Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknolojiiwwan qonnaa adda addaa baasuu, madaqsuufi babal’isuudhaan akkasumas sanyiiwwan midhaaniifi beelladootaa omisha fooyya’aa kennan qorannoodhaan baasee omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira. Gareen hooggantoota inistiitiyuutichaan durfamu torbee darbe hojiilee Giddugalawwan Qorannoo Qonnaa Biyyee Baatuu, Adaamii Tulluufi Maandisummaa Qonnaa Asallaatiin raawwatamaa jiran daawwateera.
Ittigaafatamaan Giddugala Qorannoo Biyyee Baatuu Obbo Xilaahuun Abarraa akka jedhanitti, giddugalichi gabbina biyyee irratti qorannoo geggeessuudhaan kaartaa gabbina biyyee qopheesseera. Kaartaan kun qonnaan bulaan xaa’oo hanga biyyee sanaaf barbaachisu qofa akka fayyadamu kan taasisuudha. Giddugalichi bara omishaa 2011/12 Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti qonnaan bultoonni kilaasteraan lafa heektaara 27 irratti qamadiifi xaafii akka facaasan taasisuudhaan teknolojii kana waliin akka walbaran taasiseera jedhu.
Albuudota biyyee keessa jiran qoratamanii beekuun xaa’oo biyyeen sun qofa itti dabaluuf gargaara kan jedhan ittigaafatamichi, teknolojiin kun qonnaan bulaan xaa’oo hanga barbaachisu qofa biyyeetti dabalee omisha fooyya’aa akka argatu taasisa.
Giddugalichatti Qorataan Sakatta’iinsa Qabeenya Biyyee Obbo Rattaa Warquu akka jedhanitti, albuudawwan biyyee keessa jiran beeknee xaa’oo hanga barbaachisu yoo itti daballe omishaafi omishtummaa fooyya’aan akka argamu taasisa. Xaa’oo tilmaamaan biyyeetti dabaluun itti baay’atee midhaan biqile gubuu ykn jigsuu waan danda’uuf hanga xaa’oo biyyeen suniifi midhaan faca’u barbaadu beekuun barbaachisaa ta’uufi teknolojii kana fayyadamuun lafa hektaara tokkorratti omishaafi omishtummaa qonnaa %24n guddisuu danda’a.
Obbo Tsaggaayee Immiruu Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Lumuu Ganda Kaarraa Fincaa’aa jiraatu. Qonnaan bulaan kun akka jedhanitti, kilaasteraan qotuu, sanyii filatamaa fayyadamuu, sararaan facaasuufi hanga xaa’oo biyyeen sun barbaadu qofa biyyeetti dabalanii omishuudhaan callaa fooyya’aa kan argatan ta’uu dubbatu.
Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti, Dursaan Garee Nyaata Beeladootaa Obbo Nabii Huseen akka jedhanitti, giddugalichi sanyii margaa nyaata beelladootaaf oolu kan ‘Roodasii’ jedhamu lafa heektaara 10 irratti omisheera. Margi kun altokko erga faca’ee hanga waggoota shaniitti omisha gaarii kan kennu yoo ta’u, omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Qonnaan bultoonni marga kana yoo omishan akka madda galiitti kan gargaaru ta’uu himu.
Giddugalichatti Qorataan Lukkuu Obbo Tasfaa Galataa akka jedhanitti, giddugalichi mana lukkuu haaraa sadarkaasaa eeggateefi tokkoonsaa kan bilookiiwwan ja’a qabu akkasuams hanga lukkuuwwan 600 qabachuu danda’u ijaaruudhaan sanyii lukkuuwwan omisha fooyya’oo kennanii qorannoodhaan baasee qonnaan bultootaaf raabsuuf hojjechaa jira.
Ittigaafatamaan Giddugala Qorannoo Maandisummaa Qonnaa Asallaa Obbo Ayyaalewu Baqqalaa akka jedhanitti, giddugalichi teknolojiiwwan qonnaa baasuu, beeksisuufi qonnaan bultootaaf dhiyeessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Waggoota sadan darbanitti teknolojiiwwan qonnaa 11 baaseera. Hanqinni humna ibsaa giddugalichi hojiisaa humna guutuun akka hinhojjenne taasiseera jedhu.
Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti, Qindeessaan Sagantaa Guddina Qonnaa Doktar Daanyaachoo Lulee ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, inistiituyuutichi omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf giddugaleessawwansaa 17tti midhaan, biyyee, makaaniiyzeeshinii qonnaa, beelladootaafi qabeenya uumamaarratti qorannoo taasisaa kan jiru yoo ta’u, waggoota 20 darban keessatti sanyiiwwan midhaanii fooyya’oo 149 qorannoodhaan kan baase ta’uu himaniiru.
Qorannoo biyyeerratti adeemsisuudhaan albuudawwan biyyee keessa jiraniifi kanneen hanqina qaban adda baasuudhaan qonnaan bulaan akaakuu albuudaa hir’ate qofa itti dabalee sanyiin akka facaasu taasifamaa jiraachuu himanii, teknolojiin kun omishaafi omishuttummaa qonnaa dabaluurra darbee baasii qonnaan bulaa kanaan dura xaa’oof baasaa kan hir’isu ta’uu himaniiru.
Inistiitiyuutichis hojiilee jiruufi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiru hedduu raawwachaa jiraachuu himanii, yeroo dhiyoo as giddugaleessawwansaa ja’a keessatti sanyii bunaa omisha fooyya’aa kennu qorannoodhaan baasee qonnaan bulaaf dhiyeessaa jira. Qorannoo lukkuu bal’inaan adeemsisuuf Giddugala Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti qarshii miliyoona 6.7n kan hojjetame ta’uus himaniiru.
Teekinoolojiiwwan qonnaa hanga ammaatti bahanitti utuu sirriitti fayyadamnee omishaafi omishtummaa keenya dachaadhaan dabaluu dandeenya kan jedhan Doktar Daanyaachoon, mootummaanis damee qonnaatiif bajata gahaa ramaduufi isa hordofuu akka qabu yaadachiisaniiru. Milkaa’ina hojii inistiitiyutichaatiif deggersi Baankiin Addnyaafi dhaabbiileen deggertootaa olaanaa ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012
2 Comments to ““Utuu teknolojiiwwanitti sirnaan fayyadamnee omishtummaa dachaan dabaluu dandeenya” -Doktar Daanyaachoo Lulee”