Ashamaa, akkam jirtu?
“Nageennii badhaadhaa?” jedha Booranni hoggaa nagaa wal-gaafatu. Nageenyi bu’uura waan hundaati. Siyaasi biyya keenyaa miillaafi mataansaa hamma wallaalchisutti raafama. Waraana qawwee miti raafama kana uumaa kan jiru. Akka bara addunyaan waraana addunyaa lammaffaa booda lola qabbanaa’aa “Cold War” jedhamuun raafamaa turte sana biyyi keenyas waraana ololaatiin raafamaa jirti. Otoo dhukaasa ololaafi darbannaa arrabsootiin dhaabbatee haata’u jennee bira darbuu dandeenya ta’a. Dubbiin ibidda hammaataaf nu saaxiluusaatu danuu nama rifachiisa. Jiruu nama harkatti busheessa. Akka biyyaatti, akka sabaatti, akka namaatti jireenya jibbita. Otuma ilaaltuu tarree warra Siiriyaafi Liibiyaa faana hiriiruuf qarqararra gahuu kee ilaalta. Yeroo kanatti badhaadhina dhiisii lubbuudhuma ofiifi maatii ofii tursiifachuun akka gaaraattisitti ulfaata.
Dhibee bara dhibbaa halkan ykn tibba tokkotti waldhaanuun ykn waldhaanuuf yaaduunuu abjuudha. Imalli akka biyyaattis ta’e akka sabaatti gara badhaadhinaatti goonu abbaltii guddaadha. Garuu ammayyuu dheedhiidha. Qophaa’ummaan keenya duudaadha. Sabni bara dheeraa jaarraa hedduuf hirriba dunquqquu keessa ture battala ol ka’ee fiiguu hindanda’u. Hamma ifuufitti batattisuun isaa hinhafu. Egaa dukkanattii kana ijarraa mulqee dhibee sabaa kana waldhaanuuf ammoo Doktoriin cimaan ilkee dhibee sabaa kana iddoo iddooshiitti argee, beekee hundeen fayyisee fayyaafi badhaadhina guutuu biraan nu gahu qabaachuu qabna. Doktar Abiyyi ogeessa ol’aanaa qixa kanaan biyyattii fayyisuu danda’uufi nama lafa madaan sabaa kun itti kulkulee jiru sirritti hubatee argeedha. Garuu kophaasaa jira. Namni tokko namuma tokko. Hamma fedhe beekaa yookiis Qaalluus ta’u biyya dhibee barabaraatiin dhibamte tana hundeen fayyisuuf hirpha keenya barbaada.
Haasawoota yeroo adda addaatti taasisaa turaniifi akkasumas kitaaba isaanii Ida’amuu jedhu dhiheenya kana nu biraan gahan irratti yaadota ibsan irraa waan bu’uuraa tokko hubachuu dandeenya. Kunis rakkoon biyyattii rakkoo caaseffamaa (Structural) akka ta’eefii kana diiguudhaan qofa fala waaraa fiduun akka danda’amu amantaa cimaa qabaachuusaanii argina. Kana jechuun biyya rakkoon badhaate kana akka haaraatti diiganii lammaffaa ijaaruu jechuudha. Asirraa kaanee hojiin manaa muummeen keenya qabatanii waliin dhama’aa jiran hammam ulfaataafi walxaxaa akka ta’e hubachuun dirqama ta’a. Koophaasaanii ta’anii miti ummata biyyattii miliyoona dhibbanuu otoo of cinaa hiriirsaniiyyuu rakkoo harkaafi harkatti furamuu miti jechuudha. Gaaffiiwwan saboota biyyattii keessaa isa hangafa kan ta’e gaaffiin ummata Oromoos caasaalee cunqursaafi gadadoo jaarraa hedduuf gabrummaa isatti fe’aa turan kanneen hamma hiddaan buqqisee hindarbinetti jiru “Adaammii ollaa agamsaa” keessaa waan bahu natti hinfakkaatu. Kun ilaalcha kooti. Doktar Abiyyiif garuu akka aduutti ifee itti mul’ateera. Dhimma kana hubannoo lammiisaanii hundaa akka ta’u gochuurratti garuu waan baay’een akka isaan hafu beekuun ammoo murteessaadha.
Gaara gabrummaa kana diiguuf daboo waammatanii, amansiifatanii irree ofii jabeeffatanii humna guutuudhaan itti qajeeluun dhimma filannoo hinqabnee dha. Amma kan argaa jirru tokkummaadhuma qe’ee keessaayyuu uumuurratti gaaga’ama bal’aatu mul’ata. Kun dafee cufamuu qaba. Caasaalee siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, aadaafi amantaa ol’aantummaa murna tokkoo qofa ijaaruuf hundaa’an diiganii caaseffama haaraa walqixxummaa ilmaan namaa hundaaf dhaabbataniin bakka buufaman malee gaaffiin ummata Oromoo hundeerraa akka deebi’uu hindandeenye homaa mamii tokkollee hinqabu. Kun marabbaa abbootii dhimmichaa hundumaatiin raawwatamuutu irra jiraata. Dabbasaan cinaa haadaanii cinaa dhiisan jiraachuu hinqabaatu. Walqixa yoo haadameedha walqixa deebi’ee kan margu.
Ida’amuun riqicha laga badhaadhinaatti nu ceesisu akka ta’e namni shakku yoo jiraate abbaan sun deebi’ee of haa sakatta’u. Ida’amuun Oromoof waan rakkisu miti. Inumaa aadaa isaati. Sababiin isaas Oromoon saba seera Uumaatti amanee buluudha. Waanti hundi bu’aa ida’amuuti jedhee hubata. Ida’amuun ammoo matumasaatiinuu seera uumamaati. Garuu kun akka dhugoomu haal dureewwan dirqisiisoon guutamuu qaban hedduutu jiru. Asirratti cichanii hojjechuu gaafata. Walitti makamuu dhaabbilee siyaasaa biyyattii irrattis atakaaroon dhiheenya kana kallattii garaagaraatiin arginu maddisaa asuma. Hojiin bal’aan haalduree cimaa ijaaruu dursa waan lafa hinqabatiniif namni waanuma isa fayyadullee mormuunsaa hinoolu. Ida’amuun furtuu dhibeewwan keenya bara durii irraa kaasee gangalachaa har’a gahan kanneenii ta’ee otoo jiru sadarkaan ittiin hubannoo uumne ykn yaadicha ittiin gurgurre dadhabaa ta’uusaa irraa kan ka’e kitaaba har’a eebbisiise borumtaa gadi bahee ibiddaan gubuu danda’e.
Obsi amma duula balaaleffannaa ajandaa warqee kana irratti taasifamaa jiru irratti mootummaan agarsiisu kun jalqabumaa kaasee ajandaa badhaadhinaa kana sirriitti hubachiisuufi qaaccisuu irratti mul’achuu qaba ture. Namni keenya waan itti hin amanneefi dursee garaa isa hingeenye hammamillee yaada eebbifamaafi qulqulluu yoo ta’eyyuu sadi mataarraan naannessee darba malee boor ta’aadhaan hinfudhatu. Akka fudhatu itti dhiibuun ammoo fala hinta’u. Kana jechuun doktorri fi dhibeen sabaa gabaa gararaa ooluu jechuudha. Gaafa kana nama jilbatti cabee ceekuu sukkuummate taana jechuu dha. Wal’aansi waldhahe ammoo dhibee dabaluu ta’a malee fayyaa waaraa hinargamsiisu.
Walitti makama dhaabbilee ADWUI irrattis haaluma walfakkaatuun gaaga’amni uummame hojii dursa hojjetamuu qabu irratti hirmaannaan qixaawaan abbootii dhimmichaa bilchaatee mirkanaa’uu dhabuusaati. Kan biraa haa hafuu yaadi murtoo kun sadarkaa ODP biratti iftooma guutuun itti deemamuu dhabuunsaa miseensa waliigalaa dhaabichaa biras darbee ummata Oromoo dantaansaa harka dhaaba kanaa jiru birattis duumessa shakkiifi sodaa gaaddiddeesseera. Sadarkaa miseensa bal’aatti konfiransiin babal’aan yaadi warqee kuni ittiin qaacceffamu (internalize) godhamu dursee gaggeeffamuudhaan marhabbaan waloo uumamuun dirqama ta’a.
Yaada hosseefi ilaalcha gamaa gamanee qabannee ida’amuunis ta’e jaalalaan addunyaa badhaadhinaatti ceehuu hindandeenyu. Kun ammas waan barfate miti, wal hubannaan jiraannaan ammayyuu xiiqeffannee itti ol ka’uu wanti nu dhoowwu hinjiraatu. Mataan dubbii garuu Oromoo handhuura siyaas-dinagdee biyyattii darbees kan gaanfa Afriikaa ta’e kana adeemsi cinaatti dhiibee milkiidhaan imalasaa goolabu jiraachuu hindanda’u. Hoggantoonni qabsoo sabaatis ummatasaanii qabsoo boohichaafi miira gad aantummaa keessaa baasanii ilaalcha tarkaanfataafi fagootti abbale hidhachiisuun dirqama isaaniiti.
Nagaan naaf turaa!
Hamiltan Abdulaziz
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
3 Comments to “Nageenni Badhaadhaa?”