-Baale ardaa jilaa Oromtichaati! achiin boohichi ba’e
Ilmaan aayyaa akkam jirtan? Galatasaa ani fayyaadha.
Bara baranaa kan amma haaraa jalqabne kana, 2012 Oromoodhaaf bara addaati jedhaan ture ammallee bara addaati. Waan addunyaa guutuu raajesseen bara kana simachuun keenya adda isa taasisa.
Ilmi abbaa Gadaa Masaraa mootummaa seenee gonfa aangoo dirate bara itti mootii ta’ee yeroo duraatiif hoogansa Itoophiyaa fudhatee hafuura nagayaa ufirras darbee gaanfa Afrikaatiif bara itti biifeedha. Kanaanis addunyaan yeroo gamaa gamanaa gabaa waraanaatiin hammacamaa jirtutti lallaba ilmi saba Oromoo keessaa bahee mataa biyyaa ta’e lallabeen abdii nageenyaa horatte.
Addunyaanis kanumaaf beekamtii laachuudhaan muummicha keenya Doktor Abiyyi Ahmadiin “abbaa nagaa” addunyaa gootee muuduun badhaasa badhaasaa olii badhaafte. Biyyi dur waraanaan, beelaan, gabrummaadhaan, doofummaafi hiyyummaa gadi aanaadhaan beekkamtu waggoota kumaa oliif yeroo duraa gulantaa kabajaa addunyaarratti luboomte.
Walumaagalatti seenaawwan haaraa riikoordii addunyaa cabsan galmeessisuudhaan eegalle barich. Akkuma hunduu yaadtu ganna bara dheengaddaa: dhuma 2011fi jalabultii bara isa ammaa 2012 rikordii magariisummaatiin tokko jennee waaroo salphinaa Itoophiyaa irraa mulquun wayyaa ulfinaa biyyatti uwwisne.
Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona dhibba sadiifi shantamaa olii dhaabuudhaan raajii raawwanne. Kan bar dheengaddaatiin yemmuu walitti dabalamu injifannoon gaggeessummaa abbaa Gadaa keenya, Doktor Abiyyi Ahmadiin galmaa’e ummata biyya lafaa hunda afaan qabsiise.
Ulfinna armaan olitti tuquuf yaaleen gamatti ammoo seenaawwan fafaa kabaja kana xureessan walduraa duubaan battaluma kana argamuunis waan bara kana adda taasisan keessaa isa tokko. Egaa Waaqni waan hunda walfaana uume. Dhiira kophaa hinuumne dubartii waliin tolche.
Abiddas uumee bishaan waliin tolche. Jaalala jibba waliin, arjaa doqna waliin, rooba caama waliin, argata dhaba waliin…godheetu hundaa gatii itti godhe. Bakka tokko hinjirretti gatii isa kaanii beekuu hindandeenyu. Bonaafi ganna, ifaafi dukkana, ganamaafi galgala, nagaafi waldhaba, dhugaafi dhara, du’aafi jiruu, quufaafi beela…hundumaa hangafaafi quxusuu godhee uume Waaqayyo abbaan gaarummaa.
Jireenyi biyya lafaa kamuu wantoota kanneen keessa kan hindabarre hinjiru. Lammanuu mi’aasaa eeggatee jiraachuuf ammoo sabni hunduu dhugeeffannoo mataasaa qaba. Kan saba biraa yoon beekee tarreessuuyyuu baadhe Oromoon garuu falaasama addaa mi’aafi bushaa jireenyaa kana ittiin gaggeeffatu qaba.
Akka dhugeeffannoon saba guddaa kanaa addeessutti Waaqayyo jalqaba dacheefi samii tolchee ilma namaa kana ammoo irratti uumee wajjin safuu gadi buuse. Safuun seera Waaqaafi Lafaati. Safuun seera Uumaati. Namni safuu cabse Waaqa isaatiin walitti bu’a. Nama safuu cabse Waaqni fuula irraa galagalfata. Gaafa Waaqaan walitti bu’u ammoo dhalli namaa ufumaan hallayyaatti nam’ee bada. Waaqarraa homaa hinbuusu. Kanarraa ka’eetu bifa lameen jireenya biyya lafaa kana safeeffata Oromoon.
Nama hinjibbu, gatii jaalalaa waan beekuuf. Ganama yennaa ciisaa ka’u Waaqa nagaan na bulchite nagaan na oolchi jedhee dhibaafatee Waaqasaa kadhatee baha. Bakka nageenyi dhabame lolli akka dhaalu waan beekuuf cimsee nagaa barbaada. Kan biroos kan biroos.
Egaa safuun akka biyyatti gaafa cabu namoomaa bahama. Gaddi gammachuu fonqolcha, dhugaatu maseenee dharri dagaaga. Naatoo waliif fixatee argaa walii jibba. Jibbi jaala dhaala; nageenyi boora’ee bahanii galuun, kan facaasan haamachuun, dhukkubsataa waldhaannachuun, kan du’e awwaalachuun abjuu ta’eet hafa.
Waaqni abbaa uumaa hundaa jiraachuusaa tasa irraanfata. Wanti kaleessa biyya ormaatti dhageenyu akka bakakkaa tokkoon tokkoo keenyarratti yennaa bu’u battala namummaarraa gara bineensummaatti geeddaramna. Kuni hooda…kuni dallansuu Waaqayyooti.
Kanneen hunda kanan kaaseef waldhabdee gidduu darbe guutummaa Oromiyaatti dhalateen walqabatee balaa hammana hinjedhamane kan nurra gaheen walqabtee waanuma xinnoo yoon isinii qoode jedheetani. Badiin lubbuu namaafi qabeenya galaafatee dabre kun tarii kan jalqabaa miti. Anaaf kallattiidhaan waan narra gaheef isa jalqabaa godheen fudhadhe malee.
Baale biyya dhaloota kootiiti. Dhiheenya kana jeequmsi hamaan amma dura argamees dhagahamees hin beekne biyya jaalalaa biyya nagaa sanitti dhalate. Badii kanaan ilmaan abbaa fi haadha tokkoo garee lamatti wal qoodanii garjabummaan walgalaafatan. Aduu tokkotti ilmaan qaqqaaliin kudha jaha lubbuun baate.
Kan miidhame silaa manni haa lakkaa’u. Obboleettiin quxisuu koo tokko reefu deessee torbaniyyuu hinguunne iddoo ciiftutti homaan waraabessaa itti galali’ee manashee caccabsee ishiis miidhaa qaamaa irraan gahe. Galatasaati Waaqni lubbuu ishii hambiseera. Gaafa kana dhagahu iddoo jiruun of wallaale. Qe’eedhuman ani itti dhaladhee guddadhetti kun ta’ee jedheen of gaafadhe. Edaa balaan kan ormaa hinqabuu? Hundaa hinhanqatu, gaafa dhufe akka qaanqee ibiddaa namarra buuteet nama buta, nama suukaneessaa.
Baale biyya nama miti bineensumti daggalaallee itti waldhabu mitidhabu; hin turresi. Bineensi bosonaa addunyaarratti hin argamneyyuu Baaleen qe’ee jireenyasaa taasifate. Gadamsa baddaa fi Jeedala Diimtuu Diinshoo caalaa dhugaa kana eenyutu ragaa baha? Baale biyya awuliyoonni bebbeekamoon itti argaman qofa osoo hin taane itti roobaniidha yoo jenne homaa gurra guddisuu miti.
‘Awuliyaan’ namoota Waaqaaf bulan Ayyaantuu hafuurri Waaqaa isaanirra bulee dha. Namoota eebbifamoofi Waaqaa-buleeyyii sabni hordofuufi Abukaatolee Safuu Waaqaati. Akkuma hundi keenya beeknu isaanis taanaan, inumaayyuu eenyuunuu caalaa ergama eebbifamaa amanatasaanii kana gaggeeffachuuf nageenya barbaadu.
Tarii osoo Baale biyya akkasii kan ergama akkasiitiif mijattu ta’uu baattee Sheek Huseen, Soof Umar, Sayid Urgeessaa, Sayid Roobaa Garbii, Sayidaa Harroo…hundumaa teessoonsaanii iddoo biraa ta’eetu argina turre. Ummanni Oromoo hortee damee Baarentumaa ilmaan Sikkoofi Mandoo ta’e kan lafa har’a Godina Baalee jennuun kanarra jiraatu gosti Arsii kun aadaa waliin jireenyaa har’a mitii waggoota kumaatamaan dura qaba, beekas.
Akka carraa ta’ee lafti Madda Walaabuu kan uumaan ganamaa irraa kaateefi kan Oromoon hunduu maddasaa godhatee achitti of handhuuru, kan laga Gannaaleefi laga Waabee giduutti diriire, kan hardha ummanni Baalee irra jiraatu kun lafa dhiigaa osoo hintaane silaa akka ‘Jerusalem’ akka Makkaa lafa eebbifamaa ta’uutu malaaf ture. Ardaa Jilaa Oromootu salphate. Qe’ee safuu ganamaatti safuun cabe.
Hinxumurre
Torban ittifufa
Barreeffama kana jalabultii ayyaana Mawulidaattin barreesse. Duraan dursee hordoftoota amantii Islaamaa biyya koofi addunyaa maraan baga guyyaa dhaloota Nabiyyi keenya jaallatamaa tokkummaa ilmaan namaa cufaaf dhaabbatan, Nabi Muhammadiin (Nagayaafi Qananiin Rabbii Isaanirra haa jiraatu) Isin gahen jedha. Ayyaana Jaalalaafi Araaraa, kan barsiifata Isaanii kabajaafi tokkummaa dhala namaa hundaa ittiin dhugoomsuuf waadaa keenya itti haaromsinu nuuf haa ta’u.
Horaa Bulaa Deebanaa!
Hamiltan Abdulaziz
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012
One Comment to ““Bakka hinsehanneen bootti baati” jedha BAALE”