Gudii Gaandii jirra jirtuu, Nageenyi Badhaadhaa? Nan bade mitii? Eeyyeen gidduu kana gama tokkoon ganna, gama kan biraatiin ammoo ganna keessan ture. Ganna lama jechuudha. Gannatu natti gale. Ganna Waaqaa, Badhaasa Uumaa. Abbaa ilmaan tahe. Baga Ofkaltee naaf hindhabinaa kaa.
Amma abbaa ijoollee sadihiiti jechuudha. “Sadiim” jedheen moggaase maqaasaas. Ijoollee sadiin qaba inni ammaa kun isa sadaffaadha jechuu barbaadeeni.
Mucaa argachuun koo gammachuu hammana hinjedhamne natti uume. Wantin keessa dabre garuu waan dhala namaa jibbisiisuudha.
Waan mootummaa kana oluma ka’anii hiddaan buqqisi nama jechisiisuudha. Hindanda’amuuf malee. Dhugaa Rabbiin isiniin jedha Taakkalaa Uumaafaa otoon ijaan argee ilkaaniinuu waanan dhiisu natti hinfakkaatu. Waanan Injinar Taakkalaatti aggaameef maaltu walitti si fide naan jechuun keessan hinoolu.
Dhugaadha Injinar Taakkalaan hojii seena qabeessaafi boonsaa magaalattiin ammaan dura argitee hinbeekne hedduu hojjechaa jiru. Kun gama tokkoon akka lammii Oromoo tokkootti mataa ol qabadhee akkan deemuufi Oromummaa kootti boonu na taasisa. Milkiin lammii Oromoo tokkoo milkii Oromoo hundaa akka ta’e waanan amanuuf jechuudha.
Hammasuma ammoo qaawwi tokkoon tokkoo keenyaa qaawwaa hunda keenyaa ta’uus amanuun dirqama ta’a. Seensa barreeffama koo har’aarratti waa’ee Gaandii maqaa tuquun koo gadadoodhuma keessa darbeen walqabsiisee kaasuufi.
Kanan isiniif qooduu barbaades waa’ee rakkoo kenniinsa tajaajila yaalaafi hanqina bulchiinsa gaarii Hospitaala Yaadannoo Gaandii ilaalchiseeti.
Hospitaalli kun hospitaalota bulchiinsa magaalattiif waamaman keessaa isa tokko. Komiin Taakkeerratti kaases asirraa madda. Baay’een keenya maqaa Gaandii jedhu kana fakkeenyummaa gaariidhaan beekna. Saba ufiif jedhanii wareegama qaalii kaffaluu, mirga dhala namummaa kabajanii kan ufiitis kabachiisuu…lammii ufii baraaruuf dararamuu kkf ni ibsa jedhameetu Maqaa abbaa bilisummaa warra Hindii kan turan “Mahatma Gaandii”n moggaafamee kan tajaajila kennuutti seene hospitaalli kun.
Dhugaan jiru garuu faallaa kanaati. Hundaa ol mootummaan federaalaas ta’e kan naannolee, Finfinnees dabalatee, rakkoon qormaata walxaxaa keessa isaan galchaa jiru inni ijoon bulchiinsa gaarii sadarkaalee hundatti bifa amansiisaa ta’een diriirsuu dhabuudha.
Haalli kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee mootummaa iddoowwan hundatti fedhii hawaasa bal’aa guutuu akka qabu labsiin mootummaan yeroo adda addaatti ibsu waanuma qilleensarratti hafe fakkaata. Dhugaan lafarra jiru kan biraati. Keessumaa haalli kenniinsa tajaajila dhaabbilee fayyaa boodatti hafaa ta’uun komiin lammiileen biyyattii mootummaarratti qaban daran hammaataadha.
Tajaajila da’umsaafi da’umsa boodaa hospitaalichatti kennamu akka biyyaatti meeshaaleefi humna namaa gahaadhaan haa ijaaramu malee rakkoon ilaalchaafi hojmaataa walxaxaan bal’aatu jira.
Haati warraa koo buufata fayyaa tokkotti deesse waan ciniinsuun irra tureef daa’imni bishaan gadaamessaa dhugee ukkaamamnaan gara Gaandiitti imalle.
Daa’imni ambulaansiidhaan waan nu durseef haadha warraa koo bullukkoodhaan maree duubaan hordofne. Yennaa achi geenyu qormaanni balbalumarraa nu eegale, ol seenuuf jennaan duunee argamna jedhan, waardiyyoonni.
Seera mana hojichaa kabajuu dhabuuf osoo hintaane walhubannaan maaf dhabame isa jedhutu na aarse. Booddee konkolaataa bakkee dhaabeen giiftii koo hammadhee ol seene.
Mucaan koos kutaa “ICU” ykn kutaa waldhaansa daa’immaniitti qilleensi “Oxygen” funyaanitti dirameera. Ol galuun hindanda’amu; namni gara biraa haa hafuutii haati desseeyyu itti siquu hindandeessu. Kun amala hojichaatti isa falmaa hinjiru. Rakkoon sirna kenniinsa tajaajilaati. Naamusni ogummaa wanti jedhamu erga badee barrisaa tureera jedhu warri nu dura achitti tajaajilaman.
Kan daa’immanitti shaakalanu barattoota fayyaa yunivarsitiiwwan gara garaatii achitti ramadamaniidha. Ogeeyyonni mootummaadhaan mindeeffamanii achitti ramadaman garuu bakkeedhaa hoji dhuunfaasaanii hojjechaa oolaniiti sa’aatii muraasa mul’atanii deebi’u.
Namumti waa gafatanii seeraan namaa deebisu hinjiru. Qorsa tasumaa hinqabnu, bakkeedhaa bitaa jedhu. Kun baasii olaanaadhaaf nama saaxila. Otuu kana jennuu haadha warraa koo isee reefu deessee rifaatuu daa’imaatiin kaatee dhufte tasa irraanfadhe.
Of wallaaltee kufteerti. Bakki ciisichaa hinjiru. Daa’imman simanne malee haadholiif iddoo hinqabnu nuun jedhan…haadholiin hedduun nu dura achi turan simintoorra itillee buufatanii ciisu. Dubartii deessuu! Mee ilaalaa! Maal irra akka geenye osoo nutti hinhimamin torbee geenye balbabalasaaniirra afannee.
Guyyoota baay’ee miira keessa galuudhaan hojjettoota faana walitti bu’eera. Ani mee kaffalaa gibiraati, gibiran ani kaffaluun mindaa argattu maaf seeraan nan tajaajille jedheen yemmuu gaafadhu isa dhaqii Abiyyiifi Taakkalaa gaafadhu naan jedhan saalfii malee.
Siyaasaa dubbachuusaaniiti akka tasaa isa ani Afaan Oromoo haasawu dhagahaniitu. Yeroo kaan ammoo waardiyyaa natti waamaniitu bakkeetti na darbatu. Daa’imni koo naa fayya abdii jedhuun hundi namaa achitti gabroomee jiraata.
Turtii kootiin Oromoo heddu wajjin walbaranne. Baay’eensaanii qotee bultoota. Amaariffa hinbeekan, maallaqa, waan nyaatan, fira dhufee isaan gaafatu hinqaban…anis xinnooman isaanirra jira garuu garaan koo boora’ee waanuman qabu isaan faana qooddadhee xinnoo walitti haara galfanna.
Haasaa keessa seenaa mataa na dhukkubsuun dhagahe. Amma maqaansaanii nan irraanfadhee obboon tokko “Ani haati warraa koo torbee lama dura asitti deechee daa’imni ukkaamamee dandamachuu dadhabeet lubbuunsaa darbeera nuun jedhaniitu kaanee gara biyyaa ufirraa gallee boonyee obsine.
Booddee ammoo torbee turanii bilbilanii isa yeroo darbe du’eera isiniin jenne dogoggoraanii amma daa’imni keessan lubbuudhaan ni jiraa koottaa fudhadhaa nuun jedhaniitu dhufne” yemmuu naan jedhan bakkuman jirun of wallaale.
Otoon ana ta’ee maalan godha jedheen of gaafadhe. Isaan tokkos naannawa Sabbataarraa dhufaniitu gaafa daa’ima garaa haadhaa keessaa harkisan sammuu daa’imaa qubaan buruqsanii dhangala’aan gadaamessaa sammuu seenee dhibee itti fide ykn “infection” itti uume.
Amma daa’imni kun qaamasaa ajajuu hindanda’u; haadhatu bira taa’ee harkaafi miilla sochoosaaf. Isuma kan kooyyuu jalqaba ‘oxygen’ tajaajilaa ala ta’e itti diraniit booddee Waaqumatu naa dhaqqabee ogeessi tokko dhufee jarattiittii dheekkamuun “kunimee hin hojjetuu maaf itti gootan jedhee” isa kan biraa itti naaf godhe malee yowwana boohichan taa’a ture.
Hamman ilaaletti naamusni ogummaa tasuma hinjiru, baay’eensaanii warruma duraan waardiyyummaafi qulqulleessituu ta’antu walguddisan. Isa kana Taakkalaan waan arge natti hinfakkaatu. Hospitaalli yaadannoo Gaandii kun bakka dhaloonni itti yaala argatu osoo hintaane bakka dhalli itti manca’aa jiruudha. Sakatta’amuu qaba.
Isa akkanaa kana baatanii bara haaraa simachuun fafa. Mee seenaa dubartii ciiniinsuurra turte takka deessisuuf maashiniidhaan sammuu daa’imaa qabanii otuu harkisanuu mataan qofti cite bahee inni mormaa gadii garaa haadhaatti hafe yoo dhageessan maal jettu? Kun seenaa dhugaati, haati tun booddee nimaraatte. Waaqayyo Hamaa nurraa haa qabu. Baga Booqaa Birraatiin isin gahe. Ayyaana Gaarii!
Hamiltan Abdulaaziiz Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii
Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa dhunfaadhaan hojjeta.
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012
6 Comments to “Hospitaala Yaadannoo Gaandiifi kenniinsi tajaajilaasaa sakatta’amuu qabu”