Gochaawwan fokkatoon sun akka nutti as hindeebine

Baayyellee yoon of jajuu baadhe kitaaba seenaa dubbisuu nan jaaladha.  Kitaabni “Gizatina Gizot” kan Olaanaa Zogaa qubee saabaatiin barraa’e al-tokko osoo hinta’in irra deddeebi’ee dubbiseera. Kitaabni kun Waldaa Walgargaarsaafi Misoomaa Maccaafi Tuulamaa jiddu gala godhatee seenaa Oromoofi Oromootaa irratti xiyyeefata. Kitaaba irra deddeebi’amee dubbifamuu qabuufi caqafata (reference) gaarii ta’uudha. Kitaaboleen sabboontonniifi seenaa himtoonni  Oromoo bebbeekamoon kanneen akka Gammachuu Malkaa (Motii  Biyyaa), Taabor Yaamii,  Isheetuu Irranaa , W/ Yohaannis Warqinaafi dhaloonni qubee barreessan waan diinni Oromoo godhe qofa osoo hintaane waan  Oromoon waliin ta’eefi walii ta’e, waan Oromoon walii godhee, waliin godhefi walgodhellee bareechanii dhalootaa  himu.

 Kitaabolee Goolii Diimaafi Goolii Adii kan gochaa suukaneessaa bara Darguu raawwate seenessanillee dhugaa biyya kanaa lafa ka’aniiru.  Kitaaba“ Killing the Generation” jedhu  kan  Baabbilee Tolaa (  Maqaa Peennaa akka ta’e dubbatama)  barraa’e,  Kan Hoggansi Olaanaan EPRP  Kifiluu Taaddasaa “ The Generation” jedhuun jildii walitti aansee  katabe, kan Miseensi Darguu Shaalaqaa Daawiit W/ Goorgis dubbistoota harkaan gahe “ The Red Terror” jedhu akkasumas    miseensi EPRP  turte  Hiwoot  Tafarraa  waan ijaan agarteefi keessatti hirmaachaa turte seenessu   “Tower in the Sky” jedhan haala fokkataa biyyattii kana keessa ture kan ifaan ifatti agarsiisaniidha. Kan biraallee kan hayyuulee biyya alaafi biyya keessaan barraa’an kan seenaa fokkataa biyya kanaa balballoomsan hedduudha.   

Kitaabooleen kunniin gara jabeenya dhala namaa sanaayuu kan obboleessi obbleessarratti raawwate seenessu. Kitaabolee dubbisuuf onnee guddaa barbaadan, kan fooliin qabiyyeesaanii   funyaan akka qabatan nama taasisan sun kan barraa’aniif   akka irraa baratamuufi; lammata gochaa akkasitti akka hindeebineefi.         

 Barreeffamoonni kunneen seenaa gadhee abbootiiniifi obbolaan keenya dabarsan ykn raawwatan sana seenessu. Hedduunsaanii waan keessa darban, kan ijaan ragaa bahan, kan ofii keessatti hirmaatan barreessan waan ta’eef soba jedhamee mormuullee hindanda’amu. Gochaawwan fokkataan bara Darguu raawwatan kunneen nama kumaatamaan lakkaawamu galaafaataniiru. Hagana jedhanii eeruuf nama sodaachisa.  Gooliin  sun taatota guguddoo (main actors) sadii qaba. Isaanis: Darguu, Paartii Warraaqaa Ummatoota Xoobbiyaa ( EPRP)fi   Sochii  Sooshaalistii Waliigalaa  Xoobbiyaa,  MEISON, (AESM) kan jedhamaniidha. Kan Darguu garuu hundarra hammaataafi sukanneessaa ture.    

Taatota kanneen jaarmiyaalee siyaasaa ammaarraa wanti adda godhu ni jira. Sadeenuu kan gurmaa’an akka ammaa kana hidda dhalootaatiin osoo hintaane akka miseensota lammii biyya tokkootti . Hunda keessattuu sabaafi sablammiileen biyya kanaa siyaasaaf fedhii qaban nijiru ture; aangoo hoggansaa kan to’atan dhalattoota qaamolee muraasa ta’anillee. Jaarmiyaalee kanneen  kan qawwee walitti luqqifatee dhaloota tokko jim godhee nyaate; sabaan, amantaan, dhalootaan adda osoo walii hinbaasin.

Gochaawwan darban sukaneessawwan sun akka deebi’an qaamni barbaadu yoo jiraate maraatuu qofa ta’a. Tuttuqaawwaniifi mallattoowwan xixiqqoon biyya kanatti uumaamaa jiran garuu gara sanatti akka ummata hingeessisne sodaachuun raagaa farraa ummataa nama hintaasisu. Mee wantoota  mumul’achaa jiran haa ilaallu. 

Torban lamaan darban kana keessa tempreechariin siyaasa biyya keenyaa waan olka’e fakkaata. Taateewwan uumaman irraa wantonni hubannus kanuma. Torban lamaan Dilbata boru Magaalaa Buraayyutti artiistota Oromoorratti miidhaan gahe jedhamee guyyoota walitti aananiif fuulli miidiyaa hawaasaa dhiphatee ture. Waanuma siyaasa ce’umsaa keessatti uumamuu danda’u jennee bira tarre. Itti aanee torban osoo hinguutiin gaafa guyyaa Kamisaa, 12/6/2012, balaa guddaan nama naasisu uumame. Itti gaafatamaan Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Buraayyuu guyyaa saafaan magaalattii keessatti ajjeefamee namni lama biraa madaa’e. Wanti raawwatame gochaa suukaneessaadha. Kan abaaramuufi maganamuu qabuudha; eenyuyyuu raawwatullee.

Gochaan kun gareewwan faallaa Oromoo dhaabbataniif balbala ololaa saaqeera. Dhimma kanatti hiika hintaane itti kennuudhaan akka jaarmiyaaleen siyaasni Oromoo gara wal-galaafachuutti ce’an fakkeessanii kan oduun nageenya ummataa jeeqan lakkofsa hinqaban ture. Milkii dhaban malee, taatee kanatti fayyadamuun mooraa Oromoo akka wal nyaatu taasisuuf yaalameera. Yoo yeroon fuuloon itti godhamu dadhabame garuu gochaan xiqqaan har’aa kun bori balaa guddaa akka hinfidne sodaachisa.  

Taatewwan xixiqqaan jalqabaman kunnin kanaan dhaabbachuu hindandeenye; Amboofi Giincitti ce’aniiru.  Torban boruu, Gaafa Dilbataa, ummata deeggarsa Ministra Muummichaa  Dr. Abiyyiifi qaama ce’umsaa deeggaruuf manaa baherratti boombiin darbatamee ture. Kanaanis namoonni 29 akka maddaa’an gabaafameera. Giincitti Kibxata dheengaddaa galgala buufata poolisiirratti boombiin darbatamee poolisoota lamarra miidhaan salphaan qaqqabuu dhageenyeerra. Harargee Bahaa, magaalaa Awadaayittillee, mallattoon wayii mul’ateetti.

 Kan boruu tilmaamuuf rakkisaa ta’ullee, balaawwan kanneen irraa akka ummataatti  namoonni dandamataniiru. Waaqayyo guddaanis harkasaa ummatarra qabeera.  Maalumaafuu, garuu, abiddaan taphachuun kun kan nu baasu hinfakkaatu. Akka namticha ibiddaan deddeebi’ee gubate sana “kana agartee maaf lammata itti deebite” jedheen sun akka hindhufne.

 Oromiyaan alas mallattoowwan gaarii hintaane mumul’achaa akka jiran beekamaadha. TPLF wagaa hundeeffamaashii 45fa  haala ho’aa ta’een kabajatteetti.  Kuni mirgasaaniti; mormiis hinqabu. Garuu haalli itti kabajatan hawaasa biraarratti dhiibbaa qaba. Haasofti sirna kanarratti taasisamaan, dhaadannoowwan qabatamanii bahan, sirboonni dhageesisamaa turan, fokkorri asiifi achitti mul’atu,  agarsiisni liyyuu poolisii ( yoo dhuguma liyyuu poolisii ta’an) Tigraayi Maqaleetti agarsiise, uffanniifi hidhatni namaa, alaabaan mootummaa naannoo Tigraayi kan Istaadiyoomii Maqalee guute waan dubbatu qaba; mootummaafis, ummataafis.  Akka lammiittis wanti kuni maalinni jennee? gaafachuuf dirqamna.  Naannoon Tigraayi biyyuma kana keessa, mootummaa federaalaa kanaan hoganamtii?  jennee akka gaafannu nu taasisa. Maalumaafuu siyaasni Tigraayitti mukukkulaa jiru kun karaa nagayaatiin haalli itti sirraa’uu danda’u uumamuu akka qabu, mariin furmaanni barbaadamuufi akka malu natti mul’ata.     

Naannoo keessaa bahee gara biyyaatti haa deebi’u. Dhimmi naannoo dhimma biyyaati miti jechuu koo akka hintaane naaf hubadha. Oduu ho’aan tibbaanaa dhimma Hidha Laga Abbayyaati. Dhimma kana wajjin walqabatee odeeffannoowwan deemaa jiranillee ummata keessatti burjaja’a uumaa jira. Wanti midiyaa hawaasaafi idilee biyya kanaarratti dubbatamaa jiru waan iftoomina barbaaduudha. Ummanni akka hinburjaajofne, burjaaja’ina kanaanillee biyyattiin qarqara qilee jirtu kun qilee keessa akka hinbuune mootummaan hubannoo uumuu qaba. Mariin adeemsifamaa jiru bakka ga’eefi ejjannoo biyya keenyaallee ummanni yoo beeke walgargaaruufi waliin hiriiruuf carraa uuma. Dhimmoonni guutuu biyyaa ilaallatan kan akka hidha laga abbaayyaa kun tokkummaa biyyaa laafaa jiru kana suphuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf dhimmichi dhimma marii mootummootaa bira taree dhimma marii beektotaafi hawaasaallee ta’uu qaba; booda waan dhufu waan hinbeekneef. Akkasumas Qaamoleen dhimma kanallee akka siyaasaatti ittiin daldalanis waan jiraniif.    

Konsartiin Addabaabaayi Ummataatti (kan Masqal Addabaabaayi jedhamee amantii tokkoon waamamu)  weellisaan Teedroos Kaashuun gaggeesse, sirboonni inni filachaa ture, abaarsi artiistota Oromoorratti taasisamaa turellee, dhaamsa maal akka dabarse wanti hubatamu jira. Waan fedhe weellisuuf mirga qabaatullee sirboonni dhaamsa siyaasaa of keessaa qaban kan ganda tokko burraaqsaani ganda biraa fuula dukkaneessan yoo ta’e mana ammaaf walitti qabnu kanaaf dagalee tokkummaa ta’uurra rirma ta’ee nyaatee akka hindiigne yaadamuu qaba. Kanaaf, wantoota ummata addaan fageessan, wantoota tokkummaa laamshessan, gochaawwan walmufachiisan qabatanii addabaabaayirra gulufuurra kan walitti fidan, kan walmararfachiisan, kan walitti boochisu qabatanii deemuun irra faayidaa qaba. Garee tokko qabatanii boo’anii boochisuun biyya kanaa faayidaa hinqabu.  

Haalli biyya keenya keessatti waldhiibuudhaan deemaa jiru kun eessaa nu geessa jenne gaafachuunis dirqama lammummaati. Rakkoowwan keenya maal akka turaniifi akkamitti akka keessa dabarree as geenyes yaadachuun barbaachisaadha. Seenaawwaniifi muuxannoowwan  keenya gaarirraa qofa barachuun nurraa hineegamu. Seenaawwan fokkotaa darban sanas yaadannee irraa barachuun qajeellummaadha. Biyyi kun beelawwan hammaata ta’an kan lubbuu namoota danuu biyyoo jala oolchan keessa dabartee jirti. Gooliiwwan  dhiiga namaa akka lolaa daandirra yaase keessa baaneera.

Gama kanaan muuziyeemii yaadannoo wareeggamtootaa Goolii Dimaa naannoo Waltajjii Ummataatti ijaarame yoon argu waan hedduun yaadadha. Muuziyeemicha keessa lafeen wareeggamtoota bara dargii Goolii Diimaa fi Golii Adii lubbuu dhabanii tuulameera. Suraan dargaggootaa wareeggamtoota yeroo hunda qalbii koo keessaa hinbadu. Fuuldura muuziyeemichaarra siidaa nama sadiitu jira. Hadhaafi ijoolleeshii kan goolii kanaan dararaman natti fakkaata.  Siidaa jalatti afaan Amaarifaafi Ingiliffaan barraa’eera. Kan Amaariffaa  (መቸም፣ የትም እንዳይደገም jedha. kan  Afaan Ingilizii (NEVER, EVER AGAIN) jedha. Hiiknisaa “Yoomiyyuu akka hindeebine” jechuudha. Siidaa kun kan ijaarame bara Wayyaaneti. Kan eebbises aangawoota isaanitti. Bakka kuni jirotti seenaa fokkataa biraa hojjatan; Qeerroofi Qarree kumaatamaan lakkaawaman wareegamtoota kanatti dabalan. Akka biyyaatti silaa kan barachuu qabnu gochaawwan fokkataa akkanaarraayi.

Ammas qaamni isa darberraa barchuu hinfeene jiraachuu mala. Altokko tokko gareewwan albee walitti qaratan waan jiran fakkaata. Taatewwan mumul’atan kunillee kanuma ibsu. Kanammoo ummanni balaaleffachuu qaba. Ummanni kun sanyiin, sabaan, afaaniifi aadaan gargar ba’ullee wanti waliin qoodatu hedduudha. Osuma addan bahanii biyya kophaallee ijaarratanii waggoota seenaa fokkataafi gaarii darban keessatti waan hedduu dhiigaan, qorqalbiin, aadaan walitti makate waan qabuuf booda wal barbaaduunsaa hinoolu. Kanaaf nagaaf dhaabbachuu qaba. Gochaaleen fokkataawwan baroota darbanii sun akka hindeebine balaaleffachuu qaba.  Balaan siyaasaa ilmoosaa isas akka hinmiine miiraan osoo hinta’in herregaan socho’uun irraa eegama.  

Torbaan gaarii, kan nageenyaan nuuf haa ta’u.     

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

253 Comments to “Gochaawwan fokkatoon sun akka nutti as hindeebine”

  1. cheapest rybelsus pills [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus price[/url] buy rybelsus online

  2. rybelsus pill [url=http://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] semaglutide cost

  3. rybelsus price [url=https://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] rybelsus pill

  4. пинап казино [url=http://pinupkz.tech/#]пин ап казахстан[/url] пин ап 634

  5. pin up зеркало [url=https://pinupru.site/#]пин ап казино зеркало[/url] пин ап зеркало

  6. pin up [url=http://pinupru.site/#]pin up зеркало[/url] пин ап зеркало

  7. pin up казино [url=https://pinupkz.tech/#]пин ап казино онлайн[/url] пин ап казахстан

  8. neurontin 800 mg cost [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin price[/url] buy neurontin 100 mg

  9. generic gabapentin [url=http://gabapentin.auction/#]order gabapentin[/url] neurontin 400 mg price

  10. buy generic neurontin online [url=http://gabapentin.auction/#]buy gabapentin[/url] neurontin 300 mg coupon

  11. prescription medication neurontin [url=http://gabapentin.auction/#]order gabapentin[/url] neurontin gabapentin

  12. zithromax capsules price [url=http://zithromax.company/#]zithromax cost australia[/url] zithromax z-pak price without insurance

  13. rybelsus [url=https://semaglutide.win/#]Rybelsus 14 mg price[/url] Semaglutide pharmacy price

  14. neurontin prices [url=https://gabapentin.auction/#]neurontin brand name 800mg[/url] neurontin coupon

  15. mexican pharmaceuticals online [url=https://mexicanpharm24.pro/#]medication from mexico pharmacy[/url] medicine in mexico pharmacies

  16. buy prescription drugs from india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]top online pharmacy india[/url] mail order pharmacy india

  17. online shopping pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]buy prescription drugs from india[/url] mail order pharmacy india

  18. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharm24.pro/#]mexico drug stores pharmacies[/url] best online pharmacies in mexico

  19. cheapest online pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacy online[/url] top 10 pharmacies in india

  20. buy clopidogrel online [url=https://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pills[/url] plavix best price

  21. antiplatelet drug [url=https://clopidogrel.pro/#]best price on generic[/url] plavix medication

  22. buy Clopidogrel over the counter [url=http://clopidogrel.pro/#]check clopidogrel pro[/url] antiplatelet drug

  23. minocycline 50mg tablets [url=https://stromectol1st.shop/#]buy online[/url] stromectol 3mg

  24. paxlovid cost without insurance [url=http://paxlovid1st.shop/#]paxlovid price[/url] paxlovid price

  25. minocycline 100 mg pills [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] cost of stromectol medication

  26. пин ап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пин ап официальный сайт

  27. top 10 pharmacies in india [url=http://indianpharm1st.com/#]best india pharmacy[/url] online pharmacy india

  28. buy prescription drugs from india [url=https://indianpharm1st.com/#]buy prescription drugs from india[/url] Online medicine order

  29. indian pharmacy online [url=https://indianpharm1st.com/#]pharmacy website india[/url] cheapest online pharmacy india

  30. mail order pharmacy india [url=http://indianpharm1st.com/#]Online medicine order[/url] top online pharmacy india

  31. pin up kz [url=http://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казино Официальный Сайт[/url] пин ап казино онлайн

  32. sweet bonanza tr [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweetbonanzatrpro[/url] sweet bonanza oyna

  33. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza nas?l oynan?r[/url] sweet bonanza oyna

  34. buy gabapentin india [url=https://gabapharm.com/#]GabaPharm Gabapentin[/url] gabapentin GabaPharm

  35. GabaPharm Gabapentin [url=https://gabapharm.com/#]Buy gabapentin for humans[/url] GabaPharm

  36. Online medicine home delivery [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]Indian pharmacy international shipping[/url] top 10 online pharmacy in india

  37. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharmgate.com/#]MexicanPharmGate[/url] medication from mexico pharmacy

  38. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexican drugstore online[/url] п»їbest mexican online pharmacies

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *