Kaleessi du’e…

Akkamiifi attamitti jirtu. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Bardheengaddaa nagaa dhaammannee  bara haaraatti onnee haaraadhaan akka wal arginu hawwaa akka turre niyaadattu. Garuumee onneedhumti haaraan kun akkamumatti nuuf uumamuu danda’aa? Baruma baraan karoorfannee kan milkaa’uu dadhabne keessaa tokko onnee haaraa qabaachuu ture. Torban darbe waayee onnee haaraa bara haaraa kana keessa qabaachuu malluu haasa’uuf yaallee ture…

Bara haaraatti onnee haaraa qabaanna jennee osoo yaadnuu wanti torban darbe keessa sagantaa qophii ayyaana bara haaraa masaraa mootummaatti dhihaatee sanirraan kan ka’e akka ajandaatti fudhannee dhagaa nutti darbatame ittiin of ijaaruu osoo dandeenyuu deebisnee darbachuuf yaallee wanta nuqunnamaa ture hundumti keenyayyuu waan yaadannuudha.

Garuumee gaaffiin qaba. Qaamonni tokko tokko maalumaaf waljaalachuufi kabajaan walii wajjin jiraachuu sabootaa hinbarbaannee? Maalumaaf waliif obsuufi waliif dhoksuu hinbarbaannee? Isin garuu waa’ee walaloo dubartii sanaa hubaattaniituu? Walalicha garuu ofumaa barreeffattee dhuftemoo… nama biraatu barreesseefi ofiif qayyabattee dhuftee munaagde? Gaaffiin biraa immoo guyyaa tokkummaa jedhamee guyyaa farra tokkummaa gochuuf yaaluun maaliif barbaachise.

Egaa waantota akkanaafaatu akkuma hiriira Dilbata torban darbee adeemsifamuuf yaalamee hafe saniifaa onnee keenyarratti kan cilaattii dibu. Dibuu qofaaree onnee jaalalaa hammeessee kan gadoofi gadadoo uumu.

Onnee hunda hammatu kana ofirraa dhiibu barsiisu… onnee waan qabnu walii qoodnee wajjin nyaannee dhugna jennuun kana kan gara onnee ofittummaafi of tuulummaatti jijjiiru. Onnee walqixxummaa yaadu kana kan gara onnee ani caalaa ani eenyuu gadiin jiraatti jijjiiru.

Isa kanakaa namoonni walqixxummaatti amananii yommuu waan sabaaf tolu yaadanii wantii gaarii qofti akka hojjetamuuf karoorfatan akka hojiirra hinoolleef danqaraa sibiilaa ta’anii gufachiisaa kan jiraatan. Eeyyeen! warroota akka intala sanaafii warra isheef harka rukutaa ture kanatu kaleessa malee har’a yaaduu dhiisuudhaan barri haaraan keenya akka dulloomuufii duubatti hafaa ta’u gochuuf yaalu.

Osoo haasofnuu namoota hamma barruun harkasaanii qunca’utti harka isaanii walitti reebaa  turan keessaa hamma muraasa isaanii sababa hojiitiif  biiroo  isaanii deemee beeka waan ta’eef ilaalcha dhuunfaa isaanii nan beeka waan ta’eef waanin komadhe hinqabu.

Garuu bar intalattiiyyuu taanaan osoo barreeffamni ishee barreeffama  ‘Facebook’  yookin waltajjii biraarratti kan dhihaate ta’ee hamma kana hinkomadhu, hinqeequ. Wanti walaloon ishee akka hammaatuufi namoota biroo kanneen akka kiyyaa kana biratti akka arrabsootti fudhatameef inni guddaan:

  1. Masaraa mootummaa, mana manoota hundaa caalu keessatti waan akkasii bara kana keessatti raawwatamuu isaa….
  2. Ministirri Muummeen keenya, Abbichuu keenya fuulduratti wanti akkasii dubbisamuu isaati. Kana maaliif komatta yaa nama goomataa jedhee namni anumaa deebisee mormiidhaan nakomachuu barbaadu  hin dhabamu ta’a yoona kana.

Egaa ani kana kanin komadheef wanti guddaan Abiyyi jechuun cuunfaa namoota miiliyoona dhibba tokkooti. Jaalannus jibbinus dura taa’aafi bulchaa keenya. Akkasuma immoo bakka bu’aa sabaafi sablammoota hundaati. Kanaaf nama kana kabajuutu isaanirraa eegama ture. Walaloo kanatti inni waliigalee akka dubbifamu taasifame taanaan aniif inni gaafa wal arginu walgaafanna, tarii wanti kun guyyaa qiyaamaas ta’uu danda’a.

  • Kallattiidhaan ummata biyyattiitiif televiziyoonii biyyaalessaatiin darbuu isaa. Egaa kanarraa kan hubachuu dandeenyu miidiyaan humna guddaa qabaachuu isaati. Sanuu miidiyaa mootummaa kan sabaaf sablammoonni qabeenya keenya jedhanii abdataniifi gibira kaffalaniin mindaan hojjettootaa kafalamuuf ta’uu isaa. Sanuummoo hin qaana’u kanfaltii ‘TV’ kafalaa jedhanii ganamaa galgala beeksisaan gurra keenya duuchu.
  • Arrabsoodhaaf baasiin hamma sanaa galgaluma tokkotti bahuu isaati. Qarshii saniin maal qabamee miskiina akka kiyyaa ala bulu kanaaf mana osoo ittiin ijaaranii…. Waan kiraan manaa natti gaheefin kana jedhe waan ta’eef na hoofkalchaa.

Na hoofkalchitanii…!na hoofkolchinaan haasaakoo ittin fufa. Aariin ani torban darbe keessattuu erga walaloon sun gara ‘inbox’ naaf dhufee irra deddeebi’ee xiinxalee kophaa haasa’uuyyuu jalqabe jechuuf jedheen namni akka kiyya waan salphoo akka huubaa kanaaf xiyyeeffannaa hamma kanaa kennuun isaa gaarii miti jedhee dhiise.

Akkuma torban darbe “Barri haaraan kun bara wantoonni akkasii kun itti fashalaa’an akka ta’aniif Waaqa keenya kadhanna” jennee kadhannaa keenyaan hiriira amantiif siyaasa walmake san dhaabamsifne ammas kunoo kadhannaa keenyaan wal jaalachuufi hariiroo cimaan saboota gidduu jiraachuu malu akka cimuuf ni kadhanna.

Hayyee….! yaa isinii ati akkas jettus naannoo biraatti hiriirri intarnaashinaalii ta’e kan afaanota warra Ibruufi warra Raashiyaatinuu dhaadannoon barreeffamee adeemsifame jira jettanii nayaadachiisuuf yaaltu bar hin qaanoftanii. Eeyyee sirriidha. Anis waan kana sirrumattin taajjabe.

Kun gama tokkoon kan argisiisu qaroominaafi jaalala nuti afaanota biyya alaatiif qabnu argisiisuufi. Gama biraatiin immoo bukoo keenya qaamni biyya fagoo jiru akka nuu beekuuf carraa banuudha jedheen fudhadha. Maal qaba mee osoo qubeedhaanis waan ta’e barreessanii anas qaama hiriira sanaa godhanii nagammachiisanii?

Maalumaafuu har’as borus taanaan tokkummaan ummattoota biyya kanaa Itoophiyaan federaalawaan kun akka fuulduratti tarkaanfatuuf baay’ee barbaachisa. Kanammoo gochuuf qaama gara biraa eenyurraayyuu hin eegnu. Ani gama kootiin waanin gumaachuu qabu gumaachuun qaba jedhee yoon kutannookoo argisiise namni kutannoo kiyya kana narraa mulquu danda’u tasumaa hin jiraatu.

Akkuman kanaan dura isinitti himuuf yaale (egaa barreeffamoota kiyya kana inuma dubbistu jedheen abdadha) akkuma xaddeewwan biyya Saaybeeriyaa yeroo ganni itti hammaate qoraattiiwwan isaanitiin wal waraanaa ganna san dabarfatan nutis hammuma dandeenye waliif obsaa bara gadadummaa, bara hiyyummaa, bara gidiraa , bara jibbaa kana darbuu qabna.

Baraaf furguggee gadi jedhanii dabarfatu akkuma jedhamu, furguggee jechootaa kanneen nama buruqsan kanneen gadi jennee dabarfachuu qabna. Dhugaadha maqaan baduurra mataan baduu wayyaa san qalbiitti qabannee maqaa saba keenyaa eeggachuu akkasuma immoo maqaa biyya keenyaa eeguu qabnan jedha.

Kun kanaan osoo jiruu boru fiigicha guddaa Irreecha ilaalchisee fiigamu irratti hirmaachuuf meeqan keessantu qophaa’e laata. Egaa dirreedhuma san irratti wal argina! Ani barana kutadhee ka’eera; tokkoffaa bahee badhaafamuuf. Kanumarraa kan ka’es ganama akkuman ka’een foon kiiloo tokko nyaadheen bishaankoo leetira lamaan tokko irraan dhudhahee of qopheessa. Anaanyaatu akka kiyya gochuuf yaaltanii akka hin kasaarre.

Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naaf barreessuu dandeessu.

Qalbeessaa Magarsaatiin

Recommended For You

6 Comments to “Kaleessi du’e…”

  1. Pingback: try these out
  2. Pingback: situs toto online
  3. Pingback: remisolleke

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *