Akkamiifi attamitti jirtu?. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin nagumaa?
Torbanoota darban waa’ee irreecha irree keenyaarratti bal’inaan haasa’aa turreerra. Egaa irreechi lamaanuu hamma ho’aafi jaalatamaa akkasuma hawatamee addunyaa guutuun akka leellifame waan hundi keenya quba qabnu. Mee isin keessaa namni irreecharraa hafe jiraa? Waan jiru natti hinfakkaatu. Irreechi baranaa irreecha tokkummaan keenya kan durii caalaayyuu itti cimee mul’ate, isa xiqiidhaan waltaanee akka jirbii fo’amnee arba hiine. Arba jennaanin waa yaadadhe.
Yeroo tokko hojiidhaaf gara Paarkii Biyyaalessaa Baabbilee deemee osoon arba ijaan hinargin hindhufu jedhee hiriyoota koo na wajjin konkolaataa keenya kaasifnee daandii bosona keessa qaxxaamuru qabannee deemuu jalqabne. Hamma ta’e konkolaataadhaan deemnee boodarra konkolaataarraa buunee osuma miilaan deemnuu sa’aatii muraasa booda faranjoota gaddaa gara keenya dhufaa jiran argine. Maaliif akka gaddan gaafannaan hamma as keessa miilaan deemnu osoo gara Keenyaa imallee yoona kana silaa arba arguuf hawwine san ni arginaayyu nuun jedhanii arbi isaan barbaadan salphaatti akka ilaalamuu akka hin danda’mne abdii nukutachiisanii booddeetti akka deebinu nutaasisan.
Ani silaa akkuma nabeektan xiiqiin qaba waan ta’eef kaameeraa koo qopheeffadhee arba argee tiruu arbaa isa eessumni koo sun qocqocaadhaan nyaachaa ture nyaadhu malee hingalu jedhee dhaadachaa turee boodarra hiriyoonni koo nakadhatanii fuudhanii naan deeman.
Eessumakoo jennaanin sobasaa san yaadadhe. Yeroo tokko jedhee osoo waraana guddaa tokko gaggeessaa jiruu bosona guddaa tokko keessa waraana inni geggeessu wajjin lixanii waan godhu wallaala. Yoona kana ajajaansaa waraanni diinasaanii isaan marsee akka jiru teleskooppiidhaan argee ittimee mala ittiin bahuu danda’an akka dhahataniif ittima.
Egaa eessumnikoo kun mala beeka waan ta’eef waraana inni hogganu kanallee ta’ee lubbuu ofii oolchuuf dirqama mala haaraa tokko maluu qaba ture. Malli inni uumes akkumaaf akkatti kallattii diinnisaa jiru argee sana booda waraanasaa itti bobbaasuu ture. Kana gochuuf immoo kan inni jiru bosona yabbuu/gobbuu keessa.
Mukni irra bahanii ittiin ilaalanillee akka hinjirre natti hime. Boodarra yommuu ofirra garagalee ilaalu shambooqqoo arga. Yoona kana yaadicha hojiirra oolche. Innis shambooqqoo san muree keessasaa uruu.
Sana booda ija isaa lamaan keessaa isa yeroo itti hinfayyadamne kan bitaa cuubee baasee isaan of keessaa baasee fiixee shambooqqoo sanii keessa godhee iddoo diinnisaanii jiru argee sana booda waraanasaa garasitti bobbaasee diinasaanii akkuma injifataniin gaaddisa jala dugdaan ciisee hafuura dheeraa akkuma baafateen ija isaa iddoodhuma dura baase sanatti deebisee ittiin ilaaluu jalqabe.
Akkuma ija isaa banateen wanti inni ilaale arba ture. Yoona kana beela’ee ture waan ta’eef garaa arbaa baqaqsee galee tiruu isaa nyaachuu jalqabe. Egaa eessumni kiyya kuni yeroo baay’ee carra qabeessa waan ta’eef qocqocaas garaadhuma arbaa sana keessatti argata waan ta’eef waan ittiin nyaatu hin dhabu.
Kan biraammoo akkuma nyatee quufeen gara laafummaa isaarraa kan ka’e arbicha garaa isaa hodheefii biraa deema malee akkasumaan isa hin dhiisu. Kanarraa kan ka’e dhaabbata mormaa mirga arbootaarraayyuu yeroo adda addaatti badhaasa akka argate eessumni koo kun sobee natti hima. Egaa waa’ee sobasaa kaasnaan waan salphaatti keessaa baanu waan hintaaneef gara dhimman har’a irratti barreessuu barbaaduuttin deema.
Waan haaraa isiniif hinbarreessu, waa’eedhuma Finfinnee kana. Finfinnee yeroo hunda ijoo dubbii taatu. Finfinnee kuunis ka’ee abbaanshee ana jedhuuni. Finfinnee hunda simattuu… Finfinnee haadha firaa… Finfinnee hiyyeessaafi sooressa addaan baastee hinilaalle.
Finfinnee abbaan sumuniis abbaan miliyoonaas afaansaa warraaqfatu malee itti hinoolle. Finfinnee tokko gamoo abbaa darbii meeqaa ijaarratee keessa jiraatuufi Finfinnee kuun immoo corroqa keessa bulu. Finfinneedha haadha hundaa.
Finfinneen kan eenyutii kan jedhu ani gowwaa miti yeroo miliyoona kanin haasa’a yeroo miliyoonii tokkoffaa irra deebi’ee haasa’uu hinbarbaadu. Namoonni baay’eenis haasa’aa oolu waan ta’eef. Nama miti mukni Finfinnee keessa dhaabbatee jiruyyuu ni haasa’a. Mukaa miti dhagaanuu afaan baasee ani abbaan qaba yaa jamaa narratti hin wacinaa jedha.
Waan hunda caalaa immoo akka biyyootti kan afaan baasee dubbatu jiraaree laata. Biyyoon maaliif dubbatti isinitti fakkaate? Biyyoo sababa taateef. Biyyoo ishee hunduu irraa jaajju.
Biyyoo nama miila qullaadhaanis ta’ee kophee bara baasootiin akkasuma boottiidhaanis ta’ee kophee hammayyaawaa isa yeroo darbe feesbuukii kanarratti hoggonaan tokko qarshii kuma shantamaan bitatee keewwate jedhamee ittiin qeeqamaa ture tokkoonis irra dhaabbatamee jira waan ta’eef.
Biyyoon ashaaraa namoota adda addaa of harkaa qabdii waan ta’eef hamma aniif waahillan koo wacnu caalaa ishee waa’ee abbaa Finfinnee wacci. Biyyoon icitiin biraa isheen waccuuf tokko inni guddaan lafee namoota baay’ee ofkeessaa qabdi. Lafee eenyuutiin jalqabaa kaasee akka dabaalamaa turte sirriitti beekti.
Biyyoon eenyu irraa baqatee eenyummoo akka itti baqates inuma beekti. Eenyu akka yeroo jalqabaatiif irraa qotee nyaatee guddate ni beekti. Biyyoon kun waan laayyoo miti eenyu akka ishee kunuunse eenyu akka ishee xureesses ni beekti. Biyyoo yaa biyya abbaa ofii…
Garuumee maalummaafi jaalalaan osoo wajjin jiraachuu dandeenyuu kan keenya kan hin taane irratti lafa reebnee waan goonu wallaallaa? Laftoo isin dadhabeera ebalu narraa haa deemu. Ebalummoo natti haa haa galu hinjenne. Maalikaa kana hunda? Silaa aniif namtittiin sun akkasumatti wal hin jaalannu, maal akkan ishee godhe hin beeku waayee kiyya kana waan gaarii waan yaaddu natti hin fakkaatu.
Waan yaaddu natti hin fakkaatun jedhe… egaa siyaasuma jaraa waan ta’eef akkuma jaraattin haasa’a jedheeni. Namtittiin tuni waayee irreechaa kana yommuu balaaleffattuufi sobaanis saba Oromoo yommuu xureessitu yeroo baay’een dhagahe.
Eeyyee jibbi isheen namaaf sa’a keenyaaf qabdu jibbuma nuti seexanaaf qabnu gita. Itti himanis itti hidhanis kan hin dhageenye. Maalumaafuu hiriira borutti waaman kana irratti namoonni hirmaatan eenyu ta’u laata.
- Tarii warra waggoota baay’eef waldhabdeedhaan addaan fagaatanii bara jijjiiramaa kana keessa walitti araaraman
- Daa’immaniifi haadholee barumsaan walqabatee waan baay’een furmaata argateef
- Warra gammadan… barreessee fixuuf yeroon koo najalaa deemeera. Sanirraan hiriira boruutiifis biroosharii qopheessaan jira… jenna kaa.
Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naaf barreessuu dandeessu.
Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi
Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com
Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012
6 Comments to “Hima Didduu!”