Magaalaan Maqalee torbee tare konfiransii tokko keessummeessaa turte; konfiransii jaaroleefi kan isaan fakkaatanii. Konfiransiin kun ajandaa guddaa ta’uu baatus hanga tokko qalbii namaa harkiseere. Miidiyaaleen idilees ta’e kan hawaasaa yaada tokko tokko irratti kennaa turaniiru. Kan jajanii gammadan jiraatanillee miidiyaaleen hedduun konfiransiin kun maaliif barbaachise jechuun garmalee akka qeeqan namoonni hedduun gurraa qabu. Anis yaadota kanneen lamaan jiddugala godheen torbee kana yaada irratti kenna.
Barreeffama koo kan torbee darbeetiin mataduree, “Walitti baquufi walirraa baqachuu” jedhuun miseensi muummeefi hundeessaa ADWUI kan taate Wayyaaneen ADWUI irraa baqachaa jiraachuushii xuxxuquu koo nan yaadadha. Irraa baqachuun kan mul’achuu eegale gaafa qeerroon kokkee qabee aangooshii irraa mulqe sanaa kaaseeti.
Hammuma humni garee riifoormii jabaachaa, qeerroofi ummattoota Xoobbiyaatiin deeggarama dhufe Wayyaaneen lukashii Finfinnee keessaa buqqisuudhaan holqa Maqaleetti galte. Boolla lama qabaachuun kanaaf tola mitiiree? Onneenshii jaarmiyaa tanaa amma kan argamu Maqaleetti, lafeefi foonshii Naannoo Tigraayi keessa dhokateera. Naannolee kaan keessatti baddellee jechuu yoo baanne riphxee jirti. Yoo itti tole jijjirama kana gufachiisuuf summii ummataafi biyya diigu ni facaasti, seeliin naannoo Tigraayiin ala jiru kun.
Wayyaanee Finfinnee, Masaraa Araat Kiiloo keessaa hari’atamte tana amma Maqaleetti konfiransii jaarolii kan walitti qabaa turte. Warri Bilxiginnaa ijaaraa jiran kanneen akka ADP, ODPfi paartiin ummattoota kibbaa (maqaasaa waamuun nama rakkisa) kan dura jala deemtota Wayyaanee turan Finfinnee qabataniiru; waa’ee ADWUI diiguufi jaarmiyaa siyaasaa haaraa ijaaruu mari’achaa jiru.
ABOnis kan isa fakkaatan jaarmiyaalee maqaasaanii keessaa jecha “bilisa baasaa’ jedhu qabu 10 Finfinneetti walitti fidaa jira. Kun waan agarsiisu qaba; mooraan siyaasa biyya keenyaa ammuma filannoo 2012tti as siqu ho’aa deemuusaa.
Yaadattu yoo ta’e bara Gamtaan Afrikaa kan yeroo sana Dhaabbata Tokkumaa Afrikaa jedhamu hundaa’u biyyoonni Afrikaa garee lamatti adda bahanii turani; garee Monoroviyaafi garee Biraazaaviil jedhamuun.
Gareen lamaan tessoofi kaayyoo dhaabbata kanaa jiddu gala godhachuun garmalee walmormaa turan. Biyya keenyattis, naannoleen jiran bakka lamatti adda qoodamanii walfalmaa jiru. Kanaaf kanaan booda siyaasa biyya keenyaa garee Maqaleefi garee Finfinnee jedhamuu danda’u.
Gareen Maqalee ‘TPLF’n kan mataan walitti qabamaa jiru. Gareen Finfinnee ammaaf bakka sadii ykn afuritti qooduun ni danda’ama. Gareen Bilxiginnaa, kan Doktar Abiyyiin hogganamu carraafi aangoo mootummaa of harkaa qabutti fayyadamee of cimsaa jira.
Gareen biraa kan Gaaddisa Hooggansoota Oromoo jedhamuufi jaarmiyaalee Oromoo walitti fiduuf yaalaa jiruudha. Garee IZEMA kan Doktar Biraanuu Naggaa jaarmiyaalee waalta’ina leellisan walitti qindeessaa jira. Murni jaarmiyaalee bilisa baastotaa naannolee adda addaa walitti fidaa jirus ni jira. Kun ABO ‘Jal’ Daawud Ibsaatiin deegaramaa jira. Jaarmiyaaleen haala kanaan gara tokkotti walitti dhufuunsaanii gaariidha. Sababiinsaa yoo gurmaa’an humna godhatu; kaayyoo walitti fidatu; ummatatti ifa ta’anii bahu.
Gurmuun kun siyaasa burjaaja’aa biyyattii bifa qabsiisaa jira. Fedhiin nama keessatti uumaa jirullee gaariidha. Haala kanaan yoo deeme biyyaafillee nagaa buusuu danda’a. Akkuma waliigalaatti falmiin siyaasaa ho’aa jiru kun walkomii, walqeeqa, waldhiibbaa darbee darbees walarrabsoon of keessaa qabu amala jaarmiyaalee siyaasaa yeroo filannooti jedhanii fudhachuun sirrii ta’a.
Dubbiitu dubbii dhala kan jedhan sana ta’een yaada biraa keessa gale. Kaayyoon barreeffama kanaa waa’ee konfiransii Maqalee waan ta’eef garasittan isin deebisa. Mataduree tokko tokko jiddugala godhee yaada koo haa kaasu.
Hirmaattota konfiransichaa: Dimshaashumaan yoo ilaalame jaarmiyaaleen siyaasaa kamuu iddoo barbaadanitti walitti dhufanii mari’achuun mirgasaaniiti; hanga biyyaaf faayidaa qabutti. Garuu kaayyoon konfiransii Maqalee kun maal of keessaa qaba? Eenyutu irratti hirmaate? Warri irratti hirmaatan duubeen muxannoo siyaasasaanii maal fakkaata? Jaarmiyaalee biyya kana keessa jiran keessaa kan maqaa qaban, kan qalbiin ummataa irra jiru maaliif irratti hirmaachuu dadhaban? Kan jedhu gaaffii guddaadha. Anis nan gaafadha; ummannis ni gaafata.
Mataan konfiransii kanaa ‘TPLF’ kan jedhamtuudha. Humnas, beekumsas, dabas ni qabdi. Bu’uurri aangooshii ummata Tigraayi yoo ta’u, ammallee ummanni kun bal’inaan akka deeggaruudha kan ibsamu. Garuu, deeggarsi kun sigigaataa waan jiru fakaata. Kanaafi namoonni tokko tokko “Wayyaanee dullattii” kan jedhaniin. Kanaan ala jaarmiyaaleen hirmaatan kuun ani maqaasaatuu dhagahee hinbeeku.
Fakkeenyaaf jaarmiyaa Shochii Ummata Oromoo jedhu tokko dhagahee guddaan ajaa’ibsiifadhe. Jaarmiyaan “Qinijjit’ jedhamu kan Wayyaaneen maqaa namaa saamtee kenniteefi uumtellee konifiransii kanarratti hirmaachuu dhagaheen shira waggoota darban raawwataman yaadadhe.
Namni gantuufi yartuun jaarmiyaa Doktar Mararaarraa saamame achitti argameera. Ammas ergama jalaa hinbaane jechuudha; kan kaayyoof osoo hintaane garaadhaaf bulu.
Konfiransii kanarratti namoonni baroota dheeraaf televijiiniirratti ija nu dhukkubsaa turan kan wagoota muraasaa as nu jalaa badanillee arguu dandeenyeerra. Jarattiin jaartee jirti. Fakkeenyaaf Doktar Gannat Zawudee kan bataskaana dhaqxee eebba fudhachuu qabdu gabaa siyaasaa dhaabattee nama qaanessiteetti. Abbaayi Tsahaayyee, Sibaat Naggaafaa waan achii godhan naaf hingalle; silaa Qilinxoo jiraachuu qabu ture; humna olaantummaa seeraa ittiin kabachiisnu dhabne malee.
Kaayyoo konfiransichaa: Konfiransiin Maqalee kaayoonsaa maal akka ta’e anaaf sirriitti hingalle. Jaarmiyaaleen konfiransii kanarratti hirmaatan ofumaafuu kaayyoo qabuu jennee gaafachuun akka lammiitti dirqama. Garuu waggoota dheeraaf maqaa malee kaayyoo akka hinqabne naa gala. Maqaansaanii kunuu kan isaan kalaqan osoo hintaane kan saamame akka ta’e eenyumtuu ragaa baha.
Namoonni tokko tokko warra waajirrisaanii kiisiisanii ta’eefi warra chaappaa kiisiitti baatanii jooraa oolan jedhanii waamu. Kanaaf hirmaattota keessaa kan kaayyoo qabu ‘TPLF’ qofa. Kuun ammoo amaamota ‘TPLF’iidha. Kan durgoofi durgoon socho’aniidha. Gaafa yaa’ii akkanaaf kan barbaadaman, warra ibsa baasuuf waamamaniidha. Kanaaf konfiransichi namoota akkanaa walitti qabe kun kaayyoo ‘TPLF’ milkeessuuf ta’e malee kaayyoo waloo akka hin qabne natti mul’ata.
Ajandaa Marii: Ajandaan marii jaaroliin Maqalee walitti waaman “heeruma” haa kabachisnu kan jedhuudha. Kanuma wajjin “sirni federaalizimii haa eegamu” kan jedhu akka ta’e miidiyaarra dhageenyeerra. Sirriidha! Heerri sabootaafi sablammiileen biyyattii walitti babahanii mirkaneessan kabajamuu qaba. Anillee kanatti nan amana.
Dhugaadha! Sirni federaalizimii hawaasni deeggeru ulfina qaba. Ammas sirna federaalizimii namoota leellisan keessaa isa tokkodha. Tokkummaa biyya kanaafillee qorichi sirna federaalizimii akka ta’e nan amana. Kana yoon jedhu yaada warra waloo (unionist) nan kabaja; garuu hindeeggaru.
Jaaroliin Maqalee garuu abukaatoo federaalizimii ni ta’u jedhee hinamanu. Federaalizimii biyya kanatti akka bu’uura godhatu kan taasise ‘TPLF’ akka ta’e beekamaadha. Garuu federaalizimiin dhugaa akka hinijaaramne gufuu guddaa kan ta’e dhaabbatuma kana.
Kanaaf akka yaada kootti ‘TPLF’ dhimma federaalizimiifi kabajamuu heeraarratti mari’achuufis ta’e mari’achiisuuf haamilee hinqabu.
Namoota Maqaleetti walitti qabaman keessaa hedduunsaanii akkuma balleessaa guguddaa qaban waan gaarii guguddaas hojjataniiru. Kun kan haalamuu miti. Guddina biyya kanaa kan ijaan agarre kana keessatti gaheesaanii taphataniiru. Hagasuma biyya balleessuu keessattis qooda qabu. Yakka isaan hojjatan misoomaan bakka buusuun hindanda’amu. Kanaafuu hirmaattota waltajjichaa keessa yakkamtoonni yakka guddaa raawwataniin seeraan gaafatamuu qaban ni jiru.
Yaada waliigalaa: Anaaf ‘TPLF’ jaarmiyaa ummata Xoobbiyaarratti waggoota 27f yakka raawwateedha. Ummata Oromoorrattimmoo yakka hanga duguuggaa sanyii gahu raawwatte. Osoo biyya olaantummaan seeraa keessatti kabajamu ta’ee jaarmiyaan kun seeratti dhihaatee seera farra shororkeessummaa isaanumti baasan sanaan gaafatamuu qabdi. Garuu hintaane.
Geetachoo Asaffaa kan nama kolaasuun gocha suukaneessaa namarratti raawwachaa ture hanga ammaatti seeratti hindhihaanne. Inniifi gareensaa har’as Maqalee taa’anii biyya jeeqaa jiru. Gochi akkanaa gonkumaa hayyamamuu hinqabu. Kanaaf dafanii seeratti dhihaachuu qabu. Hanqinni mootummaa Doktar Abiyyi inni gudaanis yakkamtoota kanneen seeratti dhiheessuu dhabuudha. Ummanni biyyattii olaantummaan seeraa akka kabajamu gaafata. Anillee ummata wajjinan hiriira.
Torbee gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
3 Comments to “Yaa’ii yaadmalee jaarolii Maqalee”