Federaalizimii sabaa, federaalizimii dhugaa

Barreeffamoonni hedduun akka ibsanitti sirni mootummaa (‘mode of government’) heddutu addunyaa kanarratti hojiirra jira. Sirnoonni kunniin moonaarkii, aristookraasii, oliigaarkii, dimookraasii, oteeriteeriyaan, tootaliteeriyaaniifi kkf jedhamanii eeramu. Haalli maqaaleen kunniin ittin moggaafaman akkaataa aangoo itti qabatan ykn itti koran irratti hundaa’eeti. Kuun filannoon, kuun humnaan, kuun sanyii lakkaawwatee aangoo koree, angorrattimmoo haala ummata itti bulchanirratti hundaa’ee yaamamni kennamaafi.   

Haala aangoon ittiin qoodamurratti hundaa’uudhaanis mootummaaf maqaan ni moggaafama. Mootummaa waalta’oo (unitary government) mootummaa federaalawaa, mootummaa konfedereeshiniifi kkf jedhamanii ni moggaafamu.

Xiyyeeffannoon yaada koo torban kanaa dhimma mootummaa federaalawaati. Kana wajjin walqabsiisee waa’ee mootummaa waalta’aa kaasun koo hin oolu.  Dhimmi kun biyya keessatti hayyootaafi jaarmiyaalee siyaasaa hedduu kan walfalmisiisaa jiru waan ta’eef anillee waanaan bakka adda addaatii qaarmadhe irratti hundaa’ee dhimma kanarratti waa jechuun barbaada.

Federaalizimii jechuun sirna ittiin bulmaataa seera qabeessa aangoon mootummaa sadarkaalee adda addaatti qoodamee mootummaan ittiin bulchu, ummannis ittiin  bulu jechuudha. Sirni kun kan ummanni irratti waliigale yoo ta’u, wabii heeraas ni qaba. Sirni federaalizimii qaamota lama kan qabu yoo ta’u, qaamoleen kunniinis mootummaa federaalaa ykn jiddugalaafi mootummaa naannoo (‘regional state’) kan jedhamaniidha. Qaamoleen lamaan aangoo biyyattii ittiin bulchan kan waloofi kan dhuunfaa qabu.  

Al tokko tokko sirni federaalizimii kun biyya keenya keessa akka jirutti yeroo qaamoleen adda addaa keessumattuu farfattoonni mootummaa waalta’oo yoo lalaban dhagahama. Gostisaa kamiyyuu haa ta’utu biyyoonni addunyaa kanarratti sirna kana hordofan hedduudha. Fakkeenyaaf biyyoota qarooman keessaa kan Ameerikaa tokkoomte (‘USA’), Kaanaadaa, Jarman, Meeksikoo, Ruusiyaa Awustraaliyaa eeruun ni danda’ama.

Biyyoonni akka Biraaziil, Indiyaa, naayijeeriyaafi kkf sirna federaalizimiitin bulu. Kanaaf sirni kun kan Xoobiyaan qofti hordoftu fakkaatee himamuun dogoggora. Qaamoleen ilaalcha mootummaa waalt’oo dugdatti baatan ummataan ‘ati hinbeektu’ waan jedhan  fakaata.

Sirni federaalizimii akaakuuwwan lama qaba. Qoodamni kunis haala aangoon mootummaa jiddugalaafi mootummaalee naannotiif itti qoodamanirratti hundaa’a. Sirni federaalizimii inni tokko federaalizimii dachaa (‘dual federalism’) yoo ta’u, inni lammaffaa federaalizimii koopreetiivi jedhamuudha.

Federaalizimii dachaa keessatti aangoo guddaa waan hedduu murteessuu kan qabu mootummaa federaalaa yoo ta’u, mootummaan naannoo aangoo murtaa’e qofa irraa qooddata. Sirni federaalizimii koopreetiiviin garuu aangoon mootummaa federaalaafi mootummaa naannoleef walqixa addaan qoodama. Kanaaf mootummoonni lameenuu biyya tokko keessa jiraatanillee lamaan heeraan aangoon adda bahee waan kennamuuf biyyaafi naannoo bulchuu keessatti gahee ofii qabaatu.

Sirni federaalizimii addunyaarratti hojiirra jiru haalota lamaan ijaarama. Federaalizimii teessuma lafaarratti ijaarame kan afaan Ingiliziitiin ‘geographical federalism’ jedhemu isa tokko. Inni biraa sirna federaalizimii qubannaa ummataa, afaan, aadaafi seenaa ummatichaa jiddugala godhatee ijaaramu federaalizimii sabaa ykn ‘ethnic federalism’ jedhamuun beekama. 

Federaalizimiin teessuma lafaarratti hundaa’e daangaa kan godhatu teessuma lafaati. Federaalizimii kanaan biyyi akka bulchiinsaaf tolutti bakkawwan adda addaatti qoodama. Daangansaanis seeraan murtaa’a. Haala heerarratti bu’uureffameen aangoon mootummaa federaalaafi mootummaa naannootiif addaan qoodamee haala seera qabeessa ta’een aangoon kun hojiirra oola. Biyyoonni ummata sanyii tokkoo (‘homogeneous people’), kanneen afaan tokko dubbatan (mono-lingual’) ta’an federaalizimii kana filatu. Fakeenyaaf ‘USA’, Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, Meksikoofaan federaalizimii kana hordofu.    

Federaalizimii sabaa qubannaa ummataa, afaan ummanni sun haasa’u, seenaa walfakkaataa ummanni qabuufi aadaa sabaa kan jiddugaleessa godhatuudha. Biyyoota sabaafi sablammii hedduun keessa jiraataniifi afaan adda addaa itti dubbatamutti federaalizimii teessuma lafaarra, federaalizimii sabaatu fudhatama qaba.

Kanaaf biyyi haala qubannaa sabaafi sablammii ummataarratti hundaa’uun  bakka adda addaatti qoodamti. Isaan booda haala ummanni irratti waliigaleen heera tumamuun aangoon addaan qoodamaaf. Yaadamni Federaalizimii Xoobbiyyaa kana. Sudaan Kibbaas federaalizimii kana hordofti. Naajeeriyaanillee federaalizimii sabaafi fakkeenya gaariidha.

Gaaffiin sabaafi sablammii biyya kanatti bara 1960 keessaa eegalee hayyoota Xoobbiyaa keessatti ajandaa marii guddaa ture. Gaafii ummataa kana waggaa 60 dura kan fuulduratti baase barataa Yunivarsiitii Finfinnee Waalallinyi Mokonnin ta’ullee gaaffiin kun hanga tokko deebii akka argatu kan taasisame heera bara 1987 ragga’eedha.

Heerri waggoota 30 taree eegalee ittiin bulaa jirru jechuu kooti.  Heerri kun biyyattii naannolee sagalitti adda kan qoodeedha. Mootummaan naannolee sagalee hundaa’anii beekamtii argataniiru. Magaalaan Finfinneefi Dirre Dhawaa jidduu kanatti shiraan qaamasaanii Oromiyaarra akka citan ta’e. 

Heera kana keeyyata 46 irratti aangoon mootummaa federaalaafi mootummaa naannolee adda bahee tumamuunsaa akka jalqabbii gaariitti fudhatama. Garuu wanti heerarratti tumame akkamitti hojiirra oole jedhame yoo gaafatame mallattoo gaaffii guddaatu irra qaxxaamura. Kan irratti waliigalameefi kan raawwatame hanga dacheefi samii walirraa fagaatee waan agarreefi.   

Haala amma biyyattii keessatti deemaa jiruun gaaffiileen ka’an hedduudha. Qaamoleen biyya kanaaf mootummaa walta’ootu barbaachisa jedhanii ejjannoo qabatanii siyaasasaanii tarkaanfachiisaa jiran  tokko lama kan jedhamiidha. Ilaalcha waalta’oorraa xiqqoo achi siquudhaan “Biyya kanaafi federaalizimiin barbaachisaadha” eddii jedhanii booda “Federaalizimiin Xoobbiyaaf malu garuu federaalizimii teessuma lafaarratti hundaa’eedha” jedhanii mudhii hidhatanii kan ija nama keessaa baasaa oolanhedduudha.

Gareen biraa “biyyi kun jiraachuuf federaalizimii sabaa (ethnic federalism) dirqama” jedhanii ejjannoo cimaa qabatanii socho’anis hawaasummaa kana keessa jiru.  Siqee siqee qaamni  konfedereeshinii gaafatus ni dhabama jedhee hin yaadu; ammaaf ifatti bahuu baatus.    

Isa jalqabaarraa haa ka’u. Sabaafi sablammiin biyya kanaa gaaffii maal gaafachaa turan? Maaliif dhiiga ijoolleesaanii gabbaraa turan? Oromoo maal gaafachaa ture? Ummanni Tigraayi kan qabsaa’aa ture mootummaa waalta’aa ijaaruufi? Ummanni Somaalee, Sidaamaa, Beenishangul, Gaambeellaafi kkf mootummaa waalta’inaaf qabsaa’aa turan? Amma beekumsaafi hubannoo kootiitti gaaffileen sabaafi sablammii kunniini ifaadha.

Sabaafi sablammiin biyyattii keessatti haala suukaneessaan dhitamaafi tapha siyaas-dinagdee keessaa qarqaratti darbataman kunnii jalqabarratti akka saba tokkootti beekamtii argachuuf qabsootti seenan. Kana bira darbee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuuf bosona seenan.

Warra keeyyata jarri jibbu kan ummanni hedduun jaalatu keeyyata 39 heerarratti galche sani. Ofiin of bulchuufi qabeenyaa naannoosaanitti fayyadamuudhaafi kan lubbuu ijooleesaanii kennan. Haala kanaan biyya kana keessatti mootummaa waalta’aa (‘unitary government’) biyya kana keessatti nan fida jedhanii ajandaa siyaasaa qabatanii gabaatti ba’uun kisaaraaf yoo ta’e malee bu’aa waan qabuu miti. Kun jibbaafi jaalala irraa kan madduu miti; dhugaan lafarra jiru kana waan mirkaneessuuf.  

Filannoon federaalizimii teessuma lafaa jedhu kunillee wanta ilaalamuu qabuudha. Federaalizimiin teessuma lafaarratti hundaa’e biyyi itti hojjatu ni jira. Kan itti hin hojjannes akkanuma. Biyyoonni akka Kaanaadaa, ‘USA’, Meeksikoofi kkf haala amma jiruun federaalizimii kana hordofu.  Maaliif yoo jenne biyya saba tokkoon ykn ilaalcha saba tokkoo qabuun kan ijaaraman waan ta’aniifi.

Ameerikaatti naannoo kam keessattuu afaan dubbatan tokko. Ijoolleen Inglifaatiin afaan saaqqatti. Afaan hojiifi barnootaa afaanuma kana. Aadaansaanii garaagarummaa hinqabu. Seenaasaaniirratti walhindhaban. Seenaa darberratti waliigaltee qabu. Kan sirrii hintaane sirrii miti jedhanii jalamuranii ijoolleesaanii barsiisaa jiru. Kan sirrii ta’e siriidha jedhanii fudhataniiru.

Kanaaf teessuma lafaarratti hundaa’anii sirna federaalizimii yoo ijaarratan rakkoo hinqabu. Biyya akka keenyaa kan sabaafi sablammii 80 ol hammate, kan afaanonni guguddoon keessatti dubbatamu, kan aadaa guraamaleedhaan badhaate, kan sirnoonni cunqursaa baroota dheeraaf itti dagaagan, kan seenaafi taateewwan darbanirratti waliigaltee hinqabaannetti federaalizimii teesuma lafaarratti hundaa’e hojiirra oolchunillee rakkisaadha.

Saba mallattoo mataasaa qabu naannoo adda addaatti qoodanii federaalizimii teesuma lafaatiin buli jechuunillee biyyanatti  kan hojiirra oolu ta’uu dhiisi kan yaadamu miti. Yoo Yaadamellee egeree fagootti ta’uu mala. Maaliif yoo jenne fakkeenyumaaf naannoo Affaar kaan naannoo Tigraayitti, kaan Amaaraatti, kaan Sumaaleetti kaan Oromiyaatti kukkutanii buli jechuun abjuu qofa ta’a.     

Akka haalli qabatamaan jiru ibsutti, haala ummaanni beektonniifi hayyuuleen biyyattii hedduun itti waliigalanitti federaalizimiin biyyattiif barbaachisu federaalizimii sabaafi sablammiirratti hundaa’eedha. Federaalizimii heera bara 1987 ragga’erratti tumameedha. Jaarmiyaaleen federaalizimii kana filatanii seera taasisan, hojiirra oolmaasaatti komatamanillee filannoosaanitiin jajamuu qabu malee ceepha’uullee hinqaban. Biyya kanayyuu hanga ammaa kan walitti suphee  har’aan gahe federaalizimii kana. Kanaaf federaalizimii dhugaan biyya kanaaf ta’u federaalizimii sabaati jedheen anillee guutumaatti amana.

Hojiirra oolmaan federaalizimii biyya keenya rakkoo raawwii hinqabu jechaa hinjiru.  Haalli federaalizimiin kun hojiirra itti oolaa ture gonkumaa faallaa heeraatiini jechuun ni danda’ama. Aangoon gadi bu’uu dadhabee Araat Kiilootti hafe. Naannoleen maqaa malee aangoo akka hinqabne hojii Salamoon Xiimoo Oromiyaatti hojjachaa ture yaadachuun gahaadha.

Naannoorra kan ajajamu malee kan ummata bulchu hinturre; kan konkolaataa ‘V.8’ malee kan yaada qabu hinmul’anne. Kan ergamaan lammii ajjeesu malee kan seeraaf dhaabate hinturre.   Kunis  sirni walqixxummaa waadaa galame sun butamee sirni abbaa irree haarawaan biyyattiirratti waggoota 30f akka dagaaguufi daraaru taasise. Federaalizimii hojiirra ooluu dhabeef kan gaafatama fudhatu dhaabbata mitidimokraatawaa ADWUI jedhamuufi miseensotasaati.    Rakkoon ADWUI kan maddu akkaataa jaarmiyaaleen miseensotasaa itti walfuudhaniifi walitti heerumanirraayi.

Kanaaf Heera mootummaa jiru kana hojiirra oolchuudhaan sirna federaalizimii dhugaa mirkaneessuu hin dandeenye. Kanaaf rakkoowwaniifi badiiwwan akkasumas hojii malee heera mootummaa cabsuun raawwatameef ittigaafatama guddaa qabu. 

Xumurarrtti, ammallee warri aangoorra jiran dogoggora ADWUI hojjechaa darberraa barachuu qabu. Ebelutu na dogoggorseen ittigaafatamarraa nama hinoolchu. Ummannimmoo kan barbaadu federaalizimii dhugaati. Kan mataasaatiin ittin of bulchu, kan mirgasaa ofii isaatiin ittiin murteeffatu.

Kana malees federaalizimii afaansaa ittin kabajamuufi, federaalizimii adaasaa ittiin dagaagfatu, federaalizimii eenyummaasaatiif abukaatoo ta’e fedha. Kanaan ala deemuulee waan barbaadu hin fakkaatu. Haala kanaan Xoobbiyaa ummatashii hundaaf qixa taate ijaaruun ni danda’ama. Dhugaa kanarra utaaluun ekeraa warra durii faarsuun taakkuu tokko waan tarkaanfachiisu hinfakkaatu.  Faaruun kun dhaloota jabana kanaa guratti hinseenu. Kanaaf gaaffiin ummataa federaalizimii sabaa, federaalizimii dhugaati. Anis ummata kana keessaa tokkoodha.  

Torban gaarii!   

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

329 Comments to “Federaalizimii sabaa, federaalizimii dhugaa”

  1. Pingback: tải 789club
  2. rybelsus pill [url=http://rybelsus.shop/#]semaglutide online[/url] cheapest rybelsus pills

  3. buy semaglutide pills [url=http://rybelsus.shop/#]semaglutide tablets[/url] cheapest rybelsus pills

  4. semaglutide tablets [url=https://rybelsus.shop/#]semaglutide online[/url] semaglutide tablets

  5. ozempic coupon [url=https://ozempic.art/#]buy ozempic pills online[/url] buy ozempic pills online

  6. semaglutide cost [url=https://rybelsus.shop/#]semaglutide tablets[/url] semaglutide cost

  7. cheapest rybelsus pills [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus cost[/url] buy semaglutide online

  8. buy semaglutide online [url=https://rybelsus.shop/#]buy semaglutide pills[/url] rybelsus coupon

  9. pin up giris [url=https://pinupturkey.pro/#]pin-up bonanza[/url] pin up casino guncel giris

  10. pin up casino guncel giris [url=http://pinupturkey.pro/#]pin up casino guncel giris[/url] pin-up bonanza

  11. Buy compounded semaglutide online [url=https://semaglutide.win/#]Rybelsus 7mg[/url] rybelsus price

  12. generic zithromax medicine [url=https://zithromax.company/#]zithromax cost canada[/url] where can i buy zithromax capsules

  13. Rybelsus 14 mg price [url=http://semaglutide.win/#]rybelsus generic[/url] Buy semaglutide pills

  14. zithromax pill [url=https://zithromax.company/#]order zithromax[/url] zithromax 500mg over the counter

  15. neurontin 100mg cost [url=http://gabapentin.auction/#]gabapentin for sale[/url] neurontin prescription medication

  16. minocycline mr [url=https://stromectol.agency/#]stromectol for sale[/url] minocycline 50 mg tablet

  17. buy zithromax without prescription online [url=http://zithromax.company/#]zithromax best price[/url] can i buy zithromax over the counter in canada

  18. minocycline 50 [url=https://stromectol.agency/#]stromectol for sale[/url] ivermectin cream 5%

  19. cost of stromectol [url=https://stromectol.agency/#]stromectol price[/url] ivermectin 0.5 lotion india

  20. rybelsus price [url=https://semaglutide.win/#]Buy compounded semaglutide online[/url] Buy compounded semaglutide online

  21. amoxicillin 500 mg tablet [url=https://amoxil.llc/#]buy amoxil[/url] purchase amoxicillin 500 mg

  22. men with ed [url=https://drugs24.pro/#]erectile dysfunction pills[/url] ed treatment review

  23. india online pharmacy [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacy online[/url] mail order pharmacy india

  24. world pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]top 10 pharmacies in india[/url] online pharmacy india

  25. pharmacy website india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]world pharmacy india[/url] indian pharmacy online

  26. anti fungal pills without prescription [url=http://drugs24.pro/#]prices of viagra at walmart[/url] errectile dysfunction

  27. indian pharmacy [url=http://indianpharmdelivery.com/#]world pharmacy india[/url] world pharmacy india

  28. stromectol 3 mg tablet [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] cost of stromectol medication

  29. stromectol how much it cost [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st shop[/url] ivermectin cost uk

  30. minocycline capsulas [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st shop[/url] ivermectin 1mg

  31. Cost of Plavix on Medicare [url=https://clopidogrel.pro/#]generic pills[/url] plavix medication

  32. пин ап [url=https://1winci.icu/#]пин ап официальный сайт[/url] пин ап вход

  33. best online pharmacies in mexico [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy cheap[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  34. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=http://slot-tr.online/#]slot tr online[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  35. casino siteleri win [url=https://casinositeleri.win/#]casino siteleri win[/url] casino siteleri win

  36. deneme bonusu veren yeni siteler [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler yerliarama.org[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey

  37. denemebonusuverensiteler.top [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler 2024[/url] deneme bonusu veren siteler denemebonusu2026.com

  38. deneme bonusu veren siteler yerliarama.org [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler denemebonusu2026.com[/url] deneme bonusu veren siteler yeni

  39. az parayla cok kazandiran slot oyunlar? [url=http://slot-tr.online/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] slot oyunlar?

  40. kamagra [url=https://kampharm.shop/#]cheapest Kamagra Kam Pharm[/url] buy kamagra oral jelly Kam Pharm

  41. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]indianpharmacyeasy.com[/url] indian pharmacy paypal

  42. pharmacies in mexico that ship to usa [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexicanpharmgate.com[/url] best online pharmacies in mexico

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *