Galgalli ulfina hinqabu…

Ashamaa!

                  Jirra jirtuu warri Bariisaa?

Hardhaafis waanan taajjabe guduunfadhee dhufeeraa as siqaa. Egaa gabaan taajjabbii gidduu kanaa wantonni hundi gatiinsaanii garmalee olka’ee jira. Waanuma beektan deebisee isinitti hima silaafuu. Gabaan siyaasaa, kan sanyummaa, kan koronaa…hunduu qaala’eera. Kan torbee dura diijiitii tokkoon himamaa ture diijiitii lamaafi sadihitti ol siqeera. Baay’inni lammiilee dhibee koronaatiin qabamanii kan duraan mana dhibbaatii gadiin dhageenyu amma dachaadhaan ol dabalee mana dhibba lamaafi sadihiitiin himamuu erga jalqabee torban dabarteerra. Duuti sababa jeequmsa siyaasaafi waldhabdeewwan garagaraatiin guyyaa guyyaatti lubbuu namaarra gahaa jiru akkuma salphaatti asiifi achittis inuma dhagahama. Kanarraanuu duulli Maqaballeessiifi walhammeessuu keessumaa miidiyaa hawaasaatiin hafarfamu koronaa caalaa yaaddessaa ta’eera. Nageenyi bu’uura waa hundaa ta’e akkuma salphaatti boora’ee bahanii galuun huuba qoonqoo namatti ta’eera. Kana torbee darbe hamma tokko waldura qabneerra amma isa keessa hindeebi’u.

                  Hardha kanan manaa baheef waa’ee warra Maqalee tokkotu qalbii na butee maanguddoota achitti kooluu galan sana xinnoo hamachuu barbaade na faana turaa adaraa. Akkuman mataduree jalatti tuquuf yaale warri keenya jaarsa galgala afaan qabrii taa’ee waa fayyisuurra waa diigu, araara caalaa jibba labsu, ganamaa galagala hokkara kaasu gaafa argan “Galgalli Ulfina Hinqabu” jedhanii ittiin mammaaku.

                  Jarri kun waggoota 27 guutuu dararaa meeqa akka nurraan gahaa turan silaafuu isinitti hinhimu, walumaan waan taane taane. Galaanni qabsoo cunqurfamaa gonfa waggoota hammasiitiif dhuunfatanirraa fonqolchee hamma gaafa Maqaleetti isaan galcheetti waa tarkaanfii jibba dhala namummaa jedhamu hunda nu dhandhamsiisaa turan.

Dhugaan Waaqaa ammoo dabareeshii eeggattee gaafa dhuftu Masaraan kan keenya taate. Isaanis qe’ee warrasaanii kan gaafa bal’inaa hinyaadatinitti baqatan. Harki hanna bare qurciitu munyuuqa akkuma jedhan galgala dullumaatiinillee gochoota badii baroota kurna sadihiif muuxaneeffatan hinirraanfanne.

Inumaa tooftaa gegeeddaruudhaan hunda biyyaa taa’anii kiyya goolu. Hafuura bilisummaafi dimokraasii waa xinnoo argine deebisanii nutti dukkaneessuuf dhagaan isaan hinfonqolchine hinjiru. Kan danda’an ufiisaanii itti hirmaachuun bakka dadhabanitti ammoo ergamtoota isaan fakkaatan qabeenya ummataa bara aangoosaaniitti saamaniin bitanii hiriirsuun balaa biyyattiitti waggoota lamaan kana argaa jirru kallattiidhaan omishanii gurguruurratti bobba’aniiru.

                   Siyaasa dadhabaa kaleessa Oromoo ittiin afaan faajjessan keessaa tokko Oromummaadhuma qabsaa’ota Oromoo shakkisiisuudhaan “Abalu Oromoodha, abalu Oromoo miti” sirba jettu sirbu hardhallee. Isa kana nus yeroo baay’ee akka gatii salphaan irraa bitnu waan beekaniif isiirratti deddeebi’anii dibbee rukutu.

                   Fakkeenyaaf haasaa pirezidaantiin MNO duraanii kabajamoo, Obbo Abbaan Duulaa Gammadaa Televiziyoona Asraat wajjin taasisanirratti ifatti kaasaniiru.

                  Akkana jechuunis ibsaniiru

                  “Siyaasa Oromoo keessatti kan baratame maqaa walballeessuudha. Anaan waggaa heddu Oromoo miti naan jechaa turan, anis lakkii an Oromoodha jedhee ololaaf deebii hinkennine, hojuma Oromoo fayyadu hojjachuun ittifufe. Warri ati Oromoo miti naan jedhan ofiisaaniitiin sanyii Taaddasa Birruu jedhanii fokkoru. Kolfeen dhiisa, Jeneraal Taaddasaa Birruu naa caalaa hinbeekan, Taaddeen anaaf fira dhiigaati. Har’as Doktar Abiyyiin Oromoo miti jechaanii jiru. Ani abbaafi haadha Abbiyyi sirriittin beeka, qe’eesaanii hanga Bashaashaa yeroo baay’ee deemeera. Siyaasni Oromoo kana keessaa bahu qaba” jedhan.

                   Egaa qilleensi siyaasaa keessumaa dhufaatii koronaatiin walqabatee filannoon baranaa akka achi dheeratu kallattiidhuma murtaa’een kaampii morkattootaa biratti aarii uumuunsaa ni yaadanna. Kun ifatti heera cabsuufi seeraa ala jechuudhaanis yeroo himatan ni dhageenya. Qaamni badhaadhinaa, aangoo uf harkaa qabus qaawwa heeraa uumamuu malu gamanumaan duuchee ijaarsi sirna dimokraasiifi cehumsi waliigalaa ummati biyya keenyaa barbaadu akka dhugoomu dubbii heera hiikuu xiyyeeffannoo olaanaadhaan itti deemaa turuusaa ni yaadanna.

                  Sochiin kun hanqina wahiituu hinqabu jedhamuu baatullee bu’uuraan garuu duuchumatti kan balaaleffatamu hinturre. Egaa yoo yaadanne gabrummaafi roorroon bara Wayyaanee nurra gahaa turellee heeruma jala daheeffachuun akka ture waan wal nama gaafachiisuu miti. Kabajamuu mirgoota dimokraasiifi namoomaa keenyaaf danqaaleen heera keessatti hadhaba taa’anii bara baraan nu luuccessan hundeerraa sakkatta’amuu qabu. Sakatta’amaniis akkaataa walqixxummaafi walabummaa sabootaafi sablammoota biyyattii bifa furmisiisaa ta’een furuu danda’anirratti hiikkaa heeraa argachuu qabu.

                   Hujiin kun abbummaadhaan kan Mana Maree Federeeshinii akka ta’e beekamaadha. Manneen maree biyyattiin qabdu keessaa manni marichaa isa hangafa. Warri Faranjii mana olaanaa jedhuun “Upper House” isa jedhamu jechuudha. Kana malees mana maree sabootaafi sabalammootaas jedhamee waamama. Abbaan aangoo biyyattii sabootaafi sablammoota biyyattii ta’uusaa seensi heera mootummaa Rippaabiliika Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa ifatti kaa’eera.

                   Kun kanaan otoo jiruu dhibee koronaatiin walqabatee filannoon baranaa akka darbu kallattii Boordiin Filannoo Biyyoolessaa dabarseen manneen maree biyyattii lameen dhuma dabareesaanii booda caaseffamni mootummaa maal ta’uu qaba falmii jedhuuf deebiin gamanumaa kennamuu waan qabuuf furmaanni waytaawaan Kanaaf laatame dubbii hiika heeraa ture.

                  Manni maree Federeeshinii bu’uura seeraa aangoon laatameefiin qophii hiika heera mootummaa hayyoota biyyattii hirmaachisuun erga xumuree miseensota manichaatiif dhiheessuuf gaafa jalabultii irra gahu garuu oduun rifaasisaan tokko dhagahame. Afyaa’iin mana maree federeeshinichaa Aadde Keeriyaa Ibraahim fedhasaaniitiin aangoo gad lakkisuusaanii tv maatiisaaniitiin ifoomsan.

                  Gaafa kana maanguddoonni Maqalee jiran hojiisaaniirra akka jiran namuu dudubbate. Maanguddooti ‘TPLF’ laphee araaraaf ta’u akka hinqabne beekamaadha. Biyyi duraan akka raasaa gugsaa keessa burraaqan itti dhiphattee erga gara qe’ee warrasaaniitti galanii kaasee dhalattoota naannoo Tigraay kan sabootaafi sablammoota biyyattii biroo waliin obbolummaa cimsachuufi waliin jireenya gabbifachuu barbaadanirratti duulanii kaampiisaaniitti akka galan karaalee hundaan dhiibbaa guchaa turuusaanii addunyaan guutuun bareera.

                 Aadde Keeriyaat tarii dhalattuu sabichaa shira jaarsolii kanaatiin butamanii ummata Tigraay ummattoota Itoophiyaa kanneen hafan irraa fottoqsuuf taasifamu keessaa isaan dhumaa ta’uu hin oolle. Hamma murtee rifaasisaa kana isayyuu seeraa fi heera kan hin hordofin kana labsanitti humana jijjiiramaa gamasii jiran ta’uudhaan beekamu ture. Garuu qolaan diigumsaa galgala keessa isaan butee kuffise. Wanti dogoggorame murteensaanii baabura cehumsaa dhaabsisuun fedhii aangoo jaarsolii qe’eesaanii ni deebisa jedhanii yaaduusaaniiti.

                  Mee namni aangoo biyyattii olaanaa irra jiru aangoo gad lakkisuusaa haala kamiin miidiyaalee biyyattii dhiisee kan naannoo Tigraay qofaan labsa? Muudamaan aangoo mootummaa ol’aanaan tokko gaafa aangoo fedhasaatiin gad lakkisuu barbaadu seerri ifatti tartiibaan taa’e osoo jiruu haala kamiin akkuma barbaade ol ka’ee aangoo gad lakkisuusaa labsa? Wanti kun ija seeraatiin akkamitti fudhatama?

                  Gaaffiileen koo ammaf haa turaniitii murteefi shira kana duubaan harki maanguddoota Maqalee akka keesaa jiru ifa galaa dha. Namooti yakka dhala namaa irraan gahaniifi harkasaanii dhiiga lammiilee miskiinaa miiliyoonotaatiin dhiqachaa turan durumaa itti gaafatamummaa seeraatti dhiheeffamuu dhabuunsaa dogongora guddaa akka ta’e natti mul’ata. Yakka darbeef dhiifamaan callifamanii irra darbamuunsaanii mootummaa biyyattii akka gowwummaatti, isaan ammoo akka abshaala addunyaatti akka fudhataman waan taasise fakkaata. Kana booda garuu haala kanaan ittifufuun waan danda’amu miti.

                   Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaa Aadde Keeriyaa Ibiraahim aangooshee gadi lakkisuu ibsiteetti. Qondaalli ‘TPLF’ kun guyyaa har’aa yeroo kana, akkuma manni maree dhuma bajata waggaatti walgahee ka’een aangooshee gadi lakkisuu ibsuun kun waan warri Wayyaanee marti itti waliigalaniifi ittiyaadamee murtaa’e fakkaata.

                  Egaa haala amma deemaa jiruun, Filannoo dhufutti paartiin badhaadhinaa yoo mo’e sagaleen warri ‘TPLF’ siyaasa biyyattii keessatti dhiibbaa  uumuu akka hindandeenye ni beeku. Akkaataa Paartiin Badhaadhinaa itti mo’uu danda’a jedhanii fudhatan immoo isaantu beeka. Sirni ADWUI waan diigameef kan duraan sagaleen dhaabbilee walitti dhufanii addicha uuman afran mata mataatti dhageetti walqixa kan qaban sun diigameera.

                   Dhageettiifi bakka bu’insi federaala keessatti jiraatus baay’ina ummata bakka bu’anii kan bu’uureffatu waan jedhameefis ‘TPLF’ dhageettii akka hinarganne godhaa deema. Sagaleen dhaabbilee Federaalaa keessattis gara hirtaa uummata isaan bakka bu’aniitti gadi jala deebi’a jechuudha. Sana jechuun uummanni Tigray biyya kana keessatti dhibbantaa jaha qofa yoo ta’eefi ‘TPLF’ naannichatti otuma dhibbaa dhibbatti injifateellee, bakka bu’iinsi dhaabichi mootummaa federaalaa keessatti qabu, kan inni paarlaamaa, mana maree ministeerotaatiif qabaatu gara hanga ummata bakka bu’anii (%6) qofa ta’a jechuudha.

                    Kana waan beekaniif ijaarsiifi deemsi Paartii Badhaadhinaa kun tasa akka isaan hinfayyadne hubataniiru. Kanaafuu, deemsisaanii ammaa karaa danda’an hundaanuu sirni badhaadhinaa kuni akka baduuf ifaajuudha. Sana gochuuf immoo Fulbaana 30 booda mootummaan seera-qabeessi hinjiru jechuun humnaan angoo qabachuuf lolatti seenuu danda’u ykn federaala keessaa of baastee naannoon koo akka biyyaatti akka naa beekamu jedhanii gaafachuu malu. Kanaafis dhaabbilee ishee waliin hiriiran qabattee deggarsa gochuun gara mootummaa Federaalaa waraanatti seenuu malu. Amma kan mul’achaa jirus kanuma.

                  Rakkoon amma mootummaa ykn biyya kana mudachaa jiru, hanqina sirnaa, kan seeraafi heera biyyattiin qabdu irraa kan madde miti. Akka bal’inaan odeeffamaa ture sana rakkoo waliin jireenyaafi haala haawaasa biyyattii irraas kan madde miti. Rakkoon kun kufaatii mootummaa Wayyaanee hordofee kan dhufeedha. Keessumattuu hanqinaafi kufaatii dhaabbilee siyaasaa naannoo keenyaa waan irraa eegamu bahachuu dadhabuu irraati. Rakkoo jalqaba waan irratti walii galaniifi gaaffii uummataa haala kanaan deebisna jedhanii kan waadaa galan hojiitti hiikuu dadhabuu isaaniiti. Kana irra deebi’anii of qoratanii, walqoratanii yoo deebii hatattamaa hinkennine biyya kanattillee balaa dhufuu malurraa baraaruun daran ulfaata.

             Horaa Bulaa

                Torbaniin nu haa gah

Hamiltan Abdulaziz u.

Recommended For You

3 Comments to “Galgalli ulfina hinqabu…”

  1. Pingback: ltobet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *