Ashamaa yaa warra badhaadhinaa,
Nageenyi badhaadhaa!
Baara Fayyaa?
Daadoo!
Kanan armaan olitti kaase akkaataa nagaa walgaaffii Oromoo Booranaafi Gujiiti.
Hayyuun gita hinqabuu anaa miti kan jedhe. ‘Karl Marx’ gaafadhaa. Gaafa itti tole “upper class” keessatti of ramada. Gaafa hammate ammoo ilma ‘cuqqunii’ ta’a. Isa caalaa namni hiyyeessaaf hadoodu hinjiru. Gitni aangoo qabatee biyyaaf anatu isiniif beeka jedhus humnuma akkanaatiin ijaarame. Garaagarummaan jara lameen gidduu jiru inni tokko aangoosaa tikfachuuf yoo aantummaa biyyaa lallabu inni hayyuu ofiin jedhummoo haala kamiin aangoo qabadhaadha. Lammanuu gabaa biyyaa quba hinqaban.
Bakki sabni itti isin ilaaluufi iddoon isin of keessan waaqaafi lafa. Dhugaadha waa barachuun qofti hayyuu nama hinjechisiisu. Hayyuun nama yaada burqisiisee yaadama sana gabaa biyyaatti gurguruun sabi bal’aan akka irraa bitu nama gochuu danda’uudha.
Kan barate ykn kan digrii baatu hundaan hayyuu maqaa jedhu ol fuunee itti hinlaannu. Qonnaan bulaa digirii qabuun qotee bulaa barate jenna ta’a malee hayyuu jechuunii hindandeenyu. Akkasuma hunda kan ragaa barnoota idilee hinqabne garuummoo yaadi inni maddisiisu addunyaaf galaa ta’e hayyuun sabaa guuteera.
Oromoon bara barumsi ammayyaa hin eegalamin hayyuu uumamaan qaroomeen bulaa ture. Sirni Gadaa dimokraasii addunyaanuu fakkeenya ta’e kan inni bocame hayyoota uumamaan qaromaniini. Hayyuu isa ammaatiifi kan durii gidduu fageenyi jiru hamma waaqaafi lafaati. Hayyuun kaleessaa safuu qaba. Waa madaaleet haqarra dhaabbateet sabaaf jiraata.
Nuuf hayyuun baranaa ‘Facebook’ gubbaatti eegalamee xumurama. Waggoota shanan jahan qabsoon saba keenyaa finiinee gaara bahe keessatti gaheen hayyoota koollittaa adii olaanaadha. Bu’uurri garuu ummatuma. Siyaasi Oromoo mormiidhaan jalqabame mormiidhaan akka xumuramu ibidda itti shiduun bu’aansaa qoraanuma fixuu qofa ta’aara. Gaaffiiwwan Oromoon gaafataa ture ifa. Gaaffii walqixxummaati. Gaaffiilee kanniin akkaataan nuti itti “frame” goonu deebii barbaannuuf murteessaadha.
Hamman argetti Oromoon qabsaa’uu hindhiifne. Hanga jiruun biyya lafaa kun hindhaabbanetti fedhiin “terminate” godhu hinjiru. Oromoonis akka warri kottee duudaa jedhan sana bineensa miti namuma waan ta’eef fedhii bara baraan dagaagaa deemu qabaachuunsaa seeruma uumaamaati. Fedhiiwwan kunneenis gaaffii waaraa duraa duubaan kaafnuun deebii argachaa deema. Kun geengoodhuma jireenyaati.
Kan gadiin nu deemaa jiru qirca gaaffiiwwan keenya ittiin dhiheesaa jirruudha. Fedhiin dabalaa deemu gaaffiidhuma isa duraaniirra bal’aafi walxaxaa ta’e dhalaa adeema. Akkataan kaleessa gaaffii dhiheeffannee deebii itti arganne fedhii har’aatiif madaallii kamiinuu ka’umsa hinta’u. Gaaffii Finfinneetiif manaa baatee koyyee facceetti gadi deebi’uun daldala qinxaabootti si galcha.
Lammaffaa gaafachuurraa gara fudhachuutti cehuu qabna. Mirga abbaa biyyummaatiif qabsaawaa daangaa lafa maasii kee lama gidduutti argamuuf gaaffii kaasuun ‘very much paradoxical’. Waldhiita. Otuma ta’eefuu eenyuun gaaganna. ‘We must set the needs of our goals and then work along the course whereby we can attain them’.
Warri gaaffii sabaatiif afaan taana jettan (anas dabalatee) tarsiimoofi tooftaan (‘strategy and tactic’) isin harkaa walmakateera. Finfinneen keenya jechuufi daangaan Finfinnee fi Oromiyaa haa sararamu jechuun ‘dichotomous’. Kun yeroo hunda qallaba diinaati. Ajandaa uumuuf ykn gaaffii keenya boca itti goonee (‘frame’) kallattii deebiisaa waliin afaanitti galfannee socho’uun hayyummaadha. Yookaan baroota hundaa sirbi keenya tokkuma ta’a.
OPDOn maal jette, maal murteessitee keessaa bahuu qabna.
“When you failed building your own political capital, there’s no way you can entertain a century old questions of mine.” Isa kanas anumatu jedhe. Gaafa aaru akkana na godha. Ingiliffii kun eessumaa akka naa dhufu anoo hinbeeku akkuma bishaan lagaatti naaf yaa’a. Jaruma keenya jara sooshaal miidiyaa gubbaa bookkisan irratti gaafan dallanu miira koo akkasittiin ibsadha otoo hinbeekin. Bu’uura siyaasaa mataa keessanii ijaaruu bakka dadhabdanitti haala kamiin gaaffiwwan koo umrii jaarraa hedduu lakkoofsisan naaf deebisuuf hamilee horattu jedheen gaafachuuf gaafan uf keessatti gururi’un akkas ta’eetu afaan faranjiitiin lapheedhaa na bahe yaadichi.
Akkuman sila kaasuuf yaale gaaffiiwwan haqaa bara baraan sabni keenya karaa haqa qabeessaan kaasaa turre bifa qabsiisuun deebiidhaaf karaa walakkaa akka deemuutti ilaalama. Faallaa kanaatiin gaaffiiwwan guguddoo sabi keenya itti fufiinsaan qabsoo gaggeessaa tureen deebii itti laachuu mannaa isuma kana birkii birkiidhaan qircanii sana keessa lubbuu ofii tursiifachuuf yaaluun saba guddaa kana tuffachuurra darbee carraadhuma furmaanni haaffiiwwan keenyaa ittiin argamuu danda’an duuchuudha.
Oromoon ammallee aadaa baramaa sana keessaa hinbaane. Egaa hirriba gabrummaa hamaa jaarraa hedduuf nurra gahaa tureen nu fudhateen bara hedduuf dammaquu hin dandeenye. Otuma dammaqneefuu wantoonni mugaatii sana keessa akka turru nu taasisan keessaafi alaayis hedduutu nu mudachaa jira. Ammallee erguma dukkanni waggoota dheeraaf nu haguuge sun gartokkeenis ta’u nurraa saaqamuu eegaleellee ammayyuu dunquqquu sana keessaa bahuu hin dandeenye.
Sanduuqa waggoota hedduuf keessatti ajjeeramne keessaa baanee sammuu walabaan uf taanee yaaduuf ammallee dhibaawummaa keessa jirra. Maddisaas sodaa kaleesaaati. Garuu sodaa bu’uura hinqabneedha. Wanti hunduu sochii jijjiiramaa walirraa hincinne keessa jira. Hidhaan kaleessaa sun ammayyuu nurraa hinhiilkamne kan jennee yaannu ammallee salphaa miti. Kun eessaanuu nun gahu.
Muummichi ministeeraa keenya jaalleewwansaanii muraasa waliin duumessa kana sirriitti hubataniiru. Dursees galeefii jira. Sochii hanga ammaa keesaa darbaniin ergama addaa caaseffama gabrummaa biyya kana keessatti waggoota hedduuf hidda gadi fageeffatee ture diiguu fudhatanii akka fiixaan baasaa jiran hubachuun murteesaadha.
Kaayyoo diina diiguu kana galmaan gahuuf dirqama nama iddoo sana jiru itti dhukaastee hin ajjeeftu. Qabsoon akkasii barrisaa darbeera. Caaseffama diinaa diiguun wareegama olaanaafi obsa guddaa akka gaafatu beekuun barbaachisaadha. “Ani kaayyoon koo inni ijoon diiguu dha” jedhan waltajjii dhiheenya kana galma Komishinii Afrikaa mootummoota gamtoomanii (ECA) tti dhalattoota Oromoo magaalaa Finfinnee waliin gaafa mari’atan.
“Akkan jara diigaa jiru bareechanii beeku jarri Oromootu wallaale malee” jedhan ittis dabaluudhaan. Battala sanitti carraa gaaffii isaan gaafachuu argadheen ture anis. Yaa lammii koo tasuma nuuf galaa hinjiru hojiin muummichi keenya hojjechaa jiranu.
Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuun gaaffii baroota dheeraa sabni keenya qabsaawaafii ture akka ta’e ni beekama. Ariitii hammanaatti Dr Abiyyiif ni milkaa’a jedhee namni eege hin turre. Murtee gara bal’eensi Oromummaa keessatti calaqqisee kan isaan dabarsan.
Afaan Oromoo qofaa osoo hin taane afaanota obbolaa ilmaan Kuush ta’an kan akka Afaan Somaaleefi Afaan Affaar carraa bara jireenyaa isaanii guutuu keessatti argachuun haa hafuutii tasuma hin yaaddamnee dha. Afaan Oromoo qixxee afaan hojii biyyattii ta’anii harka bitaafi mirgaa Abbichuu qabatanii galma mootii lixan. Kun seenaa addaa bara bulchiinsa ilmaan abbaa Gadaatti galmaa’eedha.
Afaan Oromoo gaafa gabaa biyyaa biras darbee gabaa addunyaa dhaabbatu, gaafa Oromummaan dallaa qe’ee keessaa bahee waltaajjii idil addunyaarratti kabaja kabajaan olii gonfatu caalaa wanti ulfinaan nama bokoksu maaalumatu jira mee yaa saba koo? Guyyaa Osloo sanan baana.
Kan gaafa muummeen keenya mootii badhaasaa harkaan gahatan jechuu kooti. “Yoo ollaan nagaa ta’e ofii nagaa ta’u” jechattiin kun, makmaaksi kun jecha afaan Oromoo yeroo duraatiif waltajjii sadarkaa akkasii addunyaarratti gurguramee dha. Makmaaksa Oromootu dhaadannoo addunyaa ta’e jedheen fudhadha.
Nan guduunfa. Yaadi gurbaa kanaa fudhatee namaan bada. Oromoo koo waa tokko qofan isin kadhadha. Anaanis dabalatee baay’een keenya ija hin taanneen ilaalaa jirra. Tasuma sammuu keenyaa olidha. Kanaaf cinasaa haa dhaabbannu. Yoo xiqaatee xiqqaate gufuu itti ta’uurraa of haa qusannu hadaraa hadaraa!!!
Horaa Badhaadhaa
Torban nagaa!
Hamiltan Abdulaaziiz
Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012
5 Comments to “Aktivistoota keenya”