Kutaa 2fa
Harka fuune, jirra jirtuu yaa lammii koo…
Maatiin Bariisaa fayyaa keessanii?
Maxxansa keenya Onkololeessa 8 bara 2012tiin waa’ee “Ida’amuu” kana isin taphsiisaa tureen haasaa koo isa hafe kutaa lammaffaatiin torbee akka walitti deebinu waadaa isiniif galee addaan baanus sababa humnaa oliitiin torban darbe isinii dhiheessuu hindandeenye. Egaa addunyaan keenya gama hundaanuu sochii saffisaa keessa jirti. Akkuma dhihee bari’uun waan haaraa, ajandaa haaraa keessatti of arguun waanuma baratamaa dhufe ta’eera.
Barreeffama koo isa torbee kanaatiin ofuma koo wajjiniin walfalmaa hamaa keessa galeera anumtu. Mataduree torbee darbeetan isiniif qooda moo taateewwan gidduu kanaarratti waa jedha isa jedhu gidduun garmaama. Sababiinsaas taatee guddaa tokkotu dhalate. Aggaammii ajjeechaa qaroo sabaa Aktivistii mirga namoomaa, xiinxalaa siyaasaafi Daareektara OMN Obbo Jawaar Mohaammad irratti raawwatameedha.
Dhugaa dubbachuuf nama akka isaa qabsoo siyaasaa jabanaa keessatti milkaa’eef hinargine ani gama kootiin. Dogongora hamaa mooraa qabsoo Oromoo keessatti waggoota shanan qabsichi itti finiine keessatti gaaga’ama qalbii ummataa cabse kan yeroo duraatiif argameedha.
Oromoo jechuun Jawaar jechuu, Jawaar jechuunis Oromoo jechuudha sadarkaa nama jechisiisutti nama hamileefi qorqalbii hawaasichaa beekee, hogganee injifannoodhaan qaqqabsiiseedha.
Oromoodhaaf nama kana dhabuu jechuun dukkana garbummaa isa jalqabaa sanatti deebi’uu jechuudha. Kanaafi Oromoon battala odeeffannoo aggammii sanaa dhagaheen iddoo jiru hundaa walitti lallabatee qe’ee Jawaaritti kan walga’e.
Qeerroofi qarreen achitti walitti ida’aman. Ida’amuu isaaniitiinis karoora diinaa fashaleessuudhaan kabaja ummatasaatiif gonfachiise. Kun bu’aa ida’amuuti, bu’aa falaasama sirna gadaa kan muummichi keenya qabatanii addunyaaf gumaachuuf abbalan jechuudha.
Ida’amuuf haa galatuutii yeroo rakkoo hammaataa akkasii keessatti tokkummaa bu’aa ida’amuutiin balaa dhufe deebisuudhaan irree tokkummaasaa ittiin cimsachuuf danda’eera ummanni Oromoo. Dhugaa dubbachuuf gurri Seexanaa hindhagahin malee otuu guyyaa sana karoorri diinaa milkaa’eera ta’ee, otoo mucaan kun gaafa sana waa ta’eera ta’ee har’a wanti hunduu akka kana hinbareedu ture.
Balaa hammaataa dhumaatii sanyii namaafi walfixiinsa ilma namaa kan qaqqabsiisuu ture. Otoo akkuma yaadame, humna eeggumsaa Obbo Jawaar Mohaammad shiraan biraa miliqsanii kashlabboota ergama diinaatiin lubbuunsaanii badeera ta’ee har’a wanni hunduu bowwaatti gala ture.
Taatee kana ofuma dandeessisee mata duree birootiin yoon itti deebi’e gaarii ta’a natti fakkaata. Ajandaa waliigalaa saba keenyaatiif hiika addaa qabuudha waan ta’eef.
Egaa waa’ee “maddamarii” ykn ida’amuutti yoo deebine ida’amuun seera uumamaati jenneerra. Eebbaafi abaarsa isaa keessatti Oromoon yaadrimee ida’amuu jedhu kana guyyaa guyyaatti jireenyasaa keessatti karaa adda addaatiin ni calaqqisa; ittis gargaarama. Ganama yennaa manaa bahu “Yaa Waaq nagaan nu bulchitee nagaan nu olchi, hamaa nurraa qabi toltuu nutti qabi, kennitee nurraa hinfudhatiin, umrii nu dheeressi, fayyaa nuuf kenni, bunaaf nagaa nun dhabsiisin, kan faca’e haa margu, kan dhalate haa guddatu, kan guddate haa bulu, guuttee nun hir’isin, beektee nun wallaalchisin… kkf” jedhee Waaqasaa kadhata.
Kana malees yemmuu nagaa walgaafatu “nageenni badhaadhaa” jedheetu walgaafata. Badhaadhinni bu’aa ida’amuuti. Badhaadhina jechuun badhaasa uumaati. Yennaa eebba mataa hidhus ta’e yennaa nagaa dhaammatee bobba’u “Horaa bulaa, deebanaa” jedha. Hormaanni yookiinis horuun mallattoofi bu’aa ida’amuuti.
Sirnuma Gadaa keenya yoo fudhannee ilaalle guutuumaan guututti falaasama ida’amuutiin kan guutameefi kan badhaadheedha. Namni Oromoo tokko eenyummaan isaa ida’ama sadarkaalee gadaa shananiiti. Tokko keessaa yoo hafe nama guutuudha jedhamee fudhatamuun nama rakkisa. Sangaan lama walitti ida’ameeti kan inni qonna qotuu danda’u. Isa cimdii jennuun jechuudha.
Ija lama qabna garuu lama waan ta’aniif waan garaagaraa lama arguu hindanda’an. Kan jarri arguu danda’an waan tokko qofadha. Kanas walitti ida’amuu qofaani. Harka lama qabna. Garuu ammoo lammanuu walitti ida’amaniiti kan isaan waa rukutan, walis kan rukutan. Sagalee qaawwaa gurraa lamaaniin dhageenyutu walitti ida’amee gaafa sammuu bira gahu kan inni ergaa ykn “message” ta’u. Aannaniifi bachoon walitti dhangalaateetu dhangaa ajaa’ibaa taati. Kanaaf Oromoon fakkeenya ida’amuu isa ol’aanaa yemmuu ibsu “kuni aannaniifi bachoo walitti dhangala’eedha” jedha.
Gama saayinsiitiinis yoo fudhanne ida’amuun yaada hundee gadi fagoofi ragaa quubsaa qabuudha. Walumaagalatti ida’amuun falaasama haaraa miti. Ida’amuun yaadrimee uumamaati. Saayinsii jireenya dhala namaa faana walitti hidhata guddaa qabuudha. Kanaaf faayidaa olaanaa yaadrimee qabuudha jechuudha.
Erga kana ta’ee maaliif fudhatama lammiilee dhabe yookiin xiyyeeffannaa guddaa argachuu dadhabe? Imaammata ministirrii muummichaa keenya bifa hammayyaawaadhaan dhiheessan kana ummanni keenya maaliif waan hammana gahu kana, waan jiruufi jireenya isaa fooyyessu kana fudhachuu dadhabee ija shakkiitiin ilaale gaaffiin jedhu waan deebii hatattamaa barbaaduudha.
Gama birootiin yaadonni mormii falaasama ida’amuu kanarratti dhihaatan maalirraa ka’u, eessaa ammoo ka’u waan jedhus kanumaan walbira qabnee ilaaluun gaarii ta’a. Sodaan gama kanaan dhihaatu inni guddaan sodaafi jibba ummata Oromoof qaban irraa kan maddu yoo ta’u, irra caalaa Oromoon heddumina waan qabuuf kanarra dabarree yoo itti ida’amne daranuu nu liqimsu dhibeen jedhu bal’inaan waan biratti mul’atuufiidha.
Kana ammoo furuun kan danda’amu hundaa ol hubannoo babal’aa uumuudhaan ilaalcha hawaasaa karaa itti fufiinsa qabuun yoo karoorfannee irratti hojjenne qofaadha. Kanaaf ammoo keessumaa mootummaan hojiilee sabqunnamtiifi indoktirikeeshinii babal’aa bifa tarsimowaadhaan akkasumas karaa ittifufiinsa qabuun hojjechuutu irraa eeggama.
Kanas duudhaa, aadaafi safuu ummatichaa karaa eegen, darbees akkaataa falaasama sirna Gadaa wajjiin daran walsimuu danda’uun bocanii qaama imaammata biyyattii gochuun daandii guddaa gama addunyaa badhaadhinaatti nu geessu akka ta’e waliigaltee tokkorra gahuun dhimma boruuf hinjedhamne ta’uun murteessaadha.
Kanarraa kan hafe qaamolee hawaasaa falaasamicha kana waanuma maqaan Oromoofi maqaan Sirna Gadaa irratti dhawameef qofa jibbaafi tuffii ummata garaa bal’eessa Oromoo kanaaf qaban irraa kaluudhaan akka waan summii isaan obaasuuf qophaa’etti warra ilaalan “ida’amuun idaa miti itti dhiisuu ni dandeessu jechuuniin barbaachisaadha.
Asirratti dhimmi gaaffiidhaaf hindhihaanne tokko yoo jiraate jabana idil addunyummaa addunyaan mandara tokko taatee funyoo gilobaaleessummaan walitti hidhamtetti ida’amuun ala carraan jiru akka hinjirre sirritti hubachuun abshaalummaadha.
Waaqayyo ida’amanii hir’achuu, beekanii wallaaluu, argatanii dhabuu, horanii hiyyoomuu, kabajamanii salphachuu nu haa oolchun jedha. Waaqayyo jireenya keessan ida’amaan isiniif haa guutu! Torbee mata duree birootiin warra deebinee wal arguufi walitti ida’amnu nu haa taasisu.
Galatoomaa
Horaa Bulaa Deebanaa!
Hub: Yaada barreeffama kanarratti qabdan karaa teessoo email koo hamileekoo@ gmail.com naaf ergaan dhaamsa kooti.
Hamiltan Abdulaaziiz
Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012
4 Comments to “Ida’amuun Idaa miti…”