Siyaasni biyya kanaa bokokee; dhiitahee dhoohuu! Dhohuu! jedhullee Oromoon ayyaana irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadii nagayaan kabajatee xumureera. Galanni Waaqa Gurraacha haa ga’u. Ameen!
Irreechi baranaa iddoowwan lamaanittuu kabajame kan yeroo kamuu caalaa ho’inaafi miidhagaadha. Kan firris diinnis ragaa bahuudha. Raagniifi yaaliin mortuufi gomattuu milkaa’ina dhabee ummanni hanga sana baay’atu nagaan bahee nagaan malkaasaatti irreeffatee nagaan manasaatti galuunsaa jabina warra qopheessee qofa osoo hintaane naamuusafi duudhaa ummanni Oromoo qabu agarsiisa.
Milkaa’inni ayyaana irreechaa ummata Oromootiif gammachuu guddaadha. Qaama mootummaa ayyaana kana qopheesseefis milkaa’ina olaanaadha. Foolleefi qeerroo dadhabbii tokko malee halkanii guyyaa haala mijeessaafi ummata irreechaaf bakka maraa walitti bahe keessummeessaa turaniif injifannoo dachaadha.
Qaamni nagaa poolisii Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Finfinneefi Federaalaafi kanneen birootiif milkaa’ina kana caalaa kan isaan boonsu waan jiru natti hinfakkaatu. Ummannis qaama nageenyaa kannen galateeffachuu qaba. Walumaagalatti ummata namuusa gaariin socho’aa ture dabalatee qaama ayyaana kanarratti hirmaate galateeffachuufi ajaa’ibsiifachuun sirri ta’a; dirqamni kan hundaa ta’ullee.
Seensaaf hagana ergan jedhe gara dubbii ijootti haa deebi’u. Irreecha baranaa maaltu adda taasisa? Maal agarre? Maaltu uumame? Maalirraa baranne? Dhimmoota kanneen gaggabaabsee ilaaluufin yaada.
Aadaan bakkatti deebi’uu: Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 booda haala ho’aadhaan kabajmuunsaa waantota adda taasisan keessaa isa tokko. Waanuma fedhellee ta’u Oromoon akkuma pirezidaantii ittaanaan Oromiyaa jedhan bakka cabetti deebi’ee ayyaanasaa kabajateera.
Kunimmoo jaalalaan kan deebi’e osoo hintaane qabsoo wareegama lubbuu hedduun itti kaffalameeni. Injifannoo Oromoo mul’ise kan jedhamus kanumaafi. Injifannoon kunimmoo bitaanis ta’ee mirgaan itti fufiinsa qabaatee abbaa biyyummaa Oromoo Finifinnee mirkaneessuu qaba.
Ayyaana hirmaachisaa ta’uusaa: Oromoon hammataadha, hirmaachisaadha jechuun olola miti. Duris diina yoo booji’e ajjeesuurra ofitti moggaasee qaamasaafi firasaa godhata; waliin jiraata. Kan namaa saamuu osoo hintaane kansaatuu dabarsee qooda. Ayyaanni irreechaa duudhaansaa tokkummaa, jaalala, araarama, walkabajaafi waliin jiraachuu ta’e kun barana sabaafi sablammiilee hedduu hirmaachisuunsaa tokkummaafi waliin jireenya ummataa akkasumas tokkummaa biyya kanaafillee dhaamsa guddaa dabarsa.
Ummanni Sidaamaa ayyaanni Oromoon kabajatu kooti jedhee meeshaalee aadaasaa qabatee uffatawwan adda addaatiin faayamee ummata Oromoo wajjin hiriiruunsaa biyya cimsa malee hindiigu. Ummanni Alaabaa bakka bu’ootasaa qoobiifi uffata ibsituusaa uffatee Irreecharratti argamuun ergaa jaalalaasaa dabarfateera.
Ergaan hirmaattonni dhalattoota Tigraay dabarfatanis salphaa miti. Hirmaattonni saboota biroo walitti hidhamiinsa akka biyyaattis ta’ee sabaatti jiru mirkaneessuunsaanii Itoophiyaa har’aatiif qofa osoo hintaane kan boriitifillee bu’uura buusaniiru. pirezidaantii ittaanaan Naannoo Somaalee Obbo Musxafeen Dirree Ummataatti (maqaan Dirree Masqalaa jedhamu kun saba hunda hinhammatu. Haala kanaan dirree Musliimaa, Dirree Pirotestaantii, Dirree Waaqeffataa jechaa dirree qabaachuuf deemna) jechuun dhaamsi dabarsan ummata Oromootiif hiika guddaa qaba. Pireezidaantonni naannolee kaaniifi bulchaan Godina Sidaamaa sirnicharratti argamuun aantummaa Oromoof qaban agarsiisaniiru. Jiloota sirna Gadaa keessatti kabajaman keessaa tokko kan ta’e Irreechi ummata walitti fiduudhaan biyya ijaaraa jiraachuusaa warri ija dunuufateefi gurra qabate hubachuu qabu.
Haasaa pirezidaantii Naannoo Oromiyaafi naasuu warra haasicha mormee
Wanti ajaa’ibsiisaan ayyaana Irreechaa kana wajjin walqabatee qaamoleen sochiin Oromoo kamuu hinliqimfamneef tokko tokko Obbo Shimallis akka bulchaa Oromiyaatti akkasumas akka dhugaa lafa jiruutti haasaa seena qabeessa taasisan.
Oromoon Oromummaasaa dhabuu kan jalqabe yeroo Atsee Tewodroos 4fan aangoo qabaterraa eegaleeti. Namtichi Oromoof jibba guddaa qabu kun kan aangoo qabate ALA bara 1855. Isarraa kaasnee yoo lakkoofne waggaa 164 ta’a. Atsee Yohaannis, kan Oromoo Walloorratti waraana guddaa gaggeesse hanga amantii jijjiiruutti deeme, bara 1871 mootii ta’e. Ammas isarraa kaasnee yoo lakkoofne waggaa 148 ta’a.
Kan ittaanee aaangootti dhufe Atsee Miniliiki. Innimoo kan ‘nugusa’ ta’e ALA bara 1889. Namni kun bara 1866tti nugusa Shawaa ofiin jedhee Oromoo Tuulamaarratti duula guddaa deemsisuu jalqabe. Ergasii kaasee ganni ykn waggaa 153 lakkaa’ameera.
Deegersa Awurooppaanotaatiin duula bal’aa Oromoorratti taasiseenis bara 1881 gaara Inxooxxoorra qubatee Oromoofi pirojektii Oromoo lafarraa dhabamsiisuu ittifufe. Haala kanaan Oromoon seenaansaa erga cabee waggaa 150 jechuudha.
Oromoon kan cabemmoo Tuulamarratti. Waltajjii gosoota Tuulamaa (Ekkaa, Gullallee, Galaaniifi Abbichuu) kan taate Finfinneen Irreecha akka lagattu kan ta’e yeroo kana keessatti. Sirnichi Oromoo kan cabses bakkanatti jedhee amana Oromoon. Ammammoo qabsoo waggaa 150n booda Oromoon sirna cunqursaa isa sanyii dhala namaa duguugaa ture sana mo’atee ykn cabsee bakka handhuurasaatti deebi’e. Obbo Shimallisis seenaa kana dubbachuunsaanii sirriidha. Kun waan haaraa gaafa sana qofa dubbatames miti. Wanti qaamolee bakkatti deebi’uu aadaa Oromootti hingammanne tokko tokko naasiseefi wawwaachisaa ture garuu ifaa miti. Tarii tokkummaa, qindaa’inaafi onnee Oromootu isaan naasise laata?
Wantoota nama ajaa’ibsiisan keessaa gaafa Kamisaa gara sa’aatii 4:00tti raadiyoo ‘FM’ mootummaa tokkorratti qaamni harcaatuun tokko yaada yoo kennu “Shimallis haasaa Hiitilar taasise” jedhaa ture. Oromoonuu Minilikiin Hiitilar hinjenne. Nama nagaa biyya bulchaa jiru haala kanaan maqaa xureessuun ittigaafatama fiduu qaba.
Dubbiin akkanaa biyyattii kanaaf tokkummaa akka hinfidnellee hubatamuu qaba. Akkuma waliigalaattuu haasaan taasisame haasaa sirrii, bu’uura seenaarratti hundaa’e waan ta’eef warra wacaa jiraniin tasgabbaa’aati, hadhaawus dhugaa ;kana fudhadha jechuunii wayya.
Aguuggii miidiyaan kenne: Irreechi xiyyeeffannaa miidiyaa biyya keessaa qofa osoo hintaane kan addunyaallee hanga baranaa harkisee hinbeeku. Biyya keessaa haalli aguuggiin itti kenname wal haa darbu malee miidiyaaleen hundi gabaasaniiru.
Kan hingabaasiin tarii miidiyaa naannoo Amaaraa qofa ta’uu danda’a. Haguuggiin televisiyoonni akka ‘ETV, ABN’, Faanaa (‘FBC’) ‘Ltv’, Waaltaa kan dinqisifamuu qabuudha. Kan Oromoo ‘OBN, OBS, OMNfi ONN’ dhimma ummatasaanii waan ta’eef dirqama akka qaban beekamaadha.
Miidiyaalee biyya alaa keessaa kan akka Aljaziiraa, ‘BBC’, Rooytar, ‘CGTN’fi kkf irreechaaf aguuggii kennuunsaanii jilli kun addunyaarratti beekamtii gaarii akka argatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ummanni Oromoo ija hawaasa addunyaa jalaa dhokfamaa ture sun akka guddatee mul’atu taasisa.
Miidiyaaleen maxxansaas irreecha ilaalchisee gabaasawwan adda addaa baasaa turaniiru. Miidiyaan biyya keessaa kanneen akka Gaazexaa Bariisaa, Kallacha Oromiyaa, Addis Zaman, Alaalamiifi Za Itiyoophiyaan Heeraaldi akkasumas barruuleen Gullallee Posti bal’inaan kabajama ayyaanichaa qofa osoo hintaane maalummaa ayyaanichaarratti xiyyeeffatanii ummata barsiisaaniiru.
Marsariitiifi ‘FB’n ammoo suura, sirba, mimmiidhagoo tamsaasuunsaanii ummata Oromootiif carraa guddaadha. “Barri ni darbaa taajjabni hindarbu” akkuma jedhamu kan midiyaalee biyya keessaa osoo hingabaasin taran ykn kan haala faallaan gabaasan taajjabaan tuffatanii bira taruun gaarii ta’a. Xiyyeeffannaan gama miidiyaatiin ayyaana kanaaf kenname ummata Oromootiif beekamtii guddaadha. Aadaasaa boonsaafi mallattoo qaroomina ta’e ummata addunyaatti agarsiisuuf, turizimii biyya keessaa qofa osoo hintaane kan warra maallaqa qabanii hawwachuuf carraa gaariidha. Ummanni Oromoo ummata nagaa qabeessa, tasgabaa’aa, kan nagaa biyyaaf yaadu, kan nagaa namaatiif dhimmamu,ummata namuusa gaarii qabu ta’uusaa kan ummata addunyaatii ibsuudha.
Dachaasaa Roorrotiin
Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012
4 Comments to “Irreecha baranaa maaltu adda taasisa?”