“Bunaafi nagaa hindhabinaa” jedhee eebbisa Oromoon yoo “Goraatii buna dhugaa” jedhaniin. Jechi kun jecha hiikoo guddaa of keessaa qabuudha. Buna qofaaf hiika guddaa kennuu dandeenya. Bunni dinagdeedha; qabbeenya, tasgabbiifi haara-galfannaadha. Buna hindhabinaa jechuun gabaabumatti kanan gubbanatti eere hunda hindhabinaa jechuudha.
“Nagaa hindhabinaa” jechuunis hagam hawwii guddaa akka ta’e hubadhaa. Barbaachisummaa nagaa kan irra caala beeku warra nagaa dhabeedha. Nagaan jireenya, nagaa dhabuun du’a, nagaan badhaadhina, nagaa dhabuun gadadoodha, hiyyumaadha. Nagaan bilisummaadha, nagaa dhabuun gabrummaadha.
Ammallee Waaqayyo Oromoo bunaafi nagaa hindhabsiisin; ummata ollaasaatis. Yoo ollaan nagaa ta’e qe’een Oromoos nagaa ta’a. Kun fedhii kiyya, keetis, keenyas. Garuu fedhii qofaan wanti ta’u hinjiru. Qe’een Oromtichaafi Oromtittii nagaa guutuu qabdii?
Nageenya jechuun waraanni hinjiru jechuu qofa miti. Jequmsi (‘violence’), sodaan (‘fear’) hinjiru jechuudha. Nageenya jechuun walitti bu’iinsi (‘confilict’) hinjiru jechuudha. Nageenyi gammachuun jiraachuullee dabalata. Bilisa (‘freedom’) ta’uu jechuudha.
Nageenya qe’ee Oromoo yoon jedhu dubbistoota koo hundaafuu ifa natti fakkaata. Oromoon qe’ee tokko walitti qaba. Qe’een kunis Oromiyaadha; Oromiyaa bal’oo. Oromiyaa Walloo boraafattee lukashii Keeniyaatti diriirfatu. Oromiyaa lalistuu Beegii hanga Jibuutiitti harka bal’istee ijoolleeshii simattuufi hammattu. Qe’ee sabaafi sablammoota hedduu hammatee nagaan keessa waliin jiraattu. Qe’ee ollaa wajjinis nagaan jiraachuuf fedhii guddaa qabduudha.
Barreeffamni koo kan har’aa nageenya qe’ee bal’aa kanarratti xiyyeeffata. Maaliiif yoo jettan qe’ee guddaan nageenyaan badhaadhee waggoota dheeraaf jiraate kana keessatti yeroo ammaa wanti nama yaaddesu mul’ataa waan jiruufi. Tarii qe’een kun eddii waraana nafxanyaatiin cabee as yoom nagaa argatee beeka jettanii gaaffii cimaa kaasuu dandeessu.
Gaaffii sirrii ta’ullee, haala biyya Itoophiyaa jedhamtu kan keessa ture wajjiniin walbiratti yoo ilaalalamu qe’een Oromtichaafi Oromtittii nageenyaan fooyyee qaba ture. Waggoota muraasaa as garuu qe’ee kanatti booyichi hammaataa dhufeera. Gaddi seenee keessaa bahuu dadhabeera.
Keessaayyuummoo kan Gadaa tokkoo asii fokkataafi suukaneessaa akka ta’e ragaan nu caalu hinjiru. Bittaan sirna Wayyaanee qe’ee Oromtichaa nagaa dhabsiisaa ture. Jeequmsa biyyattii gara kaabaa waggoota dheeraaf ture Wayyaaneen malaan gara Oromootti ceessistee qe’ee nagaa qabu hunkuraa baate.
Eddii gaafa Wayyaaneen Araat kiiloo galtee kaasee guyyaa guyyaadhaan dhiigni Oromoo lola’aa ture. Haati Oromoo imimmaanshii dhangalaasaa turte. Oromoon Maa’ikalaawii, Qaallittii, Qilinxoofi bakkeewwan dhoksaa turanitti garmalee dararamni irra gahe. Barreeffamni torbee tare Maa’ikalaawii keessatti dubbisaa turre dhugaa kana mirkaneessa.
Sirna Wayyaanee qe’ee Oromoo nagaa dhabsiisaa ture ofirraa fonqolchuuf ijoolleen Oromoo qabsoo hadhaawaa taasisan. Qabsoo sana keessatti qeerroofi qarreen meeqa akka wareegaman walyaadachiisuun hinbarbaachisu. Ajjechaa jumlaa, hidhaafi tumaa suukaneessaan qe’een ijoollee Abbaa Gadaa nagaafi buna dhabee ture.
Ajjeechaa bara 2008 Irreecharratti raawwatame qe’ee hundaa boochisee. Ittaansees Buqqaatiin ummata keenyaa kan Harargee, kan Baalee, kan Wallaggaafi bakkeewwan biraa godaannisa seenaa ta’ee jiraata.
Jijjiiramni wareegama Oromootiin dhufullee qe’een Oromoo guutumaatti nagaa hinarganne. Ammallee gartokkeen ummata kanaa haala gaddisiisaa keessa jira. Wallaggatti waan ta’aa jiru hunduu quba qaba. Gujiitti waan jiru kan hindhageenye hinjiru. Gara biraallee gurra yoo itti qabne waan gaarii dhagahaa hinjirru. Gartokkeen ofumaaf nagaa waldhabsiisnee qe’ee keenya raasaa jira.
Gama biraatiin meeshaa diinaa taanee qe’ee keenya jeeqna. Qe’een Oromoo akka nagaa argatu kan hinbarbaanne hedduudha. Kallattiinis ta’ee al-kallattiin, ifaanis ta’e harka lafa jalaatiin qe’ee kana nagaa dhabsiisuu barbaadu. Ulaa sareen banteen waraabessi seenaa jira. Kana hubannee qaawwa kana cufuun qooda Oromoo malee kan nama biraa ta’uu hindanda’u.
Biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun har’a osoo hinta’in durii kaastee Oromoo ija shakkiitiin ilaalaa akka turte ni beekama. Shakkii qofa osoo hintaane jibballee wanti of keessaa qabu ni jira. Kanaaf afoolaawwan Oromoorratti akka qoosaatti darbatamaa turan akkasumas tarkaanfiiwwan imaammataafi tarsiimoon deeggeraman duubatti deebi’anii ilaaluun barbaachisaadha. “Oromoon bishaan keessaa bahe.”yoo jedhan dhalli namaa akka bishaan keessaa hinbaane wallaalanii miti.
“Oromoon biyya akkasiitii dhufe” yoo jedhan Oromoo biyya dhabsiisuufi malee seenaa wallaalanii miti. Goota ykn beekaa Oromoo maqaa itti geeddaranii yoo ofitti fudhatan kan isaanii akka hintaane wallaalanii osoo hintaane jabinasaanii ittiin cimsachuufi.
Kaayyoon inni guddaan Oromoo saba guddaa sodaatan kana dhawaataan lamsheessaa sodaa qaban sana jalaa bahuufi. Oromoon ammoo kanaaf ulaa saaquu hinqabu, akka akaakayyuufi abaabileesaatti cichee of cimsuu qaba. Finfinnee waggaa dhibbaa tokko ol ta’uuf shirri keessatti xaxamaa ture Oromoo Tuulamaa qe’ee buqqise malee lafarraa balleessuu hindandeenye.
Sulultaan funyaan Finfinnee jala taa’ee har’as, waggaa dhibba har’as Afaan Oromoo dubbata. Gullalleefi Galaan hacuucamanillee aadaa Oromoo gadi hinlakkisne. Abbootiin dur cichanii akka goondaatti walqabatanii Oromiyaa asiin gahaniiru. Dhaloonni kun tokkummaa warra duriirraa barachuu qaba.
Duulli maqaan gaggaariin moggaafameefi Oromoorratti deemaa jiru kun biyya kan giddugala godhate osoo hinta’in faayidaarratti kan xiyyeeffateedha. Fakkeenyaaf, Hordoftoonni bataskaana Ortodoksii warra ollaa jidduu kana maraachaa kan jiraniif Afaan Oromootiin Waaqa kadhachuun cubbuu waan ta’eef osoo hintaane qabeenyaafi faayidaa dhaban jiddugala godhataniiti. Warri fira fakkaatanii keessoo Oromoo nagaa dhorkaa jiran kaayyoo ilmaan nafxanyaa amma deemsisaa jiraniin adda jedhanii yaaduun amala warra Seem wallaaluudha.
Jarreen amala tokko qabu. Ijjannoonsaanii kan qe’ee Oromoorratti qaban garaa garummaa waan qabuu miti. Kan irratti waldhaban “anatu nyaataa” ykn “dabareen kooti” kan jedhu qofa. Isaan bira tarree warri biyya kana keessatti qabeenyaa Oromiyaatiin tujaara ta’anillee qe’een Oromoo kun nagaa taatee akka jiraattu ni barbaadu jechuun gonkumaa of wal’aaluudha ykn amalasaanii dagachuudha.
Oromoo hundi nageenya qe’ee Oromootiif yaaduu qaba. Sochiin qe’ee Oromoo dirree jeequmsaa gochuuf taasisamaa jirurratti ummanni dammaquu qaba. Qeerroofi qarreen hubachuu qabu. Injifannoon dhiigaan argame kunillee akka karaarraa hinmaqne eeguun barbaachisaadha. Kiyyoo diinaatti gallee ofii akka wal hin nyaanne, ofii akka waldadhabsiisne diina akka of hin nyaachifne al tokko mitii irra deddeebinee yaaduu qabna.
Jarri riphanii jiru. Gaafa nuti waldadhabsiisne utaalanii mataa nu koruuf yeroo eeggachaa jiru. Kanaaf, beekaan keenya beekumsaan nu furuu qaba. Wallaalaan keenya gorsa fudhachuu qaba. Mooraan qabsoofi qabsaa’ota Oromoo qarqaratti bahee waldiddaa hamaa keessa jirullee jidduutti deebi’uun irraa eegama. Amma nuti walii gallee alaa hin galiinitti qaawwi diinni ittiin nu gidduu galu bal’aa akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
Xumurarratti, ammas Waaqayyo Guddaan qe’ee Oromoo nagaa haa taasisu. Qe’een abbaa Gadaa qe’ee nagaa haa taatu. Qe’een haadha Siiqqee bunaafi nagaa hindhabin. Qe’een ollaa keenyaallee nagaa haa ta’u. Kan nu jibbu Rabbi haa jibbu. Kan nu jeequuf yaalu Waaqayyo isumatti jeequmsa haa ajaju.
Torban Gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012
One Comment to “Nagaa Qe’ee Oromoo”