Dhalli namaa eddii bara lakkaawuu jalqabee fagoodha. Barkumee ykn miliniyeemii lama xumurree barkumee 3fa qabanneerra. Akka lakkoofsa Giriigooriyaaniitti eddii barkumee lama xumurree waggoonni 20 lakkaa’amaniiru.
Akka dhaha Juuliyaaniittimmoo barkumee 3fan eddii xumuramee waggaan 12 darbeera. Yoo jaarraan dhahames jaarraa 21fa keessa jirra. Kanaaf dhaloonni kun dhaloota barkumee 3fa ykn dhaloota jaarraa 21fati.
Dhalataan jaarraa kanaa carraqabeessa; dhaloota addunyaa garmalee hammayyoofte keessa jiraatuudha. Bu’aan qu’annoofi saayinsii addunyaa bal’oo gara ganda tokkootti waan fideef hunduu akka maatii tokkootti walbira oolee bula. Wanti gamasii dubbatame sakandiifi daqiiqaa keessatti tulluu qaari’ee, sulula qaxxaamuree gamana gaha. Meeshaaleen guyyaa guyyaan kalaqaman nama ajaa’ibsiisuu bira taree amanuuf nama naasisu. Jaarraa sammuun namaa garmalee misoome keessa jirra.
Kun gaariidha, ashuu jenna. Garuu hagasuma rakkoonis jira. Jaarraa akkanatti ammayyaa’ee keessatti dhalli namaa akkamitti waliin jiraata? Jaalalaan? Jibbaan? Walsimachuufi walhammachuun? Waldhiibuufi walballeessuun? Akkamitti walbulchaa jira? Qaweedhaan? Yaadaan?
Yaadni koo kan har’aa kan marmaaru toora kanarratti. Addunyaan tun waa lamaan bulti; yaadaafi humnaan ykn qawweedhaan. Gandi qaroomaniifi dinagdeen badhaadhaan tarsiimoo lama waan hordofan fakkaatu. Biyyasaanii qawweerra yaada mo’ataa filatu; dhimma keessoosaanitiif.
Ameerikaatti qawween dhuunfaan nama harka jiru darbee darbee miidhaa namaarraan geessisullee gareen qawwee hidhatee gamaa gamana dhaabbatee walitti dhukaasaa oolu hinjiru. Biriiteen, Jarman, Itilii, Firaansi, Jaappaaniifi kkf kanumatu jira. Ispeen kan murni waliin jiraachuufi walirraa foxxoquuf mormii guddaan keessa jiranittilee murni qawween yaadu hinjiru.
Tarsiimoon lammataa yaadaafi qawwee akka filannootti walbiratti qabachuudha. Kun tarsiimoo biyyaan alaarratti kan jiruudha. Dhimma biyya alaatiif yaada qofa osoo hintaane qawweedhanillee mo’atanii irra aanuu barbaadu. Kanaaf warri kun dorgomii meeshaa waraanaa omishuu keessa jiru. Ameerikaa, Ruusiyaa, Biriiteen, Firaansiifi kkf meeshaa waraanaa gabaaf qofa hinomishan. Yaada isaan mormu ittiin dhahuufillee ni tajaajilamu. Dhimma kanaaf meeshaaleen dhoksanii qabatanillee akka jiruudha. Tarsiimoon kun yaada isaanii kan biraarratti fe’uuf kan ittigargaaramaniidha.
Ameerikaan biyyoota Arabaa keessa yaadarra qawwee, mariirra humna fayyadamti. Sababiinsaas yaadniifi fedhiinsaanii yeroo hunda mo’achuu hindanda’u. Yaada warra biraatiinis mo’amuu hinbarbaadan.
Ardiin qawween keessatti dagaage ardii Eshiyaafi Afrikaatti. Eshiyaa keessa bakki olaantummaan qawwee irra caala mul’atummoo biyyoota baha jiddugalaatti. Kanneen akka Paakistaan, Afgaanistaaniifi Kooriyaa Kaabaas rakkoon kun ni dabalata.
Harka lafa jalaatiin qaamoleen akka waliigalteen dhabamu taasisan jiraatanillee rakkoo guddaan kan keessoosaaniiti. Siiriyaatti yaadaan waliigalamuurra qawween waliigaluun waan filatameefi biyyattiin akka hintaane taate. Dhalli namaa dhume, biyyaa ba’e, dinagdeen burkutaa’ee mallattoowwan aadaafi seenaa badan.
Israa’eeliifi Paalisteen jidduus kanumatu jira. Fedhiinsaanii walitti araaramu hindandeenye. Yaadnis walmo’atuu hindandeenye. Kanaaf yaada osoo hinta’in qawween olaantummaa argatee Israa’eel abbaa biyyaa Paalisteenonnimmoo warra biyya hinqabne ta’anii jiraatan.
Yemanittis dhalli namaa yaadan osoo hintaane qawween walitti haasa’aa jira. Yaadni walmo’achuu dhabee Paakistaanitti guyyaa guyyaan dhiigni namaa dhangala’aa jira. Afaganistaanittis sababa garaa garummaa yaadaatiin dhiiga walii xuruursuun heddummaataadha.
Ardii Afrikaattis kanumatu mul’ata. Ollaan teenya Sumaaliyaan sababa waliigalteen dhabameef waggaa 30 oliif murnoonni walitti dhukaasaa jiru. Sudaan addaanillee foxxoqxee rakkoon irraa hindhaabanne. Sudaan keessa rakkoon hanga mootummaa fonqolchuu gahe. Sudaan Kibbaa eddii biyya taatee boodas murni addaan qoodamee waltumaa jira. Liibiyaan eddii jigdee as biyyatti deebi’uu dadhabdee gidiraa keessa jirti. Ijibtiin hidhattoonni mootummaa falman gammoojii Sahaaraa keessatti falmaa jirti. Naayjeeriyaa, Kongoo, Ugaandaa ija kanaan ilaaluun ni danda’ama.
Kan biyya alaa hedduun odeesse. Kan keenya hoo maal fakkaata? Yaadanimoo qawween walmormina? moo lamaanuu walmaddii hoofaa jirra? Seenaan akka dhugoomsutti Itoophiyaatti qawweetu yaadarra olaantummaa qaba ture. Kan qawwee harkaa qabu waan fedhe kan murteessu, kan raawwatu, kan dhaanee boo’icha nama dhorku ture. Qawween ammallee olaantummaa argachuuf akka jiru wanti mul’isan jira.
Ministirri Muummeen Doktar Abiyyi gaafa aangootti dhufu jechoota miyaawaa olkaasee dubbate keessaa tokko “Yaada mo’ataa” kan jedhuudha. Yaada mo’ataan walhaadorgomnu jechaas ture. Yaada mo’ataa qabatanii walfalmanii kan abbaan seeraa yaada mo’ataa jedhee murteesserratti waliigalanii walbulchuun gaariidha.
Akkuma haadha mimmixaa sana hunduu kanuma kootu nama guba jedhullee abbaan murtii ummata. Garuu yaada ofii gabaatti baasanii madaalchisuufi gurgurachuun rakkoodha. Inni aangoorra jiru kan dorgomtootasaa ugguruudhaan koo qofa bitaa jedha. Warri uguramanimmoo yoo warri aangorra jiru ulaan itti cufe ulaa qawwee yaadu. Kan bara mootichaa, Dargiifi ABUT ta’es kanuma.
Har’as, aguugamee haa jiraatu malee qaamni meeshaa qabatee bosona keessa lo’uu jira. Fakkeenyaaf naannoo Oromiyaa keessatti warri bosona jiru Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jedhanii of waamu. Kuunimoo Shanee, ABO shanee jedhee waama. Maqaansaa waanuma fedhe haa ta’u garuu qaamni yaada mataasaa qabu kan deeggartoota qabu (guddaafi xiqqaa ta’uu danda’a) ni jira.
Naannoo Amaaraa keessas qamoleen hidhatanii socho’an ni jiru. Jaarmiyaaleen siyaasaa hedduunimmoo, kanneen duraan hidhannoo qaban dabalatee, Finfinnee keessatti yaadaan walhunkuraa ummatas burjaajessaa jiru. Kanaaf kannneen yaadaan walmorman, kanneen qawween walfalmanis biyya kana keessaa jiru. Ammaaf kanneen yaadaan walmormantu caala. Kan borii hoo?
Fedhiin kiyyas ta’ee kan ummataa gara falmii yaadaatti dhufuutu biyya fayyada. Fedhii dhuunfaa osoo hintaane fedhiin ummataa jiddugala ta’uu qaba. Haala amma jiruun qabsoon hidhannoo biyyaa barbaachisaa miti. Oromoofillee qabsoon meeshaa bu’aa hinqabu. Fakkeenyaaf; dhaabbileen siyaasaa Oromoo 10 olii biyya keessa socho’aa jiru. Qaamni mootummaa sochii isaan dhorge hinjiru. Walitti dhufaniis mari’achaa jiru. Waliigalanii tokko ta’uu dadhabuusaaniiti malee osoo isaan waliigalanii yaadaan dorgomanii qilleensi siyaasa biyya kanaa ni jijjirama. Jireenyi Oromoollee bu’uurarraa ni fooyya’a.
Qaamni bosona jirus osoo murnoota siyaasaa Oromoo kanatti makamee bu’aan dhufu boonsaa ta’a. Ummanni Oromoos ni fayyadama. Jawaar Mahaammad dhaaba siyaasaa miti garuu bosona Ameerikaatii ba’ee Finfinnee keessa jiraachuunsaa qabsoo ummata kanaa hangam fayyade ilaaluun ni danda’ama. Jaal Marroonis osoo itti dabalamee maaltu dhufuu akka danda’u tilmaamuun rakkoo miti. Garuu waloon socho’uu dhabuun ummata gatii kaffalchiisaa jira. Dhaabbileen siyaasaa jiranillee akka humna hingodhanne taasisa. Fakkeenyaaf, sababa “WBO” bosona jiruutiin ABOn cimuu hindandeenye. Hariiroo dura jirurraa ka’uun ija shakkiin ilaalama.
Gama biraatiin sababa qaama bosona jiru kanaan ummanni dararamaa jira. Obboleeyyanis dhiiga walii jigsaa jiru. Godinaalee Qellem Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujii Lixaafi Gujiitti akkasumas Booranatti wanti ta’aa jiru akka lammii tokkootti nama gaddisiisa. Ummanni bara dheeraaf nagaadhaan jiraatu ba’ee galuu dadhabaa jira.
Gooftota lamatu naannawa sana jira. Gooftaan tokko mootummaadha. Gooftaan biraa qaama hidhatee bosona keessa jiru kana. Ummanni gooftota kamiif akka bulu rakkatee gidiraa argaa jira. Lameenuu humna qabu; lameenuu ni ajjeesu; lameenuu ni saamu, lameenuu ni hidhu, lameenuu ummata dararu. Sababa kanaan ummanni jiruufi jireenya keessaa baheera. Jireenyi itti qaala’uu bira taree itti dukkanaa’aa jira.
Qonnaan bulaan qotee hinfacaafatu. Fachaasee hinaramatu. Haamee hindha’atu. Rakkoo sukaneessaa keessa jira. Walitti gurguruufi walirraa bituun rakkoo keessa galaa jira. Kanaaf malli maali? Malli Maalii? Malli Maalii? jette weellistuu Ilfinash Qannoo.
Gama kanaan osoo akkuma warri faranjii biyya keessatti yaadaan walmoo’uuf yaalan sana keenyallee qawwee lafa godhee gara yaadaatti deebi’ee gaariidha. Qaamoleen bosona jiranis meeshaa lafa godhanii gara yaadaatti dhufuu qabu. Mootummaanis waraanasaa mooraatti galchuu qaba; ummata siviilii keessaa baasee. Kanaafimmoo jaarsummaan barbaachisadha. Qaamni jarreen lamaan walitti fiduufi walitti araarsu jiraachuu qaba. Kana malee rakkoon ummataa hinfuramtu.
Akka yaada kootitti amma Oromoo qabsoon hidhannoo hinbarbaachisu. Haalli siyaasaa kun tasgabbaa’aa deemnaan qawweerra yaadatu ummata fayyada. Jaarraan kunillee jaarraa qabsoo hidhannoo deeggaruu miti. Ummanni garuu akkamitti karaa seera qabeessaan meeshaa ittiin of eegu qabaachuu qaba kan jedhurratti mootummaan naannoo hojjechuu qaba. Sababiinsaas baroota dheeraaf ummanni Oromoo meeshaa akka hinqabaanne seeraan dhorgamaa waan tureefi. Kanaaf waanan beekun kaasa.
Bara 1984, akkuma Wayyaaneen Fininnee qabatteen, bara chaartarii sana labsii ta’uu qajeelfamni tokko bahee ture. Innis ummanni bara Dargii naannoo qabsoon itti gaggeeffamaa ture keessa jiru meeshaasaa waraanaa qabatee akka turu, ummanni naannoo kanaan ala jirummoo meeshaa akka hiikkatu kan jedhuudha.
Labsii kanaan ummanni Tigraayii akka jirutti meeshaan loltuu Dargiirraa saamame harkatti galfate. Ummanni Amaaraa hedduunis carraa kanaan fayyadamee meeshaa waraanaa of-harkatti hambifateera; keessattuu Gondoriifi Walloo keessa kan jiru.
Ummanni Oromoo garuu kan duraa harkaa qabu‘mulluci’ godhee akka hiikkatu taasisame. OPDOnis ummata keenyarraa qawwee hiiksisuudhaan amanamummaashii mirkaneessite. Ummanni kibbaas akkuma Oromoo hiikkatee. Haala kanaan ummanni biyyattii gartokkeen kan hidhate gartokkeenimmoo akka hiikkatu taasisame.
Kanaafimmoo ummata biyyattii marayyuu hiikkachiisuu ykn ammoo biyyattiitti meeshaa qaabaachuun seeraan eeyyamamuu qaba. Ykn ummanni Oromoos karaa seeraatiin akka hidhatu taasisamuu qaba. Qabsoo bosonaarra kanatu Oromoof fala.
Akka waliigalaatti addunyaarratti biyyoota hedduutti yaadaan walmo’achuun rakkoodha. Biyyi keenyas rakkoo kana keessa jirti. Garuu kan filatamu yaada fudhatamaafi mo’ataan biyya gaggeessuutu filatama. Kan dursuu qabus kana. Kan deegaramuu qabus qabsoo meeshaa osoo hintaane qabsoo yaadaati.
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012
3 Comments to “Yaadaan walmo’achuu: Siyaasa qaroominaafi ammayyaa’aa”