Yeroonsaa fagaatee deemeera. Bara Mootii Hayilasillaasee sireerraa buusuuf qabsoofi fincilli karaawwan hunda ittifufe sana; baroota 1960 keessa. Gaaffii guddaan siyaasaa yeroo sanaa dhimma abbummaa lafaati. Gaaffii kana adda durummaan kan balballoomsaa turan barattoota; barattoota Yuuniivarsiitii Finfinneefi isa jala turani. Gaaffichi lafti kan qotee bulaa ta’uu qaba kan jedhuudha.
Akka har’aa kana odeeffannoon dafee nama qaqqabuu baatullee keessa keessa qonnaan bulaanis dubbii tana dhagahee gurra itti qabaa ture. Abbootiin lafaammoo dubbii hamtuu tanaan naasuu keessa galuunsaanii hinoolle.
Hanguma dubbiin tun babal’achaa deemteefi qabsoon kallattiilee hundaan finiinaa jiraachuu hubatan warri gamna ta’an lafasaanii jala jalaa gurgurachuu eegalan.
Kan odeeffannoo kana hinqabnemmoo lafa rakasaan argadhe jedhee abbaa lafaa ta’uuf qarshii walitti qabate asii achi facaase. Jaarrolii buleeyyiin dhimma kana callisanii hordofaa turanimmoo taajjabbii qabu ture. Eenyu maal gochaa akka jiru? Dhumarrattis taajjabbiisaanii ibsatan; “Addeechi lafa gurgura; Dukkanni lafa bita.” Jechuudhaan. Eenyu addeechi? Eenyu dukkanni? Isinumaafan dhiisa.
Hiiknsaa ifaadha. Beekaan lafa qabatee ture qarshiitti jijjiirrachuun maallaqasaa kaawwachaa ture. Wallaalaan guyyaan itti dukkanaa’emmoo lafa bitaa ture, lafa ajandaa siyaasaa taatee namni “kan eenyuu haa taatu?” jedhee irratti walfalmaa ture.
Dhumarratti mootummaan Dargii Guraandhala 25/1967 lafa dhaalee kan ummataafi kan mootummaa taasise. Haala kanaan addeechi jalaa bahee dukkanni jaatanii keessa gale; lafas qarshii bara meeqa itti dhamahee itillee jalatti qusate sana dhabee harka qullaatti hafe.
Tarkaanfiin haala yeroo osoo hin xiinxalin fudhatamu dhumnisaa kisaaraa akka ta’uudha, kan hayyoonni mammaakan, kan dukkanni lafa bitee jaatanaa’ee; kan addeechi lafa gurguratee jaatanii jalaa bahe.
Maaliif mudannoo kana gadaa shan booda duubatti deebitee kaaste naan jechuu dandeessu. Mata duree keetiin akkamitti walqabata? Jechuun keessanis hinoolu. Dansa! Deebiisaatiif na hordofa.
‘Waa’ee lafaa maaltu walirraa hafaa’ jedha weellisaan tokko. Akkasumas ‘lafti lafeedha’ warri jedhanis jiru. Hunduu sirriidha. Oromoon gaafa lafti irraa fudhatamu waanjoo garbummaa jalatti kufee lafeensaa cabe.
Gaafa karaa siyaasaa lafti isa harka galee eegaleemmoo mataa olqabachuu jalqabe. Haata’u malee ammas dhimmi lafaa kun ajandaa siyaasa biyya kanaa keessatti iddoo olaanaa qabata. Gama tokkoon warri lafti akka gurguramuufi bitamu barbaadu ajandaasaanii diriirfachaa turan; ammas diriirsaa jiru. Gama biraatin namoonni lafti akki hinbitamneefi hingurguramne morman ni jiru; ana dabalatee.
Dhimmi bara 2008 eegalee mootummaafi ummata walitti buusaa ture dhimma lafaati. Fakkeenyaaf maastar pilaanii Finfinnee haa fudhannu. Namni qaroomina jibbu waan jiru natti hinfakkaatu. Ummanni Oromoos maastar pilaanii Finfinnee hin jibbine, akkan ani hubadhutti.
Kan jibbee morme kaayyoo maastar pilaaniin dahatee dhufeedha. Kaayoo qonnaan bulaa Oromoo lafarraa buqqisuu, akeeka afaaniifi aadaa Oromoo ofirraa dhiibuufi balleessuu, akeeka lafa Oromoo gurguratanii Oromoo hiyyummaa keessa galchanii ofii badhaadhuu sana kan ummata Oromoo garmalee dallansiise.
Maastar pilaaniin qabata haata’u malee falmiin adeemsisame abbummaa lafaafi eenyummaa ofii eeguurratti kan xiyyeeffate ture. Dhimmi kun deemee deemee kufaatii ADWUI fidee biyyattii jijjiirama keessa galche.
Hayyee! Jijjiirama sanaan booda hoo maaltu jira? Saamichi lafa qonnaan bulaa naannawa Finfinnee dhaabateera moo itti hammaataa deeme? Weerarri lafaa qonnaan bultootaa karaa seeraan alaa sun seeratti deebi’e moo siriittuu caalmatti seeraan alatti bahe? Eenyummaa? Aadaa? Afaan? Seenaan? jennu sun hoo? Jijjiiramaa booda maalirra jiru?
Duraan weerarri lafaa karaawwan lama deema ture. Tokko kan mootummaan aangoorra ture gaggeessuudha. Gama kanaan lafti qonnaan bulaa maqaa misoomaatiin saamame danuudha. Saamamees kiisii namoota dhuunfaa dilbeesse.
Kondominiyeemii ijaaruuf jecha Finfinnee karaa bahaa waan ta’e mee ilaalaa. Garjii kaasee hanga daangaa Sandaafaafi Gimbichuu gahutti lafi qonnaan bulaa seeraan daheeffatamee saamame ija nama dhukkubsa. Nama gaddisiisas. Weerarri lammataa karaa namoota dhuunfatiin kan deemamuudha, lafa qonnaan bulaarra qubachuu, halkan mana irratti ijaarrachuufi kkf.
Haala amma jiruun weerarri gama mootummaatiin waan jiru natti hinfakkaatu. Garuu kan gama nama dhuunfaatiin adeemu sun garmalee cimee ittifufeera. Mootummaanillee waan dhaabuu dadhabe ykn sodaate fakkaata. Kana fakkeenya tokko tokko kaasuun qabatama taasisuun gaariidha.
Warri Finfinneefi naanawashee jiraattan gaara Inxooxoo ol ilaalaa. Warri imaltuuf deemtanillee mil’adhaa mee. Kanaan dura gaarri Inxooxxoo kan bosonaan aguugame ture. Bosonni irra jiru kan mootumaan dhaabeefi waggaa dheeraaf kunuunsaa ture.
Ammas gartokkeen kunuunsuun kun ittifufe, akkasumas paarkiinillee ijaaramaa akka jiru quban qaba. Haa ta’u malee handhuura Finfinnee dhaabbattanii naannawa kutaa magaalaa Eekkaafi Gullallee yoo ol ilaaltan qorqorroon xaaraa manaa ija isin dhukkubsa. Bosonni sun hundi ciramee manneen seeraan alaatiin bakka bu’eera.
Dhimma kana namni abbaa kanaa jedhuun waan jiru hinfakkaatu. Guyyumaa guyyaan dabalaa jira. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees callisee ilaala. Godinni addaa naannawa Finfinneefi bulchiisni aanaa/magaalaa Sulultaas yoo afuura baafatu hindhagahamu. Haaluma walfakkaatuun naannoon Nafxanyaan dura itti qubatte, Maaramii Inxooxootti magaalaan biraa kan sadarkaasaa hineegganne uumameera.
Kallattii dhihaatiinis yoo ilaalame waan walfakaatutu mul’ata. Gama Kutaa Magaalaa Gullalleetiin karaa Buraayyuutti aanuun manni seeraan alaa gaara koraa jira. Ulaa Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootiin safara haaraa Beeteeliifi Alam Baanki jedhamuun Tulluun Hococaa bosonni irraa haxaawamaa mana seeraan alaatti jijjiramaa jira.
Naannoon kun bakka filatamaa magaalaa Finfinnee tabbarra taa’anii miidhaginaafi bushaa’inashii itti ilaalan waan ta’eef warri qabeenya guddaa qaban ijaarsa seeraan alaa kana keessaa karaa lafa jalaatiin harka keessaa hindhaban jedhamee shakkama.
Kallattii Kutaa Magaalaa Nifaas Silki-Laaftootiinis lafti mijaa’aa waan ta’eef deemee deemee Laga Awaashitti Bahuuf gaarreen Furiifi kan naannawa sana qabatan koraa jira.
Nama daandii Labuurraan bu’ee karaa Galaaniin Aqaaqiitti bahu deemee lafa seera malee qabame godoo xixiqqoon irratti ijjarame yoo ilaale ijatu dhukkuba. Gama Booleetiinis akkanuma. Kana bira taree weerarri lafaa magaalota aanaalee godina addaa keessa jiru garmalee kan nama yaaddessuudha. Amma namni oyiruu guutuu bitaa jira. Bittaafi gurgurtaan lafaa seeraafi heerasn dhorkamaa ta’e sun faallaa sanaan hojiirra jira.
Seensa barreeffama kanaarratti dhimma addeecha lafa gurguruufi dukkana lafa bittuu sana waa malee hinkaasne. Haalli amma jiru kunimmoo faallaa kanaan waan natti mul’achaa jiruufi, kanin mataduree kiyyarratti “Addeechi lafa bitaa dukkanni lafa gurgura” jedheef.
Biyya kanatti qaamoonni hedduun akka lafti kan dhuunfaa ta’ee bittaafi gurgurtaaf oolu barbaadu hedduudha. Yeroo chaartariin ce’eumsaa raggaasisamu dhaabileen tokko tokko gaaffii kana akka kaasan nan yaadadha. Garuu irra caala ajandaan kun kan qabxii walmormii ta’e bara 1987 yeroo heerarratti mariin gaggeeffamu ture.
Kan ajandaa kana qabsiisanii mormaa turan warra dura lafti irraa fudhatamteefi horteesaaniiti. Biyyoonni kaappitaalistiifi dhaabbileensaanii kanneen akka Baankii Addunyaafi Fundiin Maallaqa Addunyaa hanga ammaatti ajandaa kana ni deeggaru. Ammas biyya keessaa dhaabbileen siyaasaa hedduun ajandaa kana ni deegaru; fuulduratti baasuu yaalu.
Warri odeeffannoo kana qaban akkuma bara Dargii dafanii lafa gurguratan ammammoo dafanii bituuf hin yaalan jechuun hindanda’amu. Kanaaf dhimma weeraraa lafaa kana duuba jiruu laata gaaffiin jedhu sammuu kootti dhufa.
Altokko hoogganaan naannoo Oromiyaa tokko weerara lafaa duuba qaamni qindaa’e ni jira jechuusaanii nan yaadadha.
Weerara lafaa kana ilaalchisee mootummaan al tokko tokko otuma sodaatuu tarkaanfii fudhachuu ni yaala. Gaafa sana duulli gurmaa’aan mootummaarratti banama. Warri ijaarsa seeraan alaa kana keessa jiran, qindoominaanis dhuunfaanis, mootummaatti wacuu eegalu.
Midiyaansaanis isaan faana iyyee iyya dabarsa. Dhaabbileen siiviikiillee isaanuma waliin ejjatu. Isaan booda geerarsi hanga diyaaspooraatti ittifufa. Dhaabbileen mirgoota namaa addunyaa kanneen akka ‘Human Rights Watch’fi ‘Amenisty International’ isaan faana gadoodu. Mootummaan ni abaarama. Qonaan bulaa miskiina lafasaarraa buqqa’uuf kan dubbatu, kan gabaasu, kan wacu hinjiru. Kan nama gaddisiisus kana.
Dhiheenya kana bulchiinsi Magaalaa Finfinnee seera kabachiisuuf tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu jalqabee ture. Mootummaan Oromiyaas hanga tokko waa yaalee ture. Qaamonni lamaanuu xuxxuqaniitu biraa deebi’u. Xuxxuqaan kun haala fala argamsiisuun yoo ta’uu baate siriittuu akka bal’inaan itti deemamu taasisa.
“Warra ijaaran maal gadhaniitu” dhufa. Kanaaf mootummaan gama kanaan tarkaanfii ittisaarratti hojjechuu qaba yaada jedhun qaba. Yoo kana bira tare tarkaanfii cimaafi barsiisatti deemuu qaba. Mana diiguufi qabeenya dhaaluu qofa osoo hintaane qaama seera cabse, kan gurgures, bites, seeratti dhiheessuun tarkaanfii fudhachuun gaariidha.
Akkuma waliigalaatti addeechi waggoota 45 dura lafa gurguraa ture sun amma deebi’ee lafa bitaa waan jiru fakkaata. Dukkanni yeroo sana lafa bituuf yaalee kassare. Borummoo dukkana har’a lafa gurguraa jiruufi gurguruuf qaphaa’utu kasaara.
Kanaaf qonnaan bulaan keenya waan harkaa qabu cimsee eegachuu qaba. Mootummaanis lafa beenyaa kaffalee fudhatu gatii gabaatiin fudhachuu qaba. Qonnaan bulaanis lafasaa gurguree akka harka qullaatti hinhafne haala mijeessuufii qaba. Maalumaafuu, weelluu ‘Yaa Oromoo qulqulluu qonnee nyaannaa lafa’nvgurgurruu’ jedhu kanan yaada koo goolabeera.
Nagaa ta’aa
Dachaasaa Roorrootiin
5 Comments to “Dukkanni lafa gurgura; Addeechi lafa bita”