Vaayirasii ‘HIV’ dagachuun, vaayirasiin ‘HIV’ nama dagachuu miti!

Waa’ee vaayirasii HIV namni hubannoo hinqabne hangi ta’e jiraachuu mala. Namni tasuma dhageettii hinqabne jira jechuun garuu ulfaataadha. Namni kamuu dhageettiifi hubannoo yoo qabaate, haga fedhes yoo waa’ee vaayirasii kanaa dubbiseera yoo ta’e, vaayirasii HIV jireenya guyyaa guyyaa keessatti haga “hin yaadanetti” homaa waan fayyadu miti, vaayirasichi jireenya isaa guyyaa guyyaan waan nama yaadataa ooluuf!

Haalli amma keessa jirru waan vaayirasiin HIV yeroo ta’e tokko walqunnaamtii saalaa of eeggaannoo hin qabneen daddarbaa ture malee daddarbaa jiru haga fakkaachuu dhiisuutti ga’ee jira.

Dhukkubni HIV/AIDs erga guyyaa qaama dhala namaa keessatti argamee eegalee namoota milyoona 75 ol kan qabatee fi namoota miliyoona 32 ta’an kan lubbuun galaafate dha. Haga xumura bara 2018 akka lakkoofsa warra Awurooppaatti, namoonni miliyoona 38 ta’an vaayirasii HIV kana waliin jiraatu.

Akkuma yeroo mara kaafnu dhukkubni kun jalqaba kan argame biyya guddatte Ameerikaa keessatti haa ta’u malee yeroo ammaa kan inni baay’inaan hubaa jiru biyyoota Afrikaati. Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa gabaasetti bakkaa bakkatti argamni dhukkuba HIV garaagarummaa qabaatus biyya afrikaa keessa namoota 25 keessaa namni 1 HIV waliin akka jiraatudha. Kun lakkoofsa baay’ee olka’aa fi sadarkaa sodaachisaa irra jirudha.

Gara biyya keenya Itiyoophiyaatti yoo deebinu, baruma kana jechuun bara 2018 keessa namoonni baay’inaan kuma dhibba torba (7,00,000) ta’an vayirasii HIV kana waliin kan jiraatan yoo ta’u, namoonni kuma digdamii sadii (23,000) ta’an ammoo wagga keessatti dhukkuba kanaan qabamu.

Akka lakkoofsi kun dubbatutti kan waggoota kurnan darbanii irraa haga ta’e hir’atus, vaayirasiin HIV ammallee akka guyyaa guyyaatti namni itti daddarbaa, lubbuu galaafataa, daa’imman haadhaa fi abbaa malee lafa duwwaatti hambisaa ooluun kan dhaabate miti. Vaayirasii HIV kana waliin osoo jiraatanii akka waliin jiran kan hin beekne namoota hedduudha. Kun immoo vaayirasii kana akka ofii qabanuu osoo hin beekiin nama biraatti kan dabarsan hedduu jiraachuu mul’isa.

Miidiyaaleen, dhaabbileen garagaraa fi bakka namoonni waliitti qabaman irraa kaasee hanga nama dhuunfaatti waa’ee dhukkuba HIV duraan hubannoo fi odeeffannoon akka kennamaa ture ni beekama. Amma yoo ilaalle garuu waa’een vaayirasiin HIV kanaa waan dagatamaa dhufe fakkaata. Waa’e HIV wal yaadachiifna jechuutu salphata, hunduu ni beeka waan ta’eef.

Haa ta’u garuu har’allee akka duranii hubannoo uumamuu, namni lubbuu ofii eeggachuu fi of irra taree lubbuu nama biroo vaayirasii kana irraa baraaruuf tattafaachuu qabaan dhaamsa keenya. Waa’ee vaayirasii kanaa barreefama takkaan xumuruu baannus irra irraan walyaadachiifna jennee kan qopheessine waliin haa ilaallu.

Dhangala’aa qaamaa keessaa vaayirasiin HIV kun kanneen kam keessatti argamaaa?

Dhangala’aa qaama namaa keessaa kan Vaayirasiin HIV kun keessatti argamu: dhiiga, sanyii kormaa qaamaa dhiiraa keessaa dhangala’u fi dhangala’aa qaama saalaa dubartii keessaa dhangala’u fi aannan harmaati. Vayirasiin HIV nama baataa vaayirasii kana waliin jiraatu irraa gara nama fayyaatti darbuudhaaf dhangala’oon kun gara qaama nama fayyaa ta’eetti seenuun dirqama.

Daddarbuu dhukkuba kanaa ilaalchisee akkuma beekamu walqunnaamtiin saalaa “of eeggannoo hin qabne” daandii isaa isa jalqabaati. Walumaa galatti HIV’n kan namaa namatti daddarbu dhibbeentaa 95% ol daandii kanaani.

Kanneen biroo akka haadha irraa gara daa’imaatti yeroo da’umsaa darbuu, meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuun daddarbuu, dhiiga hin qoratamiin fudhachuunii fi kkf daddarbuu illeen ni jiru.

Vaayirasiin HIV kun haga baay’ee xiqqaa ta’ee (carraan darbuu isaa haala baay’ee gadi bu’aa ta’een) karaa dhungoo afaanii baay’ee gadi fagoo ta’ee (deep open mouth kissing) yoo jarri lameen madaa afaan irraa kan qaban yokaan irgi ilkaan isaanii kan dhiigu ta’e, akkasumas madaan qaama namaa fayyaa kan banaa ta’e dhangala’aa armaan olitti ibsame kan nama vaayirasii kana waliin jiraatu waliin yoo walitti makame carraan hedduu xiqqoo vayiresiin HIV kun daddarbuu ni jirti.

Vayirasiin HIV dhangala’aa imimmaanii fi dafqaa kan dhiiga of keessaatti hin makanneen hin daddarbu, gogaa namaa kan hin madaa’iin uree seenuu hin danda’u, bookeen nama tokko cinintee kan biraatti dabarsuu hin dandeessu, qodaa namni vayirasiii kana qabu ittin dhuguudhaan fi maddii irra wal dhungachuun hin daddarbu.

Kan sodaachuu qabnu vayirasii HIV of qorachiisuu osoo hin taane, Of qorachiisuu dhiisuu dha, maaliif?

Vaayirasiin HIV erga qaama namaa seenee booda akkuma beekamu, dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu/dhorkuu qaamaa hubee hanga ba’ee mallattoo garaa gara argisiisutti wagga 7 haga 10 turuu mala. Kana jechuun garuu vaayirasiin sun yoo qaama keessa jiraate yaala hin barbaadu jechuu miti.

Mallattoo kan argisiisu erga qaama namaa hedduu miidhee, dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa ajjeesee dhukkuboota dabalataa biroo namatti fidee booda. Sadarkaa sanarra osoo hin ga’iin, yoo qoratamanii vaayirasiin kun nama keessaa jirachuu beekan garuu, qoricha fudhachuudhaan jireenya ofii haala gaaridhaan itti fufuun ni danda’ama, kanaaf qoratamuun kan soodaatamuu hin qabne.

Vaayirasiin kun qoratamnaan kan dhiiga namaa keessa hin jirre yoo ta’e, haala jiru irratti hundaa’ee qorannoo dhiigaa kana ji’a sadii booda irra deebi’uun dirqama. Sababni isaas vaayiresiin kun erga qaama namaa seenee haga ji’a sadii mul’achuu dhiisuu waan maluuf jechuudha. Qorannoo kun erga godhamee booda vaayirasiin HIV kun dhiiga keessa kan hin jirre yoo ta’e, sana booda jireenya ofii vaayirasii kanarraa bilisatti eeguun waan gorsa barbaadu miti.

Walqunnaamntii saalaa gochuu dhiisuu (abstinence), jalaallee ofii waliin waliif amanamuu, yoo kun dadhabme ammoo koondomii yeroo mara seeraan fayyadamuun vaayirasii kana irraa ofeeguun ni danda’ama. Meeshaalee qara qaban akka qortuu qeensaa fi waraantuu (lilmoo) wali wajjiin fayyadamuu dhiisuun illee dirqama. Vayirasii HIV jireenya guyya guyyaa keessatti dagachuu hinqabnu..

Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

Recommended For You

8 Comments to “Vaayirasii ‘HIV’ dagachuun, vaayirasiin ‘HIV’ nama dagachuu miti!”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *