Oromoon waan hundaafuu jecha hindhabu. Cigoofi mammaaksi yaada bal’aa gabaabsee haala namaa galuun bareechee hima. Barsiisaan koo tokko yunivarsiitiitti “Mammaaksi Oromoo falaasama” jedhee kutaa keessatti nutti himaa ture. Kanaaf, mee anis mammaaksa abbootii keenyarraa dhaalleen yaada koo haa jalqabu.
Sangaa tokkotu sigiggaatee qilee bu’ee achumatti hafe. Tikseen argitee warratti iyyite, odeeffannoo qilee bu’uu sangichaa nama biraan ga’uuf. Abbaa sangichaa dabalatee namoonni ollaa jiran hunduu birmatanii bakka sangaan qilee itti lixe ga’an.
Namoota birmatan keessaa kuun ablee baatanii turan. Kunimmoo funyoo ittiin harkisanii qilee keessaa ittiin baasaniifi marga qabatanii lubbuudhaaf dhaqqaban. Yoo bira ga’anuu sangaan qilee keessa wixxirfata. Warri funyoo qabatee dhaqe harkisanii qilee keessaa baasanii afuurri itti deebinaan marga harkaa qaban laataniif.
Lubbuun sangaa keessaa ba’uuf turtes itti deebite. Sangichis waan ta’e hunda ajaa’ibsiifatee “Bagan qilee dhaqee osoo hin du’in keessaa bahee” jedhe dubbate jedhama.
Namoota birmatan keessaa tokko “Maaliif akkana jettaa?” jedhee gaafate. Innis deebisee “Kan ablenis natti kaate, kan funyoofi margaanis na dhaqabe adda baafadhee argee” jedhen jedhama.
Isinillee mammaaksa kana maaltu fide? naan jechuu dandeessu. Haaluma naannoo keenya jirutu gara kanatti na fidaa jira. Taateen tokko waan namatti agarsiisu qaba. Gaaris yaraas irraa baratu, akkuma sangaa kanaa.
Torbee darbee Kibxata halkan Roobitti bari’u taateen tokko biyya keenya keessatti uumamee akka ture eenyuu ni yaadata. Aktivistii beekamaafi qabsaa’aan mirga namoomaa Jawaar Mahaammad “Eegdonnikoo osoo ani hinbeekiin halkan narraa kaasuufi” jedhee waa barreessee feesbuukii isaarratti maxxansuu wajjin walqabatee wanti deggertotasaafi ummata Oromoo naasise uumameera.
Ummanni gochaa kana karaa nagaan balaaleffachuuf halkansana manaa bahe. Garuu wanti hin eegamne uumame. Farreen nageenyaa ummata nagaan manaa bahe kanarratti tarkaanfii adda addaa fudhatan, dallansuu keessa galchan.
Kanumaan walqabatee magaalota gara baha Finfinnee jiran keessatti harcaatuun nafxanyaafi jala deemtuun jaraa ummataafi ummata walitti buuste. Sababa kanaan lubbuu namoota hedduu galaafatameera. Kan jireenyisaa jeeqame, kan buqqa’es ni jira. Kun nama gaddisiisa, gochaa fudhatama hin qabne. Ummata waliin jiraate walnyaachisuuf yaaduun balaalefatamuu qaba.
Taatee kana irraa akkuma sangaa kufee qilee bu’ee deebi’ee ba’ee sana waan hedduu irraa baranna. Kan nagaa buusuuf kaataa turellee agarre. Kan ablee qaratee ummata Oromoo miiraa hintaane keessa galchuuf kaataa turellee daawwanne. Jaarmiyaaleen tortoranii ummanni ajeeffatee Finfinnee keessatti kosii ta’an carraa kanatti fayyadamuuf olii gadi kaachaa turuusaanillee mil’anne.
Qamoleen olaantummaa sirna tokkottiif dhaabbataniifi sirna nafxanyaa jajaa turanillee ummata sanyiin walitti buusuuf meeshaafi dhagaa waliif kennaa turan. Gochaan taatee kana wajjin uumame milkaa’uu baatus ummataaf, keessattuu Oromoof, mootummaaf dhaamsa gaarii dabarseera; yoo dhuguma mootummaan ummata dhagahu jiraate.
Ummanni kamuu kan jibbe balaaleffachuuf kan jaalate deggaruuf mirga qaba. Wanti dirqamaan kana jaallu, sana jibbi jedhamu hinjiru. Qeerroofi qarreen Oromoo Jawaariif birmachuun rakkoo miti. Osoo ta’ee mootummatu dura birmatee ummata manatti deebisa, kunis ta’uu dhiisun rakkoodha.
Akka dhugaatti garuu aadaa gaarii walii birmachuu qabna. Ollaa yoo walitti bu’e ykn iyye kan dhaqabu ollaadha. Jawaar nama siyaasaa addunyaarratti beekamtii guddaa qabuufi nama deggartoota bal’aa of duuka hiriirseef maaliif birmattan hin jedhamu.
Dhimma Jawaariin walqabatee jirurratti yaada tokkon qaba. Jawaar nama. Akkuma nama kamiyyuu seeraa olii miti. Yoo balleessaa qabaate akkuma nama kami karaa seeraan gaafatamuu qaba. Olola jibbaatiin seeraan ala dararamuus hin qabu.
Eegumsis taasifamuufinsaa dirqama. Sababa kanaan walqabatee Jawaar bira taramee ololli jibbaa guddaan ummata Oromoorratti kallattii hedduun oofamaa jira. Kunis sirrii miti. Jawaar jaalachuufi jibbuun mirga ta’us Jawaar akka hidhamu ykn akka ajjeefamu olola oofuun balaa qaba.
Ololli dogoggoraa ummata guddaa kanarratti deemaa jirullee sirrii miti. Ummanni kun ati saba kami? Ati eessaa dhufte? Ati amantaa kam hordofta? Ati gosti kee kami? jedhee osoo adda hin qoodiin sabaafi sablammiilee biyya kana keessa jiru hundaa haammatee jiraata.
Mee Oromoo, Guraagee ykn Gaamoo meeqatu magaalaa Maqalee ykn Aksum ykn Adwaa keessa jiraata? Akkasumas Kambaataa, Walaayitaa, Somaalee meeqatu Baahir Daar ykn Gondar jiraata laata? Magaalaa Adaamaa, Asallaa, Dirree Dawaa, Ciroo keessa sabootaafi sablammoota meeqatu jiraata? Ummata kanarratti jibbi daangaa hinqabne oofamaa jira.
Olola jibba kana keessatti midiyaan ala qaamoleen biraallee akka jiran ifaan ifatti mul’ataa jira. Fakkeenyaaf qaamolee muraasa haa ilaallu.
Hoggantoota dhaabbilee amantii: Amma hubannoo kootiitti dhaabbileen amantii gartummaa hin qaban. Dhugaa dubbatanii ummata qabbaneessu malee oduu arbeessanii ummata walitti hin naqan, jibbaaf hin kakaasanis. Gama kanaan dhaabbileen amantii hedduun gaheesaanii bahatan galateeffamuu qabu.
Garuu dabtaraawwan tokko tokko qeesii isa guddicha irraa eegalee dhaamsi, “Kiristaanni dhume” jedhu; kan ummata walitti buusu darbaa ture. Qeesiin dubbii sobaan imimmaan buusee boo’us midiyaa hawaasarra naanna’aa ture.
Namni hinduune hin jedhu. Taatee uumameen Poolisiin nagaa eegu du’eera. Kiristaannis du’eera. Muusilimnis du’eera. Pirotestaantinis lubbuun darbeera. Jaarsa waggaa 80ti hanga ijoollee qacaleetti Ambootti du’aniiru.
Kuni hunduu akka lammiitti nu gaddisiisa. Nu boochisas garuu amantaa tokko qofarratti dhumaatiin addaa akka raawwatetti midiyaan olola oofuun nagaa buusuuf osoo hin taane jeequmsa dabalataa uumuun ummata wal-ficisiisuun siyaasa gurgurachuufi. Kanaaf olola gara tokkotti duufee deemaa jiru kana mootummaan sirreessuu qaba.
Dhimma amantiin walqabatee gaazexaa kanarratti ji’a tokko dura mata duree “Finxaaleyyii Bataskaana da’eefatan” jedhuun yaada tokko tokko kaaseen ture. Wantin barreeffama sana keessatti dhiyeessaa ture taatee torbee kana Oromiyaa keessatti ifatti mul’ateera. Kashlabbeewwan aangoo barbaadan Bataskaana da’eefatanii wanti hojjechaa jiran ilaalcha jaarraa 21fa wajjin kan hindeemne waan ta’eef osoo of sirreessanii gaariidha.
Amantiin kamiyyuu kabajamuu qaba. Amantiin kirstaanaafi manni amantii ulfina qaba. Masjidnis kabajamuu qaba. Manni amantaa pirotestaantiis kabajamuun dirqama. Garuu amantii da’oo godhatanii saba kamiyyuu miidhuun yakka. Olola jibbaa irratti hoofuun fokkataadha.
Paartilee Siyaasaa: Taatee torbee darbe uumamerratti ejjennoon dhaabbilee siyaasaallee kana nama ajaa’ibsiisuudha. Addi Bilisummaa Ummata Tigiraayi(ABUT) galgalaa ganama ibsa ejjennoo baasuun beekamu sun riphee waan bu’aa addaa eegaa jiru fakkaata. ODPn hanga danda’ametti, turtus, ummata tasgabbeesuuf yaalteeti. Aggaammii Jawaarirratti raawwates ‘dogongora’ jechuun afuura baafatteetti.
ADPn, dhirsa harree sun, akkuma amalashii gandarra deemtee dibbee rukutaa turte. Warri Birish ykn EZEMA akkuma amalasaanii qaxxaamuraan aangoo gomojja’aa turan. Filannoon haa turu jedhanii, kan bara dargii baran sana “Mootummaan ce’umsaa amma!” jechuuf eenyu sodaatan laata?
Jarri kun akkuma ofii wal-nyaachaa turan sana ummatas walnyaachisuuf fedhii akka qaban argineerra. Ummata adda qoodanii walitti buusuuf wanti taasisan nama gaddisiisa.
Gama biraan ammoo, “Jawaar seeratti dhihaachuu qaba” jedhanii ibsa ejjennoo baasuun mirgasaanii ta’ullee waan isaan booda uumamu herreguu hindandeenye ykn herrega dheebuu saniin ilaalan. Garuu abadan kun akka hin taane beekamaadha.
Gaangeen funyoo kutte jennaan ofittuu jabeessite jedha Oromoon. Duraa ummanni ni beekaa ammamoo kaayyoo warra waloo (ahadawiyaan) ummanni caalatti hubateera. Garuu tarsiimoo “Ijaarama gandaa” jedhanii shiraan ollaafi ollaan walitti buusuufi wal-ajjeesisuuf deemamu kana mootummaan callisuu hinqabu. Jarri kun maallaqa qabaniifi ummata bicuutti gargaaramuuf yaalu. Ummanni kabajamaafi hojjatee bulaa akka ummata Gaamoo akka gaachanaatti of fuuldura qabu.
Gama kanaan rakkoon bara tare Buraayyuutti uumame ummanni lamaan eddii araaraan fixanii booda baranas rakkoo walfakkaatu Sabbata, Walatteetti, uumuunsaanii fedhiisaanii dhiiga ummata biraatiin guuttachuuf yaaliisaan taasisan agarsiisa. Kanaaf ummanni saba biraa Oromiyaa keessa jiraatu kamiyyuu gama kanaan of eeggachuu qaba. Meeshaa jara kanaa ta’ee ummata jaalalaan waliin jiraatuun walitti bu’uu hinqabu.
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo wanti gochaa jiran gaariidha. Baay’eensaanii beekumsa siyaasaa bara dheeraafi muuxannoo gabbataa waan qabaniif ummata qabbaneessuuf dafanii walitti dhufanii murtiin dabarsan gaariidha. Osoo isaan dubbii arbeessanii wanti biyya kanatti uumamuu danda’u tilmaamuun nama hin dhibu. Ammas mariin walitti dhufanii taasisan biyya kanaaf murteessaadha.
Irra caalaammoo ummata Oromoo ololli jibbaa gama hundaan irratti deemaa jiru kana tasgabeessuufi miiraan waan biraa keessa akka hin galle gargaara. Oromoon yeroo hunda tokkummaa qabsoo mooraa Oromoo akka bakka tokkotti dhufu barbaadaa jiru sun dhugoomaa jira. Haalli biyyattii keessa jirullee tokkummaa kanaaf gahee mataasaa taphachaa jira.
Yoo tokkoomuu baatan isaanuu tokko tokkoon guuranii dabareen liqimsuuf warri yaadan akka jiran beekamaada. Kanaaf akkuma faranjichi, “Join or die” jedhe sana. Doktar Mararaan “Mattabaabar wayim massabaabar” jedhan sana. Hoggantoonni Oromoo yoo tokkooman ololli kamiyyuu oromoo hin cabsu. Shirri kamiyyuu Oromoo amantiin adda hindiigu.
Duula Midiyaalee: Midiyaa hawaasaas ta’e kan idilee jidduu kana kallattiinis ta’e al kallatiin ummata Oromoorratti duulaa turan, kan maqaa Oromootiin socho’aniin ala. Midiyaan ummanni Oromoo qallaba safaruuf yoo Oromootti duulu biyya kana seerri jiraa nama jechisiisa.
Efi emmiiwwan(FM) niyoo-nafxanyaan qabaman jibba ummata Oromoorratti lallabaa jiran kan biyya tokkoomsu osoo hin taane kan biyya diiguudha.
TVn dhuunfaa lakkoofsisaanii hinbeekamne jidduu kana Oromoorratti duuluuf karaa argataniiru. Keessattuu ‘ESAT’ kan jedhamu adda. Haaloo ummata Oromoorraa qabu hinbeekamu. Jawaar du’uu qaba jedhanii warri guyyaa adiin lallaban isaani. Jawaar du’uu dhiisuunsaas akka abidda faana keessaa gubee isaan maraachaa jira. Mootummaan, yoo danda’e, midiyaa kana yoo sirreessuu baate haalli itti lallabaa jiran kun balaa biraa geessisuu danda’a.
Akkuma waliigalaatti haalli nageenyaa biyya keenya keessa jiru yaaddessaadha. Mootummaan dhimma kana tasgabbiin ilaalee yoo sirreessuu baate bori kan caalutu dhufa. Kanaaf gogaa jidhaa maru akkuma jedhamu wantoonni ta’aa jiran kun kichuutti maramuu qabu.
Nagaan ummata hundaaf!
Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012
Dachaasaa Roorrootiin
3 Comments to “Jibba facaasanii nagaa hin funaanan”