and distinctive perspective are highly valued. Thank you for generously sharing your thoughts and taking the time to do so!Safe travels.

  6. Your blog post was a delight to read! Since stumbling upon your blog, I have been captivated by your other articles. The captivating content you provide has left me craving for more. I have subscribed to your RSS feed and am eagerly looking forward to your upcoming updates!Be seeing you.

  7. How’s everything?Your blog post was a delight to read! Since stumbling upon your blog, I have been captivated by your other articles. The captivating content you provide has left me craving for more. I have subscribed to your RSS feed and am eagerly looking forward to your upcoming updates!

  8. Pingback: ricco888
  9. пин ап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пин ап официальный сайт

  10. пинап кз [url=http://1winindia.tech/#]пин ап[/url] пин ап казино вход

  11. dunyan?n en iyi casino siteleri [url=http://1wintr.fun/#]canl? casino siteleri[/url] canl? casino siteleri

  12. indian pharmacy [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] top 10 pharmacies in india

  13. online pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]Order medicine from India to USA[/url] top 10 pharmacies in india

  14. erectile dysfunction remedies [url=https://pharm24.pro/#]cheap prescription drugs[/url] cheap erectile dysfunction pills

  15. pharmacy website india [url=http://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] best online pharmacy india

  16. ed drug prices [url=http://pharm24.pro/#]cheap medication[/url] doctors for erectile dysfunction

  17. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  18. erectal disfunction [url=http://pharm24.pro/#]low cost prescription[/url] buy ed drugs online

  19. online canadian drugstore [url=https://pharm24.pro/#]low cost pharmacy[/url] best ed pills

  20. reputable indian pharmacies [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy online[/url] buy prescription drugs from india

  21. deneme bonusu veren siteler 2024 [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler yeni[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey

  22. deneme bonusu veren siteler betturkey [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]denemebonusuverensiteler.top[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com

  23. ultrabet tr online [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet yeni giris 1125[/url] ultrabet tr online

  24. ultrabet yeni giris 1125 [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet giris[/url] ultrabet bonus

  25. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=http://slot-tr.online/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  26. deneme bonusu veren siteler 2024 [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler 2024[/url] deneme bonusu veren siteler mycbet.com

  27. deneme bonusu veren siteler 2024 [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler yeni[/url] deneme bonusu veren siteler yerliarama.org

  28. buy rybelsus online usa [url=https://rybpharm.com/#]buy rybelsus online usa[/url] buy rybelsus

  29. Pingback: Stripchat tokens
  30. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharmgate.com/#]MexicanPharmGate[/url] mexican drugstore online

  31. india online pharmacy [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]Best Indian pharmacy[/url] indian pharmacies safe

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *