Kutaa2fa
Ashamaa harka fuune warra Bariisaa. Jirtuu? Nageenyi Badhaadhaa?
“Nooruu, Hinteenya” jedhu warri soddaa yemmuu nagaa nama gaafatan, Warri Jimmaa. Anis cinaadhaan sanyii mootii ta’uu koo achumaanis naaf beekaa. Qe’ee Abbaa Jifaaritti soddoomuu jechuun dhugaa dubbachuudhaaf carroomuudha.
Egaa torban darbe sababoota adda addaatiin kutaa lammaffaan kun otoo dubbistoota bira hingahiin hafeera. Kanaanis na oofkalchaa jechaa maxxansa Gaazexaa Bariisaa Mudde 18 bara 2012 irratti waa’ee Oromoo Jimmaa irratti barreeffama kutaa tokkoffaa koo isinii dhiheessuu koo ni yaadattu. Kutaa lammaffaasaa Akkuman waadaa isiniif seeneen kunooti itti dhihaadhaa. Kutaan inni dhumaafi kan sadaffaa ammoo torbeedhaan nu haa gahu. Dubbisa gaarii!
Hardharra teenyee gaafa ilaalluu barri mootummaa Abbaa Jifaar kun mootummaa bara gaarii kan Jimmi mootummaa walabaa fi badhaadhaa itti turte ta’uu hubanna. Akkasumas Jimmi giddugala daldalaa ijoo biyyattii kan taateefi sochii diinagdee waliigalaa biyya keessaafi sarara daldalaa karaa fagoo kan “Long Distance Trade” jedhamee beekamuun walqunnamsiistu akka taate seenaan ragaa baha. Daldalli kutaalee Kaaba biyyattii waliin taasifamus Jimmaan keessa darbeetu gama kutaalee Kibba biyyattii kanneen akka Kafaa, Maajii, Gimiraa, Kuulloofi Iluu Abbaa Booraatittis dabra.
Bunni, Xirinyiin, Ilkaan Arbaa, Warqeefi Gabri akka meeshaalee ijootti naannolee kanneen irraa sassaabaman gara giddugala gabaa guddoo Jimmaa kan taate Hirmaataatti fidamu. Haaluma walfakkaatuun achirraayis daldaltoonni shaqaxaalee kanneen bituudhaan gara kutaalee biyyattii garaagaraattifi akkasumas alergiidhaaf geejjibsiisu.
Meeshaaleen biyya alaarraa galfaman kanneen akka daawwitii, meeshaa waraanaa, faayaalee garaagaraafi kanneen biroos gara Jimmaatti galfamu. Kanarraa kan ka’e jimmi biyyoota akka Arabaa, Hindii, suudaan, Masriifi biyyoota Awurooppaa muraasa waliin hariiroo diplomasii cimaa waan uumteef godaantota biyyoota kanneenii fi dhiibbaa aadaa hedduu irraa dhaaltee jirti.
Jimmi mootummaa of dandeesse taatee kan isheen turte hamma bara 1932ti. Akkuma mootiin Abbaa Jifaar lammaffaan du’aan boqotaniin Ilmi ilmasaanii Abbaa Joobir jedhaman Gonfa dhaalanii turan. Booddee Atsee Hayilasillaaseen akkuma aangootti dhufaniin mootummaa Jimmaa kan Abbaa Joobiriin hoogganamu kana mootummaa giddugaleessaa faana waltumsuu didde himannaa jedhuun Abbaa Joobir aangorraa fonqolchuun kallattiidhaan itti waamamnisii isaaniif akka taatu labsame. Haala saniin mootummaan guddaan Oromoo isa dhumaa kan ta’e jimmi diigamee Kutaa biyyaa Kafaa jedhamu jalatti “Awuraajjaa” ykn koonyaa taatee akka bultu taasifame. Ishiidhuma wajjiin mootummoonni Gibee naannawa sana turanis achi jalatti hammatamuudhaan bulchaa kallaattidhaan Finfinneerraa muudamuun akka bultu godhamee kolonii nafxanyaa jalatti deebitee kufte.
Eenyummaa Sabummaa
Eenyummaan sabummaa Oromoota Jimmaa akkasumas naannawa sanaa akkaataan itti bocamee fi eenyummaa Oromoota kallattiiwwan biroo jiran faana tokkummaafi addaaddummaa inni qabu ilaalchisee Hayyoonni qorannaa hedduu taasisaniiru. Gama biraatiin seenaan dabaa gita bittootaan jaarraa hedduuf oofamaa ture garaagarummaa kana daran bal’isuudhaan ilmaan Maccaa kanneen orma godhanii dhiheessuudhaan tokkummaa saba keenyaafi eenyummaa sabboonummaa warra Jimmaa kanas awwaaluuf shira guddaa xaxaa turaniiru.
Abbaan Jifaar garuu mootii abshaala turan. Shira diinni sabboonummaa Oromoo Jimmaa kana awwaaluudhaaf xaxaa turan tooftaa qaroomina guddaa qabuun injifatanii bira dabran. Otoo akkas ta’uu baatee hardha lafaafi namas achii qabna jedhee Oromoon hin yaadu ture. Tooftaalee isaan itti fayyadaman keessaa isaan guguddoo hardhas mootiin Jimmaa argame qabatamaan hojiirra oolchaa jira. Abbaa Jifaar sadaffaan. Abbichuu jechuu kooti.
Duraan dursee Abbaan Jifaar sirna Gadaa dimokraatawaa Oromoonni shanan Gibee ittiin bulaa turan diiguudhaan mootummaa giddugaleessaa Jimmaa cimaa ijaaruu danda’aniiru. Isa kana Oromoon baay’een ija farrummaatiin ilaaluun hinhafne. Inni tokko tokko sadarkaa nafxanyummaatti kan isaan farrajus hindhabamu. Haata’uutii ummata saanii dhumatii jalaa baraaruuf aangoo ofii aarsaa godhanii mootummaa abbaa irree Atsee minilikiin hoogganamuuf harka laachuuf dirqamaniiru. Yeroo sanatti humna walgitu waan hinqabneef harka kennachuun ala carraa biraa hin qabanu ture. Gama biraatiin dippilomaasii gaa’elaa kan isaan hojiirra oolchan yoo fudhannee ilaalle maddisaa dannoomummaa dha. Sabboonummaa dimokraatawaa jechuu dha. Sabaafi sablammoota ollaa saanii jiranu faana nagayaan buluus kan danda’amu yoo jaalalaafi darbees gaa’elaan walitti ida’aman qofa akka ta’e bareechanii hubataniiru. Hardha warra nuti yoo xiqqaate ani hojjettuu manaatiif hinbarbaanne isaan yeroo sanatti haadha warraasaanii godhatanii jaalalaan waliin jiraachaa turaniiru. Gennoota saddeet haala kanaan fuudhaniiru. Gennee Yemittii, Gennee Limmittii, Gennee Daawurittii, Gennee Kafittii…isaan muraasa. Haala kanaan soddootaan of marsanii nageenya biyyasaanii wabii itti horan.
Tooftaalee lamman kana malees amantaa akka meeshaa ida’amuu tokkotti gargaaramanii jabina mootummaa saanii dhugoomsaniiru mootiin Abbaa Jifaar. Akkuma beekamu Oromoon Jimmaa amantaa Islaamaa hordofa. Kaayyoo Abbaan Jifaar qabataniin amantaan Islaamaa eenyummaa sabboonummaa hardha Oromoon Jimmaafi kutaalee Oromiyaa biroo keessa jiran horataniif bu’uura guddaa gateera. Jimmaan giddugala daldalaafi siyaasaa qofa osoo hintaane wiirtuu barnoota amantaa Islaamaa Gaanfa Afrikaa gochuudhaaf hojiilee gurguddaa hardha addunyaan fakkeenyummaa ol’aanaadhaan kaasu hojjetaniiru. Eenyummaan sabboonummaa sabaafi sabboonummaa amantaa kan waldhiitu osoo hin taane inumaa daran wal utubee tokkummaa sabaa, darbees kan biyyaafi akka namaatti walqixxummaan akka dhugoomu gochuuf meeshaa ijoo ta’uusaa isaan caalaa fakkeenya argachuun rakkisaa dha.
Hariiroon diplomaasii biyyoota ollaafi ardiiwwan biroo faana qaban dagaagaa akka ta’u Islaamummaan dhuka tarsiimoo saanii ta’ee tajaajilee jira. Irra jireessaan walittidhufeenya daldalaa, siyaasaa, aadaafi amantaa biyyoota Arabaa faana qabaniif Ka’umsi amantaa dha. Bara sanatti Oromoon Embaasii biyya Saa’udii Arabiyaatti akka qabaatu kan godhan mootii abbaa Jifaar lammaffaa dha. Magaalaa Qulqulluu Makkaatti muslimoonni addunyaa waggaatti al tokko bara jireenyasaanii haajjiidhaaf garas imalu. Yemmuu achi gahan lafa bultiifi tajaajila garaagaraatiif akka hin rakkanne yaaduudhaan mootummaa Saa’udii irraa cina mana amanticha kan kaa’baa jedhamutti lafa bitanii lammiin kiyya kootii sabaan otoo gargar hin bahin iddoo itti boqatu naaf ijaaraa jedhanii yeroo jalqabaatiif mootummaa biyya kamiiyyuu dura Embaasii ijaaraniiru. Kun walittidhufeenya diplomasii hardha biyyi keenya Saa’udiifi biyyoota arabaas ta’e kan Arabootaa faana qabduuf dhugaa dhakaa bu’uuraa kaa’ee dha. Kana malees lafti hardha Yunivarsiitiin Guddaan wiirtuu barnoota amantaa Islaamaa ta’e Yunivarsitiin Al’Azhar kan biyya Masriitti argamu lafa Abbaan Jifaar horii isaanii baasanii bitaniin akka ta’e gaafa hubattu hammam nama qaroominaafi badhaadhinaaf of kennan akka ta’e sirriitti hubatta.
Duula lafa babal’ifannaa sirna gabroonfataa minilikiin isaanirra gaheenis “Ummataafi amantaa kootti hin bu’in, an siifan gabbara” jedhanii kabaja amantaa isaaniitiif of xiqqeessanii eenyummaa dachaa sabboonummaa sabaafi sabboonummaa amantaa hardha ittiin boonnuuf hamilee nu dhaalchisaniiru. Hardha abbumti arge dhugaa kana haalee isaan warra nafxanyaa faana hiriirsuuf yaaduun seenaa dhugaa beekuu dhabuurraa kan madduu dha. Aadaan wal danda’uufi jaalalaan wajji jiraachuu iddoo biraatti dhabame kan inni lalisee itti mul’atu Jimma lafa mootii Abbaa Jifaaritti. Ummanni Jimmaas aadaa kana isaanumarraa dhaalan.
Egaa seenaa Jimmaafi kan mootii Abbaa Jifaar kaaseef waa malee miti. Isaan jechuun fakkii ida’amuuti. Abbaa Jifaar jechuun kallacha badhaadhinaati. Adeemsa ministira muummee keenya ammaa, Kaabajamoo Looreetii Addunyaa Doktar Abiyyi Ahmad Alii yemmuun taa’ee ilaalu guutumaatti dhaala abbaa Jifaar ta’uusaanii shakkii tokkollee hinqabu gama kootiin. Wanti walfakkaataa qofa osoo hintaane akka lakkuutti gargar baasuunuu na dhiba. Takka takka cal’iseen yemmuu xiinxalu Abbaan Jifaar hinduune ammayyuu nu keessa jiru, nu bulchaa jiru jedheen hirriba yaadaa keessaan of dammaqsa. Abbaa Jifaar sadaffaa jedhee kanan mataduree koo irratti ibsuuf yaales isa kana. Kutaa dhumaafi kan sadaffaa waa’ee mootii Abbaa Jifaar sadaffaa jedhee moggaase torban qabadheen dhihaadha. Waa’ee Doktar Abbichuu!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Yaada keessan naaf barreessuu hinirraanfatinaa adaraa.
Qeeqas ta’e yaada gabbinaa qabdaniif karaa teessoo koo armaan gadiitiin yoo na qaqqabsiiftan galanni keessan dhuma hinqabu. Ulfaadhaa!
Email:hamileekoo@gmail.com
Bilbila:,+251 964 11 31 11
What’sup, Telegramiifi IMOs lakkoofsuma kanaan na argattu.
Hamiltan Abdulaziz
Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012
7 Comments to “Abbaa Jifaar Sadaffaa”