Afaan Qawwee Cuqqaaluu: Abjuu mootummoota Afrikaa

Jidduu kana keessummoonni guguddoon nurra turan. Kan walitti qabaman irra caala biyyoota Afrikaarraayi. Durta’aa Mootummota Gamtoomanii, Antooniyoo Guutereeziifi Ministira Muummee Kanadaa, Jastiin Turuudoo dabalatee keessummoonni addunyaa kora hoggantoota Afrikaa 33fa kanarratti argaman hedduudha.  

Mootummoonni Afrikaa kora akkanaa waggaatti al lama waamanii dhimmoota ardittiirratti mari’atu. Korawwan xumura barkumee 2fa as adeemsisaman keessaa  kan Caamsaa bara 2013  (lakkoofsi baraa hunduu ALGtti) gaggeeffame adda akka ture himama.

Maaliif? Gamtaan Afrikaa hundeeffama Waggaa 50fa isaa kabajate. Kanummaan walqabatee Ajandaa 2063, kan galma 20 qabuufi kan egeree Afrikaa murteessan raggaasise. Akka yaadaatti karoorriifi maniin Ajandaa 2063 keessatti qabaman Afrikaa dukkana keessaa gara ifaatti kan baasuudha.  

Korri miilanaa kun raawwii Ajandaa 2063, rakkoowwan guguddaa ardii keenyaafi addunyaarratti mari’ateera.

Hunda caalaa kan qalbii koo harkise manii, “Afaan qawwee cuqqaaluu” (Silencing the Guns) jedhuudha. Dhaamsi (theme) kora baranaa gaalee kana. Garuu; dhuguma Afrikaan yeroo gabaabaatti afaan qawwee cuqqaaluu dandeessii? Gaaffii  kooti; kan namoota danuutisi.  Mee wal haa caqasnu.  

Bara 2014tti qaama Ajandaa 2063 kan ta’e maniin mul’ata 2020 (Vision 2020) jedhamu mootummoota Afrikaatiin ragga’eera. Mul’atni kun dhaamsa “Afaan qawwee Cuqqaaluu: Egereef dhimmamuu” (Silencing the gun: owing the future) jedhamu of keessaa qaba. Akka mul’ata kanatti; Caamsaa bara 2020tti

Afrikaa waraanarraa walaba taasisuu, walwaraanaa (civil war)fi waliti bu’iinsa dhabamsiisuu, sarbama mirgoota namaa hambisuu, duguuggaa sanyii ittisuu, jeequmsa  dhaabuu, miidhaa dubartootarratti gahu hambisuuf yaadamee ture.

Ardii umuriishii guutuu waraanaan beekamtii salphinaa argatteefi muuxannoo badaa guddaa qabdu kana; waggaa ja’a keessatti waraanrraa bilisa gochuuf yaadame. Akka yaadaatti gaarii ta’us, osoo qawween afaan banuu kunoo barri karoorri galma itti gaha jedheme dhaqqabuuf baatii xiqqootu hafa.  Gama tokkoon kora kana keessa taa’anii dhimma qawwee afaan cuqqaaluurratti mari’achaa gama biraatiin qawwee dhukaasaa oolu.  Kan ajaa’ibsiisaafi paaraadooksii ta’us kanuma.      

Maqaawwan adda addaa itti moggaasanii karoora qabachuun; tarsiimoo baasuun, irratti mariachuun; garuumoo osoo hinmilkaa’iin karaatti hafuun amala hooggantoota ardii Afriikaati.

Ardii tana keessatti nageenya, tasgabii, misoomaafi dimokiraasii fiduuf yeroon kaaroorri itti hinbahin hinjiru. Ammuma waggaa waggaan walgahan ajandaa mirkaneessanii gargar bahu. Garuumoo yeroon karoorrisaanii milkaa’ee ummata fayyadamaa taasise muraasa. 

Fakkeenyaf; bara 1963 yeroo Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa, kan bara 2002 Gamtaa Afrikaatti jijjiirame, hundeeffamu Afrikaaf abdii guddaa ture. Yeroo sana yeroo fincilli sirna koloniirratti bal’inaan adeemsisameefi biyyoonni hedduun bilisummaasaanii itti gonfatan waan tureef abdiin dhaabbaticharra ture guddaadha.

Abdiin kun dhaabbatticharra qofa osoo hintaane, hoggantoota haaraa biyyootaa koloniirraa bilisa ba’anirras ni ture. Garuu fedhiin ummataa biyyoota hedduutti abdii qofaan hafe. Ijoolleen Afrikaa aangootti dhufan hedduun sirna dimokraasii, walqixummaafi misoomaa diriirsuu dadhabanii gara mootummaa abbaa irrummaatti ce’uun ummanni duubatti deebi’ee koloneeffattoota akka galateeffatu taasisaniiru.

Malaanmaltummaan, abbaan irrummaa, samicha qabeenyaa,  seeraan  alummaan… yeroo itti dagaage ta’uun abdii ummataa dukkaneesse. Aangoo gadi lakkisuun rakkoo ta’e. ‘Nugusni’ keenya Hayilasillaasee waggoota 44 tortoranii dirqamaan irraa darbataman. Robarti Mugaabeen waggaa 37f aangoorratti tortoree dirqamaan umriisaa waggaa 95tti aangoo gadi lakkise. Haala qabsoo irra turaniifi haala yaadaniin Nuwamee Nukurumaa (Gaanaa)fi Liyopordi Seengoor (Senegal) hinmilkoofne.  Akkuma waliigalaatti, hoggantoonni Afrikaa bara birmadummaa boodaa Afrikaa gama misoomaa, dimokraasiifi nagaatti ceesisuu hindandeenye.    

Bara 1990, eddii barri waraana qabbanaa’aa xumuramee as dhaloonni Afrikaa haarofti ardii kana ceessisuu danda’an aangoo qabatan jedhamee warra lixaatiin odeeffamee ture. Dargaggoonni riphee loltummaarra gara aangoo mootummaatti dhufan kanneen akka Yuweerii K. Museevenii, Pool Kaagamee, Mallas Zeenaawiifi Isaayyaas Afawarqii Afrikaaf carraadha jedhamanii turan.

Sababa kanaanis dimokraasii diriirsuun, rifoormii caasaa dinagdee fiduun, nageenyaafi misooma mirkaneessun Afrikaaf daandii banu jedhamee addunyaarratti odeeffamaa turan.  Garuu isaanis akka yaadame hintaane. Isaanis akkuma abbootiisaanii aangoorratti rarra’anii hafaniiru. Mallas Zeenaawii fedhiin osoo hinta’in du’aan aangoorraa bu’ullee jaladeemtonnisaa itti hafaniiru.

 Isaayas Afawarqii  biyya heera hinqabne waggaa soddommaaf bulchaa jira. Kagaameefi Museeviniin bara aangoosaanii dheereffachuuf gara heera fooyyessuutti deemaa jiru, aangoo quufuu dadhabanii. Mootonni akkanaa kunniin afaan qawwee ukkaamsina  yoo jedhanii dhaadatan kan nama dinqu. Muuxannoon mootonni Afrikaa hedduun qaban afaan qawwee ukkaamsuu miti, afaan namaa malee.

Taajjabiidhummaaf mee muuxannoo biyyoota afaan qawwee cuqqaalanii haa ilaallu.  Bara 1990 as Ameerikaan pireziidanttota shan, Buush gudicharraa hamma Tiraampitti,  filatteetti. Ingiliz Joon Major (1990) irraa hamma Booriis Joonsan (2019)tti  ministiroota muummee ja’a muudaniiru. Jarman Chaansilara sadiin bulteetti.

Faallaa kanaan mootummoonni Afrikaa hedduun bakka walbuusaa deemuurra aangoo qabannaan hanga du’a ykn ficila ummataa ykn fonqolcha mootummaan aangoorraa haratamanitti irraa bu’uu hinbarbaadan. Kunimmoo akka qawween afaan hinqabanneef sababa guddaadha.

Akkuma waliigalaatti yeroo gabaabaa keessatti Afrikaa keessatti qawwee afaan cuqqaaluun rakkisaadha. Sababaiinsaas amala mootota Afrikaafi haala addunyaaraa kan madduudha.    

Amala mootota Afrikaa:  Akkuma armaan olitti eerame; mootummooti Afrikaa  hedduun warra aangoo jaalataniidha. Biyyoota akka Gaanaa, Naayjeeriyaa, Afrikaa Kibbaafi kkftti filannoo dimokraatawaan aangootti dhufuun jalqabamullee hedduunsaanii farra dimokraasiti.

Ni odeessu malee sirni dimokraasii akka diriiru hinfedhan. Waltajjiirratti haasa’u malee walqixummaa mirkaneessuuf mul’ata hinqaban. Ni abaaru malee mirgoota dhala namaa dhiituurraa duubatti hindeebi’an. Utaalanii dhimma biyya tokkoo keessa seenanii bukeessu.

Lammisaanitiif dantaa hinqaban. Biyya akka hogantoota Sudaan Kibbaa, Saalvaa Kiriifi Riik Maachar keessa jiranitti akkamitti qawween callisa? Hanga mirgi dhala namaa hinkabajamiinitti, dimokraasiin hingabbatiinitti, walqixxumman hinjiraatiinitti  waadaa galame as dhihootti hojiirra oolchuun waan danda’amu hinfakkatu.

Fedhii biyyoota badhaadhanii: Biyyoonni dinagdeedhaan guddatan  Afrikaarraa fedhii guddaa qabu, fedii dinagdeefi siyaasaa. Ragaan tokko akka ibsutti Afrikaan waggaatti meeshaa doolaara biliyoona 40 oli biyyoota gudatanirraa bitti. Meeshaan karaa seeraan alaa galus gatiinsaa guddaadha.

Biyyoonni meeshaalee waraanaa dhiheessan kanneen akka Ruusiyaa, Ameerikaa, Faransaayi, Jarman, Yukireen yoo afaan qawwee cufame eessatti meeshaa omishan gurguratu? Dhuguma gabaansaanii akka qorru barbaaduu? Kanaaf hanga Afriikaan Misooma babal’istee dinagdeen of geessutti warri human qaban akka qawween afaan qabatu hinfedhan. Kanaaf, kunillee manii  qawwee afaan cufsiisuurratti danqaa biraati. 

 Qabeenya Afrikaa: Afrikaan ardii qabeenya uumamaatiin badhaateedha. Albudoonni addunyaarratti hinargamne kan gatiinsaanii miyaawaa ta’e Afrikaa keessa jiru. Biyyoonni humna qaban karaa kamiinuu qabeenya kana saamuu fedhu. Karaan ittiin saaman keessaa tokko ummata biyyattii keessa jiru walitti buusuufi nageenya dhabsiisuuni.

Kun qabatamaan Rippablika Koongoofi Moozaambiik keessatti uumameera. Walwaraansa Koongoo lammiileen gara miliyoona 4.5 itti dhuman sababa qabeenyaa duuba ture. Libiyaan kan diigamte sababa abbaa irrummaa Gaadaafiin qofa osoo hintaane sababa bob’aa ishiitiin.

Kanaaf warri qabeenyaa Afrikaa saamuuf karoorfate sagaleen qawwee akka callisu hin fedhani. Ummata gareen qoodanii walwaraansisu, tokko qawwee deeggaranii tokko mormu. Kanaaf akkamitti qawween Afrikaatti callisa.      

Finxaalesummaa: Finxaalessuummaafi shororkeessummaan Afrikaa rakkisaatti babala’ataa jira.  Biyyoon kutaa  Saahil (Sahel region) kan baay’innisaanii  10 ta’aniifi naannawa Haroo Chaad jiran  balaa finxaalessummaafi shororkeessummaan rakkoo hamaa keessa jiru. 

Senegal, Chad, Najeeriyaa, Rippablikiin Afrikaa Jiddugaleessaa Ijiibti, rakkoo kanaaf kan saaxilamaniidha. Sumaalee, Moqaadishoon balaanshii gaanfa Afrikaa kan sodaachisuudha. Ardii akkanaatti yeroo gabaabaatti qawwee afaan cufuuf kan karoorfamu. 

Dheebottoota aangoo:  Akkuma mootummoonni abbaa irree jiran gareewwan aangoo humnaan fudhachuuf yaadan Afrikaa keessa hedduudha. Gama dorgommiin yoo dadhaban garee uummatanii qawwee qabatanii lolatti seenuun aadaa badaa ardii kana keessatti dagaageedha. 

Liibiyaa kan rakkisaa jiru qaama akkanaati. Naajeeriyaanillee Bokuhaaraam qabdi. Afrikaa jiddugaleessillee  kanumatu jeeqa.

Akkuma waliigalaatti ardiin Afrikaa humna hinqabdu. Kan hogganamtu mootummoota abbaa irreetiini.  Fedhiin biyyoonni guddatan irraa qaban daangaa hinqabu. Itti gurguru, irraa bitu, ni saamu. Bakka fedhii guddaan jiru kanatti qawwee afaan cuqqaaluun as dhihootti waan milkaa’u hinfakkaatu. Garuu ammumaa eegalanii irratti hojjechuun gaariidha.

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

9 Comments to “Afaan Qawwee Cuqqaaluu: Abjuu mootummoota Afrikaa”

  1. Pingback: Read More Here
  2. Pingback: crichd live
  3. Pingback: obeng bet
  4. Pingback: massage near me

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *