Rakkoo Humna ofii Beekuufi madaaluu Dhabuu

Addunyaa kanarratti wanti gaarii hedduun ta’ee dhalli namaa ijaan argeera. Akkasumas wanti gadheen raawwatamee seenaadhaan galmaa’eera, dhalootaa dhalootatti darbeera. Akkuma wantoonni gaariin dhala namaa fayyadan gochaawwan gadheenimmoo daran nama miidhaniiru. Wantoonni lamaanuu, gochaa gaariifi gadheen, waan tokkorraa maddu, murtii hoggansaarra.

Murtii qoratamee, haala gamaggamee, bitaafi mirgi ilaalamee murtaa’u caalaansaa bu’aa argamsiisa. Murtiin, miiraan kennamuufi hoogganamu, kan kallattii tokko qofaan qiyyeeffatu, kan ilaalcha ‘ana qofatu caala’ jedhu of keessaa qabu,  kan ‘ana qofatu dhagahamuu qaba’ jedhu, kan  haala naannawaa  sirriitti hinqoranne yeroo hedduu bu’aan inni argamsiisu kufaatiidha. 

Kanamoo fakkeenya adda addaa, kan biyya keessaafi ambaa, tuquudhaan ragaan wal qabsiisanii ilaaluun ni danda’ama. ‘Kudhan safarii al tokko muri’ jechi jedhu ibsituu murtii qajeellooti.   

Addunyaa kanarratti murtiiwwan gadheen miidhaa, dhala namaarraan, biyyarraan akkasumas ummatarraan gahan hedduun murtaa’aniiru.  Murtiiwwan kunniin yeroof abbaa murteesseefi muran qaama murtii dabarse sana deeggeraniif sirrii fakkaata. Garuu gaafti akka sirrii hintaane ittihubatan nidhufa, gaafa badiin murtiisanaa isaaniifi maatiisaanitti dhufe. Amasitti, wanti hunduu sirrii ittifakkaata.  

Waraana Addunyaa tokkoffaatiin kan loltoonni miliyoona 9fi namootni siviilii miliyoona13 ta’an lubbuu itti dhaban sababa murtii hooggantoonni dabarsaniin; keessattuu kan garee ‘ Triple Alliance’ jedhamanii hoggantoota Xaaliyaanii, Jarmaniifi Ostiroo-hagariitiin.

Waraanichi lubbuu namaa bira taree biyyoonni akka diigaman, ilaalchi siyaasaa haaraan akka biqilu, Ameerikaan Addunyaarratti Olaantummaa akka argattuuf sababa ta’uusaa ragaaleen ni mirkaneessu. Kana malees falaasamni siyaasa sooshaalizimii Ruusiyaa keessatti akka dhalatu gumaacha taasiseera.          

Waraana Addunyaa isa lammaffaafi Adoolf Hitilariifi paartiinsaa Naazii Jarman akkasumas biyyoonni garee isaa ta’an kanneen akka Xaaliyaaniifi Jaappaan ykn warra ‘Axis powers’ jedhamaniidha. Sababa murtii dogongoraa Hitilariifi murnasaatiin Addunyaa kanarratti loltoonni miliyoona 21-25 lubbuu dhabaniiru. Namoonni siviilii miliyoona 50-55 ta’an balaa kanaan du’aniiru. Kan qabeenyaa kaasuunuu barbaachisaa miti. Sababa kanaan siyaasni addunyaa miidhameera.

Abbootiin murtii dogongora kana raawwatan Hitilariifi anga’oonnisaa  deeggatootasaa ykn warra humnaan meeshaa qabachiisan eddii ficisiisaniin booda isaan lubbuun mararte. Ofillee aarsaa taasisuu  fedhii hin agarsiisne. Garuu adabbiisaanii argataniiru.

Xumurarratti kuun ajjeefamnaan.  Kuunsaanii akkuma hoggantoonni wayyaaneen amma gochaa jirtu kana baqachuu yaalan.   Garuu murtii ummataafi  seera jalaa hin baane. Wanti dogongoran murteessan sun deebi’ee isaan nyaate.

Haaluma walfakkaatuun  sababa oftultummaa Pirezidaantii biyya Iraq,  Saadaam Huseeniifi paartiisaa  Baaz (Ba’ath Party) kan jedhamu biyyattii haala deebitee hin dandamanneen daaraa taasiseera. Abiddi bara 1983 Iraaqirratti qabate biyyattii daaraa botoroo godhe. Lubbuun, qabeenyi, jireenyi…dhabameera.  Bayyattiin waggoota 30n darbaniif tika Ameerikaa jalatti akka kuftu taasiseera.     

Saadaam ofitti boonee qaama biraa tuffatu sun akkuma dhaadate sanatti du’a gootaa hinduune. Lubbuun namaa gaaf kaan isa biratti rakasa turte gaafa isa bira geessu mi’oofte. Qawwee TViin gadi  bahee dhukaasu sana gara diinaatti ykn gara ofiitti hin garagalchine. 

Dhumnisaatis  baqachuu ta’e. Namtichi dhaadatu sun ji’oota muraasaaf lafa jala jireenyaan of awwaale. Booda akka adurreen hantuutaa harkistee boollaa baastutti Ameerikaan bool’aa isa baastee karaa qabsiiste.

Jaleewwansaas kuun osoo asii achi jedhanuu ajjeefaman; kuun bakka dhokatanii guuramanii yaa’an. Gaafa duraa osoo hin taane gaafa wantichi lubbuusaaniitti dhufu murtiinsaanii dogongora ta’uu hubatan. Haalli Dabratsiyooniifi murnasaa kanaan walfakkaachuunsaa waan ooluu miti.  

 Wanti Liibiyaa keesattis ta’e kan Iraaq wajjiin garaagarummaa baay’ee hinqabu. Pirezidaantoota Afrikaa keessatti kan akka  Mu’aammar Gaadaafii oftuulaan hinturre jechuun ni danda’ama. Finfinnee Walgahii Gamtaa Afrikaatiif deddeebi’aa ture. Namni kunillee ‘ ana malee’ nama jedhudha.

Haaluma kanaan Libiyaa waggoota 40tti siqaniif bitaa ture. Innillee humnasaa wallaaleeti murtii hintaane keessa galee biyyoota warra Lixaaafi Ameerikaa jala dhaabate. Isaanis Ummata itti kakaasan.

Booda Ameerikaan duubaan qawwee qabattee gaafa itti galtullee akkuma wayyaanee dhaadachaa ture. Magaalaan guddittiin biyyattii Tiriippooliin yeroo too’annaa jala galuuf jirtuu  “ diina tumaa jirra’ jedhee miidiyaatti ololaa ture. Akkuma wayyaaneen samoona Maqaleen raayyaa ittisa biyyaatiin qabamuuf jettu  ‘injifannoo cululuqaa argadhe’ jettee deeggartootaashii sobaa turte sana.

Gaadaafiinis xumurarratti dabarsee of kennuuf hin murteessine. Gaafa dubbiin isa bira geessu lubbuun isa mararte.Asiifi achi kaatee dhokataa ture. Dhokannaan sun garuu isa hin baasne.  Holqa keessa dhokate keessatti wawwaataa ture, gaafa qabamu. Murtii isaas achumatti argate; du’a abbootii irree du’e.   

 Gochaan wayyaaneetis kanneen armaan olitti ka’an kanaan kan walfakkaatuudha. Wayyaaneen waggaa lamaan taran naannoo hoggantullee waggoota 27f biyya hogganaa turte. Yeroo kana keessatti wanti dhala namaa keessattuu Oromoorratti raawwate lakkaawamee kan xumuramuu miti. Ajjeechaa, hidhaa, tumaa, darara… raawwataa turan namni dagatu hin jiru. Yoo akkuma Haacaaluun jedhe  “Yaa nu’ii, yaa waa irraanfachuu” sana ta’e malee.

Wayyaaneen sammuudhuma olaantummaa gaafa aangoorra turte sanaan yaadaa turte.   Sammuudhuma duraanii sanaan dhaadachaa turte. Xumurarrattis  murtii dogongoraa murteessite.  Mootummaa  federaalaa kan human qabu, meeshaa qabu, nama sochoosuu danda’u  wajjin waan hintaane keessa galte. Galuu qofaa mitii waan hintaane murteessite. 

Raayyaa ittisa biyyaa kan Tigraayi qubaterra balaa geessiste. Gadi baatee midiyaan fokkorte.  Dhumarra waan murtiishii argatte. Amma hoggansi jaarmiyaa tanaa kuun akkuma Saadaam Huseeniifi Gaadaafii holqa keessa  galaniiru. Gaaf tokko sangeesaanii qabanii hoolqa keessaa ol guuramuunsaanii hinoolu.  Garuu murtiin isaan  miiraan hogganamanii murteessan biyya miidheera.- gama maraanuu.   

Miidhaan hunda caalu kan dhala namaarra gahuudha. Sababa waraana kanaatiin akka biyyaatti Raayyaa Ittisa Biyyaarra kan ajaja kaabaarra balaan geessisuushiitiin mootummaan tarkaanfii akka fudhatu dirqisiisteetti. Tarkaanfii mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhate baasii tokko malee kan raawwatee miti.

Waraana keessatti ajjeesanii du’uun, madeessanii madaa’uun, booji’anii booji’amuun kanuma jiruudha. Garuu wayyaaneen dhumaatii ijoollee Tigraayiif  gahee guddaa taphatteetti. Kana bira darbee miidhaa biraas dhaqabsiisteetti. Namoonni hedduun qe’eesaanii ho’aa sanaa akka buqqa’an gooteetti.

Ummata Naannoo Amaaraa jiran irrattis balaa buusteetti. Maaykaadraatti namoonni nagayaa hedduun lubbuu dhabaniiru. Rakkoo, gaaga’ama dhala namaarra gahe kun rakkoo murtii dogongoraati. Murtii Wayyaaneen osoo haala hinxiinxalin humnaa ol yaaduudhaan itti seentee ofiifis baddee ummata balaarraan geese.   

 Murtiin dogongoraa kun balaan inni fide kan biraa  miidhaa qabeenya biyyaarra gaheedha.  Amma anaaf galutti qabeenyi Tigraayi keessa jirus akkuma qabeenya naannolee biyyattii kanneen biroo keessa jiru qabeenya biyyaati. Miidhaan qabeenyaa guguddaarra gahu dhiisii kan waan xiqqoorra  geessu biyya hiyyeettii tanaaf waan guddoodha.

Rasaasni guguddaan gamaa gamanaa walitti dhukaafamaa ture sun qabeenyaa biyya kanaan sanaayuu sharafa alaatiin bitameedha. Idaansaa kan dhaloota kanaa qofaa miti;  dhaloota dhufuttis kan darbuudha. Taankiiniifi madfiin gamaa gamanaa gubatan qabeenya biyya kanaati.

Boba’aan waraana kanaaf waraabamaa ture hundi kan sharafa alaatiin bitamaniidha. Miidhaawwan dhaabbilee adda addaarra gahan kan miidhan ummata Tigraayi qofaa miti.  Kanaaf Murtiin dogongoraa akkanaa kun biyyaaf kisaaraa malee bu’aa hin fidu.

 Waraana kanaan bu’uurri misoomaa  hedduunillee barbadaa’eera. Murni wayyaanee dirree qubata roophilaa, riqichawwan akkasumas  daandiiwwan irra miidhaa akka geessisan mootummaan gabaasaa tureera. Kanamalees sararri teelee, intarneetii, ibsaafi bishaanii bakka hedduutti tajaajila akka hin kennine taasisamaniiru. Ummanni sababa kanaan ibsaa dhabee dukkana keessa bulaa ture;  bishaan dhabee dhabsuun rakkachaa ture. 

Firaan  sararri ittiin walquunnamuuf malan dhabamuusaatiin namni yaaddoo hamaa keessa galeera. Rakkoowwan irra keessa xuxxuqaman kunniin osoo afaan ummatichaarraa dhagahamee kana caala suukanneessaafi hammaataa akka ta’e yaaduun nama hinrakkisu. 

Akkuma waliigalaatti addunyaa tana kan guddisaa jiru, kan miidhaas jiru murtii dhalli namaa dabarsuudha. Murtiin dogongoraa ammoo ummata qofa osoo hin taane booda abbaa murtii sanas kan fudhatee baduudha.  

Rakkoo murtii dogongoraa jalaa bahuufimmoo irra deddeebi’anii yaaduu, fedhii ummataa beekuun, bu’aa murtiin sun ummataaf qabu madaaluun, marri’achuun barbaachisaadha. Gorsa qaama biraallee dhagahuun bu’aa guddaa qaba; dogongorarraa nama baraara. Waaqayyo murtii dogoggoraarraa nu haa baraaru.

                                                      Torban gaarii!

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013  

Recommended For You

7 Comments to “Rakkoo Humna ofii Beekuufi madaaluu Dhabuu”

  1. Pingback: https://noonoo.org
  2. Pingback: dark168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *