Torban kana ayyaana guddaa tokko kabajnee dabarsineerra; ayyaana cuuphaa. Ayyaani kun qeenxeedhaan kan hordoftoota amantii kiristaana Ortoodooksiti. Akka waloottimmoo kan sabaafi sablammii biyya keenyaati. Sababiinsaas akka lammii biyya tokkotti wanti waliin qoodannu danuu waan ta’eef. Yaadama kanaan, ayyaanni muusilimaas, kan waaqeffataas kan pirooteestaantiis kanuma keenya. Akkuma weellisaan “Nu waliin dhaadannaa wal-malee maal qabna” jedhe sana.
Kabaja ayyaana cuphaa baranaarratti rakkoowwan tokko tokko uumamaniiru. Bakka ayyaanni kun sirna hoo’aadhan itti kabajameefi ummanni hedduun, turiistota biyya alaa dabalatee, itti argametti sababa jigdoo umameen namoonni 10 ol du’aniiru. Kanneen dhibba tokko ta’an balaan akka irra gahe midiyaarraa dhageenyeera. Kana malees Godina Arsii aanaa Martii magaalaa Aboomsaatti walitti bu’iinsa namoota jidduutti uumameen lubbuun nama tokkoo akka darbe gabaafameera. Magaalaa Harar keessatti hookkorri cimaan ka’ee namoonni mada’aniiru, qabeenyaa irras miidhaan gaheera.
Haaluma walfakkaatun, Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dargaggoota jidduutti waliti bu’iinsi sodachisaan uumameera. Magaalawwan Oromiyaa tokko tokko keessatti sababa alabaatiin wal-gaarreffannaan hamaan jiraatullee gara hookkaraatti osoo hin ce’in dhaameera. Akka walii galaatti haala sodaatame wajjin yoo walbiratti ilaalamu ayyaanichi nagayaan kabajamee oole jechuun ni danda’ama. Waaqayyo galatni haa ga’uu ummannis ta’ee taabonni nagayaan galeera.
Yeroo hunda yoo ayyaanni guguddaan kabajaman ofeeggannoon ni barbaachisa. Fakkeenyaaf, balaa guddaa Gondoritti uumame of-eeggannoon osoo godhamee hambisuun ni danda’ama. Kan dhalli namaa amantaafi sanyiin wal-qoode waltummu kun garuu soadaachisaadha. Maalumaafuu kan du’an Waaqayyo guddaan lubbuusaanii jannataan haa ga’u; maatiisaaniif obsa haa kennu. Kanneen balaan irra gahe Waaqayyo dandamannaa haa kennuf jedheen gara dubbii ijoo kootti deebi’a.
Walitti bu’iinsi guyyaa ayyaana amantii ka’u kun maddisaa dhuguma amantiidha? Dhuguma hordoftoonni amantii fedhii kana qabuu? Maaliif namni wal-obsuu dadhabe? Duubasaa wanti biraa jiraa laata? Xiyyeeffannoo barreefama kanaati.
Ayyaanni cuuphaa ayyaanota hordoftoonni amantaa Ortodoksii kabaju keessaa isa guddaadha. Akkuma Ayyana Masqalaa ayyaana chuuphaa ummanni dirreetti bahee kabaja. Hordoftoota amantichaan ala ummanni hedduun ni hordofa; irrattis ni hirmaata. Turistoonni biyya alaas hedduminaan irratti argamu. Anillee ayyana kanaaf kabajaafi jaalala guddaan qaba. Urufa Boombiitti argamee yeroo hedduu sirna kabajaa ayyaana kanaarratti hirmaadheera. ‘Ximqata’ sirba, jalalaafi taphaan kabajaa waanan guddadheef akka ayyaana kootittan fudhaa ture. Amma garuu mallattoon jiru kan namatti toluu miti. Qaamni “Kan keetii miti. Si hin ilaallatu” jedhe ummata ofirraa dhiibu biqilaa jira. Kunimoo kallattiinis ta’e al-kallattiinis gochaawwaniifi lallaba adda addaatiin mul’achaa jira.
Haalli ayyaanni cuphaa barana itti kabajame kan dur beeknuun adda. Qamoliin amantaa daheefatanii waan biraa oofan mallattoo faallaa amantichaa agarsiisaa turan. Dhaamsa gaarii hin taane ummatatti dhaamaa turan. Kun kan calaqisaa ture uffannaa ufatanii bahaniin; dhaadannoowwan dhageesisaniin; baanarii daandiirratti fannisaaniifi barreeffama xixiqaa barreessaniin; sirba kaayyoo amantiin ala ta’eeni; alabaa laboobsaniin; gochaawwan raawwataniini.
Akkuma beekamu qaamoleen amantii daheeffatanii siyaasa oofan biyya kana keessa ni jiru. Kanaan dura mata duree “Finxaaleyyii Bataskaana Daheeffatan” jedhuun gaazexuma kanarratti dhimma kanarratti yaada koo balbaloomseen ture. Ammas ayyaana chuuphaatti qabatamee finxaleeyyiin amantiifi siyaasa wal-fuusisan turaniiru.
Fakkeenyaaf, waanan Finfinneetti taajjabe haa kaasu. Sochiiwwan tokko tokko torban dura eegale. Qaamni ‘Baaladaraa’ magaala Finfineeti ofiin jedhu sababa mallattoo deegarsaa guurutiin magaalattii siyaasaan bukeessaa ture. Sababa bataskaanaafi taabota faayessuu jedhuun dargaggoonni ganda gandatti walitti qabamanii marii kan jalqaban torban dura. Kanaaf dura kan kaayyeffatan qarshii walitti qabuudha. Sababa kanaan daandiin Finfinnee kadhataa dargaggeessa fayya–buleessaan guutamtee turte. Konkolaataa dhaabanii qarshii fidaa jedhamaa ture; namni. Balbala namaas rukutanii qarshii akka kennaniif gaafachaa turan. Kan nama ajaaibsiisu suuqii musilimotaa seenanii maallaqa irraa fuudhaa turan. Anaaf kan jaallatee kenne rakkoo hinqabu. Garuu kan balaa borumtaasaa dhaqqabu sodaatee qarshii kenne mirgisaa akka dhiibbameetti natti dhagahama. Maalumaafuu gochaa kana qaamni seeraa callisee ilaalaa ture.
Taajjabbiin koo inni biraa kan alaabaa wajjin walqabatuudha. Daandiifi addabaabaayiin ummataa alaabaa seeran alaatiin kan weeraraman jala bultii ayyaanaa dura. Maallaqa namarraa guurameen Finfinneen akkuma jirtutti shaamaa halluu magariisa, keelloofi diimaa uffatteetti. Kana malees fakkiin bataskaanaa daandirra asiifi achi dhaabbate magaalattii miidhagsuurra bifa biraa kenneefi.
Dhugaa haasofna yoo ta’e daandiiniifi addabaabaayiin kan ummataati; ummata amantii garaa garaa hordofu; amantii Ortodoksii, Pirotestaantii, Islaamaa, Waaqeffataafi kan kana fakkaatan. Hordoftoonni amantii tokko gadi bahanii waan fedhe yoo irratti hojjatu ta’e gochich mirga ummata biraa dhiibuudha. Kana malees hordoftoonni amantii biraa osoo gochaa akkana raawwatanii qaamni kun obsa qaba? Fakkeenyaaf, Markaatoo addabaabaayii Taklahayimaanotitti muusliimni gaafa ramadaanaa osoo masjiidaan alatti baanaariin hojjatanii warri Ortodoksii kun obsaan, wal-dandeettiin bira taruu? Kana kan ilaalamuu qabu. Mootummaanis rakkoo bor uumamu hubannoo keessa galchuun gochaa kanaaf fuula kennuu hin qabu. Asirratti, warri amantichaa mooraa bataskaanaa keessatti osoo raawwatanii anaaf rakkoo miti.
Alaabaa wajjin walqabatee gaaffiin koo kan biraa alaabaafi bataskaana orotodoksii qophaatti maaltu walitti hidhe kan jedhuudha. Tarii ani beekuu badhullee, hayyoota amantaarraa kanan dhagahu asxaan Ortodoksii Fannoo kan jedhuudha; Fannoo Gooftaa Yesuus irratti fannifame. Alaabaan garuu amantaa tokko osoo hin taane biyya bakka bu’a. Garuu kan Ortodoksii kuni maal of duubaa qaba jedhanii gaafachuun gaariidha. Maaliif yoo jedhame bataskaanni Kaatoliikii gaafa ayyaana cuuphaa kabaju mooraa bataskaanasaanii kan faayyessaniin waan biraatiini. Hordoftoonni amantaa pirotestaantii haalluu alaabaa biyyattii qabatanii yoo waaqeffatan argee hin beeku.
Tarii dhugaan jiru amantaan Ortodoksii bara 360tti kan simate Mootii habashaati. Moototni habashaa ammoo hanga yeroo dhihootti warra Sanyii Salamoon (Solomon dynasty) jedhamniidha. Garuu, seenaa keessatti sanyiin Zaaguwee ykn warri Agawuu jidduu al tokko jidduu galaniiru. Alaabaan halluu magariisaa, keelloofi diimaa kunimmoo jaarraa 19fa keessa bara Minilikiin tolchame. Mnilik sabaafi sablammiileen biyya kanaa hedduun hin fedhan; alaabaasaa wajjiniinuu.
Sabaafi sablammiileen biyya kanaa alaabaa Minilikiif jaalala akka hin qabne beekamaadha. Fakeenyaaf ummaata Oromoo kaasuun ni danda’ama. Yaadamni ummanni kun alaabaa Minilikiif qabu adda. Yaadama “alaabaa kana jalatti gidiraafi gochaa sukaneessaa lakkaawamee hin dhumne nurratti raawwate” kan jedhuudha. Kuni dhgaadha. Kaanaaf, alaabaa haalluu kana qabu kan mallattoon sabaafi sablammii irra jiru akka biyyaatti fudhatullee lummuxii kana ijaan arguu hin barbaadu.
Alaabaa lummuxii kana duubammoo qamoleen siyaasaa sirna cunqursaa durii sana leellisantu jira. Fakeenyaaf, dhaabbileen siyaasaa ummata amaraa maqaa dhahatan, dhaabbilee sirna mootummaa walta’aa (unitary government system) lallaban alaabaa kana duuba jiru. Dhaabbanni ‘Baaldaraa’ jedhee of mogaasee Finfinnee seeran ala jeeqaa jiru alaabaa lummuxii kana duuba jira. Ayyaana chuuphaarrattis warri alabaa kana qabatee bahe dahoo amantiitiin warra kana.
Magaalota Oromiyaa, Harariifi Dirree Daawattis maqaa amantiitiin asxaa dhaabbilee siyaasaa qabatanii bahanii ummataafi ummata, amantiifi amantii warri walitti buusan jara kana. Kanaafis ragaa kan ta’u naannoo Tigraayitti jarri siyaasa kana oofan kun waan hin jirreef walitti bu’iinsi tokko hin uumamne. Naannoon Amaaraa mandheesaanii waan ta’eef, balaa jigdoo uumameen adda wanti sokokse hin jiru. Jarreen kun xiyyeeffannaansaanii Naannoo Oromiyaafi ummata Oromoo nagaa dhorkuu waan ta’ef ayyaana kana sababeeffatanii yaalii okkora uumuu guddaa kan taasisan. Garuu akka isaan yaadanitti hin milkoone, taatewwan xixiqqaan uumamanillee.
Akka ilaalcha kiyyaatti, kan nama hedduus akka ta’u abdiin qaba, silaa barana ayyaana chuuphaa kanarratti rakkoon tokko uumamuu hin qabu ture. Addunyaan sirna kabaja ayyaana cuuphaa akka hambaa aadaa kanaaf beekamtii kenneefii ‘UNESCO’tti galmeesseera. Ayyaana Masqalaa, Fiichee Cambalaalaafi Sirna Gadaatti aansee akka hambaa aadaa harkaan hin qabmentti (intangible cultural heritage) fudhatamuunsaa silaa nuuf gammachuu ture. Ayyaanichi walitti bu’iinsaan, walgaarreffannaafi walshakkiin osoo hin ta’in nagaadhaan, jaalalaafi walkabajaan darbuu qaba ture.
Finxaaleyyiiwwan amantaa kana daheefftanii biyya diiguuf deeman garuu akkuma baratan okkara kaasuufi okkarichammoo akka sabniifi sablammiin akkasummas hordoftoonni amantaa biroo gaggeessetti addunyaatti himuuf yaalaniiru. Garuu, ummanni keenya shira finxaaleyyii bataskaana daheefatanii waan beekuuf akka salphaatti kiyyoo okaraa isaan qopheessanitti hin galleefi. ‘UNESCO’tti galmaa’uusaas gammachuudhaan fudhatanii, ayyanichis karaa nagayaa akka kabajamu gumaacha irraa eegamu bahuunsaanii abdii egeree biyya kanaa ta’uusaanillee agarsiisa. Mootummaan naannoo Oromiyaallee kiyyoo jarri kun kiyyeessan dursee hubatee tarkaanfii fudhateen ayyanichi akka nagahaan kabajamu taasiseera. Hojiisaallee ta’u, gochaa kana fashaleessuusaatiif galata aragachuu qaba.
Ummanni biyya Xoobbiyaa, kiristaannis ta’ee muusilimni, waaqeffataas ta’ee pirotestaantiin, wanti jala muree beekuu qabu tokko ni jira. Innis, sirna bulchiinsa ammayyaa’aa keessatti amantiiniifi mootummaan garaagara ta’uusaati. Lameenuu caasaa addaa qabu. Mootummaan dhimma amantii keessa hin galu, amantiinis dhimma siyaasaa ykn mootummaa keessaa harka hin galfatu. Biyya keenya keessaatti rakkoon lameenuu ni mul’atu. Motummaan beekes ta’ee osoo hinbeekin amantiitti harka naqa. Jaarmiyaaleen siyaasaas keessattuu warri finxaaleyyii bataskaana daheefatan, caasansaanii mana amantii keessatti diriirsu. Amantii hedduu ta’uu baatullee bataskaanni Ortodoksii itti baree caasaa mootumma keessaa guutummaatti harka luqifachuu hin dandeenye. Kunimmoo sirna bulchiinsaa ammayyaa’aa keessatti bakka hinqabu. Kanaaf ummanni motummaaniifi dhaabbileen amantii akka wal-hinmarqine dhiibbaa gochuu qaba.
Akka waliigalatti mallattoowwan barana mul’atan kan nama sodaachisan turanillee, akka nama tokkooti yoon xiinxalu ayyaani cuphaa nagaadhan darbeera. Manni amantii mana siyaasaa osoo hintaane bakka afuura waaqayyoo itti dhagahamu, bakka nageenyi itti faarfamu, bakka dhugaan itti lallabamu, bakka gochi gaariin itti dalagamuudha. Kanaaf; warri amantii keessa harka galfatan dafanii keessaa baafachuu qabuun dhaamsa kooti.
Torban nagayaa isiniif haa ta’u!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012
7 Comments to “Amantii, Alaabaa, Siyaasaafi Ayyaana Cuuphaa Baranaa”