Birokraasii!

Akkamiifi attamitti jirtu. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Ani miskiinni keessan naagaa kooti. Maalin ta’a jettaniiti. Waa’een qaala’uu jireenyaa kan na balleessu isinitti fakkaatee? Torban ‘gaarii’ dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha.

Gaariidhuma jennakaa silas maal goona? Wanti hunduu gaariif ta’a mitii? Wanti gaariif ta’u hammeenya hinqabu. Wanti yaraan nama gaddisiisee nama boossisu bu’aa gaarii namaaf fidee waan gaariitti jijjiiramee goolabamuunsaa nama gaddisiisa, gammachiisa.

Isa kanarratti torban darbe waliin haasofnee achumaanuu fakkeenya jaarsi tokko natti himan isinii qoodee har’aaf dhaamsa dhaamnee torban fuula ifaatiin akka walarginuuf nagaa keenya walii dhaamne.

Har’ammoo waa’ee odola tokkoo, dammaafii kanniisa odola san keessa jiraatuun isinitti hima. Adaraa waan isin bashannansiisu dhugaa, waan isin quufsu nyaachaa wajjin haa haasofnu. Kana jechuun kiyya egaa jiruumaaf jireenya keenya keessatti sagantaaleen keenya kan nuti tasumaa hindhiisne sagantaalee nyaataaf dhugaatiiti mitiiree?

Sagantaalee yoo xiqqaate guyyaatti yeroo sadiif irra hindabarre sagantaa ciree, sagantaa laaqanaafi sagantaa irbaataa. Haa xiqqaatu haa baay’atu, haa mi’aawu haa bushaawu, haa bilchaatu haa dheedhatu namni kamuu keessaawuu namni magaalaa jiraatu guyyaatti sagantaalee sadan kana hinirraanfatu.

Dabalataan sagantaaleen kanneen akka sagantaa buna dhuguufaa immoo sagantaalee dabalataan jiraniidha. Amma ammallee wayya malee sagantaa bunaafi wantoota ho’aa akka shaayii dhuguufaa yeroon qabameefii waan hinhafne ture. Yaa bunaa Abooliidhaa kaasee hamma barakaatti shinii lama lama si eeggachaa yeroo hammamii akka nu jalaa fixaa baate sumaafi numaatu beeka.

Waan biraa keessa seeneen dhimman barreessuuf ka’e irra darbuuf jedha bar. Namni karaatti na deebisu hinjiruu yaa firaa? Osoon haasaa koo xexxeebuu kunoo maakiyaatoon ajajadhe na jalaa qorreera. Osoo jennuu maakiyaatoo kana Afaan Oromootiin maal jennee waamnu laata? Jechoonni tokko tokko osuma itti fayyadamnuu hiika isa ibsu Afaan Oromootiin dhabuu dandeenya.

Isaan keessaa yeroo hunda maakiyaatoon tokko. Maalumaafuu ani yeroo tokko tokko buna aannaniinin jedhee ajajadha. Aannan bunaan hinjenne. Natti kolfitanii? Maaliif natti kolfituree? Ani bar yeroo tokko tokko mana nyaataa seenee nyaata yommuu ajajadhuyyuu “Biddeen ittoo diimaadhaan naa fidi.” jedha malee akka nama kaanii “Ittoo diimaa tokko naa fidi” hinjedhu.

Waan akka ittoon kophaasaa nyaatamuu namni yeroo hundaa ittoo qofaa waama. Ani osoon keessummeessitoota ta’ee silaa ittoo isaan na ajajan qofan fidee dhufa. Seeraan na gaafachuu hindanda’u kaa. Maaliif jennaan isa inni na ajajen fideef waan ta’eef.

Ecci! ani har’a garan dhimma barreessuuf ka’eetti hin deemin ammammoo yaadni biraa nyaatuma kanaa wajjin walqabatee gara sammuu kiyyaa dhufe. Maal wayya waa’ee odolichaa barreessumoo yaada kana xumuru laata? Mee maalumaafuu ‘buna aannanii’ kana naaf ho’isanii haa fidaniitii isa unachaa itti yaaduu naa wayya. Yaa anaa edaa ho’istee as ana bira keessee deemtee jirti. Ammas diilillaa’eera. Bishaasha’eera. Kanaafuu hafuuruma tokkoon keessaa dhudhaheen barreessuu koo itti fufa.

Anaaf nyaanni kun waljaalanna kanarraa kan ka’es yeroo baay’ee mudannoo qabna. Akkuma weellisichi “Ani durba hindhiisu durbi nan dhiistu jedhee weeddisu anis “Ani nyaata hindhiisu nyaannis na hindhiisu jedhee sirbuu laata?” jedheen ofiin morma.

Nyaata kanaan baayyuma waljaalanna. Guyyaatti osoon hin nyaatin yoon oole ofuman nyaadha. Rakkinni kiyya maal akka ta’e hinbeeku dhimma nyaataa kanarratti ‘diriddirii’ hinbeeku. Inuman nyaadha. Guyyaatti lamaa sadii nyaachuun koo dirqama. Kkk yaa anaa edaa isa kana namni hundumtuu akka hinirraanfanne gubbaatti barreessee bira darbeen ture.

Yeroo tokko bakka bashanannaa hojjettootaa tokko keessa hiriyoota koo wajjin seenee nyaata ajajadhe. Daran waanin beela’eef buddeenin ittoo shiroo ajajadhe. Yoona kana intalattiin nyaatan ani ajajadhe dhiistee buddeen ittoo diimaadhaan fiddee dhufte. Bara san animmoo buddeen ittoo diimaadhaan nyaachuu baran itti dhiise ture.

Maaliifin dhiise isinitti fakkaate. Bara qiraacii daakanii barbarreedha jedhanii namatti gurguran tokko. Safuudha! Bara san mana keenyaafi mana firaatii yoon hinta’in waan diimatee barbarreen kan itti naqame fakkaatu kamuu nyaachuuf hinfedhun ture. Maarreekaa akkuma intalli naa fiddeen waanti ajajadhe waan naa hindhufneef aareen, beellis jira waan ta’eef “Ani kana sin ajajne waan ta’eef kana deebisiitii nyaatan si ajaje naa fidii” jedheen.

Isheenis akka dheekkamuu taatee “Kan gatiidhaan caalu silaa isa kanaa callisteetuma isa sii dhufe hin nyaattuu?” naan jette. Nyaatan ani nyaachuu barbaadu yommuu naa filattu maal jenna egaa. Yoona kanan baay’ee aare. “Nyaatan si ajaje naa fidi. Ta’uu baannaan immoo qarshii koo naaf deebisi” jedheen akka abbaa mirgaatti ishee gaafadhe.

Yoona kana kaa dhimma aaruu kiyyaa yaada keessa osoo hingalchin nyaaticha na jalatti darbitee deemte. Anis nyaaticha qabadheen gara isheen deemterra ishee hordofee deeme. Akka na haasofsiistus kadhachaa. Garuu garagalteeyyuu na hinilaalle.

Mucaan akka ‘head waiter’ bakka bashanannichaa ta’eetti of mumul’isu tokko gara kiyya dhufee maal akkan rakkadhe nagaafatee anis rakkina kiyya itti himadhe. Achumaan innis akka waan rakkinakoo naa furuu nyaata san narraa fuudhee gara golaa deeme.

Anis akka naa fiduuf eeggachaan gara iddoo taa’umsa kiyyaatti deebi’e. Osuman afaan koo banee eegaa jiruu daqiiqaa kudhan booda mucichi nyaatuman sila dide san deebisee natti fide. Ani immoo jalqabumarraa kaaseeyyuu nyaata san nyaachuuf fedhii hinqabu waan ta’eef aariidhaan olka’een “Ni qoostumoo jarana? Nyaatan ajajadhe maaliif naaf hinfiddani?”n jedheen itti iyye.

Mucichi xiqqoo ishee anarra tasgabbiidhaan of qusachaa “Lakki maaloo bar nuti waan goonu wallaalle, isin kan ajajjan shiroo ta’us nutimmoo dogoggoruma keenyaan kunoo ‘qayyiwaxii’ isinii finne. Isin isa kana yoo nyaattan kan kisaaru nuyi malee isin miti” jedhee na amansiisuu yaale.

Qabxiin inni ittiin na amansiisuuf yaale nyaanni isaan naa fidan gatiinsaa isan ani ajaje caalaa mi’aawaa ta’uusaafi gatiinsaallee kanin ani ajaje caalaa qaalii akka ta’e natti himuuni. Animmoo tasuma waan akkanaa dhagahuu hinbarbaadun ture. Yeroo isaan waa’ee kanaa natti kaasan ittuu nan aaran ture. “Ila namtichoo… nyaanni ani ajaje buddeen shiroodhaani. Har’aaf kanin nyaachuu barbaadus nyaatuma kana” jennaanin mucichi waan godhu wallaalee dhaabbatee anuma dhaggeeffachuu barbaade.

Animmoo beela’eera. Humni koo dhumaa jira. Akkuman haasaakoo fixeen ammas nyaaticha fuudhee ana biraa deeme. “Eessaan dhaqxa?” jedhee yommuun gaafadhu. Gara biiroo deemee haalasaa hoggonaasaa wajjin mari’achuuf ture. Anis ammas furmaatan argadha jedhee yommuun eegu mucichi daqiiqaawwan diigdama booda nyaatuma san fidee dhufee “Dhiifama homaa gochuu hindandeenyu, hoggonaan koo walgahiirra jira waan ta’eef dhimma kana haalan itti ibsuuf dhabeen dhufaa jira naan jedhee” garmalee na aarse.

Nyaata koo kana irraa buteen gara biiroo inni deemee turee sanitti yommuun fiigu namtichi tokko namoota walgahii taa’anii turan bittinneessaa yommuu gadi bahun arge. Yommuu nyaata na harkatti argu namni tarii nyaata ajajee ture yoo jiraateef jedhee namootasaa wajjin walgahicharra turan ijaan gaafate.

Isaanis akka hinajajanne ijumaan itti himanii biraa deeman. Yoona kana namtichi ijumasaatiin akka qullubbiitti gadi na quncise. “maal abbaa keetiitiif yuunifoormii hinuffanne” naan jedhee natti iyye. Yeroo namtichi akkas naan jedhee shamizii harkasaa sassaabbatee gara koo dhufu mucaan ‘head waiter’ sun amalasaa waan beekuuf akka na hinrukunneef fiigee dhufee haala koo ibseef.

Namtichatti kanin fakkaadhe hojjetaa haaraa mana sanatti reefu gale. Namtichi seenaa hunda erga nurraa dhagahee booda “Amma waanin ariifadhuuf dhimma kana bor ganama koottuu iyyadhu” naan jedhee balbalasaa cufatee deeme. Ani garuu mar’umaan koo akka cuuciitti garaa kiyya keessaa waca. Homaa hinjenne calliseetuman ofirra gadi taa’ee gadde. Waan borumtaasaa ta’uu danda’u yaadaan achumatti hirkadhee muge. Birookraasii…ecc! ibsaan gidduu kana badee hinbeekne kunoo amma bade. Torban ittin isinii fufa.

Torban torban hosee isinii haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail. com naa barreessuu dandeessu.

Nagaan ummata hundaaf!

Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

Recommended For You

5 Comments to “Birokraasii!”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *