Har’a qabiyyeen barreeffama kootii daa’immanirratti xiyyeeffata. Duraan dursee ijoolleen baga Guyyaa Daa’imman Afrikaa kan baranaatiin isin gahe jechuun barbaada. Guyyaan daa’immanii kan baranaa Waxabajjii 16 kabajamee darbeera; dhaadannoon guyyaa kanaa ittidhiheenya sirna haqaa ijoollee michoomfate Afrikaatti ykn Ingiliffaan ( Access to a child firendly justice system in Africa) kan jedhuudha.
Guyyaan kun kabajamuu kan jalqabe ALA bara 1991 yoo ta’u, guyyaan kun maaliif akka filatame isin haa yaadachiisu. Waxabajjii 16 bara 1976 ijoolleen Afrikaa Kibbaa Seweettoo keessa jiran sirna Appaartaayidii biyyattii keessa ture ifatti mormuun hiriira bahanii turan.
Gaaffiinsaanii walqixxummaa, qulqullina barnootaa ijoollee hiyyeessaa (warra dhalootaan gurraacha ta’an), afaan ofiitiin barachuu jedhuufi sirna appaartaayidii balaaleffatu ture. Mootummaan appaartaayidii yeroo sana ture gaaffii ijoolleetiif deebiin kenne rasaasaan ajjeesuu ture.
Sababa kanaan ijoolleen mana barnootaatii hiriira nagaa bahan haala gaddisiisaan ajjeefaman. Kana bu’ureeffachuun Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa guyyaan kun guyyaa daa’imman Afrikaa ta’ee akka kabajamu kan murteesse. Gaaffiin ijoollee kun gaaffii sirriidha; gaaffii walqixxummaa, gaaffii afaan ofiitiin barachuu, barnoota qulqulluu argachuu, aadaa, seenaafi afaan ofii guddisuu waan ta’eef.
Addunyaan waan danuun jijjiiramtus ammallee mirgi daa’immanii guutummaatti hinkabajamne. Ammallee karaa adda addaa ijoolleerratti miidhaan dhiibbaa mirga namoomaa gahaa jira.
Biyya keenyattis karaa qaamota adda addaatiin, maatii dabalatee mirgi daa’immanii dhiibamaa jira. Fakkeenyyaaf mootummaan dhibee koronaa ittisuuf ijoolleen barnoota dhaabanii akka manatti deebi’an murteessuu wajjin walqabatee ijoolleerratti gudeeddaan dirqii raawwatamaa jira. Anillee kabajama guyyaa daa’immanii kanaan walqabsiisee dhimma dirqisiisanii gudeeduu biyya keenya keessatti babal’ataa jirurrattin yaada koo dhiheessa.
Dura ragaarraa haa jalqabu. Marsariitii Dhaabbata Daa’imman Addunyaa (UNICEF) https://www.unicef.org/ethiopia jedhurratti ragaan bahe tokko waan ajaa’ibaa qaba. Durumaa qabee Xoobbiyaa keessatti umrii malee heerumuun bashbasha. Misirroowwan ykn baraneewwan umriin 18 gadii gaa’ela dhaabbatanii daa’imummaan ittigaafatama fudhatanii mana bulchan miliyoona 15tti tilmaamama.
Kanneen keessaa miliyoona jaha kan ta’an umrii 15 gadiitti kan heerumaniidha. Miliyoona sagal kan ta’animmoo umrii 15-18 jidduutti argamu. Ragaa dabalataatiin Xoobbiyaa keessatti dubartoota 10 keessaa afur waggaa 18 gaditti kan heerumaniidha. Kun mataasaatiin seera biyyattiin ittiin bultu wajjin waldhiita.
Akka Seera Maatii biyya keenyaa bara 1992 ragga’e keeyyata 7, jalatti tumametti umriin gaa’elaa inni xiqqaan waggaa 18ti. Dhiirris ta’ee dubartiin gaa’ela dhabanii bulchuuf umriin kun ka’umsaaf taa’eera. Umrii kanaa gaditti gaa’elatti seenuuf eeyyama abbaa alangaa akka barbaachisu keeyyata 7(1) jalatti tuqameera.
Abbaan alangaas umrii kana kan gadi siksuu danda’u yoo guddate waggaa lamaafi. Kanaaf umuriin gaa’elaa biyya kanaa 18 ta’ullee iyyata ijoollee gaa’ela dhaabbataniin ykn maatiisaaniitiin abbaan alangaa yoo itti amane hanga waggaa 16tti gadi siqsuu danda’a.
Kanaaf tumaa seeraa kana cabsanii gaa’ela dhaabbachuun dhorkaadha. Haa ta’u malee biyya kanatti umrii kanaa gaditti heerumuun, dirqiin gudeedamuufi barnootaa ala ta’uun ammallee guutummaatti hin dhaabanne.
Umuriin gaa’elaa seeraan daangeffamee osoo jiruu hawaasni keenya seera cabsee daa’ima umrii malee heerumsiisaa jira. Ummanni barsiifata boodatti hafaa keessaa waan hinbaaneef keessumaa ijoollee dubaraa dirqiin gaa’elatti galchaa jira.
Kana maddiin ijoolleen dubaraa daa’imummaan mana keessattis ta’e alatti gudeedamanii rakkoo adda addaatiif saaxila bahuunsaanii beekamaadha. Gochaawwan kanaan ijoollen dubaraa akka mana barnootaa hingalle; kanneen barumsa jalqaban barumsasaanii akka addaan kutan ykn cimanii akka hinbaranne danqaa itti ta’a.
Biyyoonni addunyaa Waliigalteen Mirgoota Daa’immanii (The Convention on the Rights of the Child) bara 1989 mirkaneessanis biyya keenyattis heera bara 1987 ragga’e keessatti mirgoota daa’imannii ifaan keeyyata 36 irratti tumamullee mirgoota da’immanii akkuma addunyaatti yaaddoo keessa akka jiru wantoonni nama hubachiisan hedduudha.
Tatamsa’ina dhukkuba koronaatiifi cufamuu manneen barnootatiifi manatti deebi’uu barattootaa wajjin walqabatee keessumaayuu miidhaan ijoollee dubaraarra gahaa jiru dabalaa akka jiran ragaaleen tokko tokko ni mulisu.
Ragaan Naannoo Amaaraatti Biiroo Dargaggoofi Dhimma Daa’imaniirraa bahe tokko akka mirkaneessetti naannichatti ijoolleen dubaraa hedduun dirqiidhaan akka heeruman ta’aniiru. Kanneen qubeelaa godhatanis lakkoofsa xiqqaa miti. Biyyaafi aadaa walfakkaataa keessa waan jirruuf osoo qoratamee ragaan kana caalu jiraachuu mala. Kanaaf dhimmi kun jala bu’anii hordofuu, tarkaanfii sirreessaa fudhachuu barbaachisa.
Gama biraatiin rakkoon babal’ataa jiru rakkoo gudeeduuti. Wantoonni dhokatanii jiran al tokko tokko yoo aguuggiinirraa saaqamee ifatti bahan garmalee nama naasisu. Fuudhaafi heeruma umrii maleen ala gochaawwan seera qofa osoo hintaane safuufi duudhaa hawaasaatiin faallaa ta’an kan ijoolleerratti raawwatamu gudeeddiidha. Gudeeddaa kanaan dubara qofa osoo hintaane ijoolleen dhiiraa miidhamaa jiru.
Gochi kun waan biyya ambaatti dhagahaa turretu biyya keenyatti babalataa jiraa? nama jechisiisa. Dhimmi kun yoo dafee dhaabbachuu baate oduun dhiirri dhiira fuudhe jedhu sun biyya keenyatti dhufaa laata gaaffii jedhu namatti kaasa.
Kan biyyoonni qaroomne jedhanii dhiirriifi dhiirri; dubartiifi dubartiin akka walfuudhaniifi heeruman eeyyaman sana. Addunyaarratti biyyoonni gara 30 ta’an gocha fokkataa kanaaf beekamtii seeraa kennanii dhiirriifi dhiirri; dubartiifi dubartiin addababayiitti bahanii seera uumamaa cabsanii cidha naqatanii yoo walfuudhaniifi walittiheeruman argaa jirra. Safuu, yaa qaroomina!
Namoota gocha fokkataa gudeeddii kanarratti hirmaatan abbootii ijoolee dhalchan dabalachuunsaas hagam safuun biyya kanaa cabaa akka jiru mul’isa. Kan alagaan daa’ima alagaarratti raawwatu hammeenya alagaa wajjin walqabsiisuun ni danda’ama. Kan abbaan ilmoosaa deebi’ee gudeedu, kan obboleessi obboleettii wajjin saalquunnamtii raawwatu, kan obboleessi obboleessasaa gudeedu maal jedhama!? Jaalannus jibbinus amannus amanuu baannus dhugaan biyya kanatti ta’aa jiru kana.
Gochawwan akkanaa biyya keenyatti babal’achaa dhufuunsaanii qaama kamiinuu yaaddessuu qaba. Waanuma hunda mootummaatti darbannee mootummaan ittiyaaduu qaba jedhanii kan bira taranii miti. Kan dura ittiyaaduu qabu namoota dhuunfaa mana manaan jiraniidha.
Akkamitti ijoollee keenya guddisaa jirra? Jennee gola keenya keessa ilaaluun dirqama ta’a. Hariiroon ijoollee keenya jidduu jiru; kan maatiifi ijoollee jidduu jiru maala fakkaata jedhanii of qorachuufi of ceepha’uun dirqama isa duraati. Akkuma beekamu hawaasni keenya aadaafi duudhaa uumama gadi hinlakkisin isa orjinaala ta’e qaba; kashalabbeewwaniifi addaggeewwan akkuma sinaara qamadii keessaa jiraatanillee.
Kanaaf hawaasni kunis duudhaafi aadaasaa, amantiisaa eeggachuufi kunuunfachuunirra jira. Qaroominni waan hedduun gaariifi waan ofitti madaqsuufi nullee ittimadaquu qabnu jiraatullee isaan duudhaafi qorqalbii keenya cabsan kanneen faayidaa hinqabne ogongolanii ofirraa ambisuun gaariidha. Xumurarratti mootummaanillee gocha kanaaf obsa qabaachuu hinqabu.
Rakkoo kun rakkoo akka salphaatti keessaa bahamuu miti. Sadarkaansaa walhaa darbu malee boris iftaanis ittifufuunsaa hinoolu. Sababiinsaa hedduminsaa kan dhoksaan raawwatamuufi iccitidhaan qabamuudha. Gadi bahanii dhubbachuufi himachuuf daran saalfachiisaa waan ta’eefi malee kanneen midhaa gocha fokkataa kanaan midhaman hedduun jiraachuu malu.
Jireenyasaanii kan boriifi safuu hawaasaatiifuu gadi ba’amee hindubbatamu. Warri dubbatan warra jabinaafi cimina guddaa qabaniidha. Saaxiluun bu’aa guddaa qaba. Kanaaf ijoolleen gudeedaman akka warra isaan gudeedan saaxilan haalli mijaa’uufii qaba.
Iccitiin eegameefi yakkamtootarratti akka duulli banamu ulaan saaqamuu qaba. Asumaan, warri araada gudeeddi qaban akka sammuusaanii to’ataniif haala walirraa hincinneen hubannoo uumuun barbaachisaadha. Kanaaf gocha kanarratti bakka hundatti waraanni banamuu qaba.
Asumaan ijoollee gudeeddii kanaaf saaxilamaniif, dhiiras ta’ee dubaraaf xiyyeeffannaa gochuun barbaachisaadha. Ijoolleen kunniin saaxilamtoota rakkoo xiinsammuuti. Gochi irratti raawwatame kun waan sammuusaanii keessaa akka salphaatti bahuu miti.
Mee intalli abbaadhaan gudeedamte, hammuma umriinshii dabalu, abbashii bineensa daggalaa sana yoo agartu maaltu itti dhagahama? jedhaa yaadaa. Mee hamilee mucaa dhiiraa dhiiraan gudeedame yaadaa? Jeequmsa sammuu… dhiphina… sodaa… haaloo… of jibbuu… namaa gadi ta’uufi kan kana fakkaatu. Kunimmoo jireenyasaanii gara fuulduraa kan jeequ, lubbuusaanii kan gaaga’u, fayyaasaanii kan miidhuudha.
Kanaaf ijoolleen kunniin deeggarsa guddaa barbaadu. Qalbiisaanii cabe deebisanii suphuuf, sammuusaanii jeeqamu deebisanii tasgabeessuuf, abdiisaanii kan daa’imummaan dukkanaa’e deebisanii ibsuuf deeggersa guddaatu isaan baraachisa. Deeggersi kun deeggersa gorsaa, faayinaansiifi rakkoosaanii qoodatanii isaan maddii hiriiru dabalata.
Akkuma waliigalaatti hawaasni keenya gochawwan faallaa aadaa, duudhaafi safuusaatiin raawwataman kanneen bakka jirutti balaaleffachuu qaba. Balaaleffachuu qofaan bira taruu osoo hintaane namoota gocha fafee kana keessa galan ofirraa fageessuun (social isolation) adabuu qaba.
Qaamni seeraammoo tarkaanfii cimaa fudhachuu kan qabu yakkamtoota akkanaarratti. Tarkaanfii cimoofi barsiisaa fudhachuun dhaloota egeree dhaloota gaarii, naamusaan ijaarame, beekumsaan badhaadhe, sammuu qajeelloo qabu horachuuf barbaachisaadha. Gama kanaan hojiin abbaa alangaa muummeen jalqabe gaariidha. Garuu dafanii tarkaanfii fudhatanii ummatatti beeksisuun xiyyeeffannaa argachuu qaba.
Turban gaarii.
Dachaasaa Roorrootiin
Daa’imman haaluma kamiinuu miidhaaf saaxilamuu hinqaban
7 Comments to “Gudeeddii dirqii: Gochaa seera, safuufi duudhaan faallaa”