Ashamaa yaa biyyaa, jirtuu? Torbee darbe waa’ee Irreecha Hora Finfinneerratti barreeffama tokko isinii dhiheesseen ture. Barri 2012 kun Oromoo biratti silaafuu bara seenaqabeessa akka ta’e homaa walnama hingaafachiisu.
Seenaawwan guguddaa laman arge akkuma barti haaraan kun simatameen. Inni duraa akkuman torbee darbee isinii kaasuu yaale Irreechi hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaa oliif dabaafi shira sirnoota gita bittaa biyya kana keessatti baroota dheeraaf hidda gadi fageeffatanii turaniin addaan citee ture deebi’ee lammata dhalachuusaati.
Kan lammataafi ijoon ammoo seenaa biyya keenyaa qofa keessatti osoo hintaane seenaadhuma ardii Afrikaa dabrees jireenya ummata gurraachaa keessatti hoogganaan yeroo duraatiif osoo aangoorra jiruu badhaasa mootii badhaasota hundaa ta’e kan “Nobel Peace Prize” jedhamu mo’achuudhaan seenaa biyya keenyaa hundeerraa geeddare torbeedhuma kabaja Irreecha Hora Finfinneetti aanee gaggeeffamuusaati.
Kan raajii namatti ta’u ammoo Oromoon gaaffii abbaa biyyummaa jaarraawwan hedduuf gaafachaa tureefi kanaafis qabsoo hadhaawaa taasisaa tureefi wareegamawwan qaqqaalii ilmaansaatiim injifannoo boonsaa galmeeffateen yeroo gahee biyya bulchuu fudhatetti abbaa nagaa addunyaa ta’uusaati.
Doktar Abiyyi Ahmad erga gara aangootti dhufanii reefu ji’a kudha saddeet guutu. Gaaffiin Oromoon baroota dheeraaf biyya kana keessatti taasisaa ture yemmuu deebii argachaa dhufuun hafuurri nageenyaa guutuu addunyaatti akka qilleensa’u waltajjii qabatamaadhaan addunyaaf mirkaneesseedha.
Dhugaa dubbachuuf Oromoon kanaa ol wanti barbaadu hinjiru yoo jedhame waan nama qaanessu miti. Hogganaan safuufi duudhaa sirna gadaatiin qaramee ittigaafatamummaa biyya cunqursaa saba fi gitaa akkasumas daba hadhaawaa sammuun namaa baachuu hindandeenyeefi gurri namaa hindhageenye dabarsite keessaa bahe tokko yeroo gabaabaa tilmaamuuf nama rakkisu keessatti Gonfa addunyaa akkanaa kanarra gahuun raajiidhuma.
Addunyaan yeroo kallattii afraniinuu nagaa dhabdee jeequmsaan raafamaa jirtutti nama afaan tokkoon itti waliigalamee hunduu Abbichuu koo, yaa abbaa nagaa jedhuun argachuun ummata Oromootiif kabaja kabajaa oliiti. Oromoon nageenya waaraa addunyaatiif fala bakka bu’ummaa hinqabne ummata gumaachuufi wabii tasgabbii addunyaa ta’uusaa carraa ittiin mirkaneesseedha badhaasni Noobelii kun.
Itoophiyaan maqaa gaariin waamamtee hinbeekne abbaa nagaa jedhamtee addunyaarratti faarfamte; Abbichuudhaaf haa galatuuti. Hundaa ol ammoo Waaqni Oromoo haa ulfaatu. Kun seenaa lubbuu qabuudha. Seenaa bara baraan jiraatu kan dhaloonni dhufaa darbaan faarsaafi ittiinis boonaa jieaatuudha. Ammallee ulfaadhu Abbichuu Abbaa Nagaa! Jireenyi kee haa eebbifamu!
Gammachuun guutuu waa dhala namaa jedhamu kan biyya lafaa kanarra jiraatu hundatti dhagahame kun warreen isaan dhukkubse jiraachuun ammoo raajii gara biraati. Doktar badhaasa Nagaa Noobeelii mo’achuuf nama gurraacha isa jalqabaa miti. Oromoo ta’uunsaa garuu nama jalqabaa isa taasisa. Ardii Afrikaarraa ammoo ministira muummee osoo aangoorra jiruu badhaafame ta’uunis isa jalqabaati.
Aangoo qabatee yeroo waggaa lama hinguunne keessatti saffisa kanaan abbaa injifannoo kanaa ta’uun nama addaa seenaa raajii galmeessise isa taasisa. Kanatu akka sabnisaa qofa miti guutuun dhala namaa akka ittiin boonu isa dirqa. Oromoon injifannoo kanaan boonuu mitii yoodhuma garaanuu isa bokoke waan nama dinquu miti.
Kan kanaan dhibamee fayyaa dhabu namummaansaayyuu haa shakkisiisu malee eenyummaansaa garuu Oromoo jalaa hindhokatu. Eenyu kan badhaasni akkanaa garaa kaasaa itti ta’u yoo jenne fagoo hindeemnu; deebiinsaa asuma nu keessa jira. Isuma kaleesaa gootummaafi faajjii dhala namaa ta’uu akka dandeenyu beekee nu awwaalaa tureedha. Nafxanyaa! Inni kaan guddisa nafxanyaa faayidaan jalaa maseeneedha.
Kunniin hundi jibba saba kanaaf qabanirraa akka ta’e Oromoon daqiiqaa tokkoofillee hinshakku. Dubbiin jibba Abiyyi jibba Oromooti. Tuffii kaleessarraa as ce’eedha.
Namoonni kaleessa Abiyyi Nabiyyiidha jedhanii Oromoo ol isa leellisaa turan battala garagalanii diinummaasaa lallabuufi beekamtii badhaasa kanaa dhoowwachuun waanuma eegamu ta’uyyuu obbolummaa saba guddaa kanaa tasuma kan hinbarbaanne ta’uufi maqaan Itoophiyaa nama isaaniin alaatiin waamamu kan itti hintolle ta’uu ifatti kan mirkaneesseedha. Kuni nuuf barumsa guddaadha. Haata’uutii Oromoon biyya ijaaruu addunyaatti nagaa buusuu yoomiyyuu kan duubatti irraa hinjenne akka ta’e irra deebiin ni ibsa.
Qaamni lammataa badhaasa kana xiqqeessuufi otoo danda’ameefii ulfina ilmi abbaa Gadaa argate kana haaluu barbaadu nafxanyaa qofa hinturre. Sirni abbaa irree maqaa federaalizimiitiin kaleessa aangoorra turee Oromoos biyyas saamaafi awwaalaa turellee mormaa ture.
Kaleessas taanaan Oromoon gara bal’eessa waan ta’eef kaayyoo waliiniitiif jecha madaa irra gahaa ture faayidaa waliin jireenya boruu ilaalee dhiifama godhee hunduu ijaarsa biyya waloorratti akka xiyyeeffatu maqaa haaromsaafi ida’amuutiin seenaa dabarse tufee warreen kaleessa isa saamaafi gidirsaa turan faana waadaa michooma qabsoo gara fuula duraa akeekee sochiitti seene. Egaa sochiin haqa qabeessa fayyaalummaadhaan inni gaggeessu kunis haqumaa qabuun otoo oolee hinbulin firii argamsiisuu eegale.
Waamichi Oromoon bakkan kaleessa madaa’e na kiisaa, faayidaa addaa naaf laadhaa otoo hinjedhin badhaadhina waloo hegereetiif abbalee yaa jamaa koottaa Itoophiyaa haaraa walqixxummaan haqaafi tokkummaan sabootaa keessatti dhugoomee kabajni sadarkaa addunyaatti qabdu dabale ijaarraa koottaa jedhee lammii biyyattii hundatti lallabe akka qoosaatti fudhatame. Kootaa haa ida’amnuun Doktor Abiyyi lallabu akka maraatumaatti fudhatame.
Ida’amuun Oromoodhaaf falaasama faashinii amma dhufee miti. Inumaa dhugeeffannoo uumamasaatiin walitti hidhatee jalqabaa hanga ammaa dagaageedha malee. Borus kanumatu cimee ittifufa.
Ittifufa
Hamiltan Abdulaaziiz
Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012
4 Comments to “Ida’amuun idaa miti”