Addunyaa kanarratti biyyoonni abbaan biyyumaasaanii humnaan irraa mulqame hedduudha. Fakkeenyaaf Awustraaliyaatti sabni dhalootaa (‘indigenous people’) kan Aborjinaal jedhamu maqaa dhahama.
Seenaan, aadaaniifi afaan saba kanaa akka baduuf koloneeffattoonni Ingiliiz dhiibbaa guddaa taasisaniiru. Ummanni haala kanaan hacuuccaan irra gahaa ture sagaleesaa dhageessifachuu hindhiisne.
Atileetiin Awustraaliyaa, Kaatii Fireemaan jedhamtu Olompiikii Sidiniirratti meetira 400n oggaa tokkoffaa baatee badhaasa meedaaliyaa warqii fudhattu aasxaa ummata Aborjinaal qabattee addunyaa duratti mul’atee maqaa ummata sanaa kaaste akka jiraniifi deeggersa barbaadan hawaasa adunyaatti himte.
Ameerikaa guddittii keessattis sabni (‘Red Indian’) jedhamu miidhaan walfakkaatu irra gaheera. Dhalattoonni Reed Indiyaan qubattootaan liqimfamanii gara baduutti deemaa jiru. Afrikaa keessatti karaa kamiinuu haa ta’u ykn maqaan kamuu haa moggaafamuufi sabaafi sablammoonni miidhaan akkanaa irra gahe hedduudha. Kuun of irraanfatanii aadaa ormaatiin liqimfamaniiru. Kan seenaa ofii wallaalee achumaan bades lakkoofsisaa xiqqaa miti. Saboonni kuunimmoo deebi’anii of ijaaruuf tattafachaa jiru.
Gara biyya Xoobbiyaattis yoo deebine kanuma agarra. Dhiibbaafi miidhaa sabaafi sablammiirratti raawwatamaa tureen seenaafi aadaan ummata hedduu baddeera. Kuun baduuf qarqara gahee ture. Kan Xobbiyaa kana kanneen biyya hambaarraa adda taasisu gita bittaa gurraachaatu ummata gurraacha balleessuuf hojjataa ture.
Humnaafi beekumsa addaa qabaatanii osoo hintaane gargaarsa koloneeffattoota Awurooppaatiin dahataniiti ummata kanarratti kan duulamaa ture. Qaamni saba tokko keessaa bahe sabaafi sablammiilee biraa cunqursaafi balleessuuf tooftaan socho’aa turuunsaa rakkoo biyya keenyaa har’a jiruufillee sababa ta’eera.
Sirni nafxanyaa bobaa warra Awurooppaa jala seene gorsaafi meeshaa isaan itti darbatan qabatee saba guddaa ardii Afrikaa keessa jiru balleessuuf duulli hintaasisne hinjiru. Sirni nafxanyaa ummata Oromoo ajjeesuufi dararuu bira taree seenaasaa lafarraa balleessuuf, aadaasaa dhoksuuf, aadaa kaan saamuudhaan kan isaa godhachuuf qindoominaan ‘hojjataa’ tureera.
Sababa kanaan aadaan ummata Oromoofi ummatoota kibbaa hedduun dhokateera. Seenaansaanii akka hinbeekamne godhameera. Afaansaanii ‘afaan sinbiraa’ jedhee maqaa hintaane itti kennuudhaan ummanni deebi’ee akka afaansaa jibbu taasisamaa ture.
Ummanni Oromoo cunqursitoonni darara suukaneessaa irratti raawwatanillee gabrummaa tole jedhee fudhatee hinbeeku. Oromoon Walloo aadaafi seenaasaa kabachiifachuuf Axee Teedroos wajjin kokkee walqabaa ture.
Seenaan dubara Oromoo Warqituufi Mastaawat cimina Oromoo Walloo qofa osoo hintaanee gootummaa dubartoota Oromootiif fakkeenya gaarii ta’e mul’isa. Isaan asittis Oromoonni hanga xumuraatti Axee Minilikii eegalee ‘nugusoota’ biyya kanaa wajjin mormiifi qabsoo hadhaawaarra turan.
Kan qabsaa’an dhugaa namaa sarbuufi miti. Saba kan biraarratti olaantummaa gonfachuufis miti. Cunqursaa tokko aangoorraa buusanii cinqursaa biraa ta’uufi fedhii qabaatanii miti. Qabsoon ummata kanaa qabsoo abbaa biyyummaa, qabsoo walqixxummaafi qabsoo haqaati.
Qabsoon kun dhalootaa dhalootatti darbaa ture. Qabsoon Oromoota Walloo kan Warqituufi Mastaawatiin jalqabame Nugus Mikaa’el (Mahammad Alii gudicha)fi liji Iyyaasutti darbee hanga ammaa itti fufeera.
Qabsoon Oromoo kun gootota akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Elemoo Qilxuu, Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Maammoo Mazammir, Agarii Tulluu, Dajjaazmaach Kabbadaa Buzunash, Adam Saaddoo, Oliiqaa Dingil, Abbishee Garbaafi kanneen kumaatamaan lakkaa’aman kan biroo horateera. Jagnoonni kunniin gabrummaa hundeedhaa buqqisuuf lubbuusaanii dabarsanii kennanillee ni sochoosan malee bakka xumuraatiin hingeenya.
Dhaloonnisaanii qeerroofi qarreen itti guddatanii kunoo xumurarraan gahaniiru. Duudhaan baddes bakkatti deebi’aa jirti. Aadaan dhokattes biyyoo ofirraa urgufattee biqiluu eegalteetti. Irreechi Finfinnee waggaa 150 booda malkaa Finfinneetti deebi’eera. Afaan keenyas masaraa mootummaa galeera. Kan eegamu seeraan afaan hojii biyya keenyaa akka ta’u labsamuu qofa. Kanaaf ‘Ishoo aadaan badde galte’ jechaa irreecha keenya nagayaan irreenfannee waaqa guddaa keenya kadhanna. Wantoota nu hafan guguddoo ammoo bara dhufutti xumurree akka walitti deebinu asumaan waadaa walii galla. Dhimma Finfinnee dhuunfachuufi Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa gochuun dhimmoota nu hafan keessaa isaan ijoo akka ta’an dagachuun hinbarbaachisu.
Akkuman sila kaase Oromoon aadaa kana deebifachuuf waggoota 150 oliif wareegama lubbuu kaffaleera. Dhaloonni meeqa akka itti gabbarremmoo mana mana keenya teenyee herreguu dandeenya. Kanaafi; Oromoo fageenyi osoo isa hindagin, harka-qallummaan osoo isa hinqabin kaabaa kibbaa, bahaa-dhihaa bahee handhuura Oromiyaa, Finfinneetti argamee Irreecha Hora Finfinnee kan kabajuuf.
Ummanni Oromoo bakkawwan hundaa bahee Irreechaa Hora Finfinnee yoo kabaju kan hinbeeknetti qoosaa ykn bashannana fakkaata. Oromoodhaaf garuu jila seena qabeessa, ayyaana guddaadha. Guyyaa kana gochaa sukaneessa irratti raawwataa ture seenessa; wareegama itti kaffale yaadata.
Qabsoo hadhooftuu dhaloota itti gabbaree argate kana kabaja. Akaakayyuufi abbootiisaa ittiin yaadata. Ijoolleesaa lubbuu kaffalanii injifannoo boonsaa kanaan isa gahan ittin galateeffata. Ayyaana xumura qabsoo garbummaa ittin kabaja. Asumaan haaloo bahuu maganee( balaaleffatee), dhiifama lallabee gala. Irreechi Araara, dhiifama waan ta’eef.
Kabajni Irreecha Hora Finfinnee Oromoof hiikoo biraas ni qaba; hiikoo siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa. Sirni kun gama tokkoon Oromoon abbaa biyyummmmaa gonfachuusaa agarsiisa; duudhaan ganamaa Oromoof deebi’uusaa mul’isa. Bokkuun bakka itti cabetti deebi’ee dhaabbachuusaa mirkaneessa.
Oromoo handhuurasaa kan humnaan irraa darbatametti deebi’uusaa, bakka itti mo’atametti mo’atee deebi’e qubachuusaa addunyaatti hima. Kan faranjoonni bakka ganamaatti deebi’uu (‘restoration’) jedhan sanatu ta’e jechuudha. Kanaaf seenaa Boqonnaa haaraa katabuu eegaluu qabna; seenaa bara dheeraa seenaa qabsoo Oromoo addunyaaf muuxannoo guddaa ta’u sana ifatti baasuuf.
Gaafan kana jedhu wanti hunduu xumarame jechuu koo akka hin taane jala sarareen dubbadha. Wanti Oromoon yaadachuu qabu injifannoon kun kan dhufe tokko ta’ee bakkawwan hundaa akka goondaa walqabatee waan qabsaa’eefi. Facaatiin mo’aamuufi gabrummaa akka fidu dhaloonni kun hubachuudhaan tokkoomee waan qabsaa’eef injifannoo cululuqaan Magaalaa Finfinnee gale. Walqooduun diinaaf akka nama saaxilu galeefiiti osoo addaan dhiibanuu gamtoomee aadaasaa deebifate.
Ammas Oromoon yoo tokkoome kana caalaa fagoo akka deemu hubachuu qaba. Rakkoo biyya kanaafillee qoricha ta’uu mala. Warri shira baremmoo ummata guddaa kana lagaan, gandaan akkasumas gosaan qoqqooduun injifannoo kana harkaa baasuuf ciniinnatanii halkanii guyyaa wixxirfataa akka jiran hubachuu qaba. Kanaaf olola diinaaf karaa banuu dhiisee tokkummaasaa cimsuu qaba. Kanamoo dhaloonni qubee sirriitti hubata jedheen yaada.
Xumurarratti, Irreechi Irreecha nagaa, kan tokkummaa, kan guddinaa akka nuuf ta’un hawwa. Ayyaana gaarii! Nagaan bahaa, nagaan galaa!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012
9 Comments to “Ishoo Aadaan Badde Galte!”