Finfinneen Oromoodhaaf hiika guddaa akka qabdu irra deddeebiin himamaa kan tureefi jiruudha. Hiikni Finfinneen Oromoof qabdu inni guddichi hiika xinqalbiiti. Maaliif jedhaa? Kan Finfinneen waan fakkaattu argee hinbeekne Beegii teessee Oromummaa Finfinneetiif boochi.
Kan karaa Finfinnee darbee hinbeekne gammoojii Baalee keessaa “Finfinneen kan Oromooti!” jedhee dhaadata. Kan Laga Abbaayi as cehee hinbeekne Wanbaraarraa abbummaa Finfinnee falmata. Walloon Baatii qarqara jiru “Finfinneen jiddugala Oromooti” jedhee faarsa.
Qeerroofi qarreen Mooyyaalee, Cinaaqsan, Kamisee, Gujiifi kkf Finfinneefi Oromoo adda baasanii hinilaalan; Finfinnee qaamaan beekuufi beekuu dhiisuun waan biraa ta’ee jechuudha. Kanaaf Finfinneen jidduu teessuma lafa Oromoo qofa osoo hintaane waltajjii sammuufi xinqalbii Oromooti kan jennee morminu. Xinqalbiin alatti faayidaa Finfinneen gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin qabdus dagachuun hinbarbaachisu.
Dhimmi Finfinnee magaalaa Finfinnee qofarratti hindhaabbatu. Dhimmii kun haala siyaas-dinagdee aanaalee Oromiyaa naannawa Finfinnee jiru wajjin garmalee walqabata. Finfinneen digrii 360n qubattoota simachaa akka jirtu waliigalla.
Weerarri aanaaleefi magaalota naannawa Finfinnee jiran irratti taasisamaa jiru garuu kan Finfinnee caala nama yaachisa. Akkan ani taajjabetti, osoo Oromoon Finfinnee! Finfinnee! jedhuu magaalonniifi aanaaleen baadiyyaa naannawa magaalattii jiran Oromoo harkaa ba’uuf deemu.
Maastar pilaaniin qeerroofi qarreen itti wareegamanii hojiirra oolmaasaa karaatti hambisanii haqiisan karaa biraa hojiirra oolaa akka jiru ifatti mul’ataa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas maal na dhibeedhaan callisee ilaalaa waan jiru fakkaata. Lafti seeraan ala saamamaa jira. Qubannaan seera malee guyyaa guyyaan dabalaa deema. Buqqaatiin Oromoo caalaatti ittifufeera. Kun garamitti nu oofaa jira? Haala ammaa kanaan yoo ittifufe Oromoon naannawa kanaa boru maal ta’a? Oromoon akka waliigalaatti hoo? Sodaa koon isiniif qooda. Wal haa hordofnu.
Yaadannoo Maastar Plaanii: Maal jedhe Caalaa Bultumee waggaa sadii dura? “Maastar Plaanii jedhanii; sanyii nu duguuguuf malanii?” jechuun ummata garaa boorsee xiiqii keessa galche. Qeerroofi qarreen bakkawwan hundaa akka kanniisaa ka’anii maastar pilaanicha fuuldura dhaabbatan. Karoora Wayyaaneen lafa Oromoo gurgurattee maallaqa dilbeeffachuuf yaadde harkaa buusan; karoora maastar pilaanii hambisu qofa osoo hintaane, Wayyaaneyyuu ummata Xoobbiyaarraa buqqisan. Qabsoon farra maastar pilaanii injifannoon xumurame.
Garuu maastar pilaanichi karaa seeraa hafullee, karaa seera alaa dhaabbateeraa? Mee gadi bahaatii Buraayyuufi Sabbata ilaalaa? Mee Laga Xaafoofi Sulultatti imalaatii hubadhaa? Mee magaalaa Galaan dhaqaa daawwadhaa? Maaltu ta’aafi ta’aa akka hin jirreni hubattu. Maastar pilaanichi yeroosana caalaa amma hojiirra oolaa jira. Amma Oromoo ofirraa dhiibuuf mala hin barbaachisu.
Ifumatti lafti Oromoo akka lafa abbaa hin qabnee halkan osoo hinta’in guyyaa adiin saamamaa jira. Oromoonis lafasaa gurguree ykn kennee irraa baqachaa jira. Kanaaf ariitii amma deemaa jiru kanaan yaadamni Finfinneen kan Oromooti jedhu kun garmalee na sodaachisaa jira. Hamiin diimoograafii Finfinnee Oromoodhaan jijjiiruu jedhus waan naa liqinfamu miti.
Haala qabatamaa ammaa argaafi dhagahaa jirruun qaamni kana gochuuf onnee qabullee hinjiru. Anaaf dimoogiraafii Finfinnee jijjiiruuf warri itti karoorfatanii hojjatan akka jiran naa gala. Kanaaf fakkeenya ga’aa kaasuun ni danda’ama.
Finfinneen humna kallattii lamaan hiriireen Oromoo ofirraa dhiibaa jirti. Humni tokko humna Finfinnee keessaa jirudha ykn Finfinneetti sababa adda addaatiin qubannaadhan galuudha. Humni kun Finfinnee keessaa gara alaatti jechuunis daangaalee Oromiyaa ishii marsanii jiranitti dhiibuudha. Humni lammaffaa kana Finfinneen ala jirudha, kan achii as saba Oromoo naannawa Finfinnee jiran gara Finfinneetti as dhiibuudha.
Aanaaleen Oromiyaa Magaalaa Finfinnee marsanii jiran humna cimaa kana lamaaniin jidduutti kiyyoo galanii jiru. Finfinneen teenya jennee odeessaa ooluufi sirbaan walaloo dhangalaasaa, walaloon hinbarbaachisu jechuu koo miti, jiraachuurra sochiilee humnooa kanneen lamaanii hubachuudhaan maal gochuu wayya jedhanii mari’achuun barbaachisaadha.
Humna keessaa alatti dhiibu: Haala amma jiruun Oromoon magaalaa Finfinnee keessa jiru xiqqaadha. Haala qubannaafi itti baqannaa magaalattii yoo ilaalle baay’inni kun akka gadi hinbuunellee nama sodaachisa. Qaamni karooraafi itti yaadamaan diimograafii magaalittii olaantummaan qabachuuf hojjatan akka jiran beekamaadha. Humni qubannaafi baqannaan gara Kaaba biyyattiitii Finfinnee galu kun humna guddaa dinagde, beekumsaafi gurmuudhaan deggaramee Finfinnee keessaa alatti dhiiba.
Riil isteetii, mana halkanii, mana ‘mirreetidhaan’ ijaarame ykn Oromootarraa maallaqa xiqqoodhaan bitamuun humni kun qonnaan bultoota naannawa Finfinnee jiran guyyaa guyyaan meetira hedduun ofirraa dhiibaa jiru. Oromoon deebisee ofirraa keessatti dhiiburra irraa jalaa dheeffa jira. Kunimmoo daandii badiiti, Finfinnee dabarsanii qaama biraatiif kennuudha.
“Finfineen kan Oromooti’ jennee faarsaa jiraannulee yoo keessa hin jiraanne, yoo keessatti hojjannee kan Oromoo hin taasisne faaruun keenya faaruu qofa ta’ee hafa. Humna Finfinnee keessa taa’ee magaalatti gara alaatti dhiibaa jiru kana ofirraa deebisuu yoo dadhabne, humnaan jechuu koo miti, abbummaa Finfinnee dhiisii abbummaa magaalota naannawashii jiranituu ta’uun keenya mamii keessa gala jira.
Wayita ammaas magaalota akka Laga- Xaafoo, Sulultaa, Sabbataa, Galaan ilaalaa. Yoo kiiloo meetra hanga 40 siqxanimmoo magaalota akka Sandaafaa, Caancoo, Bishooftuufi kkf diimoograafiisaanii hubadhaa. Hojiin kun pirojektiidhaan akka deemaa jirullee namoonni quba qaban ni dhabamu jedhee hin yaadu.
Humna alaa keessatti dhiibu: Projeektiin biraa kan Finfinnee Oromoo ala taasisuuf deemsisamu akkasumas aanaalee naannawa Finfinne liqimsuuf adeemsisamu dhiibbaa alaa gama keessaatti taasisamuudha. Pirojektiin kun haala mijataa kan qabuufi akka salphaatti hojiirra ooluu kan danda’uudha.
Akka carraa ta’ee Oromiyaan naannolee biyyattii saddeet waliin waldaangessiti. Kun mataasaatiin carraa guddaadha; gama biraatiin sodaa hinqabu jechuu miti. Akkuma Oromiyaa, aanaaleen naannawa magaalaa Finfinnee jiran gara kaabaatiin naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatiin daangeffamu. Gara kibba lixaatiin aanaan Godina Guraageetiin daangeffamtu ni jirti. Aanaan Dabra Birhaan, Insaaroo Waayyuu, Jiruu, Lamii Aanaalee Oromiyaa kanneen akka Alaltuu, Qimbibiit, Abbichuu Nya’aa, Jidda, Oborii, Waacaaleefi kkf ni daangessu. Ummanni ollaa walii jiru; jiruufi jireenya akkasumas aadaafi duudhaa waliin qoodatu. Dhiibbaa walirratti gochuunis kanuma jiruudha. Garuu dhiibbaan kun amala uumamaa keessaa bahee utubbii siyaasa kana of keessaa qabu yoo ta’e gara walballeessuutti deemuu danda’a.
Magaalaan Dabra Birhaan, magaalaa umurii waggaa 700 qabdu, ollaa Finfinneeti. Finfinneerraa km 130 irratti argamti. Garuu amma umuriishii guddachuu dadhabdee jaaraa 7f kan foqoqaa turte. Yeroo dhihoo as garuu jiddu gala invastmantii taatee haala saffisaan guddachaa jirti. Magaalota naannoo Amaaraa keessaa xiyyeeffannaa addaa waan qabullee fakkaatti. Magaalaa tarsiimo’aa (istiraateejiik) taatellee mul’atti.
Maaliif? Gabaan Finfinnee itti dhihoodha. Muuxannoo Finfinnee galgalaa ganama argatti. Gara Finfinneettillee guddachaa akkuma deemtu magaalota Oromoo fuuldurashiitti argamanirratti dhiibbaa guddaa taasisti; akkuma Finfinneen asii achi itti deemuun dhiibbaa irratti gochaa jirtu. Kunimmoo ummata Oromoo bara dheeraaf Finfinneefi magaalaa Dabra Birhan jidduu jiru walitti miciliqsaa jira, akka badanillee dhiibbaa irratti taasisu. Kanaaf haalli ummata Oromoo magaalaa Finfinnee karaa ollaa Amaaraa marsanii jiraatanuu yoo cimanii irratti hojjechuu baatan rakkoodha. Warri maastar pilaaniin harkaa kufe maastar pilaanii dhoksaa hojiirra oolchaa hinjiran jedhamee hin yaadamu.
Gama Kibba Lixaatiinis wanti hawaasa Oromoo yaaddessu ni jira. Qubannaan daandii magaalaa sabbataa qabatee adeemsisamaa jiru maal akeekkate jedhanii gamaaggamuun barbaachisaadha. Qubannaa irra caala haala seeraan alaan adeemsisamaa jiru kana mootummaan maaliif callisee ilaalaa? Sarara kanaan Finfinneen ooltee bultee magaalaa daangaa Guraageerra jirtu, magaalaa Bu’ii wajjin akka walitti makamtu shakkii hinqabu.
Magaalaan tun Finfinneerraa km 100 irratti argamti. Magaalaan tun achii as gara Oromiyaatti guddachuu baattullee safaraan seeraan ala asii achi ariitiin deemaa jiru kun Finfinneen walquunnamsiisuu danda’a. Guddinni gaarii ta’ullee, dhiibbaan Oromoo bahaafii dhihaarratti fidu xiinxalamee akka addaan hin cinne ofeeggannoo gochuun barbaachisaadha.
Kan Oromoon dursee hubachuu qabu haa kaasu. Finfinneen Magaalaa Dabra Birhaan waajjin walquunnamuuf carraa qabdi, akkasumas Bu’ii wajjin. Bara kamuu haa ta’uu kun hinoolu. Gaafa sana jaalannus jibbinus Oromoon gamaa gamanatti adda cita. Kaayyoon maastar pilaanii raadiyeesii kiiloo meetra 100s Oromoo bakka lamatti addaan kutuudha jedhamee mormiin kan qunnameef sababuma kanaafi.
Karoorri kun yoo milkaa’e Ormiyaan bakka lamatti qoodamti.; bahaafi lixa jedhamuun. Kunimmoo Oromoodhaaf balaafi badii guddaa dhaqqabsiisa. Ummanni guddaan kun humna dhaba. Walitti dhihaachuurra addaan fagaachuutu dhufa.Humna qabaachuurra humna dhabuutu dhufa. Kun akka hin taaneef Oromoon dhiibbaa keessaafi alaan adeemsisamu kana ofirraa dhaabuuf qindaa’ee irratti hojjechuu qaba. Waliin jiraachuun akkuma jiru ta’ee Finfinneen seenaanis seeraanis kan Oromoo ta’uunshii mirkanaa’uu qaba. Kana qofa osoo hintaane Afaan Oromoo Afaan hojii Magaalaa Finfinnee qofa osoo hintaanee afaan hojii federaalaa ta’uun irra jiraata. Kanaaf ammuma safaraan jaraa keessaafi alaan ariitiin deemu Finfinnee Oromeessuun hatattamaan hojiirra ooluu qaba. Kanaaf Dhimmi Finfinnee kun kan yeroon kennamuuf ta’uu hin malu. Adeemsi qocaa Oromoo akka balleessus itti yaaduun barbaachisaadha.
Yaddoon kan magaalaa Finfinnee qofas ta’uu hinqabu. Aanaaleen Oromiyaa dhiheenya Finfinneetti argamanillee balaa guddaa keessa akka jiran dagatamuu hinqabu. Aanaalee kunniin keessatti Oromummaan akka hidda gadi fageeffatu gochuun, Afaan Oromoo bu’uura cimaarratti ijaaruun ittigaafatama dhaloota ammaati. Kana hojiirra oolchuuf tokkummaa, waliigalteefi waldhaggeeffachuu barbaachisa.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012
13 Comments to “Balaa Finfinneefi aanaalee naannawa Finfinnee fuuldura dhaabbate”