Akkamiifi attamitti jirtu. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Egaa kunoo bara haaraa kana erga jalqabnee torbanoonni lama darbanii har’ammoo Ayyaana Masqalaa kabajachaa jirra.
Masqala mootii ayyaanaa! Masqala bara baraan hinhafne. Masqala bareedaa. Ani garuu yeruma hundaa ayyaana jijjiirraa bara haaraa caalaa kan nagammachiisu ayyaana Masqalaati. Eeyyee anaaf Masqalli mootii ayyaanaati. Garuu maalumaaf mootii ayyaanaa jedhamee laata? Maaliifin ayyaana bara haaraa caalaa isa jaalachuu danda’e?
Ani uumama kootiin ayyaanan leellisu hinqabu. Bara qeerrummaa saniyyuu osoo iddoon haatikoo jiraattu kanin ani jiraadhuun fageenya hinqabaatinuu haadhakootiif waanuma ayyaana ittiin ooltu ergeetiifan ani guyyaa ayyaanichaa manuma koo keessa taa’ee kitaaba dubbisaa oola.
Amma kunoo ergan fuudheewuu ayyaana akkuma nama kamuu leellisuu dhiisuu kootiin haati warraa koo nakomachuu barbaaddi. Ayyaana kana ani har’ayyuu akka keessan kana farsoo guushii xuxxuuxxachaa, kochee nyaachaa, booka dhugaa kabajaa hin jiru.
Dhuguman jedha amma sa’aatii kanatti hojiirran jira. Mee maalumaafuu bunni dhadhaadhaan isiniif buufamee jiru isin jalaa qorra waan ta’eef dafaa dhugaa. Warri farsoo kana xuxxuuxxachaa jirtanis akkasuma dafaa dafaa xuxxuuxxadhaa… eeyyeen yoo akkas hinta’in ayyaanni ayyaana hinfakkaatu. Akkuman isinitti hime ani ayyaana kabajuuf fedhiifii hawwii guddaa qabachuu baadhullee Ayyaanni Masqalaa anaaf ayyaanota jiran keessaa ayyaana guddaadha. “Garuu maaliifiree?” jettanii nagaafattu “silaa isin hin qaanoftani” isiniin jechuuf jedheen “yoona bar manguddoonnis gaazexaa kana dubbisaa jiru” jedheen rifadhee dhiise.
Masqalli ayyaanota kamuu caalaa ayyaana cehumsaa… ayyaana bacaqii gannaa keessaa itti bahanii abaaboo birraatiin dabaalamanii booqaa birraatti cehaniidha. Ayyaanni kun ayyaanota biroorraa kan adda isa godhu ayyaana fakkeessuuf ayyaaneffamu miti.
Ayyaanni kun giddugaleessa biyyaa qofatti kan jaalatamu osoo hinta’in ayyaana fiixee kaabaa kaasee hamma fiixee kibbaatti kabajamuudha. Addigiraat osoo yeroo Masqalaa kana deemnee akkamitti akka ho’u isinitti himuu hindanda’u. Maalumaafi laata? Anillee yeroo tokko tokko Addigiraat kana maquma isherraayyuu kaanee yommuu ilaallu akkuma yeroo tokko lubni tokko foddaa televiziyoonaarratti bahee dubbate maqaan Addigiraat “Adda Gaaraati” jechuudhaan akka Oromoon maqaa baaseef hime aadaafi gara laafummaa saba naannawa san jiru yommuun kan Oromoo wajjin walbira qabee ilaalu tokkuma natti ta’a.
“Adda Gaaraati” kana Oromootu moggaaseefi kan jedhu kun hammam dhugaa akka ta’e qorqnnoodhaan mirkaneeffadhee beekuu baadhus dhugaan jiru garuu Addigiraat adduma gaaraati. Maalumaafuu Masqalli Addigiraatitti ayyaanota kamiyyuu caalaa baay’ee kabajama. Namoonni dhalattoonni naannawa sanii naannawa gara garaa jiraatan baay’een isaanii akkuma namoonni gara kibbaa kun gara biyya dhalootasaanii imalanii kabajan, garasis deemanii maatii isaanii wajjin ayyaanicha oo’isanii kabaju.
Ayyaanni Masqalaa Addigiraatitti kabajamu wanti iddoo baay’eetiin adda isa godhu keessa inni tokko namoonni manneen adda addaatirraa walitti bahanii waan qaban walitti guuranii qalatanii nyaatanii kan irraa hafe immoo waliif qoodanii hiyyeessaaf sooressa osoo addaan hin qoodiin hundumtuu walqixxummaadhaan kan itti kabajatan ta’uusaati.
Kan biraa immoo kabaja ayyaana Masqalaa kana irratti nama qofaa miti kan quufee bashannanu. Horiinis kaloo kalamaa ture hundatti gadhiifamanii akka quufan nitaasifamu. Inni kun Oromoo birattis akkasuma. Saawwan dhaltiinis elmamanii namni hundumtuu aannan hamma garaan isaa danda’e nidhuga.
Kanarraa kan hafe dhadhaanis dhufee hundumtuu, dhiira dubartiidhaan dhadhaa kana dibatanii ayyanicha kabaju. Addigiraatitti Ayyaana Masqalaa aayyaana mootii ayyaanotaa wanti isa taasisu kan biraa Ayyaana ykn sirna kan wallole itti araaramu ta’uu isaati. Araaraaf nagaa kan caalu jiraa garuu?
Nagaa jennaanin fiigicha nagaa torban darbe asuma magaalaa guddittii Oromiyaafi Itiyoophiyaa akkasumas Afrikaa taate Finfinnee keessatti taasifamee milkiidhaan xumurame sanin yaadadhe. Fiigichi sun akkam ture? Meeqa keessantu fiigicha san irratti hirmaate? Abeet yaa fiigicha! Nifiigneeree nigulufne malee. Akka garaa keenyaatti daandii magaalaa Finfinnee kana irratti bashaanee bashannannee dhangalaasa garmaamne.
Ajab yaa fiigicha! Maal qabamee osoo irreechi kuni torban torbaniin nuuf dhufee? Silaa torban torbaniin figicha irreechaa nageenyaa kana irratti hirmaannee torban torbaniin waayee nagaa mari’annee waayee nagaa lallabnee nagaadhaan jiraanna ture.
Oromoon duris taanaan nagaafi jaalalaan hammatee jiraachuu jiraachisuu barbaada. Kanattuu babal’atee hamma kana baay’atee ardii guute. Egaa maal goona Waaqa jaalalaaf nu uume galateeffachaa jiraachuu malee filannoo biraa hinqabnu.
Haasaa keenya dhimma guyyaa har’aa kana mee ammammoo diimina kana murachaa haa haasofnu. Isiniin jedhe malee ani ammayyuu hojiirran jira. Amma immoo meekaa Masqala kibba biyya keenyatti kabajamu hamma xiqqoo ishee haa ilaallu. Ayyaanni Masqalaa gara kibbaatti kabajamu kuni silas adda.
Namni kallattii kamirraayyuu waan woggaa guutuu ayyaanaaf jedhee kuufate qabatee gara biyya dhaloota isaa deemee maatii isaa wajjin gammachuudhaan dabarsa. Kanarratti xiqqoo akka komiitti kanin kaasu ayyaana kabajuun gaarii ta’ee, firaaf aanteefi finna wajjinis yeroo gaarii dabarsuun akkasuma waan ajaa’ibaa ta’ee, maallaqa waggaa guutuu itti dhama’anii hojjetanii kuufatan sababa ayyaana kabajuutiin jedhanii torban tokko keessatti kan jimi abbaashii godhan kanatu fokkisa.
Ayyaannooo bara baraan nidhufa, garaanoo guyyuma guyyaan nyaachuu isaa addaan hin kutu. Gidduutti guddinniifi mul’anni ittii biyyaa bahaniin sun fashalaa’a malee. Kanaaf nus taanaan ayyaana kabajnee waan qabnu hundumaa ayyaana irratti fixnee torbanoota dhufan keessa gara liqiitti akka hin galleef of qusachaafi of eeggachaa ayyaana keenyatti gammaduu qabna.
Sanirraan immoo irreechis dhufaa jira. Baranammoo irreecha kunoo iddoo lamatti kabajuuf jenna. Irreecha Hora Finfinneefi Irreecha Hora Arsadii (Bishooftuu). Lamaanirraayyuu hafnaan walkomanna waan ta’eef akka hinhafne.
Irreechimmoo kan natti tolu akka ayyaanota kan biroo qirca naaf qalaa hin jedhu, farsoo naaf naqaa hin jedhu, andaaqqoo naaf qalaa hin jedhu, hoolaa naaf qalaa hin jedhu… walumatti naaf qabamaatii Waaqa bacaqii gannaa sanirraa gara booqaa birraatti isin ceesise galateeffadhaa jedha malee. Ay yaa Irreechaa! Ayyaana galeef! Maal qaba mee ayyaanonni hundumtuu akkuma kee kana kan namaa laafan osoo ta’anii…maalumaafuu gaafa irreechaa uffata aadaa babbareedaa keenyaan faayamnee biyya abbaa keenyaa kan waggaa 150 irratti irreeffachuu dadhane irratti wal geenyee Waaqa keenya galateeffanna!
Adaraa warri Wallaggarraa dhuftan dhadhaaf damma qanqalloo lama lama naaf fidaa kottaa! Warri gara Harar kanaa dhuftan immoo akkasuma waan naaf fiddanii dhuftan gara sarara keessaatin isinittin hima… Warri Kamisee waan biraa dhiisaatii jaalalumaafi obsa keessan san naaf qabadhaa kottaa…
Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naaf barreessuu dandeessu.
Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi
Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 17/2012
3 Comments to “Irreechi Irree keenya, keessaawuu kan Finfinnee”