Dubbiin Xoobbiyaafi Ijibtii tun laafurra jabaachaa waan deemaa jirtu fakkaata. Marii wiirtuu biyyoota sadeenii keessaa baatee gara qarqaraatti deemaa jirti. Xoobiyaan mariin akkuma jirutti ta’ee ji’a Adoolessaa baranaarraa eegalee hidhicha bishaan guutuu akka jalqabdu dubbachaa jirti.
Ijibtimmoo, ”Hanga waliigalteerra ga’amee mallattoon gaggeeffamutti wanti bishaa jal’isuufi guutuu gonkumaa hin yaadamu!” jettee dhaadachuu eddii jalqabdee bubbulte. Ejjannooshee kana Xoobiyaan yoo fudhachuu didde dirqamaan akka fudhattu barbaaddi. Kanas dhugoomsuuf tarsiimoowwan adda addaatti fayyadamaa jirti. Garuu akka Ijibti yaaddu kanatti wanti hunduu ni ta’aa laata?
Yaadamin Ijibti kun waan ajaaibaati. Ofii ishiitii laga Abbayyaa, kan bishaan waciitii tokko itti hin gumeessinetti, mirga uumamaan akka qadu ibsaa; Xoobbiyaa ishee laga kanaaf bishaan guddaa kennituun, ” Ati mirga uumamaa irratti hin qabdu.” jechuu caala wanti nama ajaa’ibsiisu jiraa? Kun abbaa qabeenyaatiin ’Maaltu si galche?’ jechuurraa addaa miti. Silaayis barichuu kan humna qabu abbaa qabeenyaa qabeenyaasaarraa buqqisee ykn dhiibee ormi /nyaaphaan akka itti fayyadamuu kan jajjabeessuudha.
Addunyaa tanarratti haalli waliin guddachuu fi fayyadamuu (win- win situation) jedhu sun kitaaba keessatti hafe humnaan raawwatuufi raawwachiisuutu mul’ataa jira. Ejjannoon Ijibti kan bishaan Laga Naayil ykn Abbayyaarratti, ”Ana malee qaamni biraa kan murteessu jiraachuu hin qabu!” jedhu maddisaa yaaduma kana.
Akkuma beekamu bishaan laga kanaa %85 Xoobiyaa keessaa madda. Kan hafe biyyoota sulula Abbaayirraa madda. Kana ragaatu mirkaneessa. Ijibtiin qabeenyuma biyyoota kanaarratti abbaa taatee isaan akka xaasaa tokkollee irraa hin fayyadamne dhorkaa turte. Kanaaf koloneeffattoonnishii haala seeraa mijeessanii biraa ba’uu qofa osoo hintaane ammallee karaa adda hin deeggeran jechuun hin danda’amu. Kanaaf jaarraa 21fa keessa jiraachaa akka duriitti kan yaadaa jirtuuf.
Mee asirratti waan tokko isiniif haa kaasu. Dolool’oofi lagoonni xixiqqoo biyya dhaloota kiyyaa maddan kanneen akka laga Roobii, laga Warqee, Laga Soddolbee, laga Diimaa, Duulaa, Urga’aa… walitti walda’anii laga Mogoritti yaa’u. Mogor laggeen kanneen guuree Laga Abbayyaatti geessa. Lagni Abbayyaa dabareesaatiin Laggeen naannolee biroo keessaa itti yaa’an hunda walitti qabee Suudaniifi Ijibtiif laata. Ijibtiin fedhiinshii yaatuuwwan laga abbayyaa doloollowwan kanneen akkan olitti eeramanii kanneen too’achuu barbaaddi.
Laga Abbayyaa hidhuuf mirga hin qabdan ykn yeroon ani jedhetti malee bishaan guutuu hin dandeessan jechuun gama biraatiin laggeen xixiqqoo kanatti hin fayyadamtan jechuudha. Sababiinsaa laga Abbayyaa laga kan taasisan laggeeniifi doloollowwan ganda ganda keessaa walitti yaa’an kana waan ta’eef.
Xoobiyaan bishaan osoo qabduu dhabsuu biraa bulti; qabeenyaa kanaan humna elektriikaa maddisiisuu osoo dandeessuu dukana keessa jiraatti; qonnaawwan jal’isii ammayyaa’aan wabii midhaan nyaataa mirkaneesuu osoo dandeessuu biraa beelofti yoo jedhamu dubbiin kun deemee deemee nama dhuunfaa bira gaha. Jecha biraatiin warri keenya dukkana keessa jiraatu, beela’aa jiru, dheebochaa jiru jechuudha; osoo qabeenya harkaa qabanuu.
Kan kanaan duraa sababa humnaafi deeggersa dhabuutiin laggeen kana misoomsuun dadhabame malee yaaliin bara Nugusaarraa kaasee akka jiru ragaaleen ni himu. Amma biyyi keenyallee xiqqoo humna godhateetti. Ummanni biyyattis garmalee dabalaa waan jiruuf qabeeya jirutti fayyadamuun dirqii ta’aara.
Kanaaf, ”Haala haqa qabeessa ta’een bishaan keenyatti haa fayyadamnuudha.” gaaffiin jiru. Ejjannoon Ijibti, ’Isin beela’aatii nuti haa nyaanuu!” hiika jedhu of keessaa qaba. Isin dheebodhaati nuti haa dhugnuu, isin dukkana duruu bartanii nuti ifa keessa haa teenyudha. Yaadamni dabaan kun akkamitti fudhatamaree?
Amman ani hubadhutti, Xoobiyaan ejjanoo ofitummaa hin qabdu. Bishaan kanatti, ”Waliin haa gargaaramnuudha” yaadmaanni gaggeessaa jirtu. Kanammoo walmari’annee bishaanicha adda haa qoodanuudha. Ka’umsi ijaarsa gudicha haaromsaas kanuma; bishaan laga abbayyaatti haala haqa qabeessaa ta’een fayyadamuu. Yaadamni kun waggaa sagaliif irra deddebi’amee hogantoota Ijibtitti himamaa jira. Ummanni Ijibtis akka beeke gochuuf karaa adda addaa yaaliin taasisameera.
Hawaasa addunyaas hubachiisuuf ibsi walirraa hin cinne godhameera. Akkuma Ministeerri Hajaa Alaa torbee kana UNf ibse, Hidhi haaromsaa tikaafi nagaa Ijibtirratti miidhaan fidu hin jiru. Garuu Ijibti kan ofii jettumalee kan qaama biraa dhagahuu hin feetu. Kunimoo eessanuu ishii hin gahu. Jeejummaan kun kan ishii fayyadullee miti.
Carraaqqiin Xoobbiyaan karaa hundaan taasistu kun wal hubachuufi hariiroo garii waliin qabaachuuf, nagaa buusuufi faayidaa walii eeganii ollummaan waliin jiraachuufi. Ijibti garuu abjuu dur sana keessaa hin baane; har’as dhimmuma waliigalteewwan waggaa dhibba tokkoo olii sana abjootti.
Waliigalteewwan moofaafi doofaa koloneeffattoonni akka isaaniif mijatutti barreessanii dadhabdoota meeshaa waraanaatiin faddalamanii mallatteessisiisan sana akka wabiitti of-fuuldura qaban. Kanaan jaarraa 21fa keessatti haqaafi qaroomina fuuldura dhaabbachuun tarkaanfii tokkollee fuulduratti ishii hin oofu. Garuu ijaarsa hidhichaa dhaabsisuu yoo dadhabde karoora Xoobiyaan hidhicha bishaan guutuuf ji’a dhufutti qabatte danquuf tarsiimoo sadii baafattee hojjechaa akka jirtu ni mul’ata.
Tarsiimoon jalqabaa marii biyyoota sadeenii keessatti Xoobiyaarratti dhiibbaa taasisuudha. Gama kanaan Suudaan of maddii hiriirsitee yeroo ykn waggaa hidha kana bishaaniin guutamu duubatti harkisuu barbaaddi. Bara ongee fi hanqinni roobaa uumamellee Xoobbiyaan bishaan akka gadi dhiiftu feeti.
Kanaa milkeeffachuuf Ameerikaa jala galtee karaasanaan dhiibbaa gochuuf yaaltullee karoorrishii galma gahuu hin dandeenye. Suudaani kan al-tokko tokko luka tokkoon Finfinnee luka biraan Kaayiroo dhaabbatullee akka Ijibti jettutti deemaa hin jirtu.
Garuu dhimmichi mariin akka hiikkatu fedhii guddaa agarsiisaa jiraachuunshii waan gaariidha. Kan barbaadamus marii fayyadama haqa qabeessaa biyyoota lamaanii mirkaneessuun gara xumuraatti deemuu Xoobiyaanis kan jibbituu miti. Mariin akkuma jirutti ta’ee, mootummaan Xoobiyaas mirga uumama Ijibti caala Xoobiyaan laga kanarratti qabdu mirkaneessuun dirqamasaati.
Tarsiimoon biraa Ijibti itti fayyadamuuf yaalaa jirtu hawaasni addunyaa Xoobiyaarratti dhiibbaa akka taasisu gochuudha. Gama kanaan ammas ajandaa tokko fannifattee takka Ameerikaa, takka Awurooppaa, takka biyyoota Arabaarra kaachaa jirti. Yeroo lammaffaaf Mootummoota gamtoomaniittis iyyatteetti, milkaa’uu baattullee. Ameerikaan ammallee waan abdii wa’ii kenniteef fakkaatti.
Odeeffannoowwan midiyaa hawaasatiin gadi lakkisanirraa akka hubatamutti. Wanti ishiin biyyoota addunyaa amansiisuuf kaattu hanga biyyoonni sadeen walii galanitti Xoobiyaan Hidhicha bishaan guutuu akka hin jalqabne dhaabsisuudha.
Yoo abbaan kee nyaachaa bule leemmatiin jala bulaa jedha warri keenya. Kanaaf yoo Ijibti takka marii keessaa bahaa takka itti deebi’aa yeroo gubaa jirtu mootummaan keenya callisnee ilaaluu qabnaa? Natti hin fakkaatu.
Kanaaf, dhiibbaa gama kanaan taasisuuf yaalamuufillee harka kennuu hin qabnu. Karaa kamiinuu biyyoota mirga misoomuu keenyarratti dhiibbaa gochuuf fedhii qabanillee fuuldura dhaabbatanii mormuun barbaachisaadha.
Tarsiimoon inni sadaffaa Ijibti hordoftu humnaan Xoobbiyaa doorsisuudha. Jechoonni Pireezidantoonni biyya kanaa waltajjiiwwan adda addaarratti fayyadamu kanuma mul’isa. Pireezidant Mursiin, inni bara tare du’aan boqate kanaan dura, ”Filannoon hunduu minjaalarra jira!” jechuun xoobiyaatti dhaadachaa ture.
Jeneraalichi amma huccuu siviilii uffate, Pirezidanti Abdul Fattaa Alsiisinis yoo tarsiimoowwan olitti kaaseen milkaa’uu baate gara humnaatti deemuu akka fedhu karaa adda addaatiin ibsaa jira.
Kanaanis ’Nama si sodaatu barbaadadhu!’ ittiin jechuun gaariidha. Kanaan booda dhimma laga Abbayyaa yoo daandiin nageenyaafi marii hiike malee humni akka hiikuu hin dandeenye isaanis beeku; ummanni addunyaallee ni hubata jedheen yaada. Maalumaafu kan dursuu qabu mariidha. Yoo isa bira taramemmoo Xoobiyaanis birmadummaashii eegsisuuf mirga guutuu akka qabdu hin haalamu.
Ijibti tarsiimowwan kanneen qabattee kan asiifi achi kaachaa jirtu ijaarsa hidhichaa gara xumuraatti jiru kana dhaabsisuufi akka hin taane beekamaadha. Kun waggaa sagal dura bira tarame. Hidhichi akka bishaan hin guuttamnees miti. Kanas gochuu akka hin dandeenye ni beekti. Carraan dhumaa ishiin qabdu hidhich akka Xoobiyaan karoorfattetti dafee waggoota muraasa keessatti akka hin guutamneedha. Kan biraa bara ongee bishaan gadi naaf lakkisuu qabduudha.
Dhugaan jiru gutumaa guututti bishaan kana Suudanis ta’ee Ijibtirraa kutuun hin danda’amu. Seerri laggeen daangaa qaxxamuraniillee hin eyyamu garuu, hanga isaaniif ta’u gadi lakkisanii hidhicha hojii jalqabsiisuun dirqama ta’a. Akka fedhii ummata keenyatti ijaarsi kun ammayyuu lafarra butame. Kanaaf, Ijibti fudhattus dhiistus hidhichi bara kana bishaan guutuu jalqabuu qaba.
Akkuma waliigalaatti duulli jechaafi ololli Ijibti biyya keenyarratti oofaa jirtu karaa hundaanuu deebii argachuu qaba. Hawaasni addunyaa fedhii biyyi keenya misoomaaf qabduufi tattaafii hiyyummaa moo’achuuf gochaa jirtu akka hubatu taasisuun dirqama. Dirqamni kun kan mootummaa qofaa miti.
Lammiin ofiifi maatiisaa beelessee maallaqa qabu walitti guuree hidha kana ijaare hundi bakka jirutti gahee irraa eegamu bahuu qaba. Mootummaanis marii jalqabame ittuma fufaa, ummata tokkoomsee ijaarsi hidhichaa dafee xumuruun irraa eegama.
Hidhi guddichi Haaromsaa kan kooti, kan keeti, kan keenya.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
2 Comments to “Hidhi guddichi haaromsaa kan kooti, kan keeti, kan keenya”