Irreechi Irree keenya!

Akkamiifi attamitti jirtu. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa?

Torban darbe waa’ee dhihaachuu irreechaa haasofnee irreecha keenya ayyaanota biraa caalaa jaalatamaafi ayyaana as naqabaa achi naqabaa hinjenne ta’uusaa ibsinee Irreechi Ayyaana galeef ta’uusaa labsinee dhaammannee haasaa kaan immoo har’aaf bulfannee addaan baane!

Har’as taanaan ani waa’ee irreechaa kana haasa’uu hindhiisu. Jimman jira. Jimma biyya Abbaa Jifaar! Jimma biyya jaalalaa. Jimma biyya iyyeessi itti baqatee deemee duroomee deebi’u. Jimma biyya sabaafi sablammootaa! Jimma biyya amantiiwwan hundi walqixxee keessummeessitu sanin jira.

Jimma ijji hamtuun yeroo hunda ishee ilaaltu, garuummoo kan ishee ilaalu malee budaan ishee nyaatu kan hinjirre. Jimma! Bara tokko jedhan akkuma Dirree Dhawaa haadha ishee jalaa baatee haadha biddeenaa isheetti kennamte san warri haadhaafi ilmoo addaan baasuun beekamu sun Jimmas haadha isheerraa addaan baasuuf waan baay’ee yaalan jedhan.

Yoona kana namoonni dhimma kana dhagahan baay’uma morman jedhan. Anillee yeroo san mormiikoo akka ammaa kana barreessee qalama kootiin ibsachuu badhus aariikoo garuu galee ijoolleekoo alangadheedhaan reebuudhaan bahadheera. Eeyyee kan mootu dhaani jennaan gowwaan galee niitiisaa dhaane akkuma jedhan ani niitii koollee moowuu dadhabnaanin sababa Jimmi akkuma Dirree Dhawaa Oromiyaa jalaa baatee bulchiinsa magaalaa ofii ishee dandeesse taati kan jedhamu dhagahe jedheen ijoollee koo dhalattuu homaa hinbeekneen galee reebe. Maalumaafuu barri akkasii sunis darbee kunoo ammas akkuma durii san magaalaa Oromiyaa, magaalaa jaalalaa, magaalaa sabaaf sablammiin waliif boohaa waliin boohan taatee jiraachaa jirti. 

Waayee magaalaa Jimmaa kana hamma ta’e kanin taajjaben isinitti hima. Aniif Jimmi erga walbarree kunoo waggaa kudhan guunnee jirra. Yeroo jalqabaatiif kanin dhufe cidha hiriyaa kootii tokko waahela ta’een ture. Yeroos egaa farsoo kanas xuxxuuxxachuun jira waan ta’eef Jimma kana ija guutuudhaan ilaaluuf carraa gaarii hin arganne. Yeroo lammataa yommuun deemu garuu guutummaa magaalattii keessa naanna’uudhaan sirriittin hamma gola ishee keessa galee ilaaluuf yaale. 

Magaalaa seenaa bara dheeraa qabdu kun akka maqaan ishee guddaa ta’ee miti. Alli guddaa manni xiqqaa jechuun magaalaa Jimmaati. Alli ishee akka alaabaati alaalaa mullata. Alaabaa isa maalummaa sabaafi biyyaa ibsu. Keessi ishee akka maarrabiit dhokota.

Maarrabii xuraawaa nama fuulduratti hinbaane. Maarrabiin akka alaabaa irree qabaattee mukaafi sibiilarra baatee alaalaa mul’achuu hindandeessu. Alaabaan ibsituu eenyummaafi sabboonummaati. Jimmi biyyi bunaafi damma akkasumas dhadhaafi muka isheetiin beekamtu gola golashee keessa yommuu deemnu kan arginu kosiifi garaabaa jimaa magaalattii xureessuudha.

Magaalaan bara dheeraa dura hundooftee beekamtu iddoowwan tokko tokkotti ammas bakkuma durii san jirti. Sooraan manneen ishee dulloomee alaalaa yommuu ilaalan nama jibbisiisa. Karaan keessa keessa ishee dulloomee ciccitee ujummoowwan balfa dhangala’aa dhangalaasan baay’een isaanii dhoowanii balfa san karaarratti yommuu dhangalaasanis ni mullatu. Daandiiwwan suphamuuf hojiiwwan isaanii waggoota dheeraa dura eegalaman har’as akkuma deemsa qocaa lafarra foqoqaa jira.

Jimmi haala qilleensa umamaa isheetiin akkasumas qabeenyaa uumamaa qabduun magaalaa filatamtuudha. Filatamtuu haa taatuyyuu malee garuu ammas taanaan xiyyeeffannaa dhabuurraa kan ka’e magaala qaama abbaa kanaa jedheen kan dhabde fakkaatti. 

Egaa magaalaa kan keessatti wantootan taajjabe keessaa tokko sabboonummaa ummata isheeti. Irreecha Finfinnee waggaa dhibba tokko booda kabajamu ilaalchisee qeerroowwaniifi qarreewwan magaalattii magaalaa Jimmaa kana faajjii abbaa gadaatiin faayanii akkuma magaalatti galleen wantoota magaalota birootti hamma kana nuqunnamee hin beekneen anaa

dhufuu addaatiin simatamne. Aniifi gareen hojiidhaaf garas deemne hundi keenyaa gammachuu keenya haalli itti ibsine adda ture. Walumaa galatti magaalli Jimmaa magaalaa xiyyeeffannaa addaa barbaadduudha. Magaalaa magaalaa turustii ta’uu dandeessuudha. Magaalli kun magaala wirtuu diinagdee biyyattii ta’uu qabdi.

Egaa amma irreecha boruutiif jechaa gara Magaalaa guddittii Oromiyaafi Itiyoophiyaa taatetti Finfinneetti imala keenya jalqaneerra waan ta’eef haasaan keenya hundi isaa waayeedhuma irreecha Hora Finfinnee isa Oromoon kallattii hundaanuu hawwiidhaan eegaa jiran kanati.

Magaalaan Finifnnee haala gaariidhaan miidhagdee keessummootashee simachuuf qophii ishee xumurtee jirti. Magaalaa keessummaa simattu ta’uushee eenyuyyuu ragaa bahaafi. Oromoo malee kan irraa dhiibamee Finfinneetti muufate sabni  biraa kan jiru natti hinfakkaatu.

Oromoon jaarraa tokkoofi walakkaadhaa oliif irraa baqateyyuu kunoo baroota kana hunda booda biyya abbaasaa irratti irreeffachuuf qophii xumurtee miira dhiifamaafi araaraatiin saba ishee simachuuf harka bal’istee eegaa jirti. 

Egaa irreecha keenya iddoo armaan olitti ilaaltan kanatti irreeffachuuf deemna. Gaafan suuraa armaan olii kana kaasuuf dirone kaameraakoo ol kaasu waan badeen jettee na arrabsite amma asirratti kaasee barreessinaan of arrabsuu ta’a.

Maalumaafuu nuti miira dhiifamaatiin gara fuulduraatti adeemuudha malee gumgummiidhaan kaleessa kuffisnee bira darbine kaasuuf booddeetti hindeebinu. Irreecha keenya garaa qulqulludhaan, gadoo of keessaa qulqulleessinee garaa keenya dhiqannee irreecha keenya irreeffanna. Irreechakaa! Yaa Irreecha! Maal qaba mee ayyaanonni hundumtuu akkuma kee kana kan namaa laafan osoo ta’anii…ammas dhaamsuman torban darbe dhaamen dhaama.

Gaafa irreechaa uffata aadaa babbareedaa keenyaan faayamnee biyya abbaa keenyaa kan waggaa 150 irratti irreeffachuu dadhane irratti walgeenyee Waaqa keenya galateeffanna! Adaraa warri Wallaggarraa dhuftan dhadhaaf damma qanqalloo lama lama naaf fidaa kottaa!

Warri gara Harar kanaa dhuftan immoo akkasuma waan naa fiddanii dhuftan gara sarara keessaatiin isinittin hima…. Warri Kamisee waan biraa dhiisaatii  jaalalumaafi obsa keessan san naa qabadhaa kottaa… 

Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naaf barreessuu dandeessu.

Qalbeessaa Magarsaa

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012

Recommended For You

4 Comments to “Irreechi Irree keenya!”

  1. Pingback: dk7

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *