Ashamaa harka fuune? Akkam jirtu warri Bariisaa?
Ani galata Waaqayyoo nagaan qaba. Egaa lafa biyyi guutuun golfaadhaan qabamee dhibamaa jirutti hinjedhama malee Nagaa maaliitu jira gaa yaa jamaa, Waaqayyo dhibee ijaa gurra, afaanii funyaan hinqabne duudaa fayyaasaa nutti fide woo.
Golfaa hindubbanne, achi siiqii as hiiqii kan hinbeekne…yoo Waaq malee kan dhalli namaa mataafi miillasaa hinbeeknetu nu weerareem Yaa biyyaa! Waa’ee maalii akkan haasa’aa jiru silaafuu hinwallaaltanu.
Aabboo koronaa dha kaa! Mootii golfaa hundaa! Kan dhala namaa hunda walqixxeesse, jabaa hinjedhu laafaa hinjedhu…mootii hinsodaatu hiyyeessa hinbalfu…inuma akaawa gaa abbaasaa! Maaddiin koo inni hardhaas waanuma kanarratti kan xiyyeeffateedha.
Maaddii Taajjabbii! Koronaas ni taajjabna. Caalaattimmoo ufis walis taajjabna. Sababiinsaas gabataa taajjabbii keessaa waa baay’ee wanta barannutu jira, baranneemmoo wanti irraa uf baraarru hedduutu jira jedhee waanan amanuufi. Isinis kanaa ala taatu jedhamee hin yaadamu. Maaligaa waan taane nu hunduu walumaan ta’aa jirra mitii ree?
Kan isin dhibu jalaqabarratti mee qabiinsi keenya gaariidhuma ture. Ergaa mootummaas ta’e kan ogeeyyota fayyaa sirriimatti hordofaa waliifis dabarsaa hojiirra oolchina turre. Hammuma bubbuluun seexanni maalii akka nu faale mooji waan hunda dhiisnee golfichaan nooruu jennee hamma bobaa kee’achuu tti walbaraa dhufne fakkaata. Amma namumti nama dhagahuyyuu dhibaa dhufeera.
Mootummaanis rakkateera. “Soba, dhibeen akkas jedhamu wahiituu hinjiru” siin jedhaan namni atu agartu hunduu qaanii tokko malee. Bara fuggisoo harreetu garmaamee faradatu yeella’a jedhama. Taajjabbii koo hardhaatiin mataduree hedduu tuttuquun yaada yoo naa danda’me.
Keessumaa dhimmoota waytaawoo miilanaafi dhibee koronaa gidduu kana nu goolaa jiru faana walqabsiiseen waa jechuu barbaada. Ka’umsi koollee isa dha waan ta’eef. Erga dhibeen kuni biyya keenya seenuun himamee kunnoo baatii kama guunneerra. Lakkoofsisaa dabalaatuma malee wanti hirdhatu argamaa hinjiru.
Kun akka addunyaattis ta’e akka biyya keenyaatti. Inumaa saffisni dhibeen kuni ittiin babal’achaa jiru garmalee nama yaaddesa. Lakkoofsi duraan dijiitii tokkoon himamu torbee darbe kanaa as ammoo dijiitii lamatti ol siqeera. Isa kana namoonni tokko tokko haala qilleensa siyaasaa gidduu kanaatiin walqabsiisuuf warreen wixxifatanis hindhabamne. Silaa keenya raajiin himamee hindhumuutii.
Kan siyaasaatti aansee waa xiqqoommoo matadureewwan hawaasummaa keessumattuu aadaa gaggeeffannaa jireenyaa guyyaa guyyaatti ooffannuun walqabsiisee wantoota hawaasa keessatti qeeqamuu qabanu jedhee amanu akeekuufan yaala. Akkasumas naannoo dinagdeettis amaloonni haaraan aadaa keenya faana tarkaanfachuu hindandeenyeefi sirraa’uu qabanirrattis yaadota gaggabaaboo kaasuun nan yaala.
Calluma jedhee gaafan taa’ee ilaalu siyaasni qe’ee keenyaa kun gidduu kana gara hintaanetti hafarfamaa jiraachuun hubadha. Oromoon gaafa naa bari’a jedhee abdatetti ittuu dukkanaa’aa dhufuun danuu nama yaaddessa.
Hafuurri bilisummaafi badhaadhinaa baroota dheeraaf hawwaa tureefi dhugoomsuufis ilmaansaa qaqqaalii kumaatamaan itti wareege gahee gaheetu akka hurrii bira geenye yennaa jedhamu kanuma badu argina. Qabne yemmuu jennu uf harkaa dhabna.
Takka takka abaarsa qabnaa laata nama jechisiisa. Waaqayyoo Abbaan gaarumaa ammoo hundaa walqixxeesseet uume seera dabseera jennee hamileen Isa ittiin qeeqnus hinqabnu. Walumatti himuu sodaanneet ala ala walhamanna malee dhibeensaa numa bira jira. Kan sirreeffachuu qabus numa. Egaa “Sa’a abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa” jedhuumiiree
Oromoon wareegama humnaa oliiskaffalaa as gahe. Hardharra teenyee ba’aa kana irraa salphisuun, kanaa achi dhibdeen kun siif gaha jechuuniin ammoo gahee ilmaansaa hundaa akka ta’e baruun dirqama. Kanarratti walhurursuun daranuu walgowwoomsuufii leephoo gabrummaa bara jireenyaa keenya keessaa bahuu hindandeenye keessatti harkumaan uf gatuu ta’a.
Kan hardharra geenyeefi gahuus dandeenye meeshaa ijoo tokko harkatti galfachuu danda’uu keenyaani. Kunis tokkummaa sabummaafi ummatummaa keenya. Tokkummaan Oromummaa hundee waan maraati. Kaleessas kan gabrummaa keessatti umriin nutti dheerateef sababa walitti dhufuufi waldubbisuu dhabuu keenyaati.
Akka carraa ta’ee Oromoon qubsumaafi haala jireenyaatiin faffaca’ee biyya bal’aafi daangaawwan garaagaraa keessatti bittinnaa’eetu argama. Kun ammoo haala salphaatiin diinnis akka itti aggaamu taasiseera.
Kanuma waliin qorqalbiinsaa akkaatuma loqodaa, amantii, gosaafi lagaan akka faffaca’u godhuurra darbee tokkummaa sabboonummaa bara duriitii kaasee abboonni keenya nuuf dhaamaniifi ittis dhama’aa turan sana akka hinmilkeessine huuba qoonqoo nutti ta’ee har’a geenyeerra. Ammas keessa jirra.
Wanti waggoota lamaan sadan dabran keessa akka qaanqeetti caararraa’ee mul’ate deebi’ee dhaamaa jiraachuusaattu hirriba nama dhoowwa. Sabboonummaafi tokkummaan Oromummaa wabii waan hundaati jennee abdannu laga lagatti nu harkaa faca’ee qabsoo keenya uf duuba sigigaachisaa jiraachuutu qalbii nama cabsa.
Akkuma beekamu barri baranaa kun silaa bara filannoon biyyoolessaa kufaatii sirna Dargii booda yeroo jahaffaaf, erga qabsoon sabummaa Oromoo mo’ee galma mootii lixee as ammoo yeroo duraatiif kan itti gaggeeffamu ture koronaatu tasa gidduutti dhalatee karaa galiinsaafi lixiinsaa hundasaa cufe malee.
Humnoonni siyaasaa maqaa saba kanaatiin socho’anis ta’e warri kaan hundumtuu akka bara chaartaraa sanatti alaayis galanii waamicha muummichi ministiraa Doktar Abiyyi Ahmad akkuma aangoo qabataniin taasisaniin qe’eetti deebi’anii yeroo itti sochii siyaasaasaanii eegalaniidha.
Amma dhugaa dubbachuuf kan bara cehumsaatiin tasuma kan walbira qabamuu miti. Nama taaneetuma waa irraanfanna malee. Waggaa tokkoofi walakkaa injifannoo qabsoo sabaatiin dhugoome kanaa as wanti baay’een geeddarameera.
Kan siyaasni keenna gatantareefi qabsoon keenyas gatate tokko jaarmayaan siyaasaa cimaan tokkummaa Oromoo itichee galma abboonni keenyaa fiixaan baasu dhabamuusaati. Kanneen yeroo adda addaa keessa ka’anis imala eegalan osoo bakkaan hingahin sababoota gara garaatiin yemmuu karaatti hafan argina.
Oromoon hawaasa walooti (communal). Waliin nyaata waliin dhuga, quufaafi beela…hunda waliin qooddata. Qabeenya walitti qaba. Biyya waliin bulfata. Waliin facaafatee haammata. Bara waliin baha, wanti kophaa jedhamu hinjiru. Akka warra lixaa leexaasaa hingulufuu. Sirniifi aadaan inni ittiin le’u bu’uura duudhaa kanaati. Sirna Gadaa!
Dhugaan faallaa kanaa adeemaa jiru gidduu kana tokko tokkoon sammuu Oromoo waan qabe fakkaata. Innis warruma kaleessa mirga keetiifan falma, wareegama hamma lubbuutti gaafatus gaaffiiwwan kee hamma deebii argatanitti nan qabsaa’a warra Oromoodhaan jedhaa tureetu isa biyyi eessaan dhibee kana jalaa baraaramna jedhee dhiphatu cinaatti achi qabanii filannoon gaggeeffamu malee duunee argamna warra jedhantu qe’ee keenya guute.
Lubbuufi bilisummaa sabaa caalaa abjuun aangoo siyaasaa hirriba isaan dhoowwitee takkaa filannoon gaggeeffamuu qaba, takkaammoo mootummaan cehumsaa hundeeffamee aangoo qabachuu qabna ejjennoo jedhuun warra biyya goolantu dachii guute.
Dursa lubbuun namaa haa baraaramuu filannoon hinqaqqabama yaadi jedhu tasa itti mul’achuu dide. Kanaaf, Ihii! Inni harkaa nu qabu mee dhibee abaaramaa koronaa tahuu akkamitti irraanfatan? Ummata miiliyoona dhibbaatiin siifan beeka jechaa hamma dhibeen kun karaarraa maqfamuu ummataafi mootummaa cinaa hiriiranii duula farra koronaa kanaaf tumsuun akkamitti isaan jalaa dhokate? Danuu nama raaja. Haaduun lafeef yaadan tiruutti cabee sana ta’e dubbiin.
Maalumaafuu waa hunda dura akka sabaatti jiraachuun, akka biyyaatti ittufufuun waa hunda dura iddoon olaanaan laatameefii lammiin ‘na ilaallata’ jedhu kamuu xiyyeeffannoosaa biyya diina ijaan hinmul’anne kanarratti taasisuu qaba. Malee waltaajjabuu ta’a.
Kan gama mootummaatiin jirus wanti baay’een ija taajjabbii keenya jalaa bahuu hindanda’u. Hamma umrii koottiifi muuxannoon qaburraa ka’ee gaafan xiinxalu maddi siyaasa mormitummaa biyya keenyaa mootummadhuma. Ajanadaan warreen siyaasa morkii keessa jiranii hundumti isaa jechuun ni danda’ama kan inni burqu qaawwaa gama mootummaa biyya bulchuutiin argamuudha.
Waanuma gidduu kanaa yoo fudhannee ilaalle siyaasi haaloo bahuufi imaammati qinxaaboon gama dabballoota paartii biyya bulchuutiin darbee darbee mul’atu asiin buddeena warra kaampii morkataatiif soora yoo ta’u, gamanaan ammoo abdii hawaasichaa carraan dukkaneessuuf inni qabu bal’aa ta’eetu argina. Namni hujii keessa jiru dogoggoruunsaa waanuma eeggamuudha. Maaf dogoggorame ilaalcha jedhu hinqabu akka dhuunfaa kootiitti. Kan rakkoo ta’e akkaataa rakkinicha ana maqsuuf itti sochoonuudha.
Haaloo bahuuf yaaduun eessaanuu nama hingahu. Isayyuu miidhaan hawaasaa tasa irraanfatamee morkataadhuma kan kee qofa ilaaltee saba bal’aa bulchitu irraanfachuudhaan walajiifachuun, walbalaaleffachuufi walballeessuuf socho’uun akka sangaan wallolu marga isa jalatti caccabuu hinargu jedhamu sana atakaaroon humnoota siyaasaa gidduutti taasifamu ummata miidha.
Hojiileen faayidaafi guddina ummata biyyattiitiif karoorsinee raawwannu siyaasa haalootiin ni butama taanaan jalqabumaa nama siyaasaa miti jechuudha.
Koronaa lubbuu lammiilee keenyaatti dhufe kana maqsuun ergama siyaasummaa qabnuun olitti dhimma ilaallamuu qabuudha. Waan paartii mormaa tokkoon waliigaluun dhibeef qofa qabiinsa duula kanaa ho’isuus ta’e laaffisuun nurra hinjiraatu. Ittigaafatamummaa guddaan eenyuyyuu caalaa nutti dhagahamuu qaba.
Kana wanti mootummaa tokkorraa eegamus. Gaafa paartii mormaadhaan waldhabde, yin qilleensi siyaasaa tasgabbaa’aa ta’e ummataaf abdii laachaa, gaafammoo dorgommiin masaanota siyaasaa kankee faana qabdu boora’e biyya burjaajessaa hinta’u dubbiin. Wanti hunduu biyyaa gadi ta’uunsaa gonkumaa irraanfatamuun iraa hinjiraatu.
Taajjabbiin koo hin xumuramne; yoo Waaq jedhe torbee walitti deebinee wal taajjabna.
Nagaan naaf turaa!
Abdullaaziiz Mahaammadiin
4 Comments to “TAAJJABBII: Siyaasa qe’ee keenyaa, hawaasaafi koronaa”