Baatiin Fulbaanaa kun baatii jila (‘festival’) Oromoo ta’uun beekamtii gaarii argataa dhufeera. Sirni Irreechaa jila tokko. Fiigichoon irreechaa jila biraati. Ayyana Masqalaa (kan warra qeesii bira tarree) Oromoon haala itti kabaju kan isaa qofa kan ta’e qaba. Kanatti Gugsiin Fardaa yoo itti dabalame paakeejii jilaa kan turiistii hawatu guddaa tokko uumuun ni danda’ama. Hundumtuu garuu Irreecha jiddugala kan godhatuudha.
Irreechi uumaafi duudhaa Oromooti. Fakkeenyaaf Oromoon birraa barii laga bu’ee, waaqa bacaqii gannaa isa baasee booqaa birraatiin isa gahe galateeffachaa tureera. Kun waan haaraa kaleessa ykn har’a dhalatee miti, aadaa ganamaati.
Garuu akka badu, dhokatu ykn dhabamu moggaasa adda addaatiin duulli irratti adeemsisameera. Hundeedhaa goguu baatus laamsha’ee ture. Falmii ijoollee Oromoo wareegama lubbuu gaafateen aadaan badde ykn dhokatte bakkatti deebi’aa jirti. Kabajni sirna Irreechaas agarsiistuu kanaati.
Aadaawwan Oromoo dhokatan deebi’uu qofa osoo hintaane idileefamaafi waalta’aa jiru. Fakkeenyaaf Sirni Gadaa Boorana, Tuulamaafi Gujii qofatti hafe amma bakkawwan hundattuu deebi’aa jira. Akka walfakkaatuufis irratti hojjatamaa jiraachuun gaariidha.
Sirni Irreechaa dhorkamaa tures bilisa bahee Oromiyaa mara keessatti Irreecha Birraafi Arfaasaa jedhamee miira ho’aan kabajamuu jalqabeera. Finfinneen qophaatti haftee turtes waggaa 150 booda barana itti makamuuf chidha guddaarra jirti. Waaqayyoo ittiin haa ga’u! Haa oofkalchus jennee kadhachaa jirra. Ayyana Irreechaa Hora Finfinnee kanarratti argamuufis Oromiyaa cufti qophiirra jira. Isaanillee nagaan bahanii akka nagaan galan Waaqa Guddaa ni kadhanna.
Irreechi waggoota kurnan taranii as irree Oromoo ta’eera. Irree qofa osoo hintaane mallattoo Oromoo ta’ee addunyaarratti beekamtii argachaa jira. Dur warri balbala cufatnii balaaleffatan balbala qofaa mitii sammuu saaqqatanii simachaa jiru. Sabaafi sablammiin akka Sidaamaa, Gaamoo, Hadiyyaa itti makamanii Oromoo wajjin kabajaa jiru. Kunimmoo irreechi irree Oromoo qofa Osooo hintaane kan sabaafi sablammii ta’aa jiraachuusaa mu’lisa. Warri biyya alaas dabalataan maatii irreechaa ta’aa dhufuunsaanii walitti dhufeenya Oromoon addunyaa wajjin qabu cimsa.
Hammeenyaaniifi sanyummaan sirna bittaa biyya kanaa addunyaarra waan jiru hinfakkaatu. Sirni Wayyaaneemoo kan caaluudha. Oromoon akka wal hingeenye, akka walhinagarre taasisaa turte. Galma dhiisii dirreen kamuu walgahii Oromooakka hinkeessummeessine dhorkite.
Sababa kanaan Oromoon bakka itti walargu dhabee. Irreecha garuu guutummaatti dhorkuu hin dandeenye. Reebamus, tumamus, hidhamus, karaan itti cufamus akkuma ta’e ta’eeti waggaa eegee irreecharratti walarga. Irreech Hora Arsadii, Irreechi Malkaa Ateetee, Irreech Laga Birrattee kkf irratti.
Kan guyyaa sana ajjeefamu, hidhamu, tumamu, doorsifamu akkuma jirutti ta’ee. Qeerroofi qarreen dararama jiru dandamatanii sirboota qabsoo Oromoo tumsaniin waljajabeessu. Alabaan qabsoo Oromoo guyyaa Sanaa hindhokattu. Sakatta’a cimaa keessa darbee haalli itti mul’atu ture. Tokkummaan ummata Oromoo guyyaa sanaa ajaa’ibsiisaadha, kan fira gammachiisu kan diina sodaachisu. Kanaafi irreechi irree Oromooti kan jedhamuuf.
Sirna Waaqeffannaa keessatti Horaawwan jiran keessaa Hora Arsadii seenaa addaa qaba. Jalqabarratti bakka irreechi deebi’ee itti dagaaguu jalqabeedha. Irreechi ilmaan Booranaafi Baareentummaa bakka tokkotti walitti fide. Walitti fiduu qofa osoo hintaane iddoo ilmaan kunniin bakka tokkotti biyyee uffataniidha.
Hora Arsadiitti bara 2009tti ilmaan abbaa Gadaa bakka tokkotti dukkan biyyoo jala galtee tokkummaa Oromoof ifa taate. Seenaa gurraacha sana yoo mootummaan dagatellee dhaloonni yoomiyyuu hindagatu. Oromoon ammoo mallattoo tokkumma dhiiga, fooniifi lafeen ijaarame godhatee ittiin boona. Har’a boris Irreechi Iree Oromoo ta’ee akka itti fufu malkaa waadaan itti galame; Malkaan Hora Arsadii.
Ayyaana Irreechaa duruu amaamota hedduu qaba. Haala wajjin amaamonni Figicha Irreechaa (‘IRREECHA RACE’) jedhamu itti dabalamaa dhufuunsaas waan gaariidha. Sagantaan kun bara gaddaa dhumaatii irreecha (‘Irreecha Holocaust’) sana Magaalaa Bishooftuutti waan jalqabame natti fakkaata. Baranammoo magaalaa guddittii keenya, Fnfinneetti, haala miidhaginaafi nagaa qabuun adeemsisameera.
Warri carraa arganne irratti hirmaannee waraqaa ragaafi meedaaliyaa seena qabeessa badhaafamnee hundi keenyaa tokkoo taanee tokkoffaa baaneerra. Warri hirmaachuuf carraa hin arganne gammachuus meedaaliyaas,tokkummaas walumaan qabana. Oromoo ittin beeksisuuf hanqinaalee xixiqqaa jiran sirreessanii gabaa adunyaarratti baasuun barbaachisaa ta’uu asumaan xuqeen bira tara; kunis irree Oromoo waan cimsuuf.
Amaamonni irreechaa kan biraa gugsiidha; gugsii fardaa. Aadaan gugsii dagatamaa jira. Garuu waan dagatamuu hinqabneedha. Gugsiin Irreechaafi Birraa wajjin walqabata, Tuulama keessatti. Oromoon Tuulamaa farada sooree birraa barii Gugsii walitti baha.
Qonnaan bulaan Tuulamaa qotiyyoofi farda jaalata. Kan qotiyyoo hinqabne waan qabu gurguree arfaasaarratti qotiyyoo (sangaa) bitatee lafa qotee gummbii guuta. Facaasaa akkuma fixeen ammo kan farda hinqabne waan qabu gurgurateeti, qotiyyoo dabaltee, farda bitata. Oromoo fardaaf kabaja guddaa qaba.
“Gaafa gugsiifi gaafa du’aa fardatu nama kabachiisa” yaadama jedhutu jira. Sababa adda addaatiin aadaan gugsii kun hafaa jira. Sababa hedduu keessaa innii guddaan dirree itti gugsan dhabamuusaati. Garuu sababa kanaan aadaa bareedaa kan dhabuu hin qabnu. Abban Aadaa oromoo Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaa gama kanaan itti yaaduu qaba. Warri barreeffama kana dubbistanis gurra buusaa, yaadachiisaa.
Golobuu koon dura Irreecha Finfinneerattin afuura baafadha. Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 booda kabajamuufi. Kun Oromoof seenaa guddaa qofa osoo hintaane injifannoo guddaadha; diinaf ammoo sodaadha. Oromoon gaafa malkaa ganamaatti deebi’u abbaa biyyummaa dhuunfata.
Irreecha Hora Finfinnee kun dhiigaafi lafee waggaa 150tu fide. Yeroo kana warra qabsoo ganamaa jalqabe sana yaadachuun barbaachisaadha, jagnoota warra Macaafi Tuulamaa, warra Sikkoo Mandoo, Warra Ituufi Afran Qal’oo. Isaan dhalootaa bilisoomsuuf lubbuusaanii dabrasanii kennanii dhaloota qabsoo dhaalchisan. Ilmoonsaanii itti guddattee qabsoo fixeerraan geessee jirti.
Kanaan booda dhaloonni dhufu qabsoo osoo hinta’in qilleensa bilisummaa akka dhandhamatu abdiin qaba. Dhaloonni kun qabsoo abbaa biyyummaa akka xumurus oromoo marti abdii qaba. Kanaaf gaafa hora Finfinnee kabajnu warra ganamaa sana haa yaadannu. Asumaan siidaan yaadannoosaanii handhuura Oromoo keessatti akka ijaaramuuf waliin haa gaafannu. Malkaanis akka oofkalu hirmaattonni hundi qaama nageenyaa ta’anii eegumsa gochuun dirqama, fira osoo hinta’in diina baay’ee waan qabnuuf.
Akka waliigalaatti, Oromoon aadaa biyyeefi dhagaa tuuluu hinqabu. Aadaan Oromoo aadaa lubbuu qabuudha, kan dubbatu, kan afuura baafatu. Sirna gadaa, irreecha, gugsii, siiqee, ballii, qaalluufi meshaalee aadaawwan kanneen wajjin walqabatanii jiran. Aadawwan kunniin kan ummata Oromoo walitti hidhaniidha. Oromoon kamiyyuu Oromummaasaa irratti akkasumas aadaafi duudhaasaarratti garaa garummaa hinqabu. Keessoo Oromoo akka muka ejersaa kan jabeesses kanuma. Kanaaf kunuunsuufi guddisuun dirqama dhalootaati.
Nagaa ta’aa. Irreecha Hora Finfinneerratti wal agarra.
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 17/2012
6 Comments to “Irreecha Irree Oromoo”