Ji’a Guraandhalaa yoo maqaa dhahan kan dura sagalee ol-kaasee owwaatu Guyyaa Injifannoo Adwaati. Guraandhalli 23 bara 1888. Kuni dhugaadhuma. Haata’u malee ji’a kana keessa seenaan biroos galmaa’uusaanii isin yaadachiisee ijoo dubbii kootii kan ta’e gara Injifanoo Adwaatti darbuun barbaada.
Guraandhalli 12, 1929; guyyaa wareeggamtootaati. Guyyaa Xaaliyaaniin ummata Shaggar kan kuma 30tti tilmaamamu, qotee bulaa Oromoo dabalatee, lafarraa muxuxxeesite- guyyaa gaddaati. Guraandhala 25,1967 guyyaa lafti kan qotee bulaa ta’uu itti labsameefi gaaffii qonaan bulaa Oromoofi ummatoota Kibbaa deebii itti argateedha. Wayyaaneen, waggaa 27f ummata keenya gidirsitellee kan qabsoo itti jalqabde ji’a kana keessa. Gama miidiyaatiin, Gaazexaan dhuunfaa inni jalqabaa, Gaazexaan Bariisaa, kan mootummaa Darguutiin dhaalame ji’a kana keessa; Guraandhala, 1969.
Konfiransii Barliinfi Afriikaa: Konfiransiin Barliin konfiransii koloneeffattooni Awurooppaa Afriikaa addaan qircachuuf marii dheeraa Sadaasa, 1884 hanga Guraandhala, 1885tti itti gaggeesaniidha. Konfiransiin kun Jarman, Barliinitti Gaggeessummaa Chaansilarii Jarmanii tokkomtee isa jalqabaa Ottoo Voon Biismaarkiin kan adeemsisamee yoo ta’u, yaa’ii kanarratti Xaaliyaanii dabalatee biyyoonni 14 irratti hirmaataniiru.
Kaayyoon konfiransii kanaa inni guddaan waldhabdee tokko malee Afrikaa addaan qoodachuuf haala mijeeffachuu akkasumas ardittii keessatti daandii daldalaa walirratti cufuu hambisuudhaan akka fedhanitti Afrikaa keessa garmaamanii qabeenyaashii saammachuudha. Xumurarratti konfiransichi milkaa’ee yeroo gabaabaa keessatti koloneeffattoonni dachii Afrikaa %90 ta’u addaan qoodatanii daangaa itti uumaniiru.
Aggaammiin koloneeffachuu Xaaliyaaniin Abisiniyaa, Xoobbiyaa ammaa, irratti taasiste duubeensaa waliigaltee konfiransii Barliinirraa kan madduudha. Durumaanuu Galaana Diimaa qarqararra to’achaa kan turte Xaaliyaaniin dhawaata sisiqaa konyaawwan Eertiraafi aanaalee tokko tokko Tigraayi harkatti galfachuuf jalqabdee turte. Bara 1887, Dogaalii qabattullee Aluulaa Qumbii (Abbaa Naggaa) duubatti isaan deebisee ture. Garuu Xaaliyaaniin kanaan hindeebine.
Sababa Waraana Adwaa: Sababni waraana Adwaa garaagarummaa hiika waliigaltee Waacaalee keeyyata 17 kan afaan Xaliyaaniifi Amaaraati jedhamee himamullee maddisaa konfiransii Barliini. Tarii keeyyata 17 sababa dhihoo (immediate cause) ta’uu mala. Garuu waliigalteen sun haala siyaas-dinagdee akkasumas dipplomaasii akkamii keessatti akka mallattaa’e yeroo heddu hindubbatamu, hinqeeqamus. Gama kanaan ragaawwan seenaa tokko tokko ilaaluuf yaaleen ture. Waliigaltichi yeroo muddamaa, zabana Atsee Yohannisirraa gara Atse Minilikitti ce’uufi angoo qabachuuf figamutti mallattaa’e.
Nugusni showaa, Atsee Minilik, gara aangoo biyya dhuunfachuutti osoo hindhufin dura motiin moototaa Abisiniyaa Atsee Yohaannis akka ture, Minilikis isaaf gabbaraa akka ture ragaan dhugaa baha. Atse Yohannis waraana Matammaarratti Durbushootaan Bitootessa 10,1889 ajjeefaman. Kuni dheebuu aangoo Minilikiif carraa baneera. Yeroo kanatti aangoo biyyattii koruuf Minilik caala kan humna qabu waan hinturreef dafamee gara isa aangoo korsiisuutti deemame. Yeroo ce’umsaa kana waliigalteen Waacaalees kan mallattaa’e. Kan nama ajaa’ibsiisu, Atsee Yohaannis du’ee osoo ji’a lama hinguutiin, Atsee Minilik osoo seeraan muudamee aangoo hinqabatin Caamsaa 2, bara 1889 waliigalteen Waacaalee kan mallattaa’e. Minilik kan ‘phaaphaasidhaan’ muudamee motii mototaa ta’e waligalteen Wacaalee mallattaa’ee ji’a ja’a booda Sadaasa bara 1889dha.
Asirratti wanti hubatamuu qabu ariitii taatewwan itti raawwataniidha. Xaaliyaaniin akkuma Yohannis du’een waliigaltee kana mallatteesifatte. Yeroo mijaa’aan kana caalu waan hinjirreef. Warri Abisiniyaammoo maaliif dafanii waliigalticha mallatteessan jennee yoo gaafanne yaada mataa keenya itti kennuu dandeenya. Tokkoffaa yeroo Minilik aangoo durumaa eegale of harka galchuuf itti amuummachaa ture sana itti dhuunfatu waan ta’eef deeggarsa Xaaliyaanii argachuuf ta’a. Akkuma keeyyata 3fa waliigaltee kanarratti ibsame dachii Eertiraa Xaaliyaaniif yoo dhiise Xoobbiyaa hafte kan inni bahaafi kibbatti humnaan, ajjeechaafi tumaan bal’ise sana naaf dhiisu jedhee yaaduu ni mala. Hunduma caalammoo Xaaliyaaniin oolmaa oolteefii turte. Akka ragaaleen ibsanitti, yeroo Minilik aangoof haala mijeeffatu, maallaqa guddaa ( hangisaa hin xuqamne), qawwee 30,000 fi Madfii 28 kenniteefiitti. (https://www.britannica.com.). Kanaaf waliigalticha mallatteessee oolmaa sana deebisuuf malee ta’a; kuni yaada kiyya.
Waliigalteedhuma kanaan walqabatee wanti gaaffii kaasu ni jira. Waraanni Adwaa waliigalteen Waacaalee mallattaa’ee waggaa jaha booda adeemsisame, bara 1896tti. Minilik maaliif waggaa kana hunda ture? Maaliif Xaaliyaaniin yeroo konyaalee Eertiraa qabattu itti hinduulin? Yoo tokkumaa biyyaatii kan yaadu ta’e. Maaliifi erga isaanAmbaalagee, qarqara Walloo, gahanii duulli labsame? Ertiraan teenya jedhamaa turee mitii? Minilik waliigalticha hinfudhu jedhee kuffisuuf maaliif hanga 1893, waggaa sadii itti fudhate? Dhimmicha dippiloomaasiin hiikuufi moo waan biraa qaba? Kuni wantoota qo’annoon ifa ta’uu qabaniidha.
Osoon yaada biraatti hince’in yaada tokko haa kaasu. Atsee Teedroositti aansee motii moototaa Abisiniyaa kan ture Atsee Yohannis. Teedroos waraana Ingiliziin ajjeefame. Yohannis harka durbushootaatti lubbuunsaa dabarte. Osoo taatewwan kun lamaan walitti aansanii raawwachuu baatanii biyyi tun amma maal fakkaachuu dandeessi jettanii yaaddanii beektu? Carraan waan gaarii fidas balleessas jechuu barbaadeni.
Injifannoo Adwaa: Kanas ta’ee sana Xaaliyaaniifi Xoobbiyaan wal-waraanuuf dirqamaniiru. Duulli Adwaa kan sabaafi sablammiin biyya kanaa hedduun irratti hirmaatanii lubbuusaanii kan itti kaffalaniidha. Wareegama lubbuu hedduu waraana qofaan osoo hintaane dheebuudhaan, dhabiinsa galaatiin akkasumas dhibeen kanfalameera. Xumurarratti sabaafi sablammiileen Xoobbiyaa injifannoo boonsaafi cululuqaa galmeessaniiru. Garuu sabaaf sablammiif hanga hirmaannaasaanii seenansaanii hin himamneefi. Injifannoon kun akka injifannoo nugusa tokkoon ykn saba tokkon qofa dhufeetti waggoota 124f seeneffamaa jira. Har’allee akkasummatti akka yaadamu barbaadama. Kunimmoo akkuma baratame seenaa dabsuudha. Beektonniifi hayyuuleen sabaafi sablammii hedduullee seenicha qaama tokkoof eebbisanii waan kennaniif fakkaata. Kana keessaa Oromoo eeruun ni danda’ama.
Fudhannus fudhachuus baannu Waraana Adwaa adda durummaan kan hoogganan keessaa goototonni Oromoo shoora olaanaa qabu. Walee Buxxuliifi Xaayituu Buxxul, (Oromoodha ofiin jechuu dhiisuu danda’u) duubnisaanii Oromoota Yejjuu ta’uun dagatamuu hinqabu. Baalchaa Saafoo, Gabayyoo Gurmuu, Qusee (Habta Goorgiis) Dinagdee, Mahaamad Ali ( Nigus Mikaa’el) Oromoo miti jedhanii haaluun hindanda’amu. Hoggantoonni kun hunduu waraana qotee bulaa of duuka hiriirsanii Ambaalaagee, Maqaleefi Adwaatti bahan. Nama qofa osoo hintaane Fardeen Oromoo waraana kanarratti hirmaatanii wareegama kaffalanii jiru.
Kanaaf Injifannoo Adwaatiin kan tokko geeraree kan biraa mataa itti gadi qabatu miti. Kan tokko abbaa injifannoo itti ta’ee kan biraa gantummaan ittin abaaramu miti. Hayyoonni Oromoos seenaa kana ofirraa dhiibuu hinqaban. Seenaa dhokate qo’annoon baasanii dhalootatti agarsiisuu qabu.
Sochiin ummataas itti fufuu qaba. Gama kanaan sochiin bara tare eegale sun, kan Haacaaluu Hundeessaa magaala Finfinneetti agarsiise, cimee itti fufuu osoo qabuu barana waan laafe natti fakkaata. Ofii irraa dheeffanii, kan biraa waan hinhojjanneen akka geeraru hayyamanii booda deebi’aii komachuun sirrii miti.
Kabaja Injifannoo Adwaa kan baranaa: Injifannoon kun akkuma yeroo kamiyyuu baranas Shaggariifi Adwaatti kabajameera. Haalli itti kabajame garuu miidhagina injifannichi qabuu wajjin kan walsimee miti. Kan Adwaa qorraadha. Kan Finfinnee moggaatti kan baheedha.
Shaggaritti ayyaanichi bakka lamatti kabajame natti fakkaata. Tokko Ejersa Gooraa bakka siidaan Minilik dhaabbatetti kabajame. Inni biraa, gara Booletti. Lamaanuu ayyaana tokko kabajanillee waan irratti walii hingalle waan qabaniifi bakka tokkotti dhufanii injifannoo waliin galmeessan waliin kabajachuu hindandeenye. Kun qaawwa guddaa biyya kanaa kan malli itti dhahamuu qabuudha.
Oromoo hedduun keessattuu dhaloonni qubee Minilik akka gabroofataatti waan yaadaniif siidaasaa dhiisii suuraasaatuu ijaan arguu hinbarbaadan. Gochaan inni Oromoorratti dalage suukaneessaa waan ta’eef jibba irraa qabu. Kanaaf Siidaa kana jalatti ayyaana kabajuu dhiisii achiinuu darbuu hinfedhan. Warri kuunimmoo haadhoo keenya jedhanii faarfatu; galata qabuufi. Kanaaf siidaasaa jalaa siquu hinbarbaadani. Kuni dhimma walitti araaramuu qabuudha. Yoo danda’ame bakka ummanni hunduu irratti waliigalu filatanii osoo ayyanicha waliin kabajan gaariidha; obsaan, kabajaafi wal dandeettidhaan.
Gama biraatiin sirna kabaja Siidaa Minilik jalatti taasisame irratti wantoonni sirrii hintaane tokko tokko mul’ataniiru. Kanammoo qaamonni muraasti kaayyoo biraa qaban kan gaggeessaniidha. Naamuusa malee oliigadi kaachuun, dhaadannoo hintaane dhageesisuun, geerarsa yeroo waliin hindeemne lallabuun, uffata sabaafi sablammiif kabaja hinkennine uffatanii addabaabayii bahuun, aalabaa ‘lummuxii’ yaada ‘lummuxii’ wajjiin afarsuun sun bu’aa waan qabu natti hin fakkaatu.
Hundumaa mirga jennee bira taruu ni dandeenya. Garuu gochaa tokkummaa biyya balaaf saaxiluudha. Biyyi Jarman asxaa Naaziifi gochaawwan Hitilar leellisan kan seeraan dhorgituuf Hitilar waan lammii Jarman hintaanefii miti. Naaziin waldaa siyaasa Jarmanoonni dhaaban waan hintaanefii miti. Tokkummaa biyyasaaniifi walitti dhufeenya ummata addunyaa wajjin qaban tiksuufi. Kanaaf kan keenya kunis haala kanaan osoo ilaalamee gaarri ta’a.
Torban gaarii.
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 28/2012
3 Comments to “Injifannoo Adwaa: Bu’aa Waloo Sabaafi Sablammii Xoobbiyaa”