Abbaa Jifaar Sadaffaa

Ashamaa harka fuune warra Bariisaa. Nageenyi Badhaadhaa?

Har’a seenaa tokkon isinii qooda. Seenaa Oromoo Kibba Lixaa, seenaa Oromoo Jimmaa. Isa keessaa ammoo waa’ee mootii Abbaa Jifaar. Abbaan Jifaar Seenaan lamuma qofa ibsa: Tokkoffaafi Lammaffaa. Isa Sadaffaa anumatu muude, anatu moggaase. Seenaan ammoo hin lammata. Dhugaadha. Qabatamaatti argaa jirra.

Walitti hidhata seenaan kaleessaa argannoo qabatamaa har’a faana qabu adda baasanii beekuufi dhaloota qaabsisuun waan ijoodha. Seenaa kanas kitaabota Hayyoonni seenaa barreessaniifi xiinxala dhuunfaarraa ka’uun kutaa tokkoffaasaa akka armaan gadiitti isinii dhiheesseeraa itti dhihaadhaa!

Kaayyoo ijoon seenaa kana akkan isinii qooduuf kan na kakaase inni duraa seenaa walii beekuudhaan tokkummaa daangaa hamma daangaatti ititu uummachuudha. Kan lammataafi inni murteessaan dubbistooti Bariisaa akka xiinxalan barbaade mootummaan Jimmaa mootummaa Oromoo walitti makamiinsa har’a faana rakkaachaa jirru kana qabatamaadhaan hojiitti hiikee nutti agarsiiseedha. Asirratti muuxannoo fudhachuu qabna. Kanneen biroos jiru. Ammaaf kanuman jedha. Dubbisa gaarii!!!

SEENSA

“…eenyummaan ykn sabummaan adeemsa keessa bocamaa heeraan tolfamaa adeema.”

Elaine Moriarty, 2005

Waggoota afurtamman shantamman dabran keessa fedhiin yaad-hima (‘narrative’) seenaa gama saayinsii hawaasaafi ilma namaatiin jiru daran dabalaa dhufeera. Walfalmii dameewwan hogbarruu, Qorseenaafi falaasamaa gidduutti gaggeeffamurraa eegalee akkaataan dhiheessi seeneffamaa itti kurfaa’u saffisaan gara dameewwan barnootaa kanneen akka xinsammuu, ‘anthropology’, qorannaa xinhawaasaa, barnootaa, seera, fayyaa, xinqooqa, barnoota miidiyaa, yaadama siyaasaafi xiinxala imaammataatti saffisaan cehee jira.

Egaa akkaataa yaad-himni seenaa itti dhihaaturratti yeroo hunda yaadonni fiixee lamarraa furguggiifaman akka jiran ni beekama. Akka carraa ta’ee seenaawwan hedduun biyya keenyaa dhugaarratti hundaa’anii otoo hintaane yaad-hima sobaa garee aangoo siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantii fi olaantummaa gama hundaa of harkaa qabuun barreeffamu. Kun ammoo dhugaa lafarra jiru ukkaamsee walshakkii saboota gidduutti uumuudhaan biyya keenya gaaga’ama bal’aaf saaxilaa tureera, jiras.

Akkuma beekkamu seenaan tokko kan inni haqarratti hundaa’uudhaan barraa’ee dhalootaaf kaa’amu yoo sabni, ummanni ykn biyyi abbaa dhimmichaa ta’e sun afaan barreeffamaa dagaage qabaateedha.

Afaan Oromoo afaan bal’aa afoola gabbataa qabu ta’s karaa idilaawaa ta’een sirna barreeffama guutuu horatee kan inni hojiirra oole waggoota 20 hincaalu. Muuxannoo seeneffama guutuu yaad-hima Itoophiyaa yoo ilaalle dabaan kan guutameefi fedhii qaama cunqursaa qofa karaa calaqqisuun kan tolfameedha.

Shira hacuuccaan sirni nafxanyaa qawweedhaan ummata keenyarraan gahaa ture seenaa godaannisa bara baraa nurratti gatee darbeera. Seenaan sobaa ormi nuuf maxxanseefi sanarratti hundaa’ee kan addunyaan ittiin nu beekuun gamatti seenaan dhugaa xinsammuu keenya keessa jiru ifatti ol bahee dogoggora bu’uuraa kana sirreessuu baannaan akka sabaatti hawaasa bade taanee hafuun keenya mamii tokkollee hin qabaatu.

Yaad-himoonni namtolchee iddoowwan hunda guutanii seenaa dhugaa of fakkeessuuf wabii asii achii waammatanillee akkaataan ummati abbaa seenaa sanaa ta’e ittiin dhugeeffatee qaama seenaasaa godhatu eenyummaa keenya irra deebinee akka sakattaanu nu taasisa. Oromoon seenaa hojjechuudhaan beekama malee seenaasaa himachuudhaanis ta’e barreeffatee ol kaa’achuus ittiin of dhaadhessuus hinbeeku.

Kun uumamumasaati. Seenessitoonni kunneen haqummaan seenaa namoota ykn kitaabota warreen “hayyuu” saayinsii hawaasaa ofiin jedhan wabii waammachuurratti akka hundaa’u amanuunsaanii; akkasuma ammoo biyyasaa amansiisuuf yaaluunsaanii oftuulummaafi cunqursaa marsaa biraa ta’uu hayyuun qe’ee keenyaa sirriitti beekeerratti hojjechuun dirqama ta’a. Sababiin kana kaaseef jarri kun fedhii waloo abbaan seenichaa qabu, hiikaafi akkaataa seenaan dhugaa inni qabu kun itti dhihaaturratti qabu tuffatu; akkamitti akka Oromoon walhubatu.

Oromoon kibba lixaa kutaalee guguddaa afuritti qoodamee naannawa har’a godinoota Jimma, Wallagga bahaafi Shawaa Lixa keessa bal’inaan jiraatu. Tokko tokkoon miseensota gurmii kanaas hortee tokkorraa akka maddaniifi naannawa amma jiraatu kanatti dhaloota hedduun duraa kaasee akka qubatan amanama.

Kanaafuu seenaa walfakkaataa waloo yaad-himaafi gurmaa’ina tokkorratti bu’uureffamee darbaa dabarsaadhaan har’a gahe akka qabaniifi burqaa hortee tokkorraa madduusaanii akkasumas daangaa qubsumaa tokkorra akka jiraachaa turan seeneffama.

Gosootni Oromoo hedduun adeemsa lafa babal’ifannaafi godaansaa mata mataasaanii akka qaban seenaan yaad-himaafi afoolawwan garaagaraatiin bocamee dhalootaa dhalootatti darbu ni addeessa. Isaan keessa Oromoon Maccaa isa tokko.

Akka qorattoonni seenaa adda baasanitti Oromoonni ilmaan Maccaa ta’an kunneen dhuma jaarraa 16fatti naannawa Odaa Bisil jedhamu kan Godina Shawaa Lixaa har’aa keessatti argamurraa laga Gibee ce’anii gara kibba lixaatti godaananiiru. Yeroo kana ilmaan Maccaa kanneen dursanii sabaafi sablammoonni kanneen akka Kafaafi Innaariyaa akka jiraachaa turan qorannaan ni mul’isa.

Jalqabarratti horteen Maccaa gosootaafi balbala hedduu of keessatti kan hammateedha. Adeemsa lafa babal’ifannaafi godaansaa gara kibba lixaatti taasifame kanaan caaseffamni ganamaa horteefi dhaalaa dhaaltoorratti hundaa’e turtii keessa bifasaa jijjiirrachaa, bal’inaanis hammachaa michooma har’a ittiin beekamu tokko jedhee eegale.

Booddee dhuma jaarraa 19fa duula babal’ifannaa fi gita bittaa mootii Minilik lammaffaan gaggeeffameen Oromoon kibba lixaa kun kolonii mootummaa giddugaleessaa Itoophiyaa jalatti akka kufu taasifamuusaatiin, itti aansees duula walitti baqsuu aadaalee biyyoolessaa (‘National Assimilation Process’) waggoota saddeetiif gaggeeffamaa tureen walqabatee gurmaa’insi gosaa hiika siyaasaa horachaa dhufe. Haaluma kanaan maqoonni gosaafi balbalaa ykn aanaatis mallattoo kutaalee ykn godinoonni Naannawa kana keessatti argaman ittiin waaman ta’aa dhufe.

Seenaa dhugaa kan abbaan ofiif dhugeeffateedha akka xinsammuu saba keenyaatti. Warri seenaa kalaqaa kana omishee gabaadhaaf dhiheessu caalaatti aadaafi dhugeeffannoo doomsuufi dabsuurratti xiyyeeffatu. Seenaa mataduree koo kan har’a kanaan isiniif qooduuf abbale kana namooti armaan olitti tuqe kunneen warra ukkaamsan keessaa tokko waan ta’eefi.

Walakkeessa lammaffaa jaarraa 20fatti Oromoo kibba lixaa ilaalchisee qorannaawwan hedduun haa godhaman malee seenaa dhugaa lafarra jiru ifoomsuu garuu tasumayyuu hindandeenye. Iddoosaa kan haguuge seenaa dharaafi afanfaajjiidha.

Oromoo hortee Maccaa kanneen naannawa laga Gibeetti hundaa’an keessaa mootummoonni shanan Gibee hangafa. Mootummoonni kunneen kufaatii mootumma Oromoo Walloo booda mootummaa Oromoo isaan jajjabaafi kanneen sirna Gadaa cimaadhaan bulaniidha. Isaanis mootummaa Jimmaa, Gommaa, Geeraa, Guumaafi Limmuu jedhamuun beekamu.

Oromoo Jimmaa

Akkuma matadureerratti tuqame jimmi gosoota afran hortee Maccaa naannawa sana jiraatan keessaa isa tokko. Maqaan Jimma jedhu lafaafi ummata irra jiraatu ibsa. Lafti kun lageen guguddoo lixa biyyattiitti argaman lama gidduu kan jiru yoo ta’u, laga Gibeerraa gara dhihaafi baha laga Gojab gidduudha. Lafa amma bulchiinsa godina Jimmaa jennuun jechuudha.

Akkaataa yaad-himni seenaa naannawichaa afoolaan galmaa’e bal’inaan himamutti maqaan Jimma jedhu maqdhaala nama bara durii nama yeroo jalqabaatiif achi qubateefi jiraatu kan Jimmaa Sirbaa jedhamurraa akka fudhatame seenhimi kun addeessa.

Haata’uutii maqaan Jimma jedhu bara alanaa maqaa waloo gosoonni Oromoo Gibee hunduu ittiin waamaman yoo ta’eyyuu hundeensaas gosoota shanan hortee nama Jimmaa Sirbaa jedhamu kan jaarraa 19fa keessa jalqaba achi qubate kanarraa argaman ittiin moggaafamaniidha. Jimmaa Abbaa Jifaar jaarraa 19fa. Gosoonni shanan kunneen Qoree, Harsuu, Laaloo, Biloofi Baadii jedhamu.

Gosoonni shanan kunneen jalqaba jaarraa 19fa irratti walcimsuudhaan mootummaa “Jimmaa Kakaa” jedhamu kan maqaa hoogganaasaanii Jimmaa Abbaa Jifaar jedhamee waamamuun mogga’e hundeeffatan.

Kana malees gosoonni afran biroo Hagaloo, Sadacha, Hariiroofi Baatuu jedhaman kan gara boodaa dhufanii naannawa ollaa mootummaa Jimmaa Kakaa qubatan ammoo mootummoota xixinnoo Geeraa, Gommaa, Guumaafi Limmuu hundeeffatan. Akka kannan Jimma dabalatee jarri kun walitti dhufuudhaan mootummaan shanan Gibee kan jaarraa 19fa hundeessan.

Jimmaa Abbaa Jifaar

Akka seenaan himutti Jimmi Abbaa Jifaar mootummoota shanan Gibee keessaa dhuma jaarraa 18fafi jalqaba jaarraa 19fa keessa hundaa’an keessaa isa cimaadha. Jimmi bara mootii Abbaa Jifaar Abbaa Magaal (1830-1855 bulchan) kan Abbaa Jifaar tokkoffaa jedhamanii beekamanitti mootummaa cimaa taate. Abbaan Jifaar gootummaafi beekumsa waraanaatiin beekamu.

Jimmiifi Oromoo shanan Gibee dameewwan guguddaa sadi keessatti walumaagalatti jijjiirama ajaa’ibsiisaa keessa dabruudhaan eenyummaa hardhaatiif bu’uura kaa’aniiru. Kunis hawaasi duraan tikfatee bulu gara qonnaafi qonna gartokkeetti ce’e. Sirna Gadaa duraan ittiin bulan dhiisanii sirna bulchiinsa siyaasaa mootii hundeeffatan, akkasumas amantii Islaamummaa fudhatan.

Ce’umsi horsiisee bultummaa irraa gara dinagdee qonnaa omisha gabaa bunarratti hundaa’etti taasifame sababa ijoo geeddarumsa hawaasa shanan Gibee biratti jalqaba jaarraa 19farratti mul’ateedha.

Yaadannoon mootii Jimmaa kan dhumaa ta’an Abbaa Jifaar lammaffaa ( bara 1878 hanga 1932) hawaasa Jimmaa LAM hardhaa bira jiru ammayyuu kichuudha. Jimmi bara mootii Abbaa Jifaar lammaffaa mootummaa cimaafi badhaadha ture. Kanuma waliinuu Abbaan Jifaar mootummaasaanii kana “Giddugala Qo’annoo amantaa Islaamaa” gochuu carraaqqii bal’aa taasisaa akka turan himama.

Naannoon kibba lixaa Oromoon Maccaa irra qubate kun dhuma jaarraa 19fa irratti humna waraanaa mootii Minilik lammaffaa ajajaa waraaanaa Raas Goobanaa Daaceetiin hoogganamuun gara mootummaa giddugaleessaa Itoophiyaatti akka makamtu dirqamte. Abbaan Jifaaris duula kana humnasaatiin akka mo’achuu hindandeenye waan hubataniif karaa nagaatiin mootichatti harka laachuuf waliigalan.

Haaluma kanaan mootii Minilikiif gibira kaffaluuf Minilikis walabummaa mootummaa Jimmaa akka hinsarbine waadaa walii seenan. Hanga bara 1932 du’aan addunyaa kanarraa boqotanittis birmadummaa kana tursiifataniiru. Abshaalummaan siyaasaa isaan asirratti calaqqisan Oromoodhaaf dhakaa bu’uuraati.

Kutaan lammaaffaa torban itti fufa.

Torbaniin nu haa gahu.

Horaa Bulaa Deebanaa! Yaada naa kennuu hinirraanfatinaa!

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

 Hamiltan Abdulaaziiz

Recommended For You

4 Comments to “Abbaa Jifaar Sadaffaa”

  1. Pingback: you can try here
  2. Pingback: Tal Alexander
  3. Pingback: go

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *